07/03/2026
Guraandhala 28, 2018
Baga gammaddan baga walumaan gammadne. Gaaffii yeroo dheera gaggeessitootaa, hojjettoota fi tajaajilamtoota kan ture keessaa inni guddaa fi hangafaa kutaa yaalii ariifachiisaa kan ture, guyyaa har'aa sagantaa jalqabsiisa ijaarsa yaalii hattatamaa bakka keessummotni olaanoo Federaalaa Dr. Lalisaa, Dhaabbata Doctors with Africa -CUAMM, Kabajamoo Obbo Bultoosaa Bushaa Hogganaa Qajeelcha fayyaa Godina Wallagga Bahaa, Hojii gaggeessaa olaanaa Hospitaala Kompireensiivii Ispeeshaalaayizdii Naqamtee Dr. Abbabee Badhaasaa, Medical director Hospitaala Kompireensiivii Ispeeshaalaayizdii Naqamtee Dr. Gaaddisaa Mulaatuu, Abbootii gadaa, Miseensota Mgt Hospitaala, Sineroota hakiimota fi Dursitoota garee argamnitti hojiin ijaarsa jalqabsiisuu kutaa yaalii ariifachiisaa ifatti jalqabuu isaa Hospitaalli keenyi gammachuun isaa daran olaanaadha.