Dr. Misha Bonka

Dr. Misha Bonka Doctor
Lecturer
Blogger

15/04/2026

Vacancy Announcement

‎We are looking to hire qualified health professionals with the following positions and requirements:

‎Available Positions
‎- BSc Nurse
‎- Clinical Nurse
‎- Medical Laboratory Technologist (MLT)

‎Requirements
‎* Minimum 2 years of relevant work experience
‎* Valid professional license
‎* Clearance letter
‎* Experience letter from previous institution(s)

‎Working Place: Kofale Town

‎Salary is negotiable and interesting
‎Benefits:
‎* Free Housing
‎* Night Duty Commission

‎Interested and qualified applicants are invited to apply by sending their CV via telegram (with their complete work exprience documents).

   🔥 Osoo barataan tokko qofa qabxii olaanaa fidee, ciminna barataa sanii qofa jennee isuma dinqisiifannee dhiifna. Gaaf...
15/09/2025

🔥
Osoo barataan tokko qofa qabxii olaanaa fidee, ciminna barataa sanii qofa jennee isuma dinqisiifannee dhiifna. Gaaffa akkanatti walirra tuulan ammoo ciminna barataa, ciminna barsiisotaa guutumatti ciminna mana barumsa sanii agarsiisa.

Osoo irratti hojjatamee sammuun akkanaa hedduun akka jiru ifa galaa dha.
Warri Dodolaa galatooomaa ❤️.
Muuxannoon keessan biyyattii guutuuf qooduu qabdan.

We are astoshined and proud of you 🔥🔥🔥
NB: Kan hafes baayyee dha

Oduu gammachuu hawaasa naannoo hospitaala Asallaatti argamtan hundaaf, sakatta'iinsi dhibeewwan daddarboo hin taanee kan...
01/08/2025

Oduu gammachuu hawaasa naannoo hospitaala Asallaatti argamtan hundaaf, sakatta'iinsi dhibeewwan daddarboo hin taanee kan akka dhiibbaa dhiigaa olka'aa(hypertension), dhukkuba sukkaaraa (DM), Kaansarii harmaa fi kaansarii hulaa gadaamessaa( cervical cancer) fa'a, gannaa kana bilisaan waan kennamaa jiruuf itti fayyadamaa. Namootni tajaajila kana kennuu fi qindeessuu keessatti qooda fudhattan galatooomaa.

‎Today, especially in Ethiopia, many in our generation have lost interest in education. This disillusionment is likely d...
26/07/2025

‎Today, especially in Ethiopia, many in our generation have lost interest in education. This disillusionment is likely driven by the rise of anti-intellectualism, the economic hardships faced even by highly educated individuals, inadequate government salaries, the prevalence of shortcuts to accumulate wealth, and the ever-increasing cost of education.

‎I, too, once deeply passionate about learning, now feel overwhelmed. The burden of excessive workload combined with unreasonably low pay has taken its toll. But every time I see people like Dr. Gudata H. Sado, I feel recharged. My heart is warmed, and the fire within me is reignited.

‎To my fellow Oromo, Ethiopians, and all human beings: education is still the key to success. As individuals, one might accumulate wealth without formal education, but for a nation to develop, for meaningful change to happen, and for humanity to truly thrive, education is not just important, it is essential.

‎Thank you, Dr. Gudata, for being our inspiration.
‎Thank you, Aman, for your work.

‎Galatoomaa, ulfaadhaa; beektonni qabeenyas, oromummaa fi namummallee qabdan.

Dr Gudeta Hinika Dr GuddataanHubataanMuldhataan Waa hundaan ol bahee muldhateHayyichi beekumsaan addunyaa hubate,,Qabeenya guddaafakkeenya guddaa,,dhaloota ...

‎Sukkuummii (Massage)‎‎*Sukkuummiin mala wal'aansaa aadaa bara durii kaasee hawaasa hedduu biratti beekamu yoo tahu; dhu...
13/07/2025

‎Sukkuummii (Massage)

‎*Sukkuummiin mala wal'aansaa aadaa bara durii kaasee hawaasa hedduu biratti beekamu yoo tahu; dhukkubbii hir'isuuf, maashaalee(foon) goggoge diriirsuuf, dadhabbii fi muukuurraa bayyanachuuf gargaara jedhamee amanama.

‎*Biyyoota akka USA fi Kanaadatti sukkuumtonni leenjii ni fudhatu, waraqaa haayyamas ni qabaatu. Biyyoota akka Itoopiyaatti Ogeessa/Oggeettii mala aadaatiin barataniin ykn 'physiotheraphist' dhaan raawwatama.

‎*Akka waliigalaatti faayidaan sukkuummii qorannoo saayinsawaa cimaan kan hin mirkanoofne tahus of-eeggannoon barbaachisu yoo godhame fi namoota leenjii qabaniin yoo keenname namoota hedduurratti miidhaa hamaa hin qabu.
‎*Faayidaa yeroo gabaabaas kennuu danda'a.

