Mental Health Media

Mental Health Media This page is for mental health awareness and education only.

06/08/2026

-4
Sammuu keenya gabbisuuf:
゚viralシ

04/08/2026

-3
Sochii Qaamaa Gochuu:

01/08/2026

-2
Sammuu keenya Gabbisuuf:

30/07/2026

-1
Sammuu keenya Gabbisuuf:

25/07/2026

Wantoota 3 Hariiroo Gaa'ela Miidhan!

22/07/2026

Maloota #3 dhiphina sammuu hir'isuuf nu gargaaran:

18/07/2026

Gargaarsa Gaafachuu(Asking for Help)!

Sammuu fi Yaada----------------------------Sammuun keenya lafa qubannaa yaada keenyati; yaadni nuti har'a sammuu keenya ...
23/06/2026

Sammuu fi Yaada
----------------------------
Sammuun keenya lafa qubannaa yaada keenyati; yaadni nuti har'a sammuu keenya irra qubachiisnu jireenya keenya boruuf firii ta'a!Kanaaf yaada har'a iddoo kennineefi sammuu keenya irra qubachiisnu,har'uma xiyyeeffannoon ilaaluu fi gulaaluu qabna!

Galatooma!

Dhibee Gadda/Mukaa'uu/Cimaa\ /Namni tokko mallattoolee kanniin yoo agarsiise qorannoo fayyaa Sammuu gochuu qaba;⬇️⬇️✓1.G...
12/03/2026

Dhibee Gadda/Mukaa'uu/Cimaa
\ /

Namni tokko mallattoolee kanniin yoo agarsiise qorannoo fayyaa Sammuu gochuu qaba;⬇️⬇️
✓1.Gadda cimaa!
-Yeroo baay’ee walitti fufiinsan gadduu, abdii kutachuu Fi boo'icha baay'isuu.
✓2.Fedhii fi gammachuu dhabuu!
-Hojiiwwan Fi wantoota duraan nama gammachiisan irraa gammachuu fi fedhiin dhabamuu.
✓3.Jijjiirama ulfaatina qaamaa!
-Fedhiin nyaataa baay'ee dabaluu ykn hir'achuun walqabatee ulfaatinni qaamaa jijjiiramuu danda'a.
✓4.Rakkoo hirriiba!
-Hirriibni dhabamuu (insomnia) ykn baay’achuu (hypersomnia)n jiraachuu danda'a.
✓5.Sochiin qaamaa jijjiiramuu!
-Suuta socho’uu ykn jeeqamuu haala sochii fi tasgabbiin dhabamuu (psychomotor agitation/retardation).

✓6.Humna dhabuu fi dadhabina!
-Guyyaa hunda miira dadhabbii fi humna dhabuun namatti dhaga'amuu.
✓7.Of tuffachuu ykn yakka ofitti fudhachuu!
-Of gadi xiqqeessuu,yakka ykn cubbuu hin jirre ofitti fudhachuu/cubbamaa of gochuu/
✓8.Xiyyeeffachuu dadhabuu! -Xiyyeeffanoon yaaduuf, murteessuuf ykn hojii irratti xiyyeeffachuuf rakkachuu.
✓9.Yaada du’aa ykn of miidhuu yaaduu!
- Of ajjeesuuf ykn o yaaduu j yaaluun jiraachuu danda'a.
:
Mallattooleen kunneen yoo xiqqaate torbee lamaaf yoo Itti fufanii fi jireenya guyyaa guyyaa irratti rakkoo kan uuman yoo ta’e, qorannoo fayyaa Sammuu gochuun yaala barbaachisu argachuun ni dandaa'ama.

Galatooma!
©Baeki M•[Mental Health Professional]

 ✓✓✓✓✓✓✓✓Boqonnaa fi Fayyaan Sammuu walitti hidhata cimaa qabu.Namni boqonnaa gahaa yoo hin arganne, sammuu fi qaamni is...
09/03/2026


✓✓✓✓✓✓✓✓
Boqonnaa fi Fayyaan Sammuu walitti hidhata cimaa qabu.Namni boqonnaa gahaa yoo hin arganne, sammuu fi qaamni isaa miidhamuu danda’a.faayidaalee boqonnaa Sammuu fudhachuu muraasa;
✓1.Sammuu ni haaromsa
Boqonnaan sammuun keenya akka haaromu gargaara.Yeroo rafnu, sammuu keenya odeeffannoo guyyaa baranne sirreessuun kuusa.
✓2.Dhiphina ni hir’isa!
Boqonnaa gahaan dhiphina fi yaaddoo hir’isa.Namni boqonnaa gaarii argatu tasgabbii fi obsa qaba.
✓3.Xiyyeeffannoo ni fooyyeessa!
Yeroo boqonnaa gahaa arganne, sammuun keenya wanta barbaachisu irratti sirriitti xiyyeeffachuu danda’a.

✓4.Miira keenya too’achuuf!
Boqonnaa dhabuu irraa kan ka’e namoonni dafanii aaru, mufatu ykn gaddaan miidhamu danda’a. Rakkoolee kanniin hambisuuf Sammuu keenya boqachiisuun miira keenya sirreessuu qabna.
✓5.Fayyaa waliigalaa ni eega!
Boqonnaan gahaa fudhachuun fayyaa sammuu qofa osoo hin taane fayyaa qaamaa illee eeguuf gahee olaanaa qaba!

Nagaa ta'aa!
©Beekii M•[Og•Fayyaa Sammuu]

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mental Health Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share