02/07/2026
AMMEE!!!
Magaalaan Shaggar Finfinnee jala galuuf jedha.
Mootummaan Biltsiginnaa magaalota Oromoon wareegama qaalii kafaleef lamaan Finfinnee fi Dirree Dhawaa sadarkaa naannoo ofdanda'aniitti guddisuuf sochiitti akka jiru dhagahameera.
Magaalaa Shaggar Finfinnee jala galchuuf akka yaadames qondaalonni sirnichaa adeemsicha morman OMNtti himaniiti jiru.
Heerri mootummaa haaraan barreeffamee gulantaa dhumaa irra akka gahe ibsaniiti jiru.
Qondaalonni olaanoon biltsiginnaa kunneen waan jedhan, aangawoonni olaanoon sirnichaa tibbana dhimma kana irratti maryataa jiru.
Uummanni Oromoo magaalonni Finfinnee fi Dirree Dhawaa Oromiyaa jalatti akka deebi'aniif falmaa jabaa kan taasise yammuu ta'u, falmaan sun diddaa Mastarpilaaniitiin Wayyaanee aangoo irraa buqqisee sirna biltsiginnaa aangootti fide.
Sirni biltsiginnaa immoo “mastarpilaanii qindaa'aa” kan jedhu maqaa jijjiiree “Naannoo Shaggar” jedhamu kan magaalaa Finfinnee fi magaalaa Shaggar irraa ijaarame hundeessuuf yaadni dhihaatee irratti hojjatamaa akka jiru qondaalonni kunneen OMNtti himaniiru.
Pirojaktoonni “የጫካ ፕሮጀክት” jechuun masaraa biyyaalessaa dabalatee hojjatamaa jiran magaalaa Finfinnee keessatti otoo hin taane harka guddaan daangaa magaalaa Shaggar keessattii jedhu qondaalonni olaanoon kun.
Teessoon mootummaa federaalaa Finfinnee ta'ee otoo jiruu masaraan mootummaa federaalaa daangaa Shaggar keessatti dursee ijaaramuun akeeka qabaa jedhan.
Kana malees misoomni kooriidoorii Finfinnee hanga ammaa marsaan lama hojjatamuu kan himan qondaalonni olaanaan biltsiginnaa kunneen, marsaan 2ffaan magaalaa Fifinnee fi Shaggar walqunnamsiisuu irratti hojjatamuu himan.
Misoomni kooriidoorii magaalaa Shaggar immoo marsaan jalqabaa hojjatamaa jiraachuu ibsanii, bakka walqunnamsiiftuu magaalaa Shaggarii fi Finfinnee irratti marsaan jalqabaa hojjatamuu qondaalonni kunneen dubbatan.
Qondaalonni kun akka jedhanitti, maastarpilaaniidhuma qindaa'aatu maqaa jijjiirratee hojii irra oolaa jira.
Oromiyaatti aggaammii balaafamaan asdeemaa akka jiru ibsanii, adeemsi sirnichaa hanga Oromiyaa diiguutti kan fulla'u akka ta'e ibsan.
Kanaaf amma naannawaa daangaatti humnoota naannolee ollaatiin kallattii maraan uummanni Oromoo wayita dhumu callifamee ilaalamaa jira jedhan.