Dr. Hamza Jemal

Dr. Hamza Jemal | Medical Doctor | Advocate for Global Health & Education | Associate Professor of Surgery |

Dubrummaa vs haymaan(Hymen).Haymaaniin qaama saalaa dubraa kan alaatti argamuu(vaginajedhamuu)- kooriderii/fiixxee isaa ...
23/08/2026

Dubrummaa vs haymaan(Hymen).
Haymaaniin qaama saalaa dubraa kan alaatti argamuu(vaginajedhamuu)- kooriderii/fiixxee isaa irraatti argama. Haymanii(hymen)-Dhala Nama qofaa osoo hin taanee beeyladoota fi bineensoota akka farda, arbaa, chimpaanzii fa'aniis ni qabu. Namaa Namatti bocaa garaagaraa qabaachu danda'a. Akkasumas dubaartoota tokko tokkorratti uumamaan hin argamuu. Yeroo tokko tokkommoo guutumaan guututti qaama saalaa alaa(vagina) cufee uumamuu danda'a kuni immoo normaalii miti.

-Haymaaniin kun harkifamuu fi cituu danda'a. Kunis sababa addaa addaatin ta'uu danda'a.
Isaaniis;
-Wal-qunnamtii saalaa.
- Meeshaa yeroo laguu fayyadamuu(Tampons)
- Qubaan yeroo gadaameessi qoraatamuu.
- Sochii qaama yeroo hojjennu(saayikilii oofuu, farda gulufsiisuu)
- Miidhaa naannoo qaama wal-hormaataa irraa gahuu.
-split

Dhabbatni Fayyaa Addunyaa(WHO, 2018) -akka ifoomsetti manneen yaala keessatti qaama dubraa haymaanii jedhamu ilaaluun(virginity test) dubrummaan jira ykn hin jiru jedhanii murteessuun hin danda'amu. Dubartiin tokko yoo gudeedamteeyyuu wanta lubbuu ishee sodaachiisa ta'e kan akka dhiigni humnaa olii yoo jiraaten alatti qorannoo kana gochuun sirrii miti. Sababnii isaanis miira yeroo gudeeddii ture yaadachiisudha. Akka "WHO" tti qorannoon dubrummaa "virginity test" mirga wal-qixxummaa saalaa kan mulquu fi qorannoo dubaatti hafaadha. Qunnaamtii jalqabaatin dhiigaa hin arginee jechuun hiriyaan/ haati manakee dubrummaa hin qabdu jechuu miti. Dubartoonni dubrummaa qaban keessaa parsantii 63% wal-qunnamtii saalaa jalqabaatin dhiigni hin dhangala'u.

©️Dr. Hamzaa Jamaal

Maaliif Sanyiin Dhiiraa (S***m) Walqunnamtii Saalaa Booda Qaama Dubartii Keessaa Baha?Namoonni hedduun s***m qaama dubar...
23/08/2026

Maaliif Sanyiin Dhiiraa (S***m) Walqunnamtii Saalaa Booda Qaama Dubartii Keessaa Baha?

