23/08/2026
Dubrummaa vs haymaan(Hymen).
Haymaaniin qaama saalaa dubraa kan alaatti argamuu(vaginajedhamuu)- kooriderii/fiixxee isaa irraatti argama. Haymanii(hymen)-Dhala Nama qofaa osoo hin taanee beeyladoota fi bineensoota akka farda, arbaa, chimpaanzii fa'aniis ni qabu. Namaa Namatti bocaa garaagaraa qabaachu danda'a. Akkasumas dubaartoota tokko tokkorratti uumamaan hin argamuu. Yeroo tokko tokkommoo guutumaan guututti qaama saalaa alaa(vagina) cufee uumamuu danda'a kuni immoo normaalii miti.
-Haymaaniin kun harkifamuu fi cituu danda'a. Kunis sababa addaa addaatin ta'uu danda'a.
Isaaniis;
-Wal-qunnamtii saalaa.
- Meeshaa yeroo laguu fayyadamuu(Tampons)
- Qubaan yeroo gadaameessi qoraatamuu.
- Sochii qaama yeroo hojjennu(saayikilii oofuu, farda gulufsiisuu)
- Miidhaa naannoo qaama wal-hormaataa irraa gahuu.
-split
Dhabbatni Fayyaa Addunyaa(WHO, 2018) -akka ifoomsetti manneen yaala keessatti qaama dubraa haymaanii jedhamu ilaaluun(virginity test) dubrummaan jira ykn hin jiru jedhanii murteessuun hin danda'amu. Dubartiin tokko yoo gudeedamteeyyuu wanta lubbuu ishee sodaachiisa ta'e kan akka dhiigni humnaa olii yoo jiraaten alatti qorannoo kana gochuun sirrii miti. Sababnii isaanis miira yeroo gudeeddii ture yaadachiisudha. Akka "WHO" tti qorannoon dubrummaa "virginity test" mirga wal-qixxummaa saalaa kan mulquu fi qorannoo dubaatti hafaadha. Qunnaamtii jalqabaatin dhiigaa hin arginee jechuun hiriyaan/ haati manakee dubrummaa hin qabdu jechuu miti. Dubartoonni dubrummaa qaban keessaa parsantii 63% wal-qunnamtii saalaa jalqabaatin dhiigni hin dhangala'u.
©️Dr. Hamzaa Jamaal