Dr Chaltu

Dr Chaltu Barumsa Fayyaa Dr Chaltu waliin

MAALIIF WALQUNNAMTIIN SAALAA AFANIIN GODHAMU (ORAL S*X) NAMOOTAA TOKKO TOKKOOF WALQUNNAMTII SAA AA IDILEE CAALAA MIIRA W...
24/06/2026

MAALIIF WALQUNNAMTIIN SAALAA AFANIIN GODHAMU (ORAL S*X) NAMOOTAA TOKKO TOKKOOF WALQUNNAMTII SAA AA IDILEE CAALAA MIIRA WALITTI DHIYAACHUU UUMAAF?
Namoonni hedduun walqunnamtii saalaa afaaniin godhamu (oral s*x) akka tapha duraa kan wal hoo'isuuf qofaa fayyadamanitti ilaalu. Garuu dhugaan jiru, hojiin kun amanamummaa waloo, waliif amanuu fi walitti dhiyeenya guddaaf barbaachisaadha ja'ama.

Ⓜ GUUTUTTI WALIIF BANAA TA'UU
Walqunnamtii saalaa idilee keessatti qaama walii dhoksun mudachuu danda'a. Garuu yeroo walqunnamtii saala-afaaniin (oral s*x) godhamu namni tokko guutumaan guutuutti of baneeti raawwata. Kun amanamummaa guddaa gaafata.

Ⓜ OF QOFA OSOO HIN TAANE HIRIYAA GAMMACHIISUU
Walqunnamtii saala kana keessatti yeroo tokko tokko namni tokko hiriyaa isaa gammachiisuu irratti xiyyeeffata. Kun “ani gammachuu kee nan barbaada” jechuun miira jaalalaa guddaa agarsiisaa jirachuu itti mul'isa.

Ⓜ XIYYEEFFANNOO GUUTUUN RAAWWACHUUF GARGAARA
Yeroo kana keessatti namni tokko guutumaan guutuutti miira hiriyaa isaa irratti xiyyeeffata. Sagalee isaa, hafuura isaa fi miira isaa hubachuuf yeroo fudhachuu danda'u kana keessatti raawwata jechuudha.

Ⓜ AMANAMUMMAA OL’AANAA BARBAADA
Qaamni walqunnamtii keessatti hirmaatu baay’ee miira qabeessa waan ta’eef, namni tokko nama biraatti of kennuun wal amanuu cimaa agarsiisa.

Ⓜ TAAJILA FI JAALALA AGARSIISA
Kun fedhii qaamaa qofa osoo hin taane “si gammachiisuu nan barbaada” jechuun jaalala fi waliif yaaduu agarsiisa.

Ⓜ YEROO BARBAACHISAA QABAACHUU DANDA’A
Walqunnamtiin akkasii xiyyeeffannoo, obsa fi dandeettii barbaada. Kanaaf namoonni hedduun akka hojii jaalalaa fi hiika qabuutti ilaalu.

Ⓜ JIREENYA WALQUNNAMTII SAALAA KEESSATTI JIJJIIRAMA FIDA
Hariiroon yeroo hunda bifa tokko qofaan yoo deeme namatti ulfaachuu danda’a. Jijjiiramni garuu hariiroo keessatti gammachuu fi hawwii haaromsu danda’a.

Ⓜ WALITTI DHIYAACHUU BOODA DABALUU DANDA’A
Yeroo walqunnamtii saalaa booda walitti dhiyaachuun, wal hammachuun fi wal ilaaluun miira jaalalaa fi boqonnaa sammuu ni dabala.
Walumaa galatti, walqunnamtiin saalaa fayyaa qabu jechuun:
√ Walkabajuu
√ Wal amanachuu
√ Wal hubachuu
√ Marii gaarii qabaachuu
√ Fedhii walii beekuudha.
✔️Hariiroon cimaa kan ijaaramu jaalala, amanamummaa fi waliif yaaduu irratti.