Namoonni hedduun s***m qaama dubartii erga seene booda ba’uu isaa na gaafatu. Kun sababoota gara garaarraa dhufuu mala.
1. Yoo hanqaaqquun hin jiru ta'e:
- Yoo dubartiin yeroo ovulation keessa hin jirtu ta’e, hanqaaquun hin jirtu waan ta'eef s***m bahuu danda’a.
2. Furriin fiixxee Gadaamessaa ittisuu (Cervical mucus barrier):
- Yeroo hanqaaqqun qophooyte (Ovulation) ala furriin fiixxee gadameessaa cimaa fi asiidawaa ta’ee s***m dhoorguu danda’a. Kun ammoo sanyii dhiiraa gara alatti akka dhangala'u godha.
3. Sanyii dhiiraa (S***m) dadhabaa ykn baay’ina xiqqaa:
- Sanyiin dhiiraa (S***m) dadhabaan ykn baay’ina xiqqaa qabu gara Gadaamessaa seenuf dandeettii hin qabu. Kanaaf boolla buqushaa/qaama saalaa dubartii keessatti hafa. Sanyiin dhiiraa (S***m) akkasii qaama keessa hin turu, yeroo muraasa booda ni ba’a.
4. Haala qaama fi sochii:
- Yeroo walqunnamtii booda dubartiin daftee dhaabbachuun ykn deemun harkisni lafaa (gravity) sanyiin dhiiraa gara alaatti akka deebi'u godhuu danda’a. Walqunnamtii booda yeroo muraasa ciisun sanyiin dhiiraa gara gadameessaa akka deemu gargaara, garuu ulfi uumamuufii uumamuu dhabuuf hin fayyadu.
5. Gadaamessaan Kottoonfanchuu (Uterine contractions):
- Gadameessaan yeroo tokko tokko sanyii dhiiraa gara gadameessaa hin seenin dabalatee dhangala'aawwan hin barabaachifne boolla buqushaa keessa jiran Kottoonfachuun gara alatti baasa. Kun amala qaamni dubartii uumaman qulqullinaafii to’annoo itti godhu.
6. Haala Hormoonii:
- Hormoononni estrogen fi progesterone sanyiin dhiiraa gadaamessaa akka seenuf dhiibbaa itti godhu. Yoo haalli hormoonii sirrii hin taane sanyiin dhiiraa gadaamessaa seenuu hin danda'u wan taheef gara alatti baha.

Hubadhaa:
S***m qaama keessaa ba’uu isaa mallattoo dhala dhabuutii miti. Ulfi uumamuufii uumamuu dhabuun fayyumma qaama wal hormaatatiifii yeroo irratti hundaa’a malee sanyiin dhiiraa turuufii turuu dhabuu miti.

Galatoomaa!!! Fayyaa ta'aa!!!
©️ Dr. Hamza Jemal

HAMII Dhiisi~~~~~~~~Namni Soqoraaxes jedhamu nama kabaja olaanaa qabu; beekaa fi hayyuu Falaasama biyya Giriikii duriiti...
16/08/2026

