09/08/2026
Walaloo gabaaduu dhama qabdu
• Harka fuune jennaa, Ashamaa asshama
• Assalamualaikum nagumaa yaa jamaa
• Akkam nagaa jirtu, kan gamanaa gamaa
• Xiqqaa fi guddanis namuitu nagumaa?
• Kan sin biraan guyyaa, faayyadhaan bultanii kan geessan ganama
• Warri halkaniitiis ngaadhaan ooltanii faayyumaa nagumaa
• Baga nagaa fayyaan aiin isin gahee wal agarre ammaa (2x)
• Akkam nagaa jirtu, ani nagaan qabaa,
• Hordoftootni kankoo, kan dheeraa gabaabaa.
• Isin fayyaa qabduuu, akkam Mee jajjabaa
• Galata rabbiitii, Ani fayyaa qabaa (2x)
• Baruumsa fayyaa irratti, yaada addaan qabaa.
• Isiniifin himaa, na dhagahaa saba
• Yaanni ani yaade, tan duraa jalaqaba.
• Hardharra eegalee, yaada gaggabaabaa,
• Odeeffannoo fayyaa, walitti qaqqabaa.
• Gaaf tokko vedioof sagaleen lallabaa
• Gaaf kaan barreeffaman ergaa gaggabaaba
• Bareechee qindeessee, walaloo gabaabaa,
• Isiniif dhiheessuuf, qophii guutuun qaba.
• Yoo isin barbaaddan, waan faayidaa qabaa,
• Walaloon qindeesseen, isiniin dhaqqabaa. (2x)
• Wantin jechuu fedhe hardharraaa jalqabee
• Baruumsa fayyaadha kan social median dhiheenya jalqabe
• Nama hedduu biraa yanni naaf kennamee ergaan na qaqqabe
• Ittuma nuuf fufi nurra addan kutinii hin jedhin dadhabee
• Anis tole jedhee yaada isaanii fudhee
• Taaee itti yaadee maal haa godhu jedhee
• Daqiiqaa muarrsaaf kophaa koo gattaaee ofii mariadhee
• Dabtarra yaadanoof qalama baafadhee
• Yaada faffacaee waliqqindefadhee
• Akkan itti fufee hawaasa barsiisuu murtee murteeffadhee (2x)
• Fayyaan faaya jedhuu, faaya faaya caalu,
• Namni fayyaa qabu, kan bobbee galu.
• Kan qotee calleessu, kan fiigee daldalu,
• Namuu jiruu tanaaf, wanta isaaf tolu.
• Fiigee kan carraaqu, kuun kan biyyaaf lolu,
• Miskiinni irraa dhumaa, kan barandaa galu.
• Dureessi ol aanaan, kan fooqiirra galu,
• Namuufuu wal qixaa tokkos tokkon caaluu
• Hundaaf barbaachisa, fayyaan faaya caalu. (2x)