HIRQINFUU (Hiccups )*******************Hirqinfuun mallattoo jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti nu mudatuudha. Innis...
24/06/2026

HIRQINFUU (Hiccups )
*******************
Hirqinfuun mallattoo jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti nu mudatuudha. Innis miiraa hin taane namatti akka dhaga'amu gochurra darbee nama biratti gaafa tahu miira hin taane uumuu danda'a.

SABABOOTA HIRQINFUU
************************
Walumaagalatti hirqinfuun kan uumamu sababa maashaa hargansuu kan tahe diyaafiraamii jedhamu kan laphee ykn qooma keenya garaacha irraa adda baasu fedhii malee kottoonfachuutin dha.

SABABOOTA HIRQINFUU fidan:

*Garaachi afuufamuu fkn nyaatan ,alkoolii fi qilleensaan
*Alkoolii ykn tamboo bayyisanii yeroo tokko fayyadamuu
*Rakkoo sammuu keessatti uumamu kanneen akka rakkoo dhalootaa , kansarii sammuu fi kkf
*Infeekshii sammuu
*Rukuttaa ykn balaa mataa irra gahu
*Infeekshinii naannoo maashaa diyafiraamii jiru kamiyyuu
*Dhukkuba garaachaa fi kkf

HUBADHAA: Hirqinfuun garri caalu kunis 90% ol kan yeroo muraasaa turuu, ofumaan dhiisuu fi yaala kamiyyuu kan hin barbaachifneedha. Garuu kan yeroo bayyee deddeebi'u fi dafee hin dhaabbanne akkasumas mallattoolee garabiraan waliin dabalatee qaba yoo tahe gara mana yaalaa deemanii ilaalamuun gaariidha.
Hirqinfuu dhabbachuu diduu fi irra dedeebiin muudatu mallattoo dhukkuba cimaas ta'uu danda'a.

AKKAMITTI DHAABUU DANDEENYA?

1.Qilleensa keessan keessatti qabachuun yeroo sadi hancufa liqimsuu
2.Bishaan dafanii itti dhuguu
3.Arraba keessan qarqara isaa qabdanii daqiiqaa muraasaf harkisuu
4.Jilba keenya lamaan laphee keenyatti qabuun daqiiqaa lamaaf haammachuu

Lafa nagaa oolaa...... Galatoomaa!

Mallattoo Kintaarotii Garaa Keessaa``````````````````🔹Darbe darbee sagaraa wajjiin dhiigni bahuu🔹Gogiinsa garaa. Haalli ...
24/06/2026

