18/06/2026
Waxabajjii 18 Seenaa Saayinsii Keessatti: Waxabajjii 18, 1896 irratti yeroo jalqabaaf Raajii (X-ray)’n uummataaf agarsiifame.
Meeshaa qorannoo X-ray ykn ummata Kenya biratti raajii jedhame beekamu kan argate ogeessa fiiziksii Jarmanii, Wilhelm Conrad Röntgen, yoo ta’u, Yaala fayya keessatti bal’inaan kan fayyadamamudha. Argannoo isaa kanas X-radiation jechuun moggaasee kan ture yoo tahu; maqaa kanas kan filate radiation hin beekamne jechuun ibsuufi. (X- Akkuma barnoota herreega keessatti beeknu sana😁)
Fakkiiwwan maashinii xray fayyadamuun Ogeeyyiin fayyaa lafee, tishuu fi caasaa qaamaa keessa jiran qoratu.
🦴 Fakkeenyaaf, yoo lafeen si cabe:
• Eessatti akka caccabe,
• Hammam akka hamaa ta’e,
• Akkamitti yaalamuu akka qabu sirriitti murteessuuf dandeessisa.
✨ Argannoon Xray kun saayinsii fi yaala fayyaa keessatti jijjiirama guddaa fidee, har’as miliyoonota namootaaf qorannoo fi yaala salphisaa taasisuun tajaajilaa jira.
📸 Fakkii x-ray Jalqabaa (1895): Röntgen yeroo jalqabaaf fakkii raajii harka haadha manaa isaa kaase. Fakkiin sanaanis lafee harka ishee fi qubeelaa ishee akka mul’atu ifatti agarsiise. kinis seenaa saayinsii keessatti fakkii x-ray jalqabaa ta’ee galmaa’e.{Suuraa asii gaditti 2ffaa irra jiru}
Haa Tahu malee haalli qorannoon kun hawaasa keessatti fudhatamu sirrachuu mala tokko tokko ni jiru. Waa’ee kanaa kutaa itti aanuttin siniif barreessa..
isin waa'ee mashina xray jedhamu kanaa maal beektu? mudanno akkamii qabdu? ykn maal baruu barbaaddu?
comment godhaa