06/08/2026
Dhukkuboota Mallattoo Osoo Hin Agarsiisiin Nama Miidhan 6 ( )
➊. OLKA'INSA DHIIBBAA DHIIGAA ( ): Olka'insi dhiibbaa dhiiga mallattoo tokko malee waggoota baay'ef namarra turuu danda'a. Haala kanaan dhukkuba akka Istirookii, dhukkuba onnee tasaa ( ), dhukkuba kalee, fi dadhabbii onnee namatti fiduun xaaxaalee hedduun nama gaha. Mallattoo malee waggaa 10 ol turuu danda'a. Kanaaf yeroo yeroon dhiibbaa dhiigaa ofii ilaalamuun barbaachisaadha
➋. DHIBEE SUKKAARAA GOSA 2ffaa ( ): Kunis waggoota hedduuf osoo hin beekamin turuu danda'a. Mallattoo addaa osoo hin argisiisiin Ija, Kalee, Narvii fi onnee miidhuu danda'a.
➌. DHIBEE KALEE YEROO DHEERAA ( ): Hojiin kalee baay'ee hanga hir'atutti mallattoo hin agarsiisu.
➍. RAKKOO KOLLESTIROOLII: Yeroo baay'ee mallattoo hin qabu. Dhukkuba Onneefi Istirookiif nama saaxila
➎. LAAFINA LAFEE ( ): Lafee suuta suutaan laaffisaa deema. Hanga lafeen cabutti mallattoo mul'isuu dhiisuu mala
❻. GILAAKOOMAA ( ): Suuta suutan narvii ijaa miidhaa deema. Jalqabarratti mallattoo hin qabu, garuu yeroo dheeraa booda arguu irratti rakkoo dhufa. Yeroon yoo hin yaalamne jaaminaaf nama saaxila.