‎Of-eeggannoon barbaachisus kanneen armaan gadiiti;
‎*Sukkuummiin wal'aansa ammayyaa bakka bu'uu hin qabu. Fakkeenyaaf daa'ima gara-kaasaa qabu mana yaalaa fiduu dhiisanii garatu bu'ee jedhanii sukkuumsisuun dogongora.
‎*Yeroo sukkuummii gogaan madaa ykn infekshiinii qabu, bakki kaansarii qabu, cabni lafee hin fayyine, bakki cita foonii ykn cita hiddaa qabu, miilli dhiiga itite(deep vein thrombosis) qabuu fi iddoo meeshaalee wal'aansaa kan akka ujjummoo dhangala'aa(drainage tube) qaban fa'aaf of-eeggannoon addaa godhamuu qaba.
‎*Sukkuummiin nama hundarratti dhiibbaa wal-fakkaataa hin qabu; nama tokko tokkoof kaka'umsa dabaluun si'eessuu danda'a, namoota kaanirratti ammoo hirriba fiduu danda'a.
‎*Sukkuummiin dura ogeessa fayyaa mariisisuun gaarii dha.

‎*Dhumarratis sukkuummiin mala aadaa tahus mala wal'aansa ammayyaatiin haala wal-simatuun yoo kenname faayidaa qabaachuu danda'a.


Suuraan toora interneetiirraa fudhatame.

Mallaqnis, beekumsis nu barbaachisa. Yaa Rabbi lachuu nuuf kenni.Jumaa Mubaarak 🕌📿
04/07/2025

Mallaqnis, beekumsis nu barbaachisa. Yaa Rabbi lachuu nuuf kenni.

Jumaa Mubaarak 🕌📿

Erga gaaf saniitii biyyis sabnis hin fayyine🥺. Beekumsa, dhaaba, bareedinna, goottummaa, cichoominna, sagalee gara-laafu...
29/06/2025

Erga gaaf saniitii biyyis sabnis hin fayyine🥺. Beekumsa, dhaaba, bareedinna, goottummaa, cichoominna, sagalee gara-laafummaa fi waan meeqa siif kenne🥰. Maal godhu garuu, kichuutti si kutanii😢

Kaansarii Harmaa (Breast cancer) Ittisuuf 🎗️:🤱 Ilmoo harma hoosisuu – Kun carraa kaansarii harmaa ni hir’isa. Yeroo dhee...
29/06/2025

Kaansarii Harmaa (Breast cancer)
Ittisuuf 🎗️:

🤱 Ilmoo harma hoosisuu – Kun carraa kaansarii harmaa ni hir’isa. Yeroo dheeraaf hoosisuun carraa kaansarichaan qabamuu caalatti hir'isa.

✅ Screening (sakatta'iinsa) taasisuu. Dursanii baruun yaalamanii fayyuuf waan fayyaduuf. Dubbartoonni yeroo qaama dhiqata iitaan harmasaaniirra akka hin jirree adda baafachuun gaarii dha.

🚭 Sigaaraa(tamboo) xuuxuu dhiisuu🚭.

🏋️Torbanitti yoo xiqqaate guyyaa 5, daqiiqaa 30f sochii qaamaa gochuu 🚵

*Ulfaatinna qaamaa garmalee, hir’isuu⚖️
*Hanga danda'ameen nyaata madaalawaa nyaachuu🍓🍉🥬🍎🥕

*Dhugaatii alkoolii hir’isuu 🍷🍺🥂



©Misha B. (MD)

Barumsi gosa lama.✓Kan jalqabaa, Wantoota hin beekne barachu.✓Kan lammataa, Wantoota hin beekne akkamitti akka barannu b...
28/06/2025

Barumsi gosa lama.
✓Kan jalqabaa, Wantoota hin beekne barachu.
✓Kan lammataa, Wantoota hin beekne akkamitti akka barannu barchu.

Namni hedduun KG hanga Kolleejjii barateetuma baranne jedha. Digrii, mastersii ykn dokteeriitii baratee jijjiiramni isarratti haraama. Isuma jalqabaa san qofa barate jechu. Baradhu yoo jetteen kan barate maal fide jedha. 'Biilgeet, Zukenbargi, Elon Mask fa'a barnoota isaanii addaan kutuun duroomaniimii' siin jedha.

Obbolaa/obbolee, isaan mana barnootaa deemuu dhiisan malee barnoota hin dhiisne.

Akkaataan barnootni itti kennamu akkuma adunyaattuu rakkoo qaba jedheen amana. Gatiin 'x' meeqa jechuurraa kan hafe, xaxaan jireenyaa akkamitti akka furamu hin barsiisan.
Kanaafuu akka barnootni itti kennamuu fi akka itti barannu jijjiiruu qabna malee barnoota dhiisuu hin qabnu.

Yaawu ana seexanni barnootarratti na dhahe haga silaa na keessaa hin baane, sanumaaf baradhaa jedhee isin 'caqaccaqa'. Garuu Kolleejjii galaa jechuu kiyyaa miti.

BARADHAA, BEEKUMSA HIN QUUFANII📜.

©Mishaa B(MD)

16/01/2025

Adunyaarra dhibeen hanga ammaa galmaayeeru meeqa jettanii yaaddu?

Address

Asella

Telephone

+251964441187

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Misha Bonka posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr. Misha Bonka:

Shortcuts

Share