28/01/2026
NIPAH VIRUS
===========
Dhukkubni vaayirasii Niiphaa naannoo lixaa Bengal, biyya Hindii keessatti akka babal’ate mirkanaa’eera. Dhukkubni kun balaa guddaa qaba, namoota qabaman keessaa hedduun du’uu danda’u.
Akka dhaabbata CDC jedhutti, dhukkubni Niiphaa namoota qabaman keessaa dhibbeentaa 40% hanga 70% du’aaf saaxila. Hanga ammaatti qorichi yookaan talaalliin dhukkuba kana ittisu hin jiru.
Kun wantoota vaayirasii kanaarra beekamuu qabanidha.
Vaayirasiin Niiphaa bineensota irraa gara namaatti darbu danda’a. Fakkeenyaaf, sinbirro midhaani (fruit bats) fi boyyee (pigs) irraa gara namaatti daddarba. Akkasumas, nyaata faalameen namoota gidduutti dadarbuu danda’a.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) vaayirasii Niiphaa dhukkuboota balaa guddaa addunyaa uuman keessaa isa tokko jechuun beeksisa taasiseera.
Kunis, vaayirasoota akka Covid-19 fi Zika waliin, weerara dhukkubaa (epidemic) uumu waan danda’uuf jecha.
Yeroon dhukkubni itti of mul’isu (incubation period) guyyaa 4 hanga 14 gidduutti ta’a.
Namoonni vaayirasii kana qabatan mallattoolee adda addaa agarsiisuu danda’u; nammotan muraasa keessatti immoo mallattoon hin mul’atu ta’uu danda’a.
Mallattooleen jalqabaa akka:
◇ ho’aa qaamaa (fever),
◇ mataa dhukkubbii,
◇ Dhukkubi mashaalee nafa keenya
◇ Qooqifachu/deebisisuu (vomiting),
◇ Dhukku qoonqo faa dha
Namoota muraasa keessatti, kana booda:
◇ hirriba cimaa(drowsiness)
◇ Of wallaalu(altered consciousness)
◇ Dhukkuba somba(pneumonia)
dhufuu danda’a.
Haala ulfaataa keessatti, dhukkubni sammuu (encephalitis) ni uumama; kunis yeroo muraasa keessatti du’aaf geessuu danda’a.
Hanga ammaatti, qorichi yookaan talaalliin dhukkuba kana fayyisuuf mirkanaa’e hin jiru.
Odeeffannoo fayyaa ariifachiisaa argachuudhaaf pagii koo kana Like, Share fi Follow gochuu hin dagatina!