Dr. Abdureshid Kedir

Dr. Abdureshid Kedir Free child health information for all pediatrician Hora Hospital

❤️ Madaa Kokkee → Dhibee Onnee Fidu Danda’a! ❤️Madaan kokkee (kulkuluu qoonqoo) dhukkuba salphaa fakkaatus, yoo hin yaal...
30/03/2026

❤️ Madaa Kokkee → Dhibee Onnee Fidu Danda’a! ❤️
Madaan kokkee (kulkuluu qoonqoo) dhukkuba salphaa fakkaatus, yoo hin yaalamne gara **dhibee onnee (Rheumatic Heart Disease)**tti ce’uu danda’a.
🔍 Madaa Kokkee Maali?
Tishuun keessaa afaan ykn qoonqoo kulkuluun madaa’uu dha.
⚠️ Sababoota:
Jarmoota (Vaayirasii, Bakteeriyaa, Parasayitii)
Aaraa tamboo
Dhangala’oo baay’ee ho’u
Soorata qorruu
🦠 Bakteeriyaa Hamaa – Group A Streptococcus
Ijoollee umurii 5–15 keessatti baay’ata
Waqtii qorraa ni dabalata
Biyyoota harka qalleeyyii keessatti baay’ee mul’ata
Biyyoota akka Ameerikaa keessatti %99 hir’ateera
📌 Mallattoolee Madaa Kokkee:
Dhukkubbii qoonqoo (harsassee)
Ho’aa qaamaa
Arraba diimaa fi iiteessuu
Mudaamuddii
Bowwoo mataa cimaa
⚠️ Rakkoo Guddaa – Ho’a Rihumatikii (Rheumatic Fever)
Torbee 2–3 booda madaa kokkee irraa ka’a
Namoota hedduu seenaa kulkuluu qabu
🫀 Qaamota Miidhaman:
Onnee (Carditis)
Buusaa (Arthritis)
Sammuu (Chorea)
Gogaa
🔬 Qorannoo:
Raajii qomaa
Echo
ECG
ESR / CRP
💊 Wol’aansa:
Pensilini G lilmee
Dhukkubbii hir’isu
Dawaa onnee
🛡️ Ittisa:
Yeroo madaa kokkee dafee yaalamuu
Qulqullina afaan fi qaamaa eeguu
Bishaan qulqulluu fayyadamuu
👉 Yaadachiisa:
Madaa kokkee salphaa hin tuffatin! Yaala sirrii argachuun lubbuu onnee keessanii baraara.
👍 Like & Share gochuun odeeffannoo kana hawaasaaf dabarsaa
👨‍⚕️ Dr. Abdureshid Kedir
Pediatrics and Child Health Specialist

GAGGABAA HO’AA (Febrile Seizures)Gaggabaan ho’aa jechuun gaggabaa ijoollee yeroo ho’i qaamaa isaanii olka’u waliin mul’a...
29/03/2026

GAGGABAA HO’AA (Febrile Seizures)
Gaggabaan ho’aa jechuun gaggabaa ijoollee yeroo ho’i qaamaa isaanii olka’u waliin mul’atu dha. Baay’inaan ijoollee umurii baatii 6 hanga waggaa 5 (ji’a 60) jidduutti argama.
Sababoota (Causes)
Sababni guddaan gaggabaa ho’aa:
Ho’ina qaamaa saffisaan dabalu
Infekshinii (keessumaa vayirasii):
Huuba qoonqoo
Gidduu gurraa (otitis media)
Infekshinii qaama keessaa (upper respiratory infections fi kkf)
Baay’ina (Epidemiology)
Ijoollee keessaa tilmaamaan 4% irratti ni mul’ata
Seenaa maatii keessaa qabaachuun ~20%
Yoo maatii keessatti seenaa jiraate, carraan deddeebi’uu 30–50% ni ta’a
Ulaagaalee (Diagnostic Criteria)
Gaggabaa ho’aa jechuun yeroo:
Umriin: 6–60 ji’a
Ho’i qaamaa saffisaan (sa’aatii 8–12 keessatti) olka’e
Mallattoon infekshinii sammuu akka meningitis/encephalitis hin jirre
Rakkoon metabolism hin jirre
Seenaa gaggabaa ho’aa ala (afebrile seizure) hin qabne
Gosoota Gaggabaa Ho’aa
1. Gaggabaa Salphaa (Simple Febrile Seizure)
Qaama guutuu irratti mul’ata (generalized)
Yeroo daqiiqaa 15 gadi tura
Guyyaa tokko keessatti si’a 1 qofa
Ijoollee baay’ee irratti kan mul’atu
2. Gaggabaa Walxaxaa (Complex Febrile Seizure)
Qaama cinaa tokko irratti mul’achuu danda’a (focal)
Yeroo daqiiqaa 15 ol tura
Guyyaa tokko keessatti si’a 1 ol dhufuu danda’a
Qorannoo Barbaachisu (Investigations)
Yeroo barbaachisummaa irratti:
Lumbar puncture (dhangala’oo dugdaa)
EEG
MRI ykn CT scan
Qorannoo dhiigaa:
Glucose
Elektiroolayitoota
Sababoota Deddeebi’uu (Risk of Recurrence)
Umrii waggaa 1 gadiitti jalqabu
Ho’i qaamaa yeroo gabaabaa keessatti dhufu (15 daqiiqaa) tures
Deddeebi’ee dhufe
Miidhama sammuu duraan ture
Xumura
Gaggabaan ho’aa waan ijoollee keessatti baay’inaan mul’atu ta’us, yeroo baay’ee balaa hin qabu. Garuu maatiin mallattoolee beekuu fi yeroo barbaachisaa ta’etti gara mana yaalaa deemuun baay’ee barbaachisaa dha.
Like fi Share gochuun odeeffannoo kana warra birootti dabarsuu hin dagatinaa.
Dr. Abdureshid Kedir

KAANSARII FIIXEE GADAAMESSAA (Cervical Cancer)Hubannoo, Ittisa fi Fayyaa Haadholii EeguufKaansariin fiixee gadaamessaa d...
22/03/2026

KAANSARII FIIXEE GADAAMESSAA (Cervical Cancer)
Hubannoo, Ittisa fi Fayyaa Haadholii Eeguuf
Kaansariin fiixee gadaamessaa dhukkuba hamaa keessaa tokko yoo ta’u, addunyaa irratti lubbuu dubartoota hedduu galaafataa jira. Addatti biyyoota sagantaa sakatta’insaa (screening) fi ittisaa gahaa hin qabne keessatti miidhaan isaa guddaadha.
Dhukkubni kun yeroo hedduu suuta-suuta guddachaa dhufa; garuu yeroo dursinee beeknee ittisuun ni danda’ama.
Qaamota Wolhormaata Dhalaa Kaansariin Qabamuu Danda’an
Kaansariin qaama dubartootaa keessatti bakka adda addaatti mul’achuu danda’a:
Ovaarii (ilmoon-sanyii)
Gadameessa (uterus)
Fiixee gadaamessaa (cervix)
Buqushaa (va**na)
Namoota Saaxilamoo Taasisan (Risk Factors)
Namoonni armaan gadii caalaa saaxilamoo ta’u:
Vaayirasii HPV (Human Papilloma Virus) qabachuu
Yeroo umrii xiqqaa qunnamtii saalaa jalqabu
Hiriyoota qunnamtii saalaa hedduu qabaachuu
Dhukkuboota qunnamtii saalaan daddarban biroo qabaachuu
Aara tamboo (sigaraa) aarsuu
Qaama biraa kaansariin qabamuu
Mallattoolee Kaansarii Fiixee Gadaamessaa
Yeroo jalqabaa mallattoo hin mul’isu danda’a; garuu yeroo itti fufuu:
Dhiigni yeroo hin eegamne qaama saalaa irraa bahuu
Qunamtii saalaa booda dhiigu
Dhangala’oo foolii hamaa qabu
Dhukkubbi dugdaa
Rakkoo fincaanii fi boolii guddaa
Fincaan dhiigaan makamee bahuu
➡️ Mallattoolee kana yoo argite, hatattamaan mana yaalaa deemi.
Karaalee Ittisaa (Prevention)
Kaansariin kun ittifamuu danda’a:
1. Talaallii (Vaccination)
Talaalliin HPV kaansarii kana irraa ittisa
Shamarran umrii 9–14 jiran hundaaf ni gorfama
Hanga umrii 25 fudhachuun ni danda’ama
2. Amaloota Jijjiiruu
Tamboo aarsuu dhaabu
Hiriyyaa qunnamtii saalaa tokko qofa qabaachuu
Kondomii fayyadamu
3. Sakatta’insa (Screening)
Dubartoonni yeroo yeroon sakatta’insa godhachuu qabu
Kun dhukkuba yeroo jalqabaa adda baasuun yaala salphisa
Ergaa Xumuraa
Kaansariin fiixee gadaamessaa dhukkuba sodaachisaa ta’us, beekumsa fi ittisa sirriin lubbuu hedduu oolchuun ni danda’ama. Talaallii fudhachuun, amala sirreessuun fi sakatta’insa gochuun murteessaadha.
👉 Fayyaan kee harka kee keessa jira—har’a irraa eegali.
✍️ Dr. Abdurashid Kadir

Tilmaama sirrii comment jalatti barreessuun badhafama!
22/03/2026

Tilmaama sirrii comment jalatti barreessuun badhafama!

Dhibee Michii Sombaa (Pneumonia)***********************************Dhukkubni afuuffee (sombaa) miidhuun kulkula uumu mic...
22/03/2026

Dhibee Michii Sombaa (Pneumonia)
***********************************
Dhukkubni afuuffee (sombaa) miidhuun kulkula uumu michii sombaa (pneumonia) jedhama.
Michiin sombaa dhukkuboota daddarboo keessaa daa’imman ajjeesuu irratti sadarkaa olaanaa qaba.
Akka ragaan bara 2023 A.L.A agarsiisutti, addunyaatti namoota miliyoona 2.5 ol ajjeeseera. Isaan keessaa ijoollee umrii waggaa 5 gadi ta’an gara 610,000 ta’u.
Biyyoota akka Ameerikaa keessatti garuu dhibeen kun %97n hir’ateera. Sababoota hir’ina kanaa keessaa:
Qoricha ammayyaa argamuu
Talaalli babal’achuu
Inshuraansii fayyaa jiraachuu
Namoota saaxilamoo:
Ijoollee umrii waggaa 5 gadi
Namoota hir’inna nyaataa qaban
Warra kaansarii qaban
Warra HIV waliin jiraatan
Warra dhibee onnee fi sombaa qaban
Warra aaraa tamboo fayyadaman
Sababoota:
Vaayiraasii
Baakteeriyaa
Fangasii
Parasayitii
Mallattoolee:
Qufa
Ho’i qaamaa (gubaa)
Hargansuu saffisaan
Woraansa qomaa
Bowoo mataa
Bifa gurraacha (cyanosis)
Qorannoo:
Seelota dhiigaa ilaalu
Raajii qomaa (CXR)
Wal’aansa:
Oksijiinii kennuu
Dhangala’oo (fluid) kennuu
Dawaa dhukkubbii
Qoricha farra jarmootaa (antibiotics, yoo barbaachise)
Xaxaa dhukkubichi fiduu danda’u:
Dhangala’aa qomaa keessatti kuusuu
Infeekshinii qaama birootti faca’uu
Sodiyemii gad-bu’uu
Sombaan dho’uu
Ittisa:
Talaallii
Nyaata madaalawaa
Qulqullina dhuunfaa
👉 Mee like fi share gochuun odeeffannoo kana hiriyoota keessaniif dabarsaa.
Dr. Abdurashid Kadir

21/03/2026

Mudaa Ujummoo Liqimsituu
(Esophageal Atresia & Tracheoesophageal Fistula)
*****************************
Mudaan ujummoo liqimsituu jechuun rakkoo daa’imman dhalatan irratti mul’atu keessaa tokko yoo ta’u, ujummoon nyaata liqimsinu (esophagus) fi ujummoon qilleensa (trachea) sirnaan adda hin baane ykn walitti hidhatanii argamuudha.
Rakkoon Kun Hangam Babal’ata?
Daa’imman lubbuun dhalatan 3500 keessaa:
1 hanga 2 ta’an rakkoo kana qabu
Daa’imman keessaa %90 keessatti ujummoon qilleensaa fi ujummoon liqimsituu walitti hidhata (fistula) qaba
Sababni isaa guutummaatti ifa ta'uu baatus wantoonni nama saaxilan jiru.
Rakkoon kun akka uumamuuf wantoonni armaan gadii gumaachuu malu:
-Haadholiin umurii guddaa qaban
-Furdina baay’ee (obesity)
-Sanyii adii
-Tamboo aarsuu
-Galii xiqqaa (haala jireenyaa gad-aanaa)
Mallattoolee Mul’atan
Daa’imni rakkoo kana qabu yeroo baay’ee mallattoolee armaan gadii agarsiisa:
-Hoomachi (dhoqqee afaan keessaa) dachaa’uu
-Ukamuu (vomiting)
-Qufa’uu
-Bifni qaamota gurraachaatti jijjiiramu (cyanosis)
-Hirqiffuu
-Garaan bokokuu (abdomen distension)
-Dhooqachuun garaa
Mallattooleen kun yeroo daa’imni dhalate battaluma mul’achuu danda’u, kanaaf ariitiin hubachuun barbaachisaadha.
Akkamitti Qoratama?
Rakkoon kun qorannoo adda addaa fayyadamuun adda baafama:
Raajii qomaa (Chest X-ray)
Echo (qorannoo onnee)
Ultrasound kalee fi dugdaa
Wal’aansa
Wal’aansi rakkoo kanaa yeroo baay’ee:
Daa’ima nyaata irraa tursiisuu (garaachisuu)
Dawaa infekshinii ittisu (antibiotics)
Baqaqsanii walitti suphuu (surgery)
Carraa Jireenyaa
Daa’imman hedduun yoo daawwannaan yeroo sirrii godhame %90 ol ni fayyu
Garuu carraan du’aa ni dabala yoo:
Ulfaatinni yeroo dhalatan < 1.5 kg ta’e
Mudaan onnee waliin jiraate
Xumura
Mudaan ujummoo liqimsituu rakkoo cimaa ta’us, yoo ariitiin adda baafamee wal’aaname, daa’imman baay’een ni fayyu. Kanaafuu, mallattoolee jalqabaa beekuu fi gara mana yaalaa saffisaan geessuun baay’ee murteessaadha.

Baga nagayaan geettan!Baga nagayaan geennee!
19/03/2026

Baga nagayaan geettan!
Baga nagayaan geennee!

KULKULUU GOGAA/Atopic Dermatitis*****************************************Kulkuluun gogaa ykn dhukkubni alarjii gogaa daa...
15/03/2026

KULKULUU GOGAA/Atopic Dermatitis
*****************************************
Kulkuluun gogaa ykn dhukkubni alarjii gogaa daa’imman fi ijoollee keessatti yeroo baay’ee mul’atu keessaa isa tokko dha. Dhukkubni kun daa’imman keessaa %10–30 irratti mul’achuu danda’a. Yeroo baay’ee daa’imman keessatti jalqabee hanga yeroo umrii ga’eessaatti turuu danda’a. Akkasumas dhaalaan maatii irraa darbuu mala.
Umrii itti jalqabu
Dhukkubni kulkuluu gogaa yeroo adda addaa keessatti jalqabu danda’a:
Daa’imman umrii baatii 12 gadi – %50
Ijoollee umrii waggaa 1–5 – %80
Dhukkuboota waliin mul’atan
Namni tokko kulkuluu gogaa qaba yoo ta’e yeroo baay’ee dhukkuboota armaan gadiis qabaachuu danda’a:
Alarjii gogaa
Alarjii nyaataa
Alarjii funyaan (allergic rhinitis)
Xiichaa/Asmii (Asthma)
Sababoota kulkuluu gogaa
Sababni alarjii gogaa yeroo baay’ee walxaxaa dha. Garuu wantoonni armaan gadi dhukkuba kana kakaasuu danda’u.
1. Nyaata
Aannan
Killee
Loozi
Firii mukaa
Baqelaa
Qamadii
Qurxummi
2. Wantoota qilleensa keessaa
Dhukkee (dust)
Pollen abaaboo irraa
Citaa margaa
Gogaa bineensota irraa bahu
Dhukkee hantuuta
3. Sababoota biroo
Infekshinii jarmootaa
Jiidhinsi qilleensa naannoo gadi bu’uu
Ho’a cimaa fi dafqa
Wantoota gogaa dallansisan
Fakkeenyaaf:
Uffata gogaa bineensota irraa hojjetame
Cabaa daawitii
Saamuna tokko tokko
Sh*ttoon funyaan
Mallattoolee kulkuluu gogaa
Mallattoon isaa umriin namoota irratti hundahuun gara gara ta’uu danda’a.
Daa’imman irratti
Fuulaa irratti
Harkaa fi miila diriirsuuf oolan
Qomaa fi garaa
Ijoollee irratti
Harkaa fi miila iddoo kottonfachuu
Dargaggoo fi ga’eessota irratti
Harkaa fi miila
Jilbaa
Nyaara
Qomaa fi dugda
Mallattooleen beekamoon:
Gogaan shiffee fi madaa babbaqaquu
Hoqsisiisuu (itching) — yeroo baay’ee halkani hammaata
Gogaan sararamuu ykn quncahuu
Wal’aansa
Wal’aansi kulkuluu gogaa sadarkaa adda addaatiin kennama:
Dibata jiidhinsa gogaa deebisu (moisturizer)
Dawaa farraa dallanuu (anti-inflammatory medicines)
Dawaa hoqxoo hir’isu
Ifa aduu fayyadamuu (Phototherapy)
Vaayitamina D
Kakaastota (triggers) irraa of eeguu
Rakkoolee (Complications)
Yoo sirnaan hin yaalamne:
Infekshinii jarmootaa fiduu danda’a
Summii qaamaa tamsaasuu danda’a
Rakkoo ijaa uumu danda’a
Ittisa
Kulkuluu gogaa hir’isuuf wantoonni armaan gadi gargaara:
Daa’imman ji’a 6 guutuu aannan harmaa qofa nyaachisuu
Yoo daa’imni alarjii nyaataa qabaate haati nyaata sana of qusachuu
Dibata jiidhinsa gogaa eeguu daa’imman irratti yeroo jalqabaa irraa eegaluun dibuu
✅ Xumura:
Kulkuluun gogaa dhukkuba yeroo dheeraa turuu danda’u ta’us, yoo sababoonni isaa beekaman fi yaalli sirrii godhame jireenya daa’immanii fi maatii isaanii salphisuun ni danda’ama.

Address

Shashemene

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Abdureshid Kedir posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr. Abdureshid Kedir:

Share

Category