Mallattoo Kintaarotii Garaa Keessaa
``````````````````
🔹Darbe darbee sagaraa wajjiin dhiigni bahuu
🔹Gogiinsa garaa. Haalli kun hanga sagaraan garatti gogee nama irraa bahuu didee ciniinsuu namatti uumutti gahuu dandanda'a.

🔹Dugdi dhukkubuu: Mudhii naannawa hidhata surreetti akka nama dugdi citeetti dhukkubuu. Keessumattuu halkan bakka ciisanitti hiini nama cituu

🔹Garaa bokoksuu: Nyaata booda garaan jeeqamuu, bokokuu, iyyuu fi garaan ciniinuu.

🔹Nyaata booda akka nama sagraan qabee jirutti garaan gadi harkisuu. Yeeroo mana fincaanee deeman wanti nama irraa bahu hin jiru. Yeeroo garii qilleensi qofti bahuu.

🔹Onnee irratti naasuu tasaa uumuu, miiraa aarii namatti baayyisuu fi mataa keessa gubuu.

🔹Qaamni yarachuu/huqqachuu, gogaan namaa daalachatuu fi dadhabbii qaamaa namatti uumuu

🔹Xuriin laguu dubartootaa akka itti baayyatu ykn tasuma akka badu/dhaabbatu gochuu ykn akka jeeqamu godha. Fiixxee gadaamessaa irratti yoo bahe dhala dhabuu dubartootaa fiduu danda'a.

🔹Qunnamtii saalaa irratti dadhabbiin namatti dhagayamuu.

🔹Luqqeettuu/luka keessa hadoochuu, luka keessa nyaachuu fi faana miilaa jala gubuu.

🔹Teessuma keessa gubuu, teessuma hoosisuu ykn teessuma keessa woraanuu fi kkf dha
galatoomaa.

Kaatee biraa hin fiigin...******************************************Wal-qunnamtii saalaa booda daqiiqaa 20-30 shilimsuun...
24/06/2026

Kaatee biraa hin fiigin...
******************************************
Wal-qunnamtii saalaa booda daqiiqaa 20-30 shilimsuun (napping):
1. Qaama Jabeessa
2. Hormoonota Tasgabbeessa.
3. Walitti dhufeenya nama walqunnamtii wajji raawwatte sanii wajjin qabdu cimsa.
4. Miira tasgabbiifii gammachuu siif kenna.

Dubartoonni yeroo isaan waliin raftee laaftee ciiftu arguun isaan gammachiisa. Jaalalti siif qabdu akka cimu godha. Nama akkuma xumureen ka'ee biraa fiigu hin fedhan.

Dubra takkaa dhiira waliin wal qunnamtii saalaa gootee hin beekne waliin rafuuf...**************************************...
21/06/2026

Dubra takkaa dhiira waliin wal qunnamtii saalaa gootee hin beekne waliin rafuuf...
****************************************
Wanti duraan raawwatanii hin beekne yeroo baay'ee nama sodaachisuu danda'a. Namni tokko durbummaa qaba kan jedhamu yeroo baay'ee kana dura walqunnamtii saalaa raawwatee ykn rawwattee kan hin beekne yoo ta'edha. Kanaaf, gaafa jalqaba raawwatan miirri sodaa jiraachuu danda'a. Akkasumas, nama jaalatanii fi baay'ee amanan waliin yoo ta'e immoo, miirri gammachuu illee jiraachuu danda'a. Keessattuu, dubartoonni gaafa dura walqunnamtii saalaa raawwatan membireeniin haphiin durbummaa kan 'h***n' jedhamtu gaafa tarsa'u miirri dhukkubbiifi dhiigni dhiigu jiraachuu danda'a. Keessattuu, walqunnamtii saalaa dura sirriitti wal hin ho'isne taanaan dhukkubbiin kun cimaa ta'uu danda'a. Kanaaf, rakkooleen kun akka hin uumamneef walqunnamtii saalaa dura sirriitti wal ho'isuun baay'ee barbaachisaadha. Akkasumas, waan yeroo walquunnamtii saalaa mudachuu danda'u hundaafuu akka waliin jiraniifi furmaata barbaachisu hundaa waliin akka barbaadan sirriitti mari'achuu baay'ee gargaara. Akkasumas, daqiiqaa 30 dursanii bishaan sirriitti dhuguun, buna