Dr ziyad

Dr ziyad Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Dr ziyad, Doctor, Robe, Addis Ababa.

05/08/2026
05/08/2026
05/08/2026
28/07/2026

Eertiraan caccabaa jirti;

muddamni hamaan Asmaraatti dhohee jira!

Rakkoon cimaan Asmaraa dabalatee Eertiraa hunda qabatee jira.

Imaammanni sirna Shabiyaa biyyattii harkisaa jiru kan balaa guddaa geessisu ifatti mul’achaa jira.

Ta’us, milishoonni miidiyaa Shabiyaan deeggaraman kanneen yeroo hunda kufaatii Itoophiyaa jedhamtu gabaasan-rakkoo Ertiraa kana guutummaatti tuffatanii, akka waan hin jirreetti socho’a jiru.

Odeeffannoon Mohammed Kheir Omer-kan loltuu Shabiyaa duraanii amma yunivarsiitii Noorweey keessatti qorataa ta’e-rakkina Eertiraa amma keessa jirtu ilaalchisee booden sodaachisaa dha.

Gaaffii: Isaayaas Afwerki saba inni fakkii isaatiin boce sana harka isaatiin diigaa jira.

Akka odeeffannoo qorataan kun qoodeetti, Eertiraan hanqina bishaan dhugaatii qulqulluu fi qoricha hamaa keessa jirti-haalli kun imaammata mootummaa Shabiyaa waliin walqabateedha.

Mohaammad haalli Eertiraa keessattuu Asmaraa keessatti mul’atu mallattoo guutummaatti kufaatii agarsiisaa akka jiru hubachiisa; rakkoon bishaanii magaalattii hammaataa dhufuun jiraattonni hedduun bishaan soogidda qabu kan taankeroota bishaanii dhuunfaatiin dhihaatu bitachuuf dirqamu.

Barmeelli bishaanii tokko Nakfaa 15 kan baasu yoo ta’u, barmeelli tokko sun dhugaatii, nyaata bilcheessuu, dhiqannaa, miiccaa fi qulqulleessuuf gahaa miti.

malees, ciccitiinsi ibsaa yeroo dheeraaf turuun rakkoo guyyaa guyyaa hammeessuu fi tajaajiloota barbaachisoo ta’an gufachiisaa jira.

Rakkoon Eertiraa amma keessa jirtu dhimmoota kana qofa irratti kan daangeffame miti; biyyattiin hanqina qorichaas hamaa keessa jirti. Qorichootni dhukkubbii namatti fidan kanneen akka paracetamol illee hanqina kan qaban yoo ta’u, yeroo baay’ee firoota biyya alaatii dhufan qofaan biyyattii ga’a.

Ertiraa keessatti kiniinii muraasa mana keessatti qabaachuun waanuma barame osoo hin taane dhimma carraa ta'ee jira

Haa ta’u malee, haalli jireenyaa hammaataa dhufeen fedhiin sirnichi waldhabdee fi waraanaaf qabu mallattoo hir’achuu hin agarsiisu.

Qorataan kun lammiilee Eertiraa hedduu biratti nageenya biyya isaaniitiif balaan guddaan diina alaa osoo hin taane, imaammata Isaayyaas Afwerkii ta'uu hubachiisanii jiru.

Yasu Birra page Yasu Birra

01/07/2026

Watch, follow, and discover more trending content.

01/07/2026
itti yaada guuta
30/06/2026

itti yaada guuta

20/06/2026

Oduu Gaddaa👇😭
isiniif hojjedha je'ee qarshii 2,100,000 (Miliyoona lamaa fi kuma dhibba tokko) nyaatee bade
Namni kun Maqaan isaa Abdii Mohammed Yuusuf je'ama. Jiraataa magaalaa Shaggaar kutaa Galaan Araddaa Bilisummaa naannawa baqattootaa naannoo Soomaalee kan jiraatu hoggaa tahu masjiida Rahamaatti koree masjiidaa ta'uun nama salaata shanan masjiida malee hin salaanneedha. Nama Areedni isaa akkaataa Sunnaa Nabii keenyaan guddisee hanna hojjata jechuun hin shakkamneedha. Abdii Mohammed manni jireenya isaa fi masjiidni walitti aana. Amanamummaa guddaaniis haawasa keeysatti beekkamaadha.

