Dr.Bikila Regasa.

Dr.Bikila Regasa. MD (GSR).

18/11/2024

Dhukkuba Kintaarotii (Hemorrhoids).
Dhukkubni Kintaarotii ykn Hemorrhoid jedhamu dhukkuba haalan hawaasa addunyaa miidhu keessaa isa tokko. Dhukkubni kun kan uumamu yemmuu kutaan qaama keenyaa kan mar'umaan furdaa isa dhumaarra jiru kan ujummoolee dhiigaa xixiqqoo of keessaa qabu dhiita'uu fi kara munneen gadi bahu ykn ammoo dhiiguu qofaan mul'achuu danda'a. Wantoonni dhukkubichaaf nama saaxilan kanneen armaan gadiiti:

- Da'uumsaan booda( keessattuu dubartoota ciniinsuun daa'ima dahan)
- Googiinsa garaa
- Rakkoo fincaan namaaf bahuu diduu ykn ittansiisuu
- Qufaasisuu yeroo dheeraaf namarra turu.
- Namoota umrii 60 olii( keessattuu dubartoota)
Kanaaf uumamuu dhukkuba kanaa ittisuuf wantoota armaan olii ittisuun barbaachisaadha( kan ittifamuu danda'an).
Takkaa dhukkuba kanaan qabamnnaan yeroon mana yaalaa deemuun akkaan barbaachisaadha. Qoricha aadaa fayyadamuun goonkumaa hin gorfamu. Sababiin isaas qorichi aadaa wanta tilmaamaan godhamuudha malee waan qorannoo saayinsawaan deeggarame miti. Hanga qoricha kennamuu hin beekan, guyyaa meeqaaf akka kennamu hin beekamu, miidhaan qorichi sun qaamarraan gahu wanti beekkamu hin jiru. Dhukkuba kana qofaaf osoo hin taane dhukkuba kamiifuu qoricha aadaa fayyadamuun yoomuu hin deeggaramu. Hojii keenya guyyaa guyyaa keessatti Namoota hedduu qoricha kana fayyadamuun rakkoo akkan hamaa ta'eef saaxilaman hedduu argina. Miidhaa akka infeekshiinii, qaamni isaanii tarssa'u, Gara bahiinsa bobbaa( munneen) dhiphachuutii hanga cufamuu, Bobbaa to'achuu dadhabuu, fi kkf ni uumama.
Keessattuu dhukkubni kun sababa qaama keenya isa himachuuf akka qaaniitti ilaalamu waan miidhuuf namoonni hedduun osoo hin himatin yeroo dheeraaf turu. Dhukkubichi haga inni miidhaa guddaa fidee himachuuf dirqamanitti namoonni hedduun ni dhokfatu ykn ammoo qoricha aadaa fayyadamu, wanti kun guyyaa guyyaan hojii keenya keessatti wanta nu qunnamuudha.Garuu dhukkubni kun yaalamuu kan danda'uu fi yaala garaagaraa waan qabuuf mana yaalaa deemuun barbaachisaadha.

13/01/2024

Fkf4= Dhukkubsatoonni mallattoo dhukkuba garaacha gubuu( dyspepsia) qaban akkuma salphaatti keellaa fayyaa qofa deemuun ofirra tursiisuu( kuni kaansarii garaachaa ta'uu mala)., Keessattuu namni sun umuriin isaa/ishee 45 fi isaa ol yoo ta'e, kan tamboo xuuxuu yoo ta'e/taate, kan qorichoota ogeessa fayyaan hin ajajamnne mana qorichaatii bituun yeroo dheeraaf fayyadame/tte yoo ta'e
Hubachiisa: Dhukkuboonni hedduun dhukkuba kaansarii garagaraa dabalatee yeroon mana yaalaa deem nan kan yaalamuu danda'aniiidha.
Kanaaf hundi keenyaa mallattoon dhukkubaa yoo nutti dhagahame hanga danda'ama ta'een mana yaalaa yeroon deemuun yaalamuun gaariidha!
Waliif share godhaa
Galatoomaa!
Fayyaan hunda keenyaaf!!

