24/07/2026
Hirriba ga'aa rafuu dhabuun miidhaalee akkamii geessisa?
1. Sammuu keenya adoocha. Daandeetti yaaduu, yaadachuu, xiinxaluu fi madaaluu hir'isa.
2. Dhukkuboota hedduuf akka salphaatti akka saaxilamnu taasisa. Kanneen keessaa: Dhukkuba onnee, dhiibbaa dhiigaa fi sammuu keessatti dhiigni itituu ykn dhiiguu.
3. Balaa tasaaf nama saaxila. Fkn. Balaa konkolaataa namarraan ga'uu yokaan namarra ga'uu.
4. Fedhii walqunnaamtii saalaa gadi buusa. Keessumaa dubartootaaf hirriba ga'aa hin rafne taanaan fedhiin walqunnaamtii saalaa dhabu.
5. Dhiphina sammuu fida. Namni yeroo ga'aa hin rafne turtii keessa sammuun isaa ofjibbuu, gadda fi dhiphina keessa seenaa deema.
6. Gogaan keenya dafee dulloomaa akka deemu taasisa. Kunis akkuma namni tokko yoo hirriba dhabu bulee ganama daalachaa'u turtii yeroo keessa immoo gogaan isaa miidhamaa deema.
7. Sammuun keenya waan hojjetaa oolle akka dafee irraanfatu godha. Sammuun keenya yoo rafnu waan guyyaa hojjetaa oolle process/xiinxalaa bula. Hirribni dhabamnaan kun hafeeti waan hinda hirraanfata.
8. Ulfaatinni qaamaa akka dabalu godha. Kunimmoo miidhaa kan biroo hedduuf nama saaxila.
9. Carraa dhukkuboota gara garaan du'uu dhala namaa olkaasa. Research biyya Englanditti hojjetame tokko akka ibsutti namoonni hirriba ga'aa argatan umuriin isaanii isaan hin arganne caalaa dheeraadha.
10. Murtoo kennuu irratti sammuu keenya dogoggorsa.
Fayyaa hin dhabiinaa!