19/08/2026
DHUKKUBA ONNEE
Addunyaa kanarraa lubbuu namaa galaafachuun dhukkubni sadarkaa 1ffaa irra jiru isa kamii? Deebiinsaa dhukkuba onneeti.
Dhukkuba onnee kana rabbi nurraa haa qabu jechaa, akka namaatti ofirraa ittisuuf maal gochuuyu nurraa eegamaa?
1. Sochii qaamaa keessumaa "push up" hojjachuun qoricha kamuu caalaa dhukkuba kana namarraa ittisuu danda'a. Namoonni biiroo keessa taa'aa oolan, kan konkolaataa keessa taa'aa oolan, fi kkf ofdagachuu hin qaban. Namoonni guyyaa tokkotti push up 40 (afurtama) hojjetu ykn torbanitti daqiiqaa 150 spchii qaamaarratti dabarsu carraan dhukkuba onnee kanaan qabamuu isaa baay'ee gadi bu'aadha.
2. Ulfaatina qaamaa keenya garmalee akka ol hin kaane ittisuu, garmalee furdachuun dhukkuba onnee qofa osoo hin taane kanneen biroofis nama saaxila.
3. Sigaaraa ykn tamboo xuuxuu/aarsuu dhiisuu fi naannoo namoota aarsaniitti yeroo baay'ee dabarsuu dhiisuu.
4. Nyaata onnee keenya miidhan irraa fagaachuu. Kunis nyaata nuti yaannu kuduraaf muduraatti baay'achuu qaba. Nyaata cooma, ashaboo fi sukkaaraan hedduummate irraa ammoo of fageessuu dha.
👉 https://t.me/naf37fspainbv