HAMII Dhiisi
~~~~~~~~
Namni Soqoraaxes jedhamu nama kabaja olaanaa qabu; beekaa fi hayyuu Falaasama biyya Giriikii duriiti. Falaasamni Soqaraxas kaleessa irra illee darbee har'as addunya biratti kan dinqisifatamu ta'uu isaa irra kan ka'e barnoota Falaasamaa ammayyaatiif bu'ura kan ka'ee fi iddoo olaanaa kan qabuudha. Bara jireenya isaatti gorsaa fi gaaffi jireenyaa; isarra deebii argachuuf gara Soqoraaxas kan dhufan namoota heddu turan. Soqoraaxasis deebii dinqisiisoo ta'an laateefi gaggeessu itti beeka ture. Maarree, gaaf tokko namichi tokko isa bira dhufee, Soqoraaxas ''waa'ee hiriyaa kee maal akkan dhagahe beektaa?'' Jedheen.
Soqaraxaas xiqqoo cal jedhee; namichaan waan kana natti himuun keen dura gingilchitee jedheen?
Namichis; wanti gingilfamu ammoo maali;Gingilchaa??? jedhee kolfa dheeraa kolfe.
Soqoraaxas: Eeyyee wanti gingilfamu jira. Waan tokko namatti himuun dura gingilchuu qabda. Sanuyyu al tokko miti-al sadi.
Gingilchaa 1ffaa wanti namati himuuf deemtu ''dhugummaa qaba'' moo?
Namichis lakki namarraan dhaga'e anoo hin beeku dhugaa ta'ee sobasaa.
Soqoraaxas itti fufe-tole Gingilchaa 2ffaati haa ceenu waanti wa'ee hiriyaa koo natti himuuf deemtu ''Gaarummaa'' qaba?
lakki inumma faalla isaati jedhe namichi.
Kanaaf, waa'ee hiriyaa koo waan yaraa sanu immoo dhugummaa isaa osoo hin mirkaneeffatini natti himuuf deemta ka jedhe Soqoraaxas.
Haata'u gingilchaa 3ffaati haa tarru; ''barbaachisummaa'' wanti natti himuuf deemtu anaaf dhagahuun hagam barbaachisaadha;hagam na fayyada?
namichis ;lakki homaatuu si hin fayyadu, dhagahimafin sitti himuuf jedheen malee.
Soqoraaxas takkaa yaadee; kanaaf wa'ee hiriyaa koo kan ati natti himuuf deemtu yoo calalluu gingilchaa tokko keessayyu darbuu hin dandeenye--->dhugummaa, gaarummaa fi barbaachisumma waan hin qabneedha. Kanaaf, maaliif natti himuu barbaadderee? jedheen. Namichis waan dubbatu wallaale; hin qaana'e,
Dubbii ijoon bareeffama kanaa:- Hamiin faayidaa takka hin qabu;kan himuu fi kan dhagahuufis. Namni waa'ee namaa yoo nutti himu jedhu gingilchaa sadan kanatti dhimma baanee haa calallu. Tokko tokko hamiin araada itti ta'eera. Kan akkasii yoo isin qunname akka Soqoraaxas kanatti qaanessanii gaggeessudha qorichi isaa. Yaadadhu, namni hiriyaa kee har'a sitti hamatu; boru immoo si hiriyaa keeti si hamata.
Ulfaadhaa!!! Fayyaa dayaa!!!
©️ Dr. Hamza Jemal

Qaamni saalaa dubartootaa yeroo tokko tokko foolii akka sibiilota daanda'anii ka'uu danda'a: Kuni immoo dhiiga laguu (me...
15/08/2026

Qaamni saalaa dubartootaa yeroo tokko tokko foolii akka sibiilota daanda'anii ka'uu danda'a: Kuni immoo dhiiga laguu (menstruation) irraa ka'eeti. Yeroo laguu dhiigni fi tishuun gadameessa irra karaa qaama saalaatin waan dabruuf foolii akkanaatif akka saaxilamuuf sababa ta'a.
Ulfaadhaa!!! Fayyaa dayaa!!!

Guyyaa guyyaadhaan nama waljaalatan waliin wal dhungachuun fuulli keenya akka bareeduufii akka walitti guduunfamee ykn s...
09/08/2026

Guyyaa guyyaadhaan nama waljaalatan waliin wal dhungachuun fuulli keenya akka bareeduufii akka walitti guduunfamee ykn shuntuuree nama dulloome hin fakkaanneef baay'ee gargaara. Akkasumas, umrii dheeraa jiraachuuf baay'ee gargaara.
Akkamitti?
1. Hormoononni gammachuu kanneen akka Dopamine, serotonin fi oxytocin sirritti akka maddan godha.
2. Hormoonii dhiphinaa cortisol jedhamu qaama keessaa hir'isa
3. Maashaaleen fuulaa sochii akka godhan gochuudhaan college akka sirritti kuufamu godha fi kkf...
Ulfaadhaa!!! Nagayaa Bulaa!!!!

Dhuufun hariiroo jaalalaa akka dabaltu quba qabduu?******************************************Stephanie Matto jedhamti, d...
09/08/2026

