24/07/2026
!
Akkamitti mirga ufiif akka falman, Akkamitti Roorroo irratti akka qabsaahan, social media'n kuni influencer guddaa tahuufi barsiisuun cinaatti bu'aa qabatamaa fiduun akka dandahamu fi kan kana fakkaatan eenyutu Oromoo barsiise beeytuu laata?
ilaa akkas ture dubbiin.
Ni yaadattu yoo tahe yeroo dheeraaf barattoonni oromoo qacalee tahaniifi abdii biyya kanaati jedhamanii fuulduraaf abdataman baay'een kichuu citanii hafan. kuni immoo kaayyoo mataa ufii dandahe uf keessatti hammatee yeroo dheeraaf saba oromoo irratti kan dalagamee dha. Tahus nama daba namatti yaadu waaqni, hin obsa malee hin dhiisu waan taheef gurbaa jara caalu tokko saba kana keessaa baase!.
anis yero gurbaan kuni mul'atuufi maqaan isaa dhagahamuu eegalu sana barataa University haramaayaan ture. gurbaan wahii baay'ee nama sodaachisaafi tarsiimoo jajjaba qabatee as bahaa jira jedhamee haasahamaa, odeeffamaa jira. Osoo baay'ee hin turin ijji koo fooddaa TV irratti arge gurbaa diimaa yoo haasahu akka bubbeetti daddafu, garuu haasaan isaa laphee namaa cabsee qoma gadi seenu wahii.
Amanuufi dhiisuun mirga keeti yeroo hadhaawa nuti oromummaa keenya jibbinee, uf sodaannee uf dhoksaa turre sanatti, namni mirga keenyaaf yoo dubbanne Akkamitti akka dubbannu strategy nuuf kaahe isa ture. kana yoon jedhu garuu sana dura qabsoon hin jiru jechuu koo miti. Jira garuu tooftaa barattoonni keenya ittiin mormii gaggeessaa turan sanaan osoo duuti barataa tokkoos hin beekamin lafee nu unkiteessanii, hidha nu kutan. Garuu kan wayta isaa kana kan adda godhu barataan du'es tahee, kan hidhaa seene hin dhukatu inuma baha odeeffannoon. kuni immoo qabsoon saba oromoo akka dhageetti horatu gochuu dhaan warra rafanis dammaqsuu eegale. dubbiin dheertuu dha.
Gurbaan eenyu jechuun keessan hin oolu gurbaan diimaan suni jawaar ture.
Amanuufi dhiisuun keeti gurbaan kuni kennaa waaqni oromoo oromoof kenne yoo tahu warra jiruu oromoo hin feeneef immoo summii guddaa dha!.