Abdi Mohammed ji'a 1 dura akka carraa tahee salaata Asrii booda akkuma salaatee Masjiidaa ba'een bilbillaan "VIIZAA OMAN guyyaa 7 keeysatti isiniif hojjedhaa koottaa gara Finfinnee" je'ee wayta bilbilaan haasa'uu ijoollee gara biyya Omaan deemuuf Harargee iddoowwan gara garaarraa kaatee Finfinnee dheeyxe namoonni 7 salaatanii akkuma masjiidaa ba'aniin haasa'aa isaa dhagahanii itti siqanii gaafatan. San booda Abdi Mohammed hojii kana akka hojjatuu fi gara nama 47 olii Viizaa hojjateefi akka biyyaa baaseefi nama tokko kan isa waliin jiruus "aniis isumaatu naaf hojjatee guyyaa 3 booda gara Oman deemuu deema je'ee Abdiif ragaa ba'eef.

Ijoollee torban Harargeerraa dhufte tuniis sana booda manni Abdii Mohammed masjiida cinaa ta'uu erga mirkaneeffataniin booda gara bakka qubatanii dhaqanii gara mana Abdii dhaqan. Abdiinis manni kiyya kana Jaartiin tiyyaas tana guyyaa 7 keeysatti Viizaa isiniifiin xumuraa qarshii 450,000 (Kuma dhibba afurii fi kuma shantam) tokko tokkoon keeysanii qopheeffadhaa je'ee Passport isaanii irraa fuudhee process akka jalqabeef itti himuun yoo Rabbiin je'e Arafaa duratti ni deemtan je'ee beellama seeneef.

Obbo abdii Mohammed osoo oolee hin bulin guyyuma 3 keeysatti Viizaa xumureefii amma kunoo Viizaan isiniif xumuree maallaqa hundi keeysan galchaa je'eenii erga galchisiiseen booda ganama barii koottaa bararaan balaliin teeysan geeysee je'ee gara Airport ganama fuudhee deemeen. Suuraa kana achitti waliin ka'an. Ijoollee kunneeniis Caalaa Sharaaf 450,000, Aannee Usmaa'il 450,000, Imaamuddiin Jamaal 350,000, Saaladdiin Muusaxafaa 350,000, Redwaan Jundii 200,000, Mahammad Hassan 200,000, Yaqiin Hassan 100,000 walumaagalatti qarshii 2,100,000 (Miliyoona lamaa fi kuma dhibba tokko) ni taha.

Ganama Barii ijoollee gara Airport hoggaa seenan obbo Abdii Mohammed waliin dhaqe. Ijoolleen Viizaan keeysan yeroon irra dabre sirreeffadhaa koottaa ykn Airport keeysaa ba'aa je'aniinii hojjattoonni dirree Xiyyaaraa of duuba deebisan. Abdiin gama Alaa taa'ee hanga bararanii ijoollee eegaa waan tureef ijoollee gaafa if duuba deebitu boru sirreeysinaa koottaa ni gallaa je'eenii fuudhee gara mana isaa deemeen. Erga ijoollee manaan ga'e booda akka nama Fincaaniif gara alaa gadi ba'uutti Jaartii, ilmaanii fi ijoollee viizaa sobaa hojjateef manuma dhiisee achumaan achi buuteen isaa dhabamee ijoolleen qarshii nyaadhamtees iyyaafatanii dhaban. Hanga guyyaa arraatti Abdiin eeysa akka jiru hin beekkamne.

Abdi Mohammed Masjiida Rahamaatti koree masjiidaa ta'uun taajajilaa waan tureef dhimma kana ijoolleen koree Masjiidaa beeksisanii furmaata dhabanii akka itti gara maatii galaniis itti ulfaatee Shaggar keeysatti rakkachaa jiran. Rabbiif jecha maxxansa kana Share godhaa waan dadhabbii teeysanii qarshii 80,000 (Kuma Saddeettam) ni kafallaa nama kana bakka agartanitti eeruu nuuf kennaa isiniin je'an. Please Share godhaa gargaaraa!❤️🙏

Namni nama agartan lakkoofsa bilbiilaa
Saladiin musxafa= 0923782540
Imamudin Jamal =0954028299
Caalaa sharaf = 0994586279

Kijiba Akkanaa kanaan Ummanni keenya hedduun maallaqa guddaa nyaadhamaa jira
Hubannoof Maxxansa kana irraa haa baranii Share godhaa Hawaasa keenya biraan gahaa baarakallaahu fiikum

26/05/2026

hojjechuu qofa wannisibaasu

Address

Robe
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr ziyad posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category