Dr. Nasis Speciality Dental Clinic

Dr. Nasis Speciality Dental Clinic Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Dr. Nasis Speciality Dental Clinic, Medical and health, Addis Ababa.

Thank you For Choosing us Dr. Dr.
01/08/2026

Thank you For Choosing us
Dr.
Dr.

14/07/2026

Dr. Nasis Speciality Dental Clinic

fi madaalawaa

Tajaajiloota Kilinikoota Keenyatti kennaman muraasa!

0911279764/0913446098

fi

08/07/2026

Ilkaan Balaa addaa addaatiin ykn Dhibeedhaan sahreefate ykn sheelate:

Daqiiqaa 30 keessatti bakka duraatti ni deebisna.

0913446098/0911279764

Teessoon: Finfinnee Boolee bulbulaa 93 Mazoriyaa
Tulluboolloo

01/07/2026



Ilkaan waliin qarxee rakkachaa jirta?

Yoo ilkaan waliin qartu , ilkaan kee soofamee nyaataafi dhugaatii irratti Akka rakkaattu si taasisa.

Miidhaa gara biraalleen sirraan gaha.

Sagaleen yeroo ilkaan kee waliin qartu dhagahamuus si'iifi hiriyoota kee jeeqa.

Furmaatni isaa ammoo Nubiraa Argattu.

Nuuf bilbilaa: 0911279764/0913446098
nasis
Dr. Nasis Speciality Dental Clinic

27/06/2026

and

week

Dentistry ykn yaalli ilkaanii saayinsii qofa osoo hin taane Aartiillee of keessatti qabata.

Ogeessi Fayyaa tokko keessafuu Hakimni Ilkaanii (Dentist) harki isaa waa bocuu dandayu ogummaa sana saayinsiidhaan dabaalee yoo hojiirra oolche hojii bareedaa hojjachuu dandaya.

Maalree ogummaa Kam keessattuu namni waa bocuu dandayu ykn hojiin harkaa isaa bareedu osoo hin beekin waan Akka Artist taheetti ilaalama.

Ogumma fayyaa keessatti hojiin aartii saayinsii waliin yoo walitti makame, bu'aa olaanaa argamsiisa.

Addatti ammoo saayinsii yaala ilkaanii keessatti ogummaan Art Daran bu'a qabeessadha.

and
. Nasis N. Entele

Hojiiwwan qalama gogaan /graphite and charcoal pencils hojjedhe keessa muraasa :

24/06/2026

Cinqii fi fayyaa ilkaan keenyaa

and Dental Health

Hillichaan gadaanaa (mandble ) keenyaafi lafeen mataan keenyaa bakka itti wal argan ykn walgahan Temporo Mandibular joint(TMJ) jedhama.
Kunis afaan keenya Akka bannuufi cufnu akkasumas nyaata Akka alanffanuuf Kan nu gargaarudha.

Bakka kanattis Disk fi sirnoota garagaraa faatu argama.

TMJ'n Kun madaala isaa Akka eeggate afaan keenya bannuu fi cufnuuf wantootni nu gargaaran:
Ilkaan keenya
Maashaa alanfattuu/muscle of mastication
Articular Disc
Sirna narvii fi kkf.

Isaan kana keessa tookko yoo miidhame afaan keenya banuufi cufuu akkasumas nyaata alanfachuun rakkisa taha.
Egaa maarre
Dhipphinni fi cinqamni (stress) fayyaa TMJ kanaa kallattiinif al-kallattiidhaan miidhuu dandaya.

Namni dhiphina fi cinqiidhaan yeroo mara rakkatu, qaama isaa keessatti hormonootni tokko tokko Kan maashaa keenya Akka hin laafne godhan yeroo baayyee waan maddisiisaniifi maashaan Akka malee Akka kottoffatu gochuun articular Disc kana Akka moodhamu godhu.

Inni biraan namni dhiphina qabu, ilkaan isaa osoo hin beekin waan waliin qaruuf, Kunis alkaan miidhuu irra darbee TMJ'n Akka midhamu godha.

Namni dhiphina qabu ijjennaan(posture) qaama isaarreen Akka nama kaanii miiti. Amala gajjedhuu waan qabuuf Kunis alkallattiin madaalliin TMJ Akka jeeqamu godha.

