Dr Abdi K Gada

Dr Abdi K Gada Medical And Health Information Kanaafuu gaaffii barbaaddan gaafachuu fi yaada qabdan ibsachuuf manni keenna yoomiyyuu banaadha. Galatoomaa! Thank you!

Kaayyoon keenna odeeffannoo meedikaalaa fi namoota barnoota meedikaalaa hin qabne walitti fiduudhaan hubannoo hawaasni keenna fayyaa fi dhibeewwan dhala namaa irratti qabu cimsuudha. Haaluma kanaan odeeffannoo fi gorsa walii galaa fayyaa fi dhibeewwan dhala namaatin walqabatu qooduudhaan namni dubbisuu danda'u hundi waa'ee fayyaa irratti hubannoo gahaa tahe akka qabaatu haala mijjeessuudha. Haa ta

'u malee gorsis tahee odeeffannoon asirraa argattan rakkoo fi yaaddoo fayyaa keessanirratti qabdaniif gargaarsa yaala fayyaa argachuuf kan caalatti isin kakaasu/jajjabeessu malee kan mana yaalaa irraa isin dhoorgu tahuu hin qabu. Rakkoo fayyaa isin mudatu kamiifuu gara mana yaalaa deemun gargaarsa yaala fayyaa ogeessa fayyaatirraa argachuun filannoo keessan jalqabaa tahuu qaba. Our mission is to bring Science and Medicine to lay (non-medical) audiences to improve awareness and understanding of specific common medical conditions and healthcare concerns with an appropriate action plan (what to do next). Don't hesitate to ask your questions and put your comments and feedback. Our content and articles are for informational purposes only, not a substitute for professional medical advice, diagnosis, or treatment. Always seek the care/advice of health provider with any questions you may have regarding a medical condition. Never disregard professional medical advice or delay seeking it because of something you have read or seen in any of our posts.

SA'AATII DHEERAAF TAA'UUN DHUKKUBOOTA 14f AKKA NAMA SAAXILU BEEKTUU?≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈🔹 Namni tokko sa'aatii ye...
21/05/2026

SA'AATII DHEERAAF TAA'UUN DHUKKUBOOTA 14f AKKA NAMA SAAXILU BEEKTUU?
≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈

🔹 Namni tokko sa'aatii yeroo hojii hin taane keessaa 90% kan ta'u taa'uun ykn ciisichaan dabarsa. Akkuma umriin dabalaa deemuun sa'aatiin taa'uun dabarsinu dabalaa deema. Dhukkuba garagaraatin qabamuunis sosochii qaamaa gochuu irraa nama hambisa.

🔹 Sa'aatii dheeraa taa'uun dabarsitu yoo ta'e osoo ofittti hin beekin umrii ofittti gabaabsaa du'a ofittti jarjarsaa jirtu jechuun ni danda'ama. Sochii qaamaatuu yoo kan hojjattan ta'eeyyuu sa'aatii dheeraaf taa'uun dabarsitu taanaan rakkoolee fayyaa sa'aatii dheeraaf taa'uun namatti dhufan irraa bilisa tahuun ni ulfaata. Sa'aatii dheeraa taa'uun dabarsuun bartee hamaa akka sigaaraa aarsuu irraa garaagaummaa hin qabu jedhu hayyoonni tokko tokko.

🔹 Namootni guyyatti sa'aatii 6 fi sanii ol taa'uun dabarsan carraan umrii malee dursanii du'uu kan namoota guyyatti sa'aatii 3 fi sanii gadi taa'uun dabarsanii 19%'n kan caalu tahuu qorannoon dhiheenya bahe tokko ni ibsa.

🔹 Akka qorannoon kun jedhutti sa'aatii dheeraaf taa'uun dhukkuboota 14 oliif nama saaxila. Isaan keessaa
1. ✓ Dhukkuba kaansarii,
2. ✓ Dhukkuba onnee,
3. ✓Dhukkuba sukkaaraa,
4. ✓ Istrookii,
5. ✓Dhukkuba kalee,
6. ✓Dhukkuba sombaa,
7. ✓Dhukkuba tiruu,
8. ✓COPD (dhukkuba dhiphachuu/cufachuu ujummoolee qilleensaa),
9. ✓Dhukkuba madaayuu garaachaa fi mar'imaanii (PUD),
10. ✓Dhukkuba paarkinsan (dhukkuba narviilee sammuu kan dandeettii sochii qaamaa toohachuu miidhuun akka barbaadnetti socho'uu fi qaama sochoosuu nama dadhabsiisuu yoo ta'u kirkiruun/hollannaan qaamaa, sir jedhanii dhaabbatanii deemuu dadhabuu fi kkf mallattolee dhukkubichaati),
11. ✓Dhukkuba alzaayimar (dhukkuba umrii malee du'uu fi dulloomuu seelii narviilee sammuu kan dandeettii waa yaadachuu dadhabsiisuun beekkamu),
12. ✓Dhukkuba narvii,
13. ✓Dhukkuba maashaalee fi lafee
14. ✓ Rakkoo of ajjeesuu akka fakkeenyatti kaasuun ni danda'ama.

