23/08/2026
Wal-qunnamtii saalaa booda bishaan itti dhugaa.
********************************************
Wal-qunnamtii saalaa booda bushaan dhuguun faayidaalee fayyaa fi tasgabbiif bu’a qabeessa ta’an hedduu qaba. Inni jalqabaa, yeroo walqunnamtii saalaa dhangala'aan qaama keessaa wan hir'atuuf deebisee bishaaniin guuta. Wal-qunnamtiin saalaa sochii qaamaa cimaa waan ta’ee qaama dadhabsiisuu danda’a; kunis guyyaa itti aanu dadhabbiifii mirqaana dhabuun dabbaramuu fida. Kana ittisuuf ammoo dhangala’aa qaamni dhabe deebisuun barbaachisa. Bishaan dhuguun dadhabbii hir’isa, humna deebisa, qaama tasgabbeessa.
Faayidaa guddaa biraa inni qabu, fayyaa ujummoo fincaanii eeguudha. Wal-qunnamtii saalaa booda, baakteeriyaan qaama saalaa haadha warraa/abbaa warraatirraa gara urethra (daandii fincaanii) seenuu danda’a, kunis dhukkuba infeekshinii ujummoo fincaanii (UTI) fiduun fincaan akka nama gubu godha. Bishaan dhuguun fincaan akka dafee nama qabuu godhuun baakteeriyaa kana qaama keessaa fincaaniin akka bahu godha. Kunis, haala salphaan fayyummaa ujummoo fincaanii eeguuf gargaara.
Bishaan dhuguun dandeetti qaamni ho’a tasgabbeessuuf qabu dabaluufis ni gargaara. Walqunnamtii saalaa booda, ho'i/oowwi qaamaa tempereecharri isaa akka malee ol ka'uun dalagaa inzaayimiirratti dhiibbaa diduun tasgabbii nama dhoorga. Bishaan dhuguun ho’a qaamaa hir’isuun tasgabbii namaaf kenna. Akkasumas, bishaan sochii diiga tasgabbeessuun, dadhabbii hir’isuuf gargaara.
Dhumarratti, bishaan dhuguun sammuu fi yaada keenya tasgabbeessuufis ni gargaara. Namoonni tokko tokko wal-qunnamtii saalaa booda dadhabbii sammuu ykn tasgabbi dhabu. Bishaan dhuguun qaama tasgabbeessa, xiyyeeffannaa sammuu dabala, yaaddoo hir’isa. Kanaaf, wal-qunnamtii saalaa booda bishaan dhuguun barbaachisaadha. Halkan Gaarii!!!
********************************************
Ulfaadhaa!!! Fayyaa dahaa!!!
👉 https://t.me/naf37fspainbv