12/08/2026
Oduu Gammachiisaa Jiraattoota Godina Boorana Bahaa Hundaaf
🔰Tajaajjilli Baqaqsanii yaaluu Dhibee Moora Ijaa Bilisaan Hospitaala Walii Galaa Nageellee Booranaatti Hagayya 25-30/2018 Bifa Duulaatiin Kennamuufi.
🌎Yeroo ammaa akka Seektara Fayyaatti Fayyaa Ijaa irratti Xiyyeeffannaan Hojjatamaa jira. Kanuma Bu'uura Godhachuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa, Waajjirri Fayyaa Godina Boorana Bahaa fi Dhaabbanni Miti Mootummaa "The Fred Hollows Foundation" Jedhamu Namoota Moora Ijaa ykn Cataract rakkachaa jiranii Bilisaan Yaalii Baqaqsanii yaaluu gochuufi. Yaala kana kennuuf Jalqaba Aanaalee Godina Boorana Bahaa hunda keessatti Calalliin kuni Ogeeyyii Fayyaatiin kan godhamu Yoo tahu; Calallii Hagayya 5-25/2018 kan gaggeeffamuudha. kanaafuu Hawaasni keenya Dhaabbata Fayyaa Aanaa keessan keessa jiru dhaquudhaan akka ilaalamtan isiniin Jenna. Namootni Dhibeen kuni irratti argame gaafa Gara hospitaala Walii Galaa Nageellee Booranaa dhufu Geejjiba, Nyaataa Siree fi Yaalli Bilisaan kan kennamuudha.
Fayyaa Godina Boorana Bahaa