🔹 "Ergaan qorannoo kanaa salphaa fi ifa. Sosocho'uu nurra jiraata, sa'aatiin taa'uun dabarsinu xiqqaachaa akkuma deemuun fayyaa keennaf mijataa tahaa deema. Sa'aatii tokkoof erga taa'uun dabarsine booda daqiiqaa lamaafis taatu olkaanee dhaabbachuu ykn sochii sassalphaa tahan gochuun barbaachisaadha. Hamma kolestiroolii, sukkaara dhiigaa fi dhiibbaa dhiigaa hir'isuuf gargaara" jechuun dubbatu gaggeesitoonni qorannoo kanaa.

🔹 Sa'aatii dheeraa taa'uun maalif rakkoolee fayyaa kanniiniif nama saaxila kan jedhu ifatti kana jedhamuu baatus amaloota fayyaaf gaarii hin taane kan akka baay'isanii nyaachuu fi kkf nama saaxiluun sababii ijoo ta'uu danda'a.

🔹 Sa'aatii dheeraa taa'uun dabarsuun hamma kolestiroolii fi sukkaaraa garmalee olka'aa ta'e akkasumas dhiibbaa dhiigaa fi infilaameeshinii waliin walqabata. Carraan du'aaf saaxilamuu gosa dhukkubaa irratti kan hundaa'u yoo ta'u carraan dhukkuba kaansariin du'uu 10% n yoo dabalu carraan dhukkuba maashaalee fi lafeetin du'uu 60% n dabala.
≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈
References
Duffy, E. Y., et al. “Opportunities to Improve Cardiovascular Health in the New American Workplace.” American Journal of Preventive Cardiology, vol. 5, 8 Dec. 2020, p. 100136. https://www.ncbi.nlm.nih.gov/pmc/articles/PMC8315405/.

Gao, W., et al. “Occupational Sitting Time, Leisure Physical Activity, and All-Cause and Cardiovascular Disease Mortality.” JAMA Network Open, vol. 7, no. 1, 2024, e2350680. https://pubmed.ncbi.nlm.nih.gov/38241049/.

Lavie, Carl J., et al. “Sedentary Behavior, Exercise, and Cardiovascular Health.” Circulation Research, vol. 124, no. 5, 2019, pp. 799-815. https://pubmed.ncbi.nlm.nih.gov/30817262/.

Park, J. H., et al. “Sedentary Lifestyle: Overview of Updated Evidence of Potential Health Risks.” Korean Journal of Family Medicine, vol. 41, no. 6, Nov. 2020, pp. 365-373. https://pubmed.ncbi.nlm.nih.gov/33242381/.

Tremblay, M. S., et al. “Sedentary Behavior Research Network (SBRN) – Terminology Consensus Project Process and Outcome.” International Journal of Behavioral Nutrition and Physical Activity, vol. 14, no. 1, 10 June 2017, p. 75. https://pubmed.ncbi.nlm.nih.gov/28599680/.
≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈≈

|•
|•••
|•••••
|••••••••
Galatoomaa!
Horaa Bulaa Deebanaa!
Fayyaaf Nagaa Hin Dhabinaa!
Dr Abdi K Gada

Dhiiga Danfaa ykn Olka'uu dhiibbaa dhiigaa (HYPERTENSION)‎°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°...
14/05/2026

Dhiiga Danfaa ykn Olka'uu dhiibbaa dhiigaa (HYPERTENSION)
‎°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
‎Namoonni dhiibbaa dhiigaa isaanii yeroo yerootti ilaalamuu qaban:

