Dr Abdulkarim

Dr Abdulkarim Certified medical doctor working in hiwot fana hospital

From day one to year three—orthopaedics journey together.
26/04/2026

From day one to year three—orthopaedics journey together.

15/02/2026

Yoo Elon Musk Starlink nuu hin fidne, interneetii fayadamuurraa fagaatuuf deemna....😏ethio telecom

yaalutti jirra..lubbuun jirachuuf!
02/02/2026

yaalutti jirra..lubbuun jirachuuf!

NIPAH VIRUS===========Dhukkubni vaayirasii Niiphaa naannoo lixaa Bengal, biyya Hindii keessatti akka babal’ate mirkanaa’...
28/01/2026

NIPAH VIRUS
===========

Dhukkubni vaayirasii Niiphaa naannoo lixaa Bengal, biyya Hindii keessatti akka babal’ate mirkanaa’eera. Dhukkubni kun balaa guddaa qaba, namoota qabaman keessaa hedduun du’uu danda’u.

Akka dhaabbata CDC jedhutti, dhukkubni Niiphaa namoota qabaman keessaa dhibbeentaa 40% hanga 70% du’aaf saaxila. Hanga ammaatti qorichi yookaan talaalliin dhukkuba kana ittisu hin jiru.

Kun wantoota vaayirasii kanaarra beekamuu qabanidha.

Vaayirasiin Niiphaa bineensota irraa gara namaatti darbu danda’a. Fakkeenyaaf, sinbirro midhaani (fruit bats) fi boyyee (pigs) irraa gara namaatti daddarba. Akkasumas, nyaata faalameen namoota gidduutti dadarbuu danda’a.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) vaayirasii Niiphaa dhukkuboota balaa guddaa addunyaa uuman keessaa isa tokko jechuun beeksisa taasiseera.
Kunis, vaayirasoota akka Covid-19 fi Zika waliin, weerara dhukkubaa (epidemic) uumu waan danda’uuf jecha.

Yeroon dhukkubni itti of mul’isu (incubation period) guyyaa 4 hanga 14 gidduutti ta’a.
Namoonni vaayirasii kana qabatan mallattoolee adda addaa agarsiisuu danda’u; nammotan muraasa keessatti immoo mallattoon hin mul’atu ta’uu danda’a.
Mallattooleen jalqabaa akka:
◇ ho’aa qaamaa (fever),
◇ mataa dhukkubbii,
◇ Dhukkubi mashaalee nafa keenya
◇ Qooqifachu/deebisisuu (vomiting),
◇ Dhukku qoonqo faa dha

Namoota muraasa keessatti, kana booda:
◇ hirriba cimaa(drowsiness)
◇ Of wallaalu(altered consciousness)
◇ Dhukkuba somba(pneumonia)
dhufuu danda’a.
Haala ulfaataa keessatti, dhukkubni sammuu (encephalitis) ni uumama; kunis yeroo muraasa keessatti du’aaf geessuu danda’a.
Hanga ammaatti, qorichi yookaan talaalliin dhukkuba kana fayyisuuf mirkanaa’e hin jiru.

Odeeffannoo fayyaa ariifachiisaa argachuudhaaf pagii koo kana Like, Share fi Follow gochuu hin dagatina!

 : Ogeeyyiin fayyaa guutuu naannoo   keessa jiran kaffaltii hojii dabalataa (overtime) sirna tokkoon akka shallagamu, ak...
28/01/2026

: Ogeeyyiin fayyaa guutuu naannoo keessa jiran kaffaltii hojii dabalataa (overtime) sirna tokkoon akka shallagamu, akkasumas fooyya’iinsa mindaa haaraa irratti hundaa’u akka ta’u gaafachaa jiru.

Ogeeyyiin fayyaa naannoo Oromiyaa guutuu keessa jiran, kaffaltiin hojii dabalataa fooyya’iinsa mindaa dhiyeenya kana taasifame irratti hundaa’uun akka shallagamu mootummaa naannoo gaafachaa jiru.
Kunis qajeelfama mootummaa federaalaa kaffaltii oggeessota fayyaa biyyaalessa sirna tokkoon diriirsuuf baase waliin walsimuudha.

Ogeessi fayyaa tokko Hospitaala Waliigalaa irraa Addis Standard’tti akka himetti, gaaffiin isaanii qajeelfama biyyaalessaa hojii dabalataa (duty) shallaguuf mindaa fooyya’e irratti hundaa’e hojiirra oolchuudha qofa.

“Fooyya’iinsa mindaa haaraa kaffaluuf bajanni hin jiru jedhamee nutti himame. Mindaa fooyya’e irratti hundaa’uun kaffaltii hojii dabalataa ji’a lamaaf arganne, sana booda garuu kaffaltiin sun dhaabbate,” jedhe ogeessi fayyaa sun.

Komii ogeeyyii fayyaa irraa ka’e irratti deebii kennuudhaan, Piroofeesar Natsaneet Workneh, Itti Gaafatamtu Biiroo Fayyaa Oromiyaa, murtiin sun sadarkaa naannoo irratti kan fudhatame ta’uu himuun, ibsa dabalataa kennuu didaniiru.

Ogeeyyiin fayyaa kaffaltii hojii dabalataa fooyya’e argachuuf mirga akka qaban fudhachuun beekamuu isaa himanii, garuu…

oduu Kana kan gabaase addisstandard.com dha
Caalaatti dubbisuuf: https://addisstandard.com/?p=54819

17/01/2026

577 likes, 83 comments. Check out Dr Belayneh Leta’s video.

RIP😢Artist Netsanet Werkine
16/01/2026

RIP😢
Artist Netsanet Werkine

13/01/2026

Big shout out to my newest top fans! Abdee Rashid Rashid

29/12/2025
🔴 Dhiibbaa Dhiigaa🩺 Dhiibbaa dhiigaa olaanaa mallattoo tokko malee onnee, sammuu fi kalee miidhuu danda’a.---✅ Of Eeggan...
08/08/2025

🔴 Dhiibbaa Dhiigaa

🩺 Dhiibbaa dhiigaa olaanaa mallattoo tokko malee onnee, sammuu fi kalee miidhuu danda’a.

---

✅ Of Eeggannoo Gochuuf:

🧂 Soogidda hir’isi

🚶‍♂️ Sochii qaamaa yeroo hunda gochuu yaali

🥦 kuduraa muduraafi garbuu nyaadhu

🚭 dhugaati alkoolii qabu irraa fagaadhu

😌 Yaaddoo fi dhiphina hir’isi

📏 Dhiibbaa dhiigaa kee yeroo hunda safaruu hin dagatin

---

📌 Yaadadhu:

Dhiibbaa dhiigaa safaruun lubbuu oolchuu danda’a.
Mallattoo yoo hin qabne illee miidhaa fidaa!

---

🟥 Qoodii, namoota si jaal’atan haa gargaartu. ❤️

Fayyaa hin dhabinaa!
(MD, Ortho and Trauma resident)

Address

Hiwot Fana Specialised University Hospital
Harer

Telephone

+251929387644

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Abdulkarim posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr Abdulkarim:

Share

Category