Firomsa Urgessa page's

Firomsa Urgessa page's Sammuun qabeenya qaaliidha!

Daa'ima argachuu ni sodaattaa?Tokophobia/ Ulfaa'uu fi daa'umsa sodaachuu!Ulfaa'uu fi daa'ima dahuu sodaachuun afaan fayy...
20/10/2021

Daa'ima argachuu ni sodaattaa?

Tokophobia/ Ulfaa'uu fi daa'umsa sodaachuu!

Ulfaa'uu fi daa'ima dahuu sodaachuun afaan fayyaatiin jedhama. Dubartoonni rakkoo kana qaban daa'umsa humnaa ol sodaatu. Sodaan isaanii kun sodaa fi dhiphina isa sirrii dubartiin kamuu sababa dhukkubbii yeroo ciniinsuutti isaan muudachuu danda'uuf agarsiisan irraa adda kan ta'eedha!
Sodaan isaan ulfa ta'uu irratti qaban dangaa darbuu irraa kan ka'e yeroo tokko tokko hanga guutumatti walqunamtii saalaa baqachuutti gahuu danda'u. Dabartoonni kun daa'ima argachuu ni fedhu. Garuu adeemsa ulfaa'anii hanga dahuutti jiru hedduu waan sodaataniif osoma daa'ima jaalatan daa'ima malee hafuu fa'a filatu. Yoo akka tasaa ulfaa'aan immo karaa ciniinsuutiin osoo hin taane karaa " elective caesarean_section"( karaa baqaqqasaanii hodhuu) tiin da'uu filatu!
Rakkoon kun shamarran kanaan dura dahanii hin beekne irratti akkuma mul'atu, haadhota kanaan dura dahanii beekanis guyyaa keessa muudachuu ni danda'a.


Rakkoon kun dhiibbaa guddaa jireenya dhunfaa fi hawaasummaa namoota sodaa kanaan hubamanii irratti dhaqabsiisu waan danda'uuf mana yaalaa deemuudhaan gorsa xiinsammuu fi yaala barbaachisu argachuudhaan rakkinicha furanii daa'ima dahanii ammachuun ni danda'ama.

Fayyaa hin dhabinaa!!

Firoomsaa Urgeessaa Qaabii ( barataa yaala sammuu)

Namni haaraan har'a argite nama duraan beektu sitti fakkaatee beekaa?Wanti haaraan yeroo jalqabaatiif argaa jiran waan k...
11/10/2021

Namni haaraan har'a argite nama duraan beektu sitti fakkaatee beekaa?

Wanti haaraan yeroo jalqabaatiif argaa jiran waan kanaan dura arganii beekan namatti fakkaachuu! " "

Jireenyi amma jiraachaa jirtu jireenya kanaan dura jiraattee darbitee jirtu sitti fakkaachuun, Iddoon haaraa yeroo jalqabaatiif deemte tokko akka waan kanaan duras deemtee beektuu woyii sitti fakkaachuun afaan fayyaatiin " " jedhama. Namoonni mallattoo kana agarsiisan wanti amma gochaa jiran kanaan duras waan godhanii darban itti fakkaata! Garuu isaan yeroma jalqabaatiif waan sana raawwachaaru.

Deja Vu:
√ Magaalaa haaraa tokko yoo deeman magaalichi kan kanaan dura beekan itti fakkaachuu.
√ Iddoo isaaniif haaraa ta'e, iddoon kun naaf haaraa miti jechuu danda'u.
√ Nama yeroo jalqabaatiif har'a argaa jiran fuulli isaa naaf haaraa miti jechuu.
√ Jechuma namni tokko yeroo jalqabaatiif sitti dubbate akka waan kanaan duras jechichi sitti himamee jiruu woyii sitti fakkaachuu.
√ Adurree dandii qaxaamuraa jirtu argitee, waan yeroo muraasa duras bifuma sanaan argite sitti fakkaachuu. garuu Adurree sana irra deebidhaan osoo hin taane yeroma jalqabaatiif argaa jirta.

Miirri akkanaa nama irratti mul'achuun qofti dhukkubsataadha nama hin jechisiisu. Sababni isaas mallattoon kun namoota fayyaa ta'an hedduu irratti mul'achuu waan danda'ufi. Garuu miirri kun irra deddeebiidhaan yeroo dheeraadhaaf nama irratti kan mul'atu yoo ta'e,mallattoo rakkoo (memory problems) tiin walqabatee dhufu ta'uu waan danda'uuf ogeessa yaala sammuu mariisisuun gaariidha.

Fayyaa hin dhabinaa!!

Firoomsaa Urgeessaa Qaabii ( barataa yaala sammuu)

10/10/2021

Dhukkuboota sammuu gargaraa kan hawaasa keenya rakkisaa jiran irratti ni qabsoofna!!✊
October 10 World Mental health day!

Baleessaa kee malee namaan shakkamtee beektaa?  (Shakkii humnaa olii kan sababa hin qabne) Namoonni rakkoo akkanaa qaban...
23/09/2021

Baleessaa kee malee namaan shakkamtee beektaa?

(Shakkii humnaa olii kan sababa hin qabne)

Namoonni rakkoo akkanaa qaban sababa tokko malee namoota biroo humnaa ol shakku. Shakkiin isaanii kun garuu dhugaa qabatamaa haala isaan keessa jiraniin kan wal simu miti. Wantichi shakkan sun dhugaadhumaan akka irratti raawatamaa jiruutti amanu,garuu shakkiin isaanii kun dhugaa irraa kan fagaateedha.

Namoota rakkoo kana qaban akkamiitu irratti mul'ataa?

✓ Namoonni miidhaa irraan gahuuf akka waan qophaa'ani jiraniitti yaadu. garuu namoonni kun quba isaan hin qaban.
✓ Ana ajjeesuudhaaf nyaatatti qoricha godhanii jiru jedhanii shakku! namni isaan shakkan tarii maatii isaanii kan akka namni kun fayyaa ta'uuf ifaajan ta'uu danda'a!
✓ Namoonni yeroo haasa'an waa'ee koo haasa'aa jiru jechuudhaan dhiphatu.
✓ Ollaan koo qabeenya na jalaa hatuuf karoorsaa jiru jedhanii amanuu danda'u.
✓ Hiriyoota nagaadhan isaan wajjiin jiraatan hin amanan! Narratti gurmaa'aa jiru, na miidhuuf natti karoorsaa jiru, hojii keessaa na ariisisuuf deemu jedhanii shakku.
✓ Namni osoo yakka kamuu isaan irratti hin raawwatiin himannaadhaaf gara mana seera deemu danda'u.
✓ Sababa baayyee shakkaniif hirriba dhiisanii halkan osoo moora keessa naanna'aan buluu danda'u.
Namoota kana wanti isaan shakkan kun sirrii akka hin taane hubachiisudhaaf yaalanis tasuma hin amanan. Sababa kanaaf namoota waliin jiraachuun baayyee itti ulfaata.


Mallattoleen kun yeroo baayyee sababa dhukkuba sammuu (dhugaa addunyaa keessa bahuu) tiin dhufuu waan danda'uuf ogeessa yaala sammuu bira deemudhaan yaala barbaachisu argachuun barbaachisaadha.

Fayyaa hin dhabinaa!!

Firoomsaa Urgeessaa Qaabii ( barataa yaala sammuu)

Yoo jaalattan gochuudhaan hiriyoota keessan biraan gahaa!

Address

Harar
Addis Ababa

Telephone

+251979857500

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Firomsa Urgessa page's posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Firomsa Urgessa page's:

Shortcuts

Share