Simbirtuu Barii

Simbirtuu Barii Hardha hin booniin Waan Boru taatu osoo hin beekin

“Diimaa kudhaama Budaa” jedhe keekiyyaa Badhaadhaa
13/07/2026

“Diimaa kudhaama Budaa” jedhe keekiyyaa Badhaadhaa

Pagilee Girmaa Xurunaa Kanneen laalaa
12/07/2026

Pagilee Girmaa Xurunaa Kanneen laalaa

Pagen kun lamaan Ka Girmaa xurunaati jedhee comment gonan haaqe
12/07/2026

Pagen kun lamaan Ka Girmaa xurunaati jedhee comment gonan haaqe

12/07/2026

KUTAA 8FFAA: ABO WAYYAANEE IRRAA GARA BILXIGINNAA GULLALLEE

Erga Wayyaaneen kuttee murni Bilxiginnaa aangoo qabatee booda, irra jireessaan namoota damee nageenyaa keessa turan waan ta'aniif, icciitii hariiroo tika Wayyaaneefi ABO beeku. Wayyaaneen, keessattuu Geetachoo Asaffaa, caasaa ABO keessatti ijaarrate fayyadamuun fonqolcha nurratti taasisa ( counter revoltion ) sodaa jedhu qabaachaa turan. Kun sababa malee hin turre. Gara dhuma 2017'tti yaalii warraaqsa gatachiisuu irratti tikni Wayyaaneefi ABO bal'inaan wal tumsaa turan.

Maarree, murni OPDO aangoo qabate jijjirama barii balaa tumsa Geetachoo-Daawud'n irra gahuu malu faccisuuf,akkasumas isaanitti qabatee qabsoo Oromoo rukutuuf ganamumaan tarkaanfii eegale. Tarkaanfiin duraa namoota riqicha ABO fi Wayyaanee turan kan akka Girmaa Xurunaa, Tasfayee Urgeefi kkf taphaan ala gochuudha. Warreen akkasi keessaa kanneen murna haaraa aangoo qabateef harka kennaan ofitti qabachuun jara kaan haleeluun tarkaanfii biraati. Dabalataanis warreen caasaa Geetacho-Daawud keessa turan fayyadamuun gochoota fokkisoo hojjachuun aangoo jabeeffachuuf fayyadaman. Diraamaa boombii Waxabajjii 16 hiriira deeggarsa Abiy irratti raaw'atame, jeequmsa Burraayyuutti kaafameef kanneen biroo fakkeenya kanaati ( taatewwan kanarratti qorannoon geeggeessaa jiru gara fuulduraa isiniif dhiheessa).

Turmaata keessa murni aangoo qabate olaantumma goonfachaa dhufe. Caasaa dallaalaa-basaasaa tika biyyoleessaafi ABO jidduutti diriiree tures harkatti galfatee itti fayyadamuu eegale. Waraana Bilisummaa Oromoo Marroo jala jiruufi qabsaa'ota Oromoo ittin haleeluuf bobbaase. Haala kanaan murni Obbo Daawud, ABO Wayyaanee irraa gara Bilxiginnaa Gulalleetti jijjirame. Yaazoo Kabbabaa hanga Faqqadaa Abdiisaa, Amaan Filee hanga Dachaasaa Wiirtuu bakka Girmaa Xurunaa kaleessaa bu'uun alaabaa ABO uffatanii Bilxiginnaaf gugguufaa kan jiraniif kanumaafi.

Shirri maqaafi alaabaa dhaaba qabsoo jala dhokachuun sabboontota irratti geggeeffamu bara Wayyaanee ilmaan Oromoo kumaatamaan du'aafi hidhaaf saaxile. Ilmaan abbaa malee, maatii ilmaan malee hambise. Qaqqaaliin sabaa miira sabbonummaan guutamte alaabaafi maqaa ilaaltee galaafatamte. OPDOn ifatti diinatti maxxantee saba keenya miidhaa turte. Sabboontoonni diinummaa ishii beekuun gootummaan dura dhaabbatanii wareegaman. Dallaalonnifi basaasonni gam-lamee maqaafi alaabaa ABO golgaa godhatan garuu, osoo qulqulloonni sabaa ofirraa hin beekiin, maqaa qabsoon waamanii dugda duubaan waraansisan.

Dhumaatiifi hidhaa maqaafi alaabaa jalaan sabboontota irratti raaw'atame biratti, dallaalummaafi basaasummaan garlamee aadeffamaa dhufuun siyaasa keenya gara fuulduraaf balaa ta'eera. Sabboontonni gantummaa maqaafi alaabaa qabsoo uffateen miidhaaf saaxilaman, qabsoo akka nuffan, akka walshakkaniifi dabreetuu Oromummaa irratti mamii akka horatan taasiseera. Gariin isaanii miidhaa irra gaheen dallananii miira haaloo keessa seenuun mooraa diinaatti galanii ummata keenyarratti miidhaa geessisuurra jiru.

Waliigalatti shirri maqaafi alaabaa ABOn raaw'atamaa tureefi har'as itti fufee jiru, qabsoon gara fuulduraa akka hin tarkaanfanne takaaluu qofa osoo hin taane, araarriifi nageenyi qe'ee Oromootti akka hin deebine gochuu keessatti shoorri jtaphate hedduu guddadha. Kanaafuu, shira dallaalonnifi basaasonni gar-lamee alaabaafi maqaa qabsoo dahatanii taasisan saaxiluufi balaaleffachuun, siyaasaa biyya keenyaa qulqulleessun barbaachisaadha.

Dirreen siyaasaa keenya ifatti bakka lamatti bahuu qaba, bahaas jira. Gara mootummaafi gara mormituu. Gaafas sirnaan wal irratti qabsaa'uufis ta'ee haasaan dubbii furachuuf ( negotiated settlement) haalli mijataan uumama. Akeekni dubbiin yeroo dheeraaf garaa osoo na nyaattu qadaadee ture gadi baasee barreesseefis kanamu.

Waantin dogoggore yoo jiraate, isin dhaggeeffadhee sirreeffachuuf, gaafilee qabdanis deebisuuf qophiidha.

Oromoon dhugaa qaba. Tarsiimoon masakamee, tokkummaa isaa cimsatee, shira keessoo cicciree, balaa gama kamiiyyuu dhufu ofirraa qolachuun bakka garaa isaa ni gaha!

GOOLABAME

12/07/2026

KUTAA 7FFAA: QABSOON QERROO CAASAA GETAACHOO-GIRMAA-DAAWUD AKKAMIIN MO'ATE?

Akkuman kutaa dabre keessatti tuqe, Obboo Daawud miseensota ABO amanamoo akka basaasa