‎✓ Namoota umriin isaanii 40 ol ta'e
‎✓ Namoota maatii keessa namni olka'uu dhiibbaa dhiigaa, dhibee onnee ykn istirookii qaban (sanyiin daddarbuu waan danda'uuf)
‎✓ Namoota ulfaatina qaamaa guddaa qaban
‎✓Namoota tamboo xuuxan
‎✓ Namoota Alkoolii dhuguu hedduummessan
‎✓Namoota dhibee sukkaaraa, dhibee kalee fi kolestiroolii ol’aanaa qaban
‎✓Dubartoota ulfaa (dhiibbaa dhiigaa ulfaa waliin walqabatu adda baasuuf)
‎✓ Namoota yaaddoo (stress) cimaa keessa jiran
‎✓ Namoota sochii qaamaa hin taasifne
‎✓ Namoota olka'uu dhiibbaa dhiiga qaban (to’annoofi hordoffii gochuuf)

‎Hub:- Olka'uun dhiibbaa dhiigaa yeroo baay’ee mallattoo hin agarsiisu. Kanaafuu, fayyummaa ofii beekuun kan danda’amu yeroo yerootti dhiibbaa dhiigaa keenya safaramuudhani.

°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
Galatoomaa!
Horaa Bulaa Deebanaa!
Fayyaaf Nagaa hin dhabinaa!

Dr Abdi K Gada

06/05/2026

Woggatti yoo xiqqaate namoonni kuma dhibba torbaa (700,000) ol ta'an Of-ajjeesuudhaan lubbuu isaanii ni dhabu. Namoonni laakkofsaan dachaa kana heddu ta'an ammoo yaalii Of-ajjeesuu ni godhu. Sababa ijoo dargaggoonni umriin isaanii keessattu woggaa 15-30 jiran lubbuun darbaniif keessaa Of-ajjeesuun sadarkaa arfaffaa irratti argama.

Of-miidhuu fi fayyaa sammuu (Dhukkuba Muukuu cimaa fi Dhippinna) jidduu hariiroo cimatu jira. Akkasumas araada garagaraatiif gar malee saaxilamuu, nam-fooyuu (stigma) garagaraa hawaasa woliin jiraatan irraa nama mudatu, dhukkubbii hamaa keessa yeroo dheeraaf dabarsuun sababa namni lubbuu isaa miidhu keessaa ta'uu malu.

Haa ta'u malee rakkoolee tasa nama mudatan (rakkinna diinagdee (gaaga'ama maallaqaa), hariiroo jaalala tasa jeeqamu ykn adda citu irraa, gaaga'ama hamaa maatiii keessatti mudatu irraa) namni tokko gara murtee Of-ajjeesutti tasa deemuu danda'a.

Rakkoon saaxilamummaa Of-ajjeesuu olkaasu keessaa inni ijoon amma dura yaalii of-miidhuu gochuu dha.

Kanaaf namni kana dura yaalii Of-miidhuu godhe tokko deeggarsa, yaalaa fi gorsa fayyaa isa barbaachisa. Akkasumas hiriyyoonni ykn maatiin itti dhiheenyaan gargaaruunii qabu. Wontoota inni ittiin Of-miidhuu danda'u fkn summii garagaraa, haada (funyoo), meeshaa akka shugguxiifi kkf isa irraa fageessuu barbaachisa.

Yeroo rakkoon akkanaa mudatu hawaasnis woliif hubachuu yaaluutu irraa eeggama. Nama of-miidhuuf yaalu kamiinuu itti qoosuun ykn atuu hin gootu, godhii nutti agarsiisi mee, fi kkf jechuun miira isaa jeeqama keessa jiru itti hammeessuun murtee kanatti akka deemu godhuu waan danda'uuf waan akkasii irraa of qusachuun barbaachisaadha.