dhuguu, nyaata qaamatti hin ulfaanne nyaachuu fi kkf baay'ee gargaaru. Yeroo walquunnamtii saalaas haala isaaniif mijatu waliin mari'achaa raawwachuun rakkoolee jenne hir'isuudhaaf baay'ee gargaara. Wal-quunamtii saalaa boodas wal haammachuu, mataa ishii ofitti qabuu fi waldhungachuun dhukkubbii hir'isuuf ni gargaara. Dabalataan, ulfi uummamuu waan danda'uuf ulfa hin barbaachifne ittisuuf koondomii fayyadamuun ulfa hin barbaachifne ittisuudhaan dabalata dhukkuboota walqunnamtii saalaan daddarban hir'isuuf gahee guddaa taphata. Yoo koondomii hin fayyadamne ta'e immoo ulfa hin barbaachifne ittisuuf karoora maatii hatattamaa (post pill) sa'aa 72 keessatti fudhachuudhaan hambisuun ni danda'ama.
Ulfaadhaa!!!

🩸 Laguu Arguu Dhabuu (Amenorrhea)​Laguu arguu dhabuu jechuun maal jechuudha?​Akaakuu 1ffaa 👧: Dubartiin takkaa laguu aga...
20/06/2026

🩸 Laguu Arguu Dhabuu (Amenorrhea)
​Laguu arguu dhabuu jechuun maal jechuudha?
​Akaakuu 1ffaa 👧: Dubartiin takkaa laguu agartee hin beekne, umriin ishii waggaa 15 yoo guutu laguu arguu dhabuu ishiiti.
​Akaakuu 2ffaa 🔄: Dubartii duraan laguun ji'a ji'aan itti dhufaa ture, yoo ji'a 3 fi isaa ol walitti aansitee laguu arguu dhabdeedha.
​💡 Hubachiisa Guddaa: Laguu arguu dhabuun yeroo hunda dhukkuba miti! Yeroo uumamaan laguun dhaabbatu kanneen akka: yeroo ulfaa 🤰, yeroo harma hoosisan 🤱, fi erga dhala dhaabanii 🍂 (menopause) booda dhukkubatti hin lakkaawamu.
​Laguun sirriitti akka dhufuuf walta'iinsa sammuu keessaa 🧠 (Hypothalamus fi Pituitary gland), Ovaarii 🥚 (man-buuphaa), fi qaamoota walhormaataa fayya-qabeessa ta'an barbaachisa. Qaamoota kana keessaa tokkorratti rakkoon uumame taanaan laguun dhabamuu danda'a.
​🔍 Maaltu Namatti Fida? (Sababoota Isaa)
​🌿 Sababa Uumamaa: Ulfa 🤰, harma hoosisuu 🤱, fi erga dhala dhaaban booda.
​💊 Hormoonii fi Qoricha: Mala ittisa ulfaa fayyadamuun (fkn: lilmee waraannachuu 💉, kofortee gadaameessa keessa kaawwamu) fi quufa mormaa (rakkoo xannacha thyroid 🦋).
​⚠️ Qaama uumamaa: Qaamni saalaa duudaa ta'ee uumamuu (imperforate h***n).
​🏥 Miidhaa Gadaameessaa: Gadaameessa keessatti godaannisi uumamuu (fkn: yeroo ulfa ofirraa baasan miidhamuudhaan).
​🏃‍♀️ Haala Jireenyaa: Ispoortii humnaa ol hojjachuu 💪, dhiphina sammuu 🤯 (stress) garmalee, fi madaallii miidhama qaamaa⚖️ (garmalee qallachuu ykn furdhachuu).
​🏥 Yeroo Akkamii Mana Yaalaa Deemuun Barbaachisaadha?
​Malli ittisaa fi yaalli isaa waan jiruuf, haalota armaan gadii yoo argite hatattamaan gara mana yaalaa 🏃‍♀️ dhihaachuu qabda:
​Umriin kee waggaa 15 geessee yoo laguu takkaa argitee hin beekne 🗓️.
​Duraan laguun sitti dhufaa osoo jiruu, ji'a 3 fi isaa ol walitti aansee yoo sirraa hafe 📆.
​Fayyaa ta'aa! ❤️

Qaamota Dhalaa Miira Walquunnamtii Saalaa Itti Kakaasan ***********************************1. Fiixee Harmaa - Fiixeen Yk...
20/06/2026

Qaamota Dhalaa Miira Walquunnamtii Saalaa Itti Kakaasan
***********************************
1. Fiixee Harmaa - Fiixeen Ykn Mataan Harmaa Bakka erogenous zone tahee Fi Yeroo Tuqamu Fedhiin Wal-quunnamtii saalaa Itti Kahuudha.
2. Morma - Mormi Bakka Bayyee Sensitive (miira'aa) taheedha, Bakki Kun Yeroo Hafuurri Ho'aan Ykn Dhungatamu, Miira Waalqunnamtii Saalaa keessa Seenaniidha.