Dhuufun hariiroo jaalalaa akka dabaltu quba qabduu?
******************************************
Stephanie Matto jedhamti, dhuufuu qaruuraa keessatti dhuufaa gurguruudhaan qarshii doolaara 200,000 olitti gurgurachuudhaan rikaardii addunyaa kan qabatteedha. Akka ishiin jettutti namoonni baay'een dhuufuu ishii kana kan bitaniif fooliin isaa fedhii walqunnamtii saalaa isaanii waan dabaluuf jetti. Akka baay'isee ishii dhuuffisus nyaata pirotiiniidhaan badhaadhan kan akka baaqelaa, ataraafi hanqaaquu fayyadamaa turte. Yeroo darbe Ayyaana qilleetiif mamiltoonni ishii baay'ee waan dabaleef fedhii isaanii guutuuf baay'ee dhuufuu waan qabduuf nyaata kanniin (kan olitti jenne) hedduu isaa nyaachudhaan qilleensi hedduun qaama ishee keessatti kuufamee dhukkubbii qomaa/laphee baay'ee hamaa ta'eef ishee saaxilee hospitaalatti yaalamaa turte. Hakimoonnis nyaata kanniin hir'isuu akka qabdu itti himan. Dhuufuun hariiroo jaalalaa ni dabala kan jenneef kanaafi.
Ulfaadhaa!!!

"Cinaacha mirgarra ciisun faayidaa akkam qaba?"*********************************************Qorannoon saayinsii ammayyaa...
09/08/2026

"Cinaacha mirgarra ciisun faayidaa akkam qaba?"
*********************************************
Qorannoon saayinsii ammayyaa akka mul’isutti, yeroo hirriibaa cinaacha mirgaarra ciisuun bu’aa fayyaa adda addaa qaba. Fakkeenyaaf, namoota rakkoo onnee qabniif, ciisichi kun dhiibbaa dhiigaa gara onnee deemuu ni hir’isa; kunis dandeettii dhiibbaa dhiigaa tasgabbeessun du'a onnee tasaa ittisuuf gargaara. Akkasumas, cinaacha gara mirgaarra ciisun nyaata gara garaachaatti dabre saffisaan akka bullaa'u, akkasumas dhukkuba gubaa laphee ykn singiggoo (acid reflux) ittisa. Qorannoowwan sammuu irratti xiyyeeffatan ammoo akka mirkaneessanitti, ciisicha cinaacha gara mirgaa fayyadamuun, akka qaamni keenya xurii sammuu keessaa qulqulleessu (glymphatic clearance) gargaara. Kunis dhukkuboota sammuu miidhan ittisa. Akkasumas cinaacha mirgaarra ciisun asiidii garaachaa tasgabbeessun dhibee garaachaa ittisa. Madaala hormoonii eeguun guddina seelii seeran alaa ittisa, kunis dhibee kaansariitin akka hin saaxilamne godha. Kanaaf cinaacha mirgaarra ciisuun faayidaa fayyaa hedduu qaba.
Ulfaadhaa! Fayyaa dahaa!
©️ Dr. Hamzaa Jamaal

Faayidaa ganama garaa duwwaatti bishaan dhuguun qabu.***********************************1. Dhukkuba bowwuu mataa.2. Dhuk...
06/08/2026

Faayidaa ganama garaa duwwaatti bishaan dhuguun qabu.
***********************************
1. Dhukkuba bowwuu mataa.
2. Dhukkuba onneef.
3. Dhibee nama kuffiisuuf(gaggabdoof).
4. Furdina gar malee.
5. Biroonkaayitiif.
6. Asmiif.
7. Dhibee sombaa.
8. Garaachaaf.
9. Dhibee ijaa fi gurraa.
10. Dhibee funyaanii fi qoonqoo irraa nu baraara.

Akkaataa fayyadamaa;
» Yeroo hunda ganama ganama utuu ilkaan hin rigatiin bishaan liitira 1 dhuguu
» Kana booda ilkaanii fi afaan erga qulqulleeffatanii booda daqiiqaa 45f waan nyaatamuu fi dhugamu ala turuu.

Hubadhaa;
Namootni umriin isaanii dabale(ol siqe) bishaan burcuqqoo 4 al tokkoon dhuganii fixuun waan itti cimuuf suuta suuta of shaakalsiisuu qabu!
Ulfaadhaa!! Fayyaa dahaa!
©️ Dr. Hamzaa Jamaal

Qorannoon garagaraa akka jedhutti muuzii daabbodhaan ganama ganama ciree irratti nyaachuun filatamaadha. Haa ta'u malee,...
06/08/2026

Qorannoon garagaraa akka jedhutti muuzii daabbodhaan ganama ganama ciree irratti nyaachuun filatamaadha. Haa ta'u malee, muuza qofa ganama ganama garaa duwwaatti nyaachuun gaarii miti.
Ulfaadhaa!!!

Address

Bole
Adama

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Hamza Jemal posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category