Dhukkubbii Narvii
04/05/2026

Dhukkubbii Narvii

20/02/2026

Gorsa walii galaa haala nyaataa fi dhugaatii irratti warra soomaniif!
====================================
✍️BISHAAN
👉Yeroo ramadaanaa kana bishaan gahaa sirriitti dhuguu fi soorata bishaan hedduu of keessaa qaban soorachuun dirqama. Bishaan yoo xiqqaate hanga burcuqqoo kudhan dhuguun/argachuun dirqamadha.
👉Nyaata akka habaabi kan bishaan heddu of keessaa qabu soorachuun qabiyyee bishaanii gahaa guyyaa guyyaatti argachuuf heddu gargaara. Timaatimnii fi salaaxaan illee akkasuma bishaan hedduu waan of keessaa qabaniif heddu gargaaru.
👉Dhugaatii kaafeenii of keessaa qaban akka bunaa, shayii fi dhugaatii lallaafaa (kookaakollaa fi kkf) irraa of qusachuun gaariidha. Kunis yeroo tokko tokko dhugaatiiwwan kun karaa fincaaniin bishaan heddu nama keessaa yaasuun hir'ina bishaan qaama keessaaf (dehydration) nama saaxilu.
👉Haalli qilleensaa fi dheerinni guyyaaf halkanii waan jijijjiiramuuf, yeroo tokko tokko guyyaan halkanirra dheeratee sa'aa 15 haga 16 soomuun dirqama ta'uu mala. Yeroon ramadaanaa kun amma biyya keenya keessatti haala qilleensaa ho'aa keessa oola, dheerinni guyyaas halkan irra xiqqoo haa taatu malee ni caalaa. Kanaaf akka bishaan karaa dafqaa fi kan biroon qaama keenya keessaa hin dhumne, bakka gaaddisa fi qabbana bareedaa qabu keessa turuu fi aduu keessa turuu dhiisuun hedduu nu gargaara.
✍️IFTAR
👉Iftar irratti nyaata anniisaa gaarii qabuu fi fayya qabeessa ta'e soorachuu qabna.
👉Yeroo hedduu tamiirii ija sadii nyaachuun, akka fayyaattis hedduu gaarii kan ta'ee fi iftar irrattis kan sooratamuudha. Dabalataanis tamiiriin nyaata faayiberii heddu barbaachisu of keessaa qabuudha.
👉Kuduraalee fi muduraalee gahaa nyaata keenyatti dabalachuun viitaaminootaa fi dhangaalee (nutrients) addaa addaa argachuuf heddu nu gargaara.
👉Nyaata midhaanii (whole grain) akka qamadii, garbuu, ruuzii, boqolloo, xaafii fi kkf irraa hojjataman kan anniisaa guddaa fi faayiberii gaarii qaban iftar irratti soorachuun filatamaadha.
👉Foon (coomaa hin qabne), lukkuu fi qurxummii yoo argaman soorachuun qaamni keenya pirootina ga'aa akka argatu gargaara.
👉Nyaanni waarshaa keessatti oomishamanii golgamanii suuqota addaa addaa irratti gurguramanii fi sooratni sukkaara heddu of keessaa qaban hin gorfaman.
👉Soorata yoo soorannu akka humnaa ol nutti hin taanetti, daddafnee nyaannee of rakkisuu irra, suuta jennee yeroo dheeraa nyaachuutu filatama.
✍️SUHUUR
👉Nyaata salphaa ittiin sooma eegallu nyaachuun hedduu gorfama, keessumaa namoota umuriin heddu deeman, ijoollee soomuu filatan, dubartoota harma hoosisanii kan soomuu filatanii fi kkf niif hedduu barbaachisaadha.
👉Nyaata suhuuriif nyaatamu kana keessatti, kuduraalee fi muduraalee, nyaata kaarboohydratii qaban akka daabboo fi nyaata pirootina of keessaa qaban akka bu'aalee loonii, hanqaaquu fi avokaadoo dabaluun ni gorfama.
👌Walumaagalatti
👉Nyaata sukkaara hedduu of keessaa qaban erga iftar nyaannee booda nyaachuun hin gorfamu.
👉Nyaata cooma hedduu ofkeessaa qaban sooraachuu irraa of qusachuu ykn hedduu xiqqeessuu qabna.
👉Nyaata ashaboo hedduu of keessaa qabu soorachuu irraa ofqusachuu akkasumas ammoo nyaata yoo hojjannu ashaboo hedduu itti dabaluu dhiisuu qabna.
👉Nyaanni yoo garmalee guddisanii nyaatanii fi daddafanii nyaatan laphee gubaa fi miira namatti hin tolle hedduu waan namatti dhageessisuuf, suuta jennee haga nu ga'u qofa nyaachuudha.
👉Haga danda'ame bakka tokko taa'aa yeroo dheeraa turuu irraa ofqusachuu fi waan akka deemsaa (walk) yeroo yerootti baay'isuun fayyaaf ni gorfama.
====================================
Galatoomaa!
Horaa bulaa deebanaa!
Fayyaaf nagaa hin dhabinaa!
©Dr Abdi K Gada

Dhukkuba Sukkaara fi soomana!-----------------------------------------------Namni Dhukkuba kana qabu soomanuu ni danda'a...
20/02/2026

Dhukkuba Sukkaara fi soomana!
-----------------------------------------------
Namni Dhukkuba kana qabu soomanuu ni danda'aa?