13/01/2024

Hordoftoonnikoo martinu akkam jirttu fayyaa keessani. Hundinu fayyaan akka jirttan nin abddadha. Isinirraa turuu kootiif dhiifama guddaa!
Guyyaa har'a muxannoo hojiikoo keessatti wantoota na qunnaman isiniif qooduun fedhe. Kunis fayyaa keessan guyyuu keessatti hedduu isin fayyada jedheen yaada. Waa'een har'a isiniif qooduu barbaade namni tokko yoo dhukkubsate dafee mana yaalaa deemuu fi deemuu dhabuun faayidaa fi miidhaa inni qabu waliin madaaluuf.
Hojiikoo guyyuu keessatti namoonni hanga xiqqaa hin jedhamne dafanii mana yaalaa dhaquu dhabuun dhukkubni isaanii sadarkaa guddaa itti yaalamuu hin dandeenye gahee kan lubbuu dhaban jiru.kuni kan nama dinquu ammoo warra baadiyaas ta'ee Magaalaas ni dabalata. Amma amma inumaayyuu warri magaalaa jedhamanii fi odeeffannoof dhihoo ta'an yoo turanii dhufan mul'ata.kuni ammoo hedduu kan nama gaddisiisu dhukkuboota fayyuu danda'an garuummoo dafanii ilaalamuu dhabuun lubbuu kan dhaban heddummeessaa jira.
Fkf: dhukkubsatoonni hedduun dhukkuboota naannoo bobbaan bahu miidhaan( naannoo munnee jechuu kooti), mana yaalaa ammayyaa dhaquu dhiisanii warra aadaa( traditional healer) bira dhaquun qoricha dibamu ykn ammoo waraanamu fayyadamuun kan dhukkubni isaanii itti hammachuun lubbuu dhaban daran hedduudha( sababa dhukkubichi yaalamuu dide qofaaf osoo hin taane qorichi fayyadaman sunuu mataa isaatiin rakkoo hedduu ulfaataa ta'e yoo fidan agarra).
Fkn2= Dhukkubsattoota dubartootaa kaansarii harmaa qaban dafanii mana yaalaa deemuun yaalamuu manna iddoo amantaa,iddoo aadaa fa'i deemuun kan kansarichi dhiiga keessa tamssa'ee somba,tiruu, dugugguruu lafee dugdaa fi iddoo bira qabatee booda Hospitaala dhufanii lubbuun isaanii darbe danuudha(Maqaa fi odeeffannoo dhukkubsataa tarreessuuf eeyyama hin arganne).
Fkn3= Maatiin dhukkubsataa ykn dhukkubsataa mataa isaatiin dhukuboota tokko tokko seexanadha jechuun mana yaalaa irraa dheessuun kan miidhaman hedduudha.(Fkf dhukkuba gaggabddoo(seizure disorders)), dhukkuba sammuu hedduu isaanii.

09/04/2023

@ fufiinsa duraa...
Namoota kaansarii sombaan qabaman keessaa hedduun isaanii warra Tamboo aarsaniidha.
Parsantii 90 kaansarii sombaa Tamboo xuuxuun dhufa.
4, kaansarii mar'umaan furdaa.
Kaansariin kun akkaan hamaa fi kaansaroota namoota hedduu ajjeesuun beekaman keessaa isa tokkoodha.
Tamboo xuuxuun carraa kaansarii kanaan qabamuu harka 8-10'niin dabala.
Keessattuu namoonni seenaa maatii qaban, umriin isaanii 50 ol ta'e, nyaata cooma heddummaatu nyaatanii fi sochii qaamaa hin goone akkaan saaxilamoodha
Hubachiisa :Warri kuun hin saaxilaman jechuu koo miti.
5, Kaansarii Harmaa.
Dhukkubni kaansarii harmaa 90%'n shamarran irratti mul'ata.1% hafe ammoo dhiira qaba
Dubartoota irratti dhukkubni kaansarii harmaa nama ajjeesuun sadarkaa 2ffaa irratti argama.
6, Kaansarii Afaanii fi qoonqoo.
Tamboo xuuxuun kaansarii Afaanii fi Qoonqoo waliiniis hariiroo guddaa qaba.
Inumayyuu kaansariin Afaanii fi Qoonqoo yeroo hedduu namoota Tamboo xuuxan irratti heddummaata.
7, Dhukkuboota sammuu adda addaa.
Tamboo xuuxuun dhukkuboota sammuu kan akka dhukkuba maraachaa(schizophrenia), dhukkuba dhiphuu(Depression), dhukkuba namummaa(personality disorders)fi kkf ni fida.
8, Hir'achuu fedhii wal-qunnamtii saalaa, qaamni saalaa dhaabbachuu dhabuu fi maseenummaa (decreased lipido, erectile dysfunction fi infertility)faa namatti fida.
@ Tamboo xuuxuu irraa of haa qusannu.
Fayyaan faaya.
Nagaan isiniif haa heddummaatu!
Hiriyoota keessaniif share godhaa.