3. Afaanii Fi Hidhii - Bakki Kun Bakka Heedduu Beekamaa Fi Filatamaa Taheedha, Akkasumas Erogenous zone Bakka Taheefi dhungachuun Miira walquunnamtii Saalaa Keessaa Ariitiin Seensisuuf Gargaara.
4.Qaamota Saalaa Shamarranii Keessaa Bakkoota A-spot Fi G-**ot Jedhaman Bakka Nerve Ending Jedduun Itti Argamanii Fi Erogenous zone taheedha. Bakki Kun Qaama Saalaa Shamarranii keessaa Gara Oliitti Kan Argamuudha.
5, Clitoris/qinxira - Bakki kun fiixee gara alaa qaama saalaa shamarraniitti kana argamuudha. Bakka highly sensitive taheedha. Bakka kana caalaa miira walqunnamtii saalaa keessa kan seensisu hin jiru

Gorsa tapha walqunnamtii saalaa duraa (Foreplay) Muuxannoo Hin Irraanfatamne Uumuuf...✍🏽 1. Hiriyaa kee maal akka isa ka...
20/06/2026

Gorsa tapha walqunnamtii saalaa duraa (Foreplay) Muuxannoo Hin Irraanfatamne Uumuuf...✍🏽

1. Hiriyaa kee maal akka isa kakaasu gaafadhu
Dubartoonni yeroo baay’ee dhirsa isaanii gammachuu isaanii irratti xiyyeeffatu ni dinqisiifatu. Yoo hiriyaan kee akka ati isa gammachiisuuf carraaqqii gootu hubate, innis si gammachiisuuf fedhii qabaata.
Walqunnamtii saalaa gaarii keessatti mariin baay’ee barbaachisaadha. Waan si kakaasu ifatti dubbachuu fi hiriyaan kees akka dubbatu jajjabeessuun walitti dhufeenya gaarii uuma.

2. Sukkuummii aalalaa (erotic massage) kenni
Yoo walqunnamtii saalaa raawwachuuf karoorfattan, jalqaba qaama isaa suuta jechuun suuta tuquun boqonnaa fi miira gaarii uumi.
Ibsa laafaa fi muuziqaa tasgabbaa’aa qopheessi. Sana booda harka, miila, dugda fi qaamota biroorraa jalqabi. Qaamni isaa yeroo boqonnaa argatu caalaatti siif banama.

3. Suuta jalqabi
Yeroo jalqabaa saffisa hin baafatin. Qaamni namaa yeroo fudhata. Suuta jechuun suuta jalqabuun miira gaarii fi nageenya uuma.

4. Uffata nama hawwatu uffadhu
Uffanni miidhagaan fi ofitti amanamummaa siif kennu hiriyaa kee gammachiisuu danda’a. Wanti guddaan ati keessatti ofitti amanamummaa akka qabaattuudha.

5. Qaama isaa guutuu qoradhu
Qaamota saalaa qofa irratti hin xiyyeeffatin. Morma, afaan, gurra, dugda fi qaamoleen birootis miira guddaa kennuu danda’u.

6. Dubbii jaalalaa fayyadami
Jechoonni miira kakaasan yeroo sirriitti dubbataman walitti dhiyeenya guddisu. Dubbii gaarii fi jaalala qabu fayyadami.

7. Yeroo yerootti hiriyaa kee gaafadhu
Lamaan keessan akka mijataa fi gammadoo taatan mirkaneeffadhaa. Namni hundi fedhiifi miira adda addaa qaba.

8. Miira isaa hubachuuf yaali
Qaamni fi miirri hiriyaa kee maal akka jedhu hubadhu. Yoo waan tokko isa hin mijanne ta’e, dhaabiitii mari’adhaa.
9. Dhungannaa hin dagatin
Dhungannaan keessaan walitti dhiyeenya guddaa qaba. Yeroo tokko tokko dhungannaan qofti miira guddaa uumuu danda’a.

10. Jechoota jajjabeessaa fayyadami
Yoo hiriyaan kee tarkaanffii jalqabaa fudhate, galateeffadhu. Jechoonni gaariin ofitti amanamummaa ni dabalu.

11. Miirawwan hunda hirmaachisi
Walqunnamtiin saalaa or**sm qofa miti. Tuqaa, foolii, sagalee, ilaalcha fi mi’aawwan biroo hunda fayyadami.

12. Qaamota biroo hin dagatin
Qaamni namaa bakka miira adda addaa kennan hedduu qaba. Kanaaf suuta jechuun suuta qaama isaa qoradhu.

