03/01/2026
‼️
***********
Daandiin Aspaaltii Amboo-Gudar abbaa taayitaa daandiiwwan Itiyoophiyaan hojjatamuuf karoorfame, sababa Qulqullina dhabuu fi harkifannaa isaa irraan kan ka'e komii jiraattota magaalaa Amboo waan ta'eef,hoogansi magaalaa Amboo qaamni dhimmi ilaallatu furmaata hatattamaa kennuu akka qabu murteesse.
Pirojektiin kun bara 2013 kan eegalame ta'ullee akkaataa waliigalteen raawwatameen waggaa tokko keessatti xummuramee tajaajila hawaasaatiif kan oolu jedhamus, harkifannaa guddaan hanga har'aatti osoo hin xummuramiin jiraachuu irraan kan ka'e madda komii hawaasa magaalaa Amboo ta'ee jira.Pirojektiin kun Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Itiyoophiyaan hojjatamuuf kan karoorfame yoo ta'u,dhaabbatichis Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa(OCC) 'f dabarsee kan kenne yoo ta'u,Sababoota Garaagaraan yeroo qabameef keessatti osoo hin xummuramin bubbuluun komii jiraattota magaalaa Amboo ta'eera.
Kanarraa ka'uun Marii hawaasa waliin yeroo adda addaa sadarkaa gandaatti gaggeeffame irratti komii hawaasaa bal'aa fi rakkoo bulchiinsa gaarii waan ta'eef guyyaa har'aa bakka qooda fudhattoonnii fi bakka bu'oonni Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa(OCC) fi Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Itoophiyaa(ERA) akkasumas Gorsitoonni pirojektichaa fi hooggansi magaalaa Amboo argamanitti guyyaa har'aa irraa eegalee qaamni dhimmi ilaallatu waliin mari'atamee hatattamaan furmaatni akka kennamuu qabu murtaa'ee jira.