Baatiin ramadaanaa baatii kabajamaa fi ulfaataa musliimota biratti iddoo olaanaa qabuudha. Innis baati itti namoota murtaa'aniin alatti (ijoollee umriin hin gahin, namoota umriin dullooman, namoota dhukkubsatan, namoota imalarra jiran, dubartii ulfaa fi harma luugsisan) soomanni dirqama itti tahe tahuusaatin namoonni dhukkuba sukkaaraa qaban soomanuu ni danda'u moo hin danda'an kan jedhu gaaffiin heddu ni kaati. Nama dhukkubsaterratti soomanni dirqama akka hin taane seeruma amantii keessatti kan ibsame tahus namoonni dhukkuba yeroo dheeraa kan akka dhukkuba sukkaaraa qaban hedduun soomuu filatu. Kanaaf haa soomu moo haa dhiisu kan jedhu murtee abbichaarratti hundaa'a. Garuu namni Dhukkuba kana qabu yoo soome maaltu isa mudachuu mala fi maal gochuu qaba kan jedhu dursanii ogeessa fayyaa waliin mari'achuun barbaachisaadha.

✍️Yeroo Soomanaa maaltu nama mudata?

Qaamni keenna, insuliinii dabalatee gargaarsa hormoonota garagaraatin nyaata nyaatnu kaan akka madda anniisaatti itti fayyadamee kaan booda itti fayyadamuuf ol-kaawata. Osoo hin nyaatin yeroo dheeraaf (sa'aatii 8fi sanaa ol) yoo turre hammi sukkaara dhiiga keessaa waan gadi bu'uuf qaamni keenya sukkara(gilukoosii) dhiiga keenya keessaa gahaa godhee tursiisuuf soorata qaama keessa kuufamee jiru diiguun gara gilukoosiitti jijjiiruu eegala. Kuni adeemsa fayya qabeessa kan qaamni keenna hamma sukkaara dhiiga keessaa ittiin toohatu dha. Namoota dhukkuba sukkaaraa qaban irratti adeemsi kun sirnaan hin dalagu waan taheef sukkaarri nyaatarraa argame garmalee olka'ee dhiiga keessa akka hin turre qaamni akka itti fayyadamu gochuuf dawaa fayyadamuun dirqama. Haa ta'u malee hammi sukkaara dhiiga keessaa dawaadhan to'atamu kun kan barbaadamuu ol gadi bu'uu danda'a yeroo soomanaa carraan rakkoo garagaraatif saaxilamuu isaanii ol'aanaadha.

✓Namootni kunneen keessumattuu kanneen qoricha(kiniinii tokko tokkoo ykn insuliinii) fudhachaa jiran carraan rakkoo garmalee gad-bu'uu sukkaaraatiif(hypoglycemia)saaxilamuu qaban guddaadha. Kun immoo naannoo sa'aatii dheeraa Soomanitti(guyyaan dheeraa)daran hammaata.
✓Gad-bu'uun bishaan/dhangala'aan qaama keenya keessa jiruutis(Dehydration) rakkoo lammaffaa namoota kana mudatuudha.
✓Rakkoon inni biraa namoota kana mudatu sababa haalaan nyaachuu sa'aa furaa fi suhurii jidduu irraa kan ka'e haalaan dabaluu sukkaraati

✍️Namni Dhukkuba sukkaraa qabu yoo soomuu filate maal gochuu qaba?

Namni Dhukkuba sukkaraa qabu soomanuun irratti dirqamaa miti. Garuu soomanuuf murteessuun filannoo abbaa kan gorsa ogeessaa waliin tahe tahuu qaba.
Namootni kunniin soomanuu waliin wal-qabatee carraa rakkoo isaan mudatuu dandahurratti hundaayee bakka saditti qoodamu:
👉Warra Saaxilamummaa guddaa qaban(high risk)
Warra carraan rakkoo garagaraatif saaxilamuu isaanii ol'aanaa taheefi akka hin soomanne gorfaman yoo ta'u isaan kunis:-

