Naa'ol Baacaa

Naa'ol Baacaa Odeefannoo Fayyaa Sammuu Bilisaan Argachuuf Maatii PAGE Keenya Taa'a!Sammuun Gaggeessaa qaama maarati Fayyaa Sammuu Male Fayyaan Hin Jiruu!!

Bara kana keessa akka guutuu addunyaatti, keessattuu biyya keenyatti namoonni of ajjeessan baay'achaa jiru. Kun maaliif ...
29/04/2026

Bara kana keessa akka guutuu addunyaatti, keessattuu biyya keenyatti namoonni of ajjeessan baay'achaa jiru. Kun maaliif laata?? Mee sababoota of ajjeessuuf nama saaxilan yaa ilaallu.
Wantoota of ajjeesuuf nama saaxilan iddoo gurguddoo saditti qoodnee yaa ilaallu. Isaanis
1. Dhuunfaadhaan (Individual RF)
Kunis rakkoo fayyaa dhuunfaa fi seenaa nama sanii wajjin kan wal qabatuudha.
- Kana dura yaalii of ajjeesuu gochuu (carraan irra deebiidhaan ta'uu olka"aadha).
-Rakkoo xiin sammuu qabaachuu (dhiphinaafi yaaddoo garmalee, garlamee/dhibee baay'ee gammaduufi baay"ee dhiphachuu/ bipolar disorder qabaachuu).
-Qorichoota sammuu hadoochan fi alkoolii garmalee fayyadamuu.
-Dhukkubbii cimaafi turoo ta'an qabaachuu
-Saalaan dhiira ta'uu. Qorannoon garagaraa akka jedhutti, Dhiironni dubartoota caalaa yoo of ajjeessan, dubartoonni immoo yaalii of ajjeesuu hin milkoofne dhiirota caalaa raawwatu jedha.

2. Hariiroo jaalalaafi hawaasummaa
-Nama jaalatan dhabuu ykn adda bahuu, wal loluu fa'a.
-Kophummaa ykn miirri akkasii akka namatti dhagahamuu wantoonni gpdhan jiraachuu.
-Baay'ee arrabsamuu, tuffatamuufi miirri gad aantummaa akka namatti dhagamu wantoonni godhan jiraachuu.
-Fira dhiigaa dhihoo (family history)rakkoon akkasii muudate qabaachuu.

3. Haala naannoo keessa jiraatanii
- Iddoo fi wanta ittiin salphaatti of ajjeesuun danda'amu bira jiraachuu.
-Rakkoo diinagdee (hiyyummaa, hojii dhabuu fa'a).
-Jireenyatti gammadoo ta'uu dhabuu fi kkf.

Boonii, siin hoo sababa kamtu si galaafate laata!!
Siifii Uumatu beeka!!!
Lubbuu kee yaa maaru!!!

Address

Asella
PSYCHIATRIST

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Naa'ol Baacaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share