Ofitti Amani

Ofitti Amani Ofiitti amanamummaa qabaadhu tokkichoo

09/06/2025

Deebinehoo shukriin rabbiif haa ta'u deebinee hoo🥰🙏

Waggaa lama booda🙏🙏

28/05/2023

Ajaa'iba🤔
Yoo arjoomtee of agarsiisuufi jedhamta. Yoo doqnoomte miqqenyaa jedhamta. Yoo kolfite,kashalabbee jedhamta. Yoo calliste bineensa jedhamta.Yoo dafqattee, yoom nyaataa jedhamta. Yoo teessee yoom kaataa jedhamta. Yoo dhoksattee jiraattee qofa galeessaafi ofjaalataa jedhamta. Yoo himattee; yoo dubbatte, odeessituu jedhamta. Yoo namatti siquu baay'iftee hiriyaa hin filatu jedhamta. Yoo namarraa siqxe nama tuffata jedhamta.

Kanaafuu, dheerattus, gabaabbattus, beektus, wallaaltus namni waan jedhu waan hin dhabneef oduurraa gurra kee qabi.

Filadhuu dhaggeeffadhu. Nama jechuun bar yoo aannan obaaste summii itti naqee na obaasuu fi kan siin jedhudhaa.

Kanaafuu, ati akka gootuu, kan si afarsus, kan si faarsus haa jiraatuu eenyuuf osoo intaane jalqaba sammuu keef jiraadhu. Isaaf amanami; innis siif haa amanamu. Jalqaba ofii keef jiraadhu. Oduu namaa hin dhaggeeffatin, kaayyoo kee dhaggeeffadhu.!

Nan eegin yaa barataaAtis kaa yaa maatiikooKana caalaa hin dandeenyeRaawwateera barrikooAtis yaa hiriyaa kooKan wajjin n...
20/05/2023

Nan eegin yaa barataa
Atis kaa yaa maatiikoo
Kana caalaa hin dandeenye
Raawwateera barrikoo

Atis yaa hiriyaa koo
Kan wajjin nyaannee guddannee
Otuu wal mararsiifannuu
Harra du'aan waldhabne
Nagaatti hiriyyyee koo
Hiriyyaan wajjin turre
Ani iddoo hin deebine deeme
Lammata akka wal hin argarreef

Atis nagaan naaf turi
Tikeriif doormiitarii
Kan seensa mooraa eegdus
Yookiinimmoo library
Nagaatti qalamako
Qalamakoo qubeessaa
Nagummaan naaf jiraadhu
Seenaakoo naaf barreessaa
Sinis nagaan naaf turaa
Barattoonni mooraakoo
Kan wajjin guddannee
Jaallatamoo obbolaakoo
😭😭😭😭😭😭😭

29/04/2023

Jireenya keenya qixa kan galchu nu mataa keenya!

Jireenyi wanta ofii isaatii hiika qabu osoo hintaane akka hiika qabaatu ofii keenyaa taasisna. Carraan jireenya keenya gara fuulduraa nuun murta'a!

Seenaa isaas ofii keenyaa barreessina! Qalamni ittiin barreessinus harka keenya keessa jira! Kaleessi darbeera. Bor guyyaa ofiisaa danda'edha.
Yeroo hedduu rakkoon dhufee kan dhiphannu caalaa rakkoon natti dhufaa laata jennee waa'ee rakkoo hinuumamnee kan dhiphannutu caala.

Wanti nuti jijjiiruu dandeenyu yoo jiraate har'a yoo hindandeenye akkuma jirutti fudhachuun boqonnaa itti aanuuf of qooheessuudha. Har'a jiraachuun immoo waan filannoo hinqabne.!

20/04/2023

Address

Addis Ababa

Telephone

+251940552645

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ofitti Amani posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Ofitti Amani:

Share