Inni bira ammoo namni dhiphina/stress qabu dandeettiin dhukkubbii dandamachuu isaa baayyee Kan gadi bu'e waan taheef dhukkubbii naannoo TMJ jiru Akka waa'effachuu ykn arbeessee dhukkabsachuu godha.

Walumaa galatti stress /cinqii fi dhipphinni fayyaa waliin galaa keenya akkuma miidhu ilkaan keenyyarreen nii miidha.

Namootni sababa ilkaan waliin qarruutiin ilkaan keessaniif TMJ keessan isin jalaa miidhame Kara kilinikoota keenyya yoo dhuftan furmaata waaraa argattu

Teessoon:
Magaala Finfinnee Boolee Bulbulaa 93 Mazoriya jemboro real estate cinaa

Magaalaa Tulluboolloo
0911279764
0913446098
Dr. Nasis Speciality Dental Clinic

15/06/2026

Aaga!

Naannawa Magaala jirtaniif ..

kilinikni ilkaanii Simboo Kan magaala tulluboollootti argamu yaala Tolaa/bilisaa harmee tokkoof kennuu barbaada.

Ulaagaan,
sababoota addaa addatin ilkaan isaanii jalaa manca'ee bareedinaa fi Simboo isaanii kan jalaa gadi buusee, nama keessatti kolfuu yaaddahaniif fi harka qalleeyyii tahaniif waldhaansa ilkaan namtolfee bilisaa keennuu barbaadna.

Carricha argachuuf:

suuraa ykn footoo ilkaan keessanii qofa kaasuun gara keessaatin bilbila keessan waliin nuuf ergitu.

Nutis abbaa caarraa tokko fillee isiniif bilbiluun beellama isiniif kenninee gara kilinika ilkaanii Simboo dhufuun tajaajilicha argattu.

Hubachiisa
carraan Kun nama tokko qofaaf kennama.
Yeroo isaa ammoo gaafa 09/10/2018 ALH hanga gaafa 16/10/2018 tti
namoota/haadholiin nu quunnaman qofaaf kennina.

Dr. Nasis Speciality Dental Clinic
Dental clinic



Share gochuun Haadholii biraan nuuf gaha.

11/06/2026

Namni ilkaan homaatu ykn 32nu hin qabne dental implant meeqatu Isa barbaachisa.

Dirqama ilkaan 32nu dental implant 32n bakka bu'uu qabaa?

Mee vidiyoo gabaabduu armaan gadii kana daawwadhaa.

Hiriyoota keessaniifis qooduu hin dagatinaa!


1 magaalaa finfinnee Boolee Bulbulaa 93mazoriya
2 magaalaa Tulluboolloo

Dr. Nasis Speciality Dental Clinic

0911279764/0913446098

07/06/2026

Irgaa / #የድድንቅሳት




🎵 🎶 ⏺️

"Yaa dabalee yaa dabal abbaa naggasaa
Namni shaggee'n qabne maa ilkaan naqqasaa"

Baroota darban keessa irga tumuun mallattoo bareedina ture.

Keessattu ummattoota Itoophiyaa gara kaabaa jirataniin garmalee shaakalama ture.

Ammas yaa hirdhatu malee, magaala guddittii biyya keenyaa keessatti osoo hin hafiin darbee darbee irga tumuun hojjatama Jira.

Garuu irga tumuun balaa fayaa keenyaaf wan qabuuf nuti gonkuna hin jajabeessinu!

Balaa inni qabu muraasni:

👍 Dhukkubootaa daddarboo.
👍 Infection irgaa
👍 Bifti irgaa guutumatti waan geedarumuuf dhibeewan irga ykn kaansarii irgaa adda baafachuuf rakkasaa gochuu isaa
👍 Irgi Akka nyaatamu gochuu/
Ykn gingival recession
👍 Miira dhukkubii yeroo dheraafi gabaabaa fi kkf fa'a

Kanàfuu irga tumuun miidhaa qaaba!

Address

Addis Ababa

Telephone

+251913446098

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Nasis Speciality Dental Clinic posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share