✓Kanneen Dhukkuba sukkaraa gosa 1 (Type1DM) qaban
✓Warra Insuliinii guyyatti yeroo lamaa waraannatan
✓Kanneen sukkarri to'annaa jala hin oolin yoo ta'e (Poorly controlled)
✓Sukkarri isaanii ammaa amma kan gad bu'u(frequent hypoglycemia) yoo ta'e
✓Ji'a jahan darbe keessa sababa haalaan ol ka'uu/gad-bu'uu sukkaaraatiif hospitaala yoo ciisan
✓Amala sukkaarri yoo gad-bu'uu mallattoo gad bu'uu hin agarsiifne qaba yoo ta'e(hypoglycemia unawareness)- dafnee beeknee sirreessuu waan hin dabdeenyeef
✓Yoo rakkoo kalee,tiruu, onneefi rakkoo qaroo ijaa qabaate
✓Yoo dhukkuboota yeroo gabaabaa(acute illness), kan akka infekshinii madaa miilaa (diabetic foot ulcer)qabaate
✓Yoo ulfa taate

👉Warra Saaxilamummaa giddu-galeessa qaban (Moderate risk)

Warreen kun Carraan rakkoo garagaraatif saaxilamuu isaanii giddugaleessaa ta'us yoo waliigalte ogeessaatiin taate malee osoo soomuu baatanii irra filatamaadha. Isaan Kunis:-

✓Kan to'annaan sukkaraa giddu-gala taheefi rakkoolee gurguddoo dhukkuba sukkaraatiin dhufan yoo hin qabaanne.
✓Yoo sukkarri kiniinii akka ‘gliclazide'tiin sirriitti to'annaa jala kan oole ta'e.

👉Kanneen Carraa gad-aanaa qabaniidha (low risk)

Low risk warri qaban gorsa waliin soomanuu danda'u. Isaanis:-

✓Nyaataan to'annaa jala kan oole yoo tahe.
✓Qorichoota akka metformin, Sitaglipin, linagliptin,pioglitazone, Dapagliflozine tiin sirriitti to'achuun kan danda'ame yoo ta'e

✍️Qoricha sukkaraa itti fufuun qabaa? -Eyyeen, Qorichootni garmalee gad-bu'uu sukkaraa yoo fidan hammaa (dose)fi yeroo isaarratti jijjiiramni godhamuu mala malee qorichi hin dhaabbatu

✍️Walumaa galatti yeroo soomanaa rakkooleen dhukkubsataa sukkaaraa irra gahuu danda'an:
👉Garmalee gad-bu'uu sukkaraa (hypoglycemia)
👉Sukkarri gar-malee ol ka'uu (hyperglycemia)fi
👉Bishaan qaamaa gad-bu'uu(dehydration) dha.
📝Hub:-
📌Keessumattuu naannoo sa'aan soomanaa dheeraa (guyyaan halkanirra dheeraa)tahetti carraan gad-bu'uu sukkaraafi bishaan qaamaatiif saaxilamuu ni dabala.
📌Naannoo haalli qilleensaa ho'aa ta'etti immoo carraan gad-bu'uu bishaan(dehydration)qaama keenyaatiif saaxilamuu ni dabala.
📌Bishaan qaama keenyaa gad-bu'uufi haalaan nyaachuun sa'aa furaa irraa hanga suhurii gar malee sukkara ol kaasuu danda'a.
✍️Hypoglycemia(garmalee gad-bu'uu sukkaraa) yoo

Waayee Tiruu fi dhibee Tiruu hammam beektu?
22/01/2026

Waayee Tiruu fi dhibee Tiruu hammam beektu?

IFA ADUU FAYYAA KEENYAAF  ✓ Vaayitaamin D oomishuuf:-  Ifti aduu oomisha vaayitaamin D dabaluuf gargaara. Vaayitaamin D ...
09/01/2026

IFA ADUU FAYYAA KEENYAAF

✓ Vaayitaamin D oomishuuf:- Ifti aduu oomisha vaayitaamin D dabaluuf gargaara. Vaayitaamin D n ammoo guddinaafi jabina lafeef gargaara.

✓ Miira gammachuuf: Oomisha Serotonin qaamaa dabaluun mukuu (depression) ittisa.

✓ Hirriba gaariif:- Sirna hirribaa sirreessa. Guyyaa dammaqiinaan akka oollufi, galgala hirriba gaarii akka argannu gargaara.

✓ Fayyaa onneef: Dhiibbaa dhiigaa hir’isee fayyaa onnee eeguuf nu gargaara.

✓ Fayyaa sammuuf:- Xiyyeeffannoofi dammaqiinsa dabaluun fayyaa Sammuu eeguuf gargaara.

