20/02/2026
Gorsa walii galaa haala nyaataa fi dhugaatii irratti warra soomaniif!
====================================
✍️BISHAAN
👉Yeroo ramadaanaa kana bishaan gahaa sirriitti dhuguu fi soorata bishaan hedduu of keessaa qaban soorachuun dirqama. Bishaan yoo xiqqaate hanga burcuqqoo kudhan dhuguun/argachuun dirqamadha.
👉Nyaata akka habaabi kan bishaan heddu of keessaa qabu soorachuun qabiyyee bishaanii gahaa guyyaa guyyaatti argachuuf heddu gargaara. Timaatimnii fi salaaxaan illee akkasuma bishaan hedduu waan of keessaa qabaniif heddu gargaaru.
👉Dhugaatii kaafeenii of keessaa qaban akka bunaa, shayii fi dhugaatii lallaafaa (kookaakollaa fi kkf) irraa of qusachuun gaariidha. Kunis yeroo tokko tokko dhugaatiiwwan kun karaa fincaaniin bishaan heddu nama keessaa yaasuun hir'ina bishaan qaama keessaaf (dehydration) nama saaxilu.
👉Haalli qilleensaa fi dheerinni guyyaaf halkanii waan jijijjiiramuuf, yeroo tokko tokko guyyaan halkanirra dheeratee sa'aa 15 haga 16 soomuun dirqama ta'uu mala. Yeroon ramadaanaa kun amma biyya keenya keessatti haala qilleensaa ho'aa keessa oola, dheerinni guyyaas halkan irra xiqqoo haa taatu malee ni caalaa. Kanaaf akka bishaan karaa dafqaa fi kan biroon qaama keenya keessaa hin dhumne, bakka gaaddisa fi qabbana bareedaa qabu keessa turuu fi aduu keessa turuu dhiisuun hedduu nu gargaara.
✍️IFTAR
👉Iftar irratti nyaata anniisaa gaarii qabuu fi fayya qabeessa ta'e soorachuu qabna.
👉Yeroo hedduu tamiirii ija sadii nyaachuun, akka fayyaattis hedduu gaarii kan ta'ee fi iftar irrattis kan sooratamuudha. Dabalataanis tamiiriin nyaata faayiberii heddu barbaachisu of keessaa qabuudha.
👉Kuduraalee fi muduraalee gahaa nyaata keenyatti dabalachuun viitaaminootaa fi dhangaalee (nutrients) addaa addaa argachuuf heddu nu gargaara.
👉Nyaata midhaanii (whole grain) akka qamadii, garbuu, ruuzii, boqolloo, xaafii fi kkf irraa hojjataman kan anniisaa guddaa fi faayiberii gaarii qaban iftar irratti soorachuun filatamaadha.
👉Foon (coomaa hin qabne), lukkuu fi qurxummii yoo argaman soorachuun qaamni keenya pirootina ga'aa akka argatu gargaara.
👉Nyaanni waarshaa keessatti oomishamanii golgamanii suuqota addaa addaa irratti gurguramanii fi sooratni sukkaara heddu of keessaa qaban hin gorfaman.
👉Soorata yoo soorannu akka humnaa ol nutti hin taanetti, daddafnee nyaannee of rakkisuu irra, suuta jennee yeroo dheeraa nyaachuutu filatama.
✍️SUHUUR
👉Nyaata salphaa ittiin sooma eegallu nyaachuun hedduu gorfama, keessumaa namoota umuriin heddu deeman, ijoollee soomuu filatan, dubartoota harma hoosisanii kan soomuu filatanii fi kkf niif hedduu barbaachisaadha.
👉Nyaata suhuuriif nyaatamu kana keessatti, kuduraalee fi muduraalee, nyaata kaarboohydratii qaban akka daabboo fi nyaata pirootina of keessaa qaban akka bu'aalee loonii, hanqaaquu fi avokaadoo dabaluun ni gorfama.
👌Walumaagalatti
👉Nyaata sukkaara hedduu of keessaa qaban erga iftar nyaannee booda nyaachuun hin gorfamu.
👉Nyaata cooma hedduu ofkeessaa qaban sooraachuu irraa of qusachuu ykn hedduu xiqqeessuu qabna.
👉Nyaata ashaboo hedduu of keessaa qabu soorachuu irraa ofqusachuu akkasumas ammoo nyaata yoo hojjannu ashaboo hedduu itti dabaluu dhiisuu qabna.
👉Nyaanni yoo garmalee guddisanii nyaatanii fi daddafanii nyaatan laphee gubaa fi miira namatti hin tolle hedduu waan namatti dhageessisuuf, suuta jennee haga nu ga'u qofa nyaachuudha.
👉Haga danda'ame bakka tokko taa'aa yeroo dheeraa turuu irraa ofqusachuu fi waan akka deemsaa (walk) yeroo yerootti baay'isuun fayyaaf ni gorfama.
====================================
Galatoomaa!
Horaa bulaa deebanaa!
Fayyaaf nagaa hin dhabinaa!
©Dr Abdi K Gada