13. Uffata of irraa baasuun nama hawwatu ta’i
Yeroo tokko tokko uffata of irraa baasuun suuta ta’e miira gaarii uumuu danda’a. Walqunnamtiin yeroo hunda cimaa qofa osoo hin taane bashannansiisaa ta’uu danda’a.

14. Uffata saffisaan hin baasinaa
Suuta jechuun suuta uffata baasuun yeroo sana caalaatti nama hawwata. Qaama mul’ate irratti xiyyeeffachuun miira dabala.

15. "Body Mapping" yaali
Namoonni tokko tokko bakka qaamaa tokko akka tuqaman ni jaallatu; bakka biraa immoo hin jaallatan. Kana beekuun hiriyaa kee caalaatti hubachuuf si gargaara.

16. Wal ilaaluu (Eye Contact) hin dagatin
Namoota hedduuf wal ilaaluun walitti hidhamiinsa miiraa cimaa uuma. Garuu namni hundi fedhii wal fakkaataa hin qabu; kanaaf hiriyaa kee gaafadhu.

Yaadadhu
Foreplay gaariin wal kabajuu, wal dhaggeeffachuu, marii gaarii fi walii galuu irratti hundaa’a. Yeroo lamaan keessan mijataa fi gammadoo taatan, muuxannoon sun caalaatti miidhagaadha.

Galatoomaa!!!
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!

Dhiirotni hin fuune Shamarree kana yoo argitan...1. Durba nama kamiyyuu biratti akka si jaallattu dubbachuudhaf kan ija ...
20/06/2026

Dhiirotni hin fuune Shamarree kana yoo argitan...
1. Durba nama kamiyyuu biratti akka si jaallattu dubbachuudhaf kan ija hin laafne.

2. Durba fageenya kamirayyuu yoo jiraatte sirrati nama kan biraa kan hin daballe.

3. Durba akka hiriyaatti utuu hin taanee, akka abbaa manatti si kabajju.

4. Dubra akka Mootitti si kunuunsitu.

5. Durba hojii kamiyyuu, salphaa illee yoo ta'e sababii yaadakee kabajju qofaaf dursitee si mariisistu.

6. Durba hojjettee jijjiiramuutti kan amantu.

Kan harka jirtu waan kana hunda keessa 4 ol yoo qabaatte qabaa tolchi.
Yoo naannookee jiraatte ijakee banii ilaali.
Namni siif ta'u faanakee jala jiraachuu danda'a.
Wan sadii qofaan waan gaa'illikee borii jannata ta'uu hin danda'u.

Waan namni biraan akka siif godhu barbaaddu dursii namaaf godhi.
Galatoomaa!!!
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!

Keesson qaama saalaa dubartootaa guyyaa guyyaadhaan ofii isaatii of qulqulleessa. Akkasumas, dhangala'aa maddisiisuudhaa...
18/06/2026

Keesson qaama saalaa dubartootaa guyyaa guyyaadhaan ofii isaatii of qulqulleessa. Akkasumas, dhangala'aa maddisiisuudhaan jiidhina isaa eeggata. Dhangala'aan kun jiidhinsa keessoo qaama saalaa eeguun dabalatatti haala garagaraan wantoota qaama saalaa seenan qulqulleessun bifa dhangala'aa halluun isaa bishaanawaa ykn aannanaawaa foolii hin qabnen gadi baha. Dhangala'aan kunis, hammi isaa dubartiidhaa dubartiitti, umrii fi kkf irratti hundaa'ee garaagarummaa qabaachuu danda'a. Dubartootaa takka takkarratti baayyee xiqqaadha. Dubartootaa takka takkarratti immoo hedduu kan ta'ee fi ammaa amma paantii akka jijjiiratan gochuu danda'a. Dhangala'aan kun foolii badaa ta'e qabaachu baatee halluun isaa bishaanawaa taanan fayyummaa kan agarsiisudha.
Suuraan: Keessa qaama saalaa dubartootaa yeroo maaykirooskooppiidhaan ilaalan kana fakkaata.

Address

Addis Ababa
1234

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Chaltu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category