Dr . Ibse Bariso

Dr . Ibse Bariso Medical Doctor ( GP)

05/06/2026

🍎 FAAYIDAA APILII (Apple) 🍎

1️⃣ Dhibee kaanserii garaagaraa, akka kaanserii mar’immanii, tiruu fi harmaatti saaxilamuu irraa hir’isuuf ni gargaara.

2️⃣ Dhiibbaa dhiigaa (Hypertension) to’achuuf ni fayyada.

3️⃣ Carraa sammuun keessatti dhiiguun ykn ujummoon dhiigaa sammuutti geessu cufamuun (Stroke) uumamu ni xiqqeessa.

4️⃣ Fayyaa lafee cimsuuf ni gargaara.

5️⃣ Yeroo dullumaa keessatti yaadannoo fi hojii sammuu eegsisuuf ni fayyada.

6️⃣ Kolestroolii hamaa (LDL) qaama keessaa hir’isa.

7️⃣ Fayyaa onnee keenyaaf baay’ee gaariidha.

8️⃣ Dandeettii qaamni keenya dhibee irraa of ittisu (immunity) ni dabala.

9️⃣ Namoota dhibee asmii qaban keessatti mallattoolee dhibichaa hir’isuuf ni gargaara.

🔟 Qulqullinaa fi fayyaa ilkaan keenyaaf ni fayyada.

1️⃣1️⃣ Carraa dhibee sukkaraa (Diabetes) qabamuu ni hir’isa.

1️⃣2️⃣ Furdina qaamaa garmalee (Obesity) irraa ittisuuf ni gargaara.

1️⃣3️⃣ Gogaa keenya akka miidhaguu fi fayyaa qabaatu ni taasisa.

1️⃣4️⃣ Fayyaa ijaa eegsisuuf ni gargaara.

1️⃣5️⃣ Rakkoolee garaa akka gogiinsa garaa, baasaa fi hanqina dheefuu fooyyessuuf ni fayyada.

1️⃣6️⃣ Fedhii nyaataa ni dabala.

1️⃣8️⃣ Sababa faayibarii, vitaaminii fi antioksidaantii hedduu of keessaa qabuuf fayyaa waliigalaa qaamaa ni fooyyeessa.

🍏 Guyyaatti appilii tokko nyaachuun fayyaa keenyaaf bu’aa guddaa qaba.

🍎 FAAYIDAA APILII (Apple) 🍎

1️⃣ Dhibee kaanserii garaagaraa, akka kaanserii mar’immanii, tiruu fi harmaatti saaxilamuu irraa hir’isuuf ni gargaara.

2️⃣ Dhiibbaa dhiigaa (Hypertension) to’achuuf ni fayyada.

3️⃣ Carraa sammuun keessatti dhiiguun ykn ujummoon dhiigaa sammuutti geessu cufamuun (Stroke) uumamu ni xiqqeessa.

4️⃣ Fayyaa lafee cimsuuf ni gargaara.

5️⃣ Yeroo dullumaa keessatti yaadannoo fi hojii sammuu eegsisuuf ni fayyada.

6️⃣ Kolestroolii hamaa (LDL) qaama keessaa hir’isa.

7️⃣ Fayyaa onnee keenyaaf baay’ee gaariidha.

8️⃣ Dandeettii qaamni keenya dhibee irraa of ittisu (immunity) ni dabala.

9️⃣ Namoota dhibee asmii qaban keessatti mallattoolee dhibichaa hir’isuuf ni gargaara.

🔟 Qulqullinaa fi fayyaa ilkaan keenyaaf ni fayyada.

1️⃣1️⃣ Carraa dhibee sukkaraa (Diabetes) qabamuu ni hir’isa.

1️⃣2️⃣ Furdina qaamaa garmalee (Obesity) irraa ittisuuf ni gargaara.

1️⃣3️⃣ Gogaa keenya akka miidhaguu fi fayyaa qabaatu ni taasisa.

1️⃣4️⃣ Fayyaa ijaa eegsisuuf ni gargaara.