✓ Sirna ittisa dhukkubaa (Madinummaa) qaamaa cimsa.

Hub: Guyyaatti daqiiqaa 15-30 Caama ganamaa fayyadamuun faayidaa asii olii kana argamsiisa. Akkasumas Aduun guyyaa bahu Gogaa keenya waan miidhuf Aduu ganamaa fayyadamuun gaaridha. Keessumaayyuu daa'immaniif!

© Oromia Health Bureau Biiroo Fayyaa Oromiyaa
Galatoomaa
Horaa Bulaa Deebanaa
Fayyaaf Nagaa hin dhabina
Dr Abdi K Gada

Dhukkubbii Koomee fi faana miilaa (plantar fascitis)★★★★★★★★★★★★★★★★★★★★★Koomee fi faanti miilaa qindoomina walxaxaa laf...
30/12/2025

Dhukkubbii Koomee fi faana miilaa (plantar fascitis)
★★★★★★★★★★★★★★★★★★★★★
Koomee fi faanti miilaa qindoomina walxaxaa lafee, maashaalee, hidda -maashaa (tendons ) fi hidda -lafee (ligaments) irraa ijaaramee qaamni keenna madaala isaa eeggatee akka deemuu fi dhaabbatuuf tajaajila. Koomeen irra guddaa ulfaatina qaamaa baachuun gahee hojii faana miilaa keessatti shoora olaanaa taphata. Gurmiin tishuulee walqabsiistuu lafee koomee irraa hanga qubbiin miilaa diriirfamee jiru miilli dhiibbaa ulfaatina baatun dhufu dandamachuu akka danda'u gochuu keessatti caasaa miilaa murteessaa ta'eedha. Irra deddeebi'uun garmalee harkifamuu/dhifamuu fi xurrifamuun tishuulee kanaa dhukkubbii koomee fi faana miilaa kan 'plantar fascitis' jedhamuuf nama saaxilu yoo ta'u innis dhukkubbii naannoo kanatti uumamuuf sababii hedduminaan beekkamu keessaa isa tokko.

Dhukkubbii kana maaltu fida?
------------------------
Wantoonni haala kanaaf nama saaxiluun beekkamoo ta'an.
✓ Sochii qaamaa garmalee harkifamuu tishuulee kanaa heddummeessan. Fiigicha, daansii, yeroo dheeraaf dhaabbachuu.
✓ Ulfaatina qaamaa (Furdina) garmalee qabaachuu.
✓ Kophee qixa sirrii daba faana miilaatin miila hin utubne kaawwachuu.
✓ Faana miilaa uumamaan battee/baxxee (flat foot) ta'e ykn garmalee goobba (high arch) tahe qabaachuu .
✓ Haala deemsaa sirrii hin taane qabaachuu.

Mallattooleen isaa maal fakkaatu?
------------------------
✓ Dhukkubbii koomee fi faana miilaa keessatti namatti dhagahamu kan akkuma miilan deemuu eegalluun jalqabu (ganama yeroo hirribaa ka'an, teessuma yeroo dheeraa booda deemsaf yoo ka'an) yoo ta'u akkuma deemsa itti fufaniin hir'achaa dhufus deemsi dheerannaan gama boodaatti hammaachaa dhufa.
✓ Dhukkubbiin kun yeroo gara yerootti dabalaa fi hammaachaa kan deemuu fi miila duwwaa deemun kan hammaatu yoo ta'u dabalataanis laalaa (miira dhukkubbii yoo tuqan jiraatu) ni qabaata.
✓ Yoo garmalee cimaa fi hammaataa ta'e taa'umsa yeroo dheeraa keessattis mul'achuu danda'a.
✓ Namoonni rakkoo kana himatan osoo dhukkubbiin kun itti hin mul'atin dura jijjiirama haala garagaraa fiduu isaanii ragaa bahu. Fkn, sochii akka fiigichaa, miilan deemuu, daansii fi kkf heddummeessuu ykn haala sochii itti godhan [ iddoo itti hojjatan, gosa kophee jijjiiruu, miila duwwaa gochuu] jijjiiruu.

Wal'aansi isaa maali?
------------------------
✓ Dhukkubbiin kun turtii yeroo booda ofuma isaatin kan fayyaa deemu waan ta'eef
- Qoricha dandamachiistuu dhukkubbii fudhachuun.
- Boqonnaa gochuun ykn haala sochii jijjiirun.
- Daqiiqaa 15-20 Cabbii irratti qabuun.
- Gosa kophee fi meeshaalee rakkoo kanaaf hojjataman fayyadamuun.
- Fiiziyooteraappii- Yaala sukkuummii fi sochii qaamaa ogeessan deeggarame.

✓ Dhukkubbiin mala yaalaa olitti tuqame kanniinin wayyaa'uu yoo dide ykn garmalee hammaatee haala sochii jireenyaa irratti dhiibbaa yoo uumee mala yaalaa ogeessa fayyaatin kennamuun wal'aanutu fala. Kunis qoricha kortikoo-isteerooyid jedhamu achuma koomerraa waraanuu, mala shockwave therapy jedhamu kan dambalii sagalee hollannaa uumuun sukkuumuu, fi yaala baqaqsanii wal'aanuti. Yaaliin kunniin ogeessa yaala baqaqsanii yaaluu lafeetin kan kennamuudha.

Ofirraa ittisuuf maaltu godhama?
------------------------
✓ Kophee gita sirrii boca faana miilaatin miila utubuu kaawwachuu.
✓ Ulfaatina qaamaa sirrii tahe qabaachuu.
✓ Sochii qaamaa yoo hojjatan xiqqarraa eegalanii suuta suutan dabalaa deemuu.
✓ Sochii qaamaa duraa fi booda sochii qaama diddiriirsu (stretching exercises) hojjachuun qaama hoo'isuu fi qabbaneessuu.
★★★★★★★★★★★★★★★★
|••
|••••
|••••••
Galatoomaa!
Horaa Bulaa Deebanaa!
Fayyaaf Nagaa hin dhabinaa!
© Dr Abdi K Gada

Ifa garmalee ifu keessa rafuun carraa dhukkuba onnee godhachuu akka dabalu beektuu?Qorannoon dhiheenya godhame akka jedh...
29/12/2025

Ifa garmalee ifu keessa rafuun carraa dhukkuba onnee godhachuu akka dabalu beektuu?

Qorannoon dhiheenya godhame akka jedhutti ija cufanneetis maaf hin taane halkan halkan ifa garmalee ifuuf saaxilamuun ergaa sobaa yeroon guyyaadha jedhu sammuutti ergee hirriba nama dhoorkuu qofa osoo hin taane fayyaa onnee irrattis dhiibbaa uumuu akka danda'u mirkaneessa.

Qorattoonni kun akka jedhanitti ifni halkanii garmalee ifu sammuu keenna dammaqaa fi si'aawaa tahee akka turu yoo godhu keessattuu kutaan sammuu dhiphinaa fi yaaddoo toohatu daran si'aawaa akka tahu taasisa. Haaluma kanaan keemikaalotni, hormoonii fi daddabarri dhaamsa narvaawaa kutaa sammuu kanaan gadi dhiifamu keessoo hidda dhiigaa belbeluun turtii yeroo dheeraa booda ujummooleen hidda dhiigaa jajjabaachuun, dhiphachuu fi cufamuun dhiigni oksijiinii fi nyaata akka barbaachisutti seelota biraan gahuu hanqachaa deema. Kunis dhiibbaa dhiigaa olka'aa, dhukkuba onnee tasaa, istrookii fi kkf nama saaxila.

Gabaasni xiinxala qorannoo kanaa akka ragaa bahetti sababoota biroo kan akka waca sagalee, haala jireenyaa fi wantoota dhukkuba onneef nama saxilan kanneen birootin maleetti ifaan qofti waggaa shanii hanga kudhanii keessatti carraa dhukkuboota kanaan qabamuu harka 22 - 35% tin dabala.

Walumaagalatti wanti asirraa hubachuun danda'amu ifa keessa rafuun kallattiidhaan dhukkuba onnee namatti fida jechuun haa mirkanaayuu baatu malee iddoo hirribaa keenna dukkaneessuun akkasumas ibsaa manaa garmalee hin ifne fayyadamuun, hirriba dura ifa bilbila harkaa, koompiyutaraa, TV fi kkf xiqqeessuun fayyummaa onnee tiksuu akka dandeennuudha.

Madda: Research Paper 📄
DOI: 10.1161/HCQ.0000000000000139
=============================================
|•
|•••
|•••••
Galatoomaa!
Horaa Bulaa deebanaa!
© Dr Abdi K Gada

Address

Harar

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Abdi K Gada posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr Abdi K Gada:

Share

Category