16/08/2026
ADWAA IRRATTI HIN DUULU!!!
Adwaan injifannoo barumsa guddaa nuuf kennudha. Ani irraa nan barata; ittiinis nan boona! Haa ta’u malee, ani waggoota dhibba tokkoo ol gara duubaatti deebi’ee Adwaa irratti gahee qabaachuu hin danda’u. It is a moot point, yookaan akkuma Joey Tribbiani jedhu, “It is a moo point” 😂😂
Wanti ani baradhee fi beeku yaala sammuu (psychiatry) dha. Biyya keenya keessatti namoota dhibee sammuu cimaa qaban keessaa kudhan keessaa sagal gara yaalaatti hin dhufan. Addaan baafamuu fi loogiin isaan irratti raawwatamu cimaadha. Maatiin hedduun rakkoo fi dhiphina guddaa keessa darbu.
Hubannoon waa’ee fayyaa sammuu keenyaa baay’ee gadi aanaadha. Kanaafuu, ani xiyyeeffannoo koo fayyaa sammuu irratti godhee nan hojjedha; ykn nan “duula”! 😀
Waa’ee fayyaa sammuu irratti hubannoo argamsiisee, nama tokko ykn maatii tokko akka yaala argatu taasisee, dhiphinaa fi rakkoo keessa jiran irraa akka bahaniif yoo gargaare, sun anaaf ga’aadha.
Fayyaa sammuu malee; fayyaan hin jiru!!
Dr. Yonas Laqew