09/04/2023

Akkam nagaa jirttu hordofttoonnikoo martuu...
Nageenyi badhaadhaa...
Guyyaa har'a waa'ee Tamboo aarsuu fi miidhaa isaa isiniif qooda.
TAMBOO XUUXUU(AARSUU) FI MIIDHAA ISAA:
Tamboo xuuxuun(aarsuun) aradaalee biyya keenyaatti hedduu barataman keessaa isa tokkoo fi isa dursaadha jechuun ni danda'ama.
Tamboo xuuxuun yeroo hedduu namoota umriin isaanii dargaggummaa irra jiran yoo ta'u, miidhaan inni fidu ammoo daraan hedduu fi hamaadha.
Akka biyya keenyaatti aradoota baraman keessa muraasni:
-Tamboo xuuxuu
-Alkoolii dhuguu
-Caatii qaamuu
-Shishaa fayyadamuu fi kkf...
har'a waa'ee Tamboo xuuxuu wantin kaasuu barbaadeef miidhaan inni uummata irraan gahaa jiru hedduu nuffisiisaa fi daraan kan nama yaaddessaa jiru waan ta'eefiidha.
Walumaagalatti aradoonni marttuu miidhaa walfakkaatu armaan gadii qabu:
A, Yeroo ofii qisaasssessuu
B, Fayyaa irratti miidhaa garaagaraa geessisuu.
C, Diinagdee ofii miidhuu.
@ xuuxuun wantoota gurguddoo sadeen armaan oliitti tarreesse hundaa nama irraan gaha.
Keessattuu karaa fayyaatiin yommuu ilaalle miidhaan inni fidu akkaan jibbisiisaa fi badaadha.
Mee amma miidhaa inni karaa fayyaan qabu haa ilaallu.
1, Dhukkuba mada'uu garaachaa(peptic ulcer disease) kan jedhamu ni fida.
Namni Tamboo aarsuu tokko yommuu nama hin aarssineen walbira qabamu, carraan mada'uu garaachaa isaa/ishee harka kudhaniin dabala. Kuni karaa saayinsiin yommuu ilaalamu, hedduu hedduu guddaadha.
2, Dhukkuba kaansarii garaachaa( gastric adenocarcinoma) ni fida.
Dhukkubni kaansarii garaachaa kaansaroota keessaa du'a fiduun sadarkaa 3ffaa irratti argama(kaansarii sombaa fi kaansarii mar'umaan furdaatti aanee jechuudha).
Kana malees kaansariin garaachaa yeroo hedduu dafee qaama keenya keessa faca'a; kanaaf namoonni hedduun(70%-80%)jiran ega dhukkubichi sadarkaa arfaffaa irra gahee nu bira dhufu.Kana ammoo yaaluun hedduu ulfaataadha.
3, Kaansarii Sombaa.
Tamboo xuuxuun akkaan kaansarii sombaa waliin walitti dhufeenya qaba.

12/07/2022

ITTI FUFIINSA KAANSARII HARMAA IRRATTI.
# SAAXILAMUMMAA DABALAN IRRAA:
- UMRII GUDDAA YEROO JALQABA DAA'IMA GODHATAN(KANA JECHUUN FKF DUBARTTIIN TOKKO UMRII 30 FI ISAA OLIITTI DAA'IMA JALQABAA YOO DEESSE, SAAXILAMUMMAAN DHUKKUBA KAANSARII HARMAA AKKAN DABALA JECHUUDHA).
- NYAATA COOMAA FI ZAYIITA HEDDUMMATTU HEDDUMMEESSUU.
-TAMBOO XUUXUU
-AKOOLII HEDDUMMEESSUU FAADHA.
# ISAA:
Harmi dhiitta'uu, dhukkubbii harmaa, harmmi mada'uu, dhanggala'aan karaa aannan ba'uun dhanggala'uu (dhiiga kan maku ta'uu danda'a), harmmi nyaatamee dhumuu ( xiqqaachuu); YOO karaa qaamoota biraa adeeme, dhukkubbii lafee, qufaasisuu, mataan dhukkubuu, garaa kara mirgaa fi ol'aanu dhukkubuu, ijji keelloo ta'uu fi kkf ni jiraatu.
#$Akkamitti ofirraa ittisna?
1, wantoota saaxilamummaa dabalan irraa ofeeguu
2, Dubarttiin umriin ishee 45 fi isaa oltaate mana yaalaa deemtee qoratamuu ( screening after age of 45 years)
3, YOO maatii keepsake namni qabame jiraate kanneen hafan dafanii (umrii 35 eegaluun) qoratamuu.
4, Dubarttoonni ofuma isaaniitiin, harka isaanii fayyadamuun YOO xiqqaate ji'a sadiitti yeroo tokko harma isaanii qorachuu (wanti dhiitaan yoo jiraate arguu danda'u), yoo dhiitaan jiraate dafanii yeroodhuma sana mana yaalaa deemuu.
#$@ YAALAA ISAA:
1, WAL'AANSA BAQAQSANII HODHUU ( MASTECTOMY)
2, QORICHOOTA AFAANIIN LIQIMSAMAN ( CHEMOTHERAPY)
3, YAALA CARARII ( RADIOTHERAPY)
4, YAALA HORMOONII ( HORMONAL THERAPY).
FAAYAN FAAYA!!!
HORAA BULAA!!!

Address

Finfinne
Addis Ababa

Telephone

+251989208398

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr.Bikila Regasa. posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category