1️⃣5️⃣ Rakkoolee garaa akka gogiinsa garaa, baasaa fi hanqina dheefuu fooyyessuuf ni fayyada.

1️⃣6️⃣ Fedhii nyaataa ni dabala.

1️⃣8️⃣ Sababa faayibarii, vitaaminii fi antioksidaantii hedduu of keessaa qabuuf fayyaa waliigalaa qaamaa ni fooyyeessa.

🍏 Guyyaatti appilii tokko nyaachuun fayyaa keenyaaf bu’aa guddaa qaba.

Nyaata Ijoollee woggaa tokkoo gadiif hin eeyyamamne : -    1. Damma   2. Aannan Loonii : - itittuun garuu ni eeyyamama ....
13/05/2026

Nyaata Ijoollee woggaa tokkoo gadiif hin eeyyamamne : -
1. Damma
2. Aannan Loonii : - itittuun garuu ni eeyyamama .
3. Sukkaaraa fi Soogidda
4. Waan mi'aawaatii fi waan saamsamaa (waan ashagamaa warshaa bahe).

07/05/2026

አዲስ የወለድሺውን ልጅ ገላውን አትጠቢዉ::

ጥያቄ: አዲስ የወለድኩትን ልጅ መቼ ማጠብ ልጀምር?

✅️መልስ: ከተወለደ 24 ሰዓት ሲሞላው
ምክንያት:- የሰውነቱን ሙቀት ለመጠበቅ ይረዳዋል::

🟢vernix caseosa (አዲስ የተወለደ ህፃን ቆዳ ላይ የሚገኝ ነጭ ለስላሳ ሽፋን) ሳይለቅ አንዲቆይ ይረዳል::

🟢አንቺም ቢሆን 24ሰዓት ሳይሞላዉ ለማስለቀቅ አትሞክሪ::

ጥያቄ : መቼ መቼ ልጄን ልጠብ?

✅️መልስ: አንድ ቀን እያለፍሽ እጠቢ
ምክንያት: ቶሎ ቶሎ ማጠብ የሚያመጣውን የቆዳ መድረቅ እና የቆዳን በሸታ የመከላከል አቅም ከመቀነስ ይከላከላል::

ጥያቄ : ልጄን እንዴት አድርጌ ልጠብ?

✅️መልስ: ልጅሽ እትብቱ አስኪወድቅ ድረስ sponge bath (በገላ ማጠቢያ ስፖንጅ/ምቹ ጨርቅ) ከወደቀ በኈላ ደሞ Tub bath(በገንዳ ዉስጥ) አድርገሽ እጠቢው::
🟢አንገቱን እና ጭንቅላቱን መደገፍ አትርሺ

ጥያቄ : ልጄን በምን ልጠበው?

✅️መልስ: በዉሃ ብቻ ማጠብ ብዙ ጊዜ በቂ ነው
🟢የልጅሽ ቆዳ ደረቅ ሚባለው አይነት ከሆነ ግን: ሸታ የሌለው እና ለልጅሽ ሚስማማውን ሳሙና (እንደቆዳው አይነት ስለሚለያይ) መርጠሽ ተጠቀ

19/08/2025

Gindoo Dhakoo ( Joro degif ) or Mumps
Gindoon dhakoo Vaayirasii Mumps Virus jedhamuun dhufa .
Mallattoon dhibee kanaa : -
- Yeroo baay'ee fuuldura (Jala) gurraa dhiitessuu fi dhukkubuu
- ijoollee tokko tokko irratti nafa hoo'isuu, midhattii iitessuu fi dhukkubuu , nyaata jibbisiisuu , dadhabsiisuu fi garaa dhukkubbii dha .
_ Dhibeen kun keessattuu Yeroo gannaa ijoolleerraa gara ijoolleetti darbuun beekama .
Yaala Dhibee kanaa : -
- Dhibeen kun namoota baay'ee irratti guyyaa 3_5 tti ifii isaatiin ni fayya. Yo fakkane haga torbaan tokkoo turee ifiinuu fayya. Hawaasi keenna yaala Dhibee kanaatiif dammaa fi mokkonniisa Yeroo itti dibanu dhagarra. Garuu dhibichi ati dammaa ykn mokkonniisa itti dibdeef fayye adoo hin taane Dhibee ifiinuu fayyu waan te'eef nami sun fayye. Garuu yoo Dhibeen itti cime Mana yaalaa dhaquu qabani. Qorichi Maastaagashaan miira dhukkubbii xiqqeessuu fi ho'a xiqqeesufa ni kennamaafi .

Faayidaa Altraasaawundii ( Sonography) Dubartiin ulfaa (garaachaa ) Maaliif Altiraasaawundii ka'uu qabdi ?1. Ulfi sun ga...
03/07/2025

Faayidaa Altraasaawundii ( Sonography)
Dubartiin ulfaa (garaachaa ) Maaliif Altiraasaawundii ka'uu qabdi ?
1. Ulfi sun gadaamessa keessa te'uu mirkaneessuuf. Qorannoon fincaanii ulfi jiraachuu mudhisa malee ji'a isaatii fi haala teessuma isaa hin muldhisu.
2. Ji'a ulfaa beekuuf
3. Ulfi fayya - qabeessa ta'uu beekuuf
Ulfi yeroo tokko tokko gadaamessaan alalle te'uu danda'a. Fayya dhabeessalle te'uu danda'a.
4. Haala teessuma daa'imaa beekuuf.
Kanaafuu dubartiin ulfa qabdu hundi yeroo hordoffii ulfaa godhattu Altiraasaawundiin ilaalamuu qabdi

22/06/2025
07/05/2025

Hanga danda’ametti daa’imman aannanis ta’e wanta biroo yeroo dhugan xuuxxoon osoo hin ta’iin siinii ykn burcuqqoon oso dhuganii filatama.
*Sababni isaas,kanneen xuuxxoon dhugan kanneen siinee/burcuqqoo...fi kkf fayyadamun dhugan irra carraa;-
-Dhibee garaa kaasaa godhacuu
-Dhibee infakshinii gurraa godhachuu
-Nyaatamuu ilkaanii
-Osoo dhuganii Fe’amuu fi kkf mudachuu(uumamuu) ni heddummata.

17/11/2024

YAALII DHIIBBAA DHIIGAA

YAALII QORICHAAN ALAA ( )
1. Ashaboo_hir'isuu: Nyaata soogidda/ashaboon itti baay'ate nyaachuun dhiibbaa dhiigaa fida. Namni tokko guyyaatti ashaboo fal'aana shaayii 1 (5 g of NaCl) fudhachuu qaba. Ittoon shiroo/barbaree qabutti ashaboo dabaluun hin barbaachisu.

2. Sosochii_qaamaa_taasisuu: Torbanitti guyyaa afuriif daqiiqaa 30, 30'f sochii qaamaa taasisuun dhiibbaa dhiigaa ni hir'isa. Sochiin taasifamuu, dafanii deemuu, fiiguu, wadaroo irra utaaluu, hojii humnaa hojjachuu, jiimii galuu fi kkf ta'uu mala.

3. Ulfaatina_hir'isuu: Ulfaatina dabaluun dhiibbaan dhiigaa akka dabalu taasisa waan ta'eef, ulfaatina gidduu galeessa qabaachuu barbaachisa.

4. Nyaata coomni fi waan mi'aawaan (sukkaarri) itti baay'atu nyaachuurraa of quusachuu fi muduraa fi kuduraa baay'isuu.

5. Alkoolii_dhuguu_dhiisuu. Alkoolii baay'isuun dhiibbaa dhiigaa fi dhukkuboota biroo hedduuf nama saaxila.

6. Sigaaraa xuuxuu, caatii qama'uu, buna baay'inaan dhuguu fa'a dhiisuu

7. Yeroo mara dhiphachuu fi aaruu ( ) hir'isu

*************************
YAALII QORICHAA ( )
💎Namni tokko dhiibbaa dhiigaa isaa irra deddeebi'uun ilaalamee >140/90 yoo ta'ee fi wantoota dhiibbaa dhiigaaf saaxilan (maatii keessa dhiibbaan dhiigaa jiraachuu, dhukkuba sukkaaraa qabaachuu, sigaaraa xuuxuu, maatii keessa namni dhukkaba onnee ykn waan hin beekamneen tasa du'u yoo jiraate qoricha ni jalqaba.

💎Dhiibbaan dhiigaa >140/90 ta'ee garuu wantoota saaxilan yoo hin qabaanne ji'a tokkoo hanga ji'a sadii yaalii qoricha malee hordoffiitu godhama. Ji'a sadii booda dhiibbaan dhiiga isaa >140/90 yoo ta'e qorichatu eegalama. Sanaa gadi yoo ta'e immoo ammas ji'a sadii booda beellamna.

💎Haala kanaan, namni dhiibbaa qabu yeroo yeroon mana yaalaa deemee gorsaa fi yaalii barbaachisaa ta'e fudhachuu qaba jechuudha.

💎Yeroo hordoffii mana yaalaatti taasiftan, ogeessi dhiibbaa dhiigaa keessan ilaale, yoo too'atame qoricha akka itti fuftan, yoo hin

Nyaata vitamin A qabanu.
30/10/2024

Nyaata vitamin A qabanu.

02/08/2024

Miidhaa daa’imman asiif achi raasuun(Shaking a baby) fidu!
…………………………
Yeroo hedduu daa’imman yeroo boo’an akka isaan callisaniif(dhiisaniif) daa’imman baachuun asiif achi sosochoosna. Darbee darbees yoo isaan boo’uu dhiisan miira aarii keessa galuun humnaan asiif achi raasuun ni jira. Akkasumas takka takka daa’imman haasofsiisuuf jecha fageenyaan asiif achi raasuu fi ol darbannee deebisnee qabuun ni jira. Gochaan akkasii kun sammuu daa’immanii (keessumaa kanneen waggaa lamaa gadii) irra rakkoo cimaa geessisuu mala................................
*Sababni isaas--umurii kanatti haala qaama isaanii biroo waliin yeroo madaalamu,mataan isaanii guddaa kan ta’ee fi mormi isaanii sirriitti kan hin jabaannedha. Mormi sirriitti hin jabaanne ammoo mataa guddaa sana osoo hin socho’iin akka raafamu dhorkuu waan hindandeenyeef mataan baay’ee socho’uu irraan kanka’e sammuu irra miidhaa salphaa hanga kan akka cituun sammuu keessatti dhiiguu ujummoo(hidda) dhiigaa fiduu mala. wanti kun ammoo takkaa uumamnaan miidhaa cimaa kan deebi’ee sirraa’uu/fayyuu hin dandeenye daa’imman irratti fiduu mala. Akkasumas yeroo asiif achi raasan kana mataa mucaa waatti buusuu danda'u.....................................
*Haa ta’uu malee wanti kun guutummaatti akka hin uumamne gochuun ni danda’a waan ta’eef,namni kamuu sababa kamiifiyyu daa’imman asiif achi raasuu hinqabu(never shake the baby).
*Boo’uun daa’immanii mallattoo itti wanta barbaadan namatti himatan keessaa tokko waan ta’eef ilaaluun sirreessuu(fkn- Irribni isaanii dhufee,beela’anii,daayiperiin akka jijjiiramuuf barbaadanii,baatamuu fedhanii fi kkf…).

*Karaa ittiin akka boo’icha dhiisan biroo barbaaduu(fkn-taa’anii baachuun sosochoosuu,fooxaan maruu,faaruu adda addaa faarsuu,haadha buddeenaa afaan kaa’uu fi kkf..).
*Daa’imni boo’uunis ta’e maatiin daa’ima guddisu yeroo daa’imni baay’inaan boo’uu miira aarii qabaachuunis kanuma ture,jiruu fi itti fufudha.kanaafuu sababa kamiifuu daa’imman asiif achi raasuun garuu dogoggora guddaa mi

Address

Kibre Mengist
BARISO

Telephone

+251912987036

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr . Ibse Bariso posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category