Abbaa biyyaa

Abbaa biyyaa Preventions of diseases is better than treatment

Peptic Ulcer Disease (PUD) __ Dhibee GaraachaaDhibeen kun naannoo kanatti "Gaastirik" , jedhaniin. Garuu hiikkaan kallat...
21/08/2026

Peptic Ulcer Disease (PUD) __ Dhibee Garaachaa
Dhibeen kun naannoo kanatti "Gaastirik" , jedhaniin. Garuu hiikkaan kallattii afaan oromootti ulfaataa tahuus "Madaa'uu garaachaa" yo jenne wayya na fakkaaatta
MAALIRRAA NAMA QABA?
Garaachi keenya miidhaa walirraa hin cinne ; kan keessaa (HCl- asiidii cimaa garaacha keessa jiru, inzaaymoota nyaata
daakuuf gargaaran fi hadhooftuu/bile) fi
Wantoota alaa seenan ( baakteeriyaa, qorichoota adda addaa, dhugaatii alkoolii fi kkf) kan saaxilameedha.
Miidhaa kanneen hunda dandamachuuf uumamaan wantoonni gargaaran/Defence mechanism/ hedduutu jiru. Yeroo tokko
tokkoo haalonni kunniin sababa gara garaatiin garaacha keenya midhaa irraa ittisuu dadhabuun garaachi keenya
madaa'uu danda'a.
Madaa'uun/Ulcer kun yoo > 5mm caale "PUD" jedhama.
PUD - Maalirraa nama qaba?
1 .Baakteeriyaa - kan H.Pylori jedhamu
2 .Qorichoota dhukkubbii kennamanan kan NSAIDs jedhaman
(fkn Aspirin, diclofenac, ibuprofen, naproxen.......)
olitti ibsaman kun dhibee kana fiduudhaan wal duraa duubaan sadarkaa duraarratti argamu.
Sababoota biroo kan PUD fiduu danda'an
3 COPD/rakkoo sirna hargansuu
4 CKD/rakkoo kalee
5 Sigaaraa aarsuu.
6 Umriin dabaluu
7 CHD/rakkoo onnee
8 Alcohol dhuguu
9 Obesity
10 Dhukkuba sukkaraa
11 Gosa dhiigaa/Blood group O.......Kkf
nyaataa ifiin dhibee kana fiduu hin jiru. Garuu, nyaanni mi'eessittuun itti baayyate, dhugaatiin lallaafaan, bunnii..kkf;
Asiidii dabaluun, nama dhibee kana qabutti dhukkubbii dhageessisuu malu.
dhibee kanaa - .....
》Nyaannii namarraa dalaguu diduu/dyspepsia
》Dhukkubbii garaa/gubaa garaa kan gara oliitti namatti dhagahamu fi nyaatanii ergaa turan fkn halkan erga rafan kan
namatti dhagahamu/hunger pain. Namni tokko tokkoo iddoo madaa'e irratti hundaa'uun yeroo nyaatan dhukkubbiin itti
dhagahamu mala.
namoota mallattoole kana qaban kan qorannaan Endoscopy godhamuuf kessaa kan paarsantii 30% hin geenyeetu PUD qaba. Warreen hafan " Functional Dyspepsia" ykh "Non Ulcer Dyspepsia (NUD)" kan qabaniidha. Inni kun maal irraa akka dhufu beekkamuu baatuus, dhiphachuun/depression/ fi rakkoon sammuu biroo, waliin walqabata.
H.pylori illeen sababa tahuu mala.
Yeroo tokko tokko dhibeen kun hammaachuun/complication/uumamuu danda'an: fkn
1 -DHIIGA ol dachaasuu/ haqqisiisuu
2 -Perforation/urachuu garaachaa-dhukubbii hamaan wal irraa hin cinne namatti dhagahama, batalumatti nama
galaafachuu kan dandahuu fii baqaqsanii yaaluu barbaada
3 -Gastric outlet obstruction - kun sababa irra deddeebi'ee madaa'uu fi scar/godaannisni uumamuun nyaanni akka
garaacha bira gad hin dabarre karaan cufamuu agarsiisa, yeroo kana nyaata hin daakamin ol nama deebisiisa. Kuniis
baqaqsanii yaaluu barbaada.
4 - kaansarii Garaachaa. ......Madaan garaachaa ykn H.pylori mataansaa kanaaf sababa tahuu danda'u.
Wallaansa PUD waliti deebin
hin dhabinaa
faaya
Dr. Aliyi Ahmed (ispecialist keessoo, Internal medicine)

16/08/2026

Oromoon biyya bulchuu hinbeeytu jechuun sun dhugaadha. Dargaggeessi akka itti bobbahee galu wallaale boo

15/08/2026
12/08/2026

Namicha Faannoo fi goobana faarseetu biyya bulchaa jira. Inni Oromoo dha beekhi

11/08/2026

Saamichaaf haala mijjeeffachuu malee dangaa biyyaa eeguu hin daneenye mootummaan naannoo oromiyaa

08/08/2026

Angoo fira isaanitiin barbaaddan Rayyaa ittisa biyya immoo ilmaan hiyyeessatin barbaadan😪😪

08/08/2026

Oromoo akka fedhinitti ajjeessa, gibira waggatti yeroo sadi kalfalchiisa, humnaan waraana oofa saamaati bilisoomte jeankolkolow

Address

Harar_Addis Ababa
Harar

Telephone

+251915662070

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abbaa biyyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share