Dr. Siifoo Gammachu

Dr. Siifoo Gammachu Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Dr. Siifoo Gammachu, Doctor, Addis Ababa Ethiopia, Ababa.

Maqatu Wal jijjiiree **********************************Isa luka lamaan Oli jedhee adeemuKan afaanii baasee Sagaleen si w...
19/07/2026

Maqatu Wal jijjiiree
**********************************
Isa luka lamaan Oli jedhee adeemu
Kan afaanii baasee Sagaleen si waamu
Isa huccuu uffatu Kan qaama dhiqatu
Kan fuulduraan kolfee Duubaan si hamatu
Gara jabeessa hamaa
Kan maqaansaa namaa
Isa jiraaf jiruu Gadi yaadu badii
Isa maqaan namaa Kan bineensaa gadii
Osoo badaa beekuu Kan beekaa balleessuu
Sobaaf harka kennee Kan dhugaarraa dheessu

******************************
Bineensa miila afuriin Gad jedhee utaalu
Kan namaaf horiillee Ija tokkoon laalu
Isa dubbii hin beekne Kan halkaaniin yuusu
Kan Hiyyeessaa nyaatee kan dureessaa hn dhiisu
Maal godhe Waraabessi maaf maqaa isa faalu
Isa jiraaf du'aa Ija tokkoon laalu
Dhaabbachuudha qaba Yakkamuun bineensaa
Yoo akka hojiidhaa Namatu waraabessaa
Maqaatu wal jijjiiree Deebisaa sirreessaa !!!!

Dubartiin Waan afur dhiira caalaa dandeessi!••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••☞ Jaalala mi'eessu.☞ Jireenya ba...
19/07/2026

Dubartiin Waan afur dhiira caalaa dandeessi!
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
☞ Jaalala mi'eessu.
☞ Jireenya bareechuu.
☞ Aarii qabbaneessuu.
☞ Soba dhugaa fakkeessuu.

🦋Dubartiin, Waan afuriin dhiira caalti!
☞ Amalaan.
☞ Malaan.
☞ Garraamummaan.
☞ Sodaan.

🦋 Dubartiin Waan afuriin jiraatti!
☞ Amanttiin.
☞ Obsaan.
☞ Abdiin.
☞ Jaalalaan.

🦋 Dubartiin, Waan afur hawwiti!
☞ Gaa'ila godhachuu.
☞ Qabeenya horachuu.
☞ Ijoollee horachuu.
☞ Gammachuun jiraachuu.

🦋 Dubartiin, Waan afur namaa taati!
☞ Haadha.
☞ Obboleettii.
☞ Haadha manaa.
☞ Hojjettu mana keessa.

🦋 Dubartiin Waan afur himachuu salfatti!
☞ Jaalalli yoo qabe.
☞ Laguun yoo itti dhufu.
☞ Gafii jaalalaaf tole jedhuu.
☞ Fedhii saalqunnamtii.
!
🦋 Dubartiin dhiira akkami jaalatti?
☞ Kan isheef amanamu.
☞ Kan Amala gaari qabu.
☞ Kan jaalala isheef qabu.
☞ Kan Kaayyoo qabu.

🦋 Dubartiin dhiira akkamii jibbitti?
☞ Kan sobu.
☞ Kan machaa'u.
☞ Kan irratti jaalatu.
☞ Dhiira yartuu.!

🦋 Dubartiin Waan afur ifa baastee dubbatti!
☞ Dhugaan yoo jal'ate.
☞ Waa'ee nama rakkatee.
☞ Waan hawwite yo argatte.
☞ Dhibeen yoo qisheef.

🦋 Dubartiin, Waan afuriif jiraatti!
☞ Abba manaa isheef.
☞ Ijoollee isheef.
☞ Kaayyoo isheef.
☞ Uuumaa isheef.!

🫴 Waan dubbistaanif galatoma!
gaari

Horiin guddaan waan hundaa olii fayyaadha . Fayyaan faaya .
19/07/2026

Horiin guddaan waan hundaa olii fayyaadha . Fayyaan faaya .

Address

Addis Ababa Ethiopia
Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Siifoo Gammachu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category