Yabelo General Hospital

Website

Yabelo General Hospital Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Yabelo General Hospital, Hospital, Yabelo.

Hospitaala Yaabellootti tajaajili baqaaqsani yaaluu moora ijaa bilisaan kennama jira.
14/10/2026

Hospitaala Yaabellootti tajaajili baqaaqsani yaaluu moora ijaa bilisaan kennama jira.

Hojii Kenna Tajaajilaa Lammummaatin Hospitaali Waaligalaa Yaaballoo Abbaa Warraa Harka qaleessa ta'an 30'f Inshuraansii ...
24/09/2026

Hojii Kenna Tajaajilaa Lammummaatin Hospitaali Waaligalaa Yaaballoo Abbaa Warraa Harka qaleessa ta'an 30'f Inshuraansii fayyaa haaromsee jira. Yabelo General Hospital

15/09/2026
14/09/2026
‎Hospitaala Waliigalaa Yaaballootti Gamaggama Raawwii Hojii Bara 2018 , Karoora Of_danda'uu Bara 2019 Dhiyaatee Kan Jiru...
05/09/2026

‎Hospitaala Waliigalaa Yaaballootti Gamaggama Raawwii Hojii Bara 2018 , Karoora Of_danda'uu Bara 2019 Dhiyaatee Kan Jiru fi Sirni Beekamti kennuu Taasifame jira
‎¥¥¥¥¥¥¥¥¥¥¥¥¥¥¥¥¥¥¥¥¥¥¥¥¥¥¥¥¥¥¥¥¥¥
‎
‎ 30/2018
‎ Guyyaa Har'a Hordoffii Hojii Guyyaa Boriittiif murteessadha.
‎
‎Hospitaala Waliigalaa Yaaballootti Gamaggama Raawwii Hojii Bara 2018, Karoora Of_danda'uu Bara 2019 Dhiyaatee Kan Jiru fi Sirni Beekamti kennuu Taasifame jira.
‎
‎Gamaggamni raawwii bara 2018 fi Karoora of_danda'uu kan bara 2019 Hojii Geggeessa Ol'aanaa (CEO) Ob. Galgalo Golomphoottin kan dhiyaatee yoo ta'uu hanqinaa fi ciminaa jiran addaa baasuun kallattii ful_duraa ykn Karoora of_danda'uu bara 2019 dhiyeessan jiru.
‎
‎ Sirni Beekamti kennuu taasifame jira. Kunis
‎✓Dhuunfaadhan garee jiran hundaa keessaa namoota 1ffaa bahaniif
‎✓ Dursitoota Head jiran keessaa bahaniif
‎✓ Senior fi IESO jiran hundaaf badhaasni kennameef jira.
‎✓ Keessuumma addaa Guyyaa kana kan ta'ee MD duraan Dr Tola Battee Laphtop kennameef jira.
‎✓ Gareelee jiran keessaa garee 1ffaa_3ffaa bahaniif beekamti addaa kennameef jira.
‎✓ Waajjiraale deeggarsa garaagaraa nuufi taasisaa turaniif beekamti kennameef jira.
‎
‎👉 Dhumaa irratti haasaa cufaansa kan godhan Kantiiba magaalaa Yaaballoo Ob/Jaarsoo Goolloo Hospitaali Waliigalaa Yaaballoo Hojii akkana boonsa hojjachuu keessaaniif, kunis gabaasa raawwii hojii kan bara 2018, Karoora of _danda'uu bara 2019 akkasumaas sirni beekamti kennuun hojjaattoota keessaan bifa hoo'aa ta'ee kanaan jajjabeessuu keessaaniif galatooma erga jedhan boodatti Hojjattoota lafa mana jireenyaa hin qabneef akka kennaan waadaa galan kan jiraniif,miirrii beekamti kun kallattii hojii kan bara 2019tif waan isan kakkaassuuf ofii keessaan bifa addaattiin cimtan hawaasa keessaan kan caalaatti tajaajilu qabdan jechuun dhaaman jiru.
‎
‎

Godina Booranaatti Sosochiin Duula Baqaqsanii Yaaluu Moora Ijaa  Gaggeeffame‎‎Duulli yaalaa kun lammiilee sababa dhibee ...
04/09/2026

Godina Booranaatti Sosochiin Duula Baqaqsanii Yaaluu Moora Ijaa Gaggeeffame
‎
‎Duulli yaalaa kun lammiilee sababa dhibee moora ijaatiin arguu dadhabanii dukkana keessatti turaniif mul’ata haarawaa fi abdii jireenyaa deebisuu irratti kan xiyyeeffateedha.
Kayyoon!
‎Ifa fi Abdii Haarawa: Lammiilee heduu sababa moora ijaatiin gargaarsa nama biraa malee socho’uu hin dandeenyeef mul’anni isaanii deebi’ee deebisanii of danda’uun gara jireenya isaanii idileetti akka deebi’an taasisuu
‎
‎Dhaamsa Hawaasaa (Call to Action)
‎"Fayyaa Ija Keessanii Eeggaddhaa!"
‎
‎Dhibeen moora ijaa (cataract) yaalaan kan fayyuu fi mul’ata keessan deebisee kan kennudha. Yoo mallattoon arguu dadhabuu, iji goobuu, fi dhukkubbiin isinitti dhaga’ame, hatattamaan gara dhaabbilee fayyaa dhihoo jiraniitti dhihaachuun qorannoo fi yaala barbaachisu fudhadhaa.
‎
‎
‎

Beekkamtii gama Labaraatooriin argamef hojjatootni keenya fi qaamoleen qooda fuudhatoota hundi baga gamaddan.
01/09/2026

Beekkamtii gama Labaraatooriin argamef hojjatootni keenya fi qaamoleen qooda fuudhatoota hundi baga gamaddan.

Address

Yabelo

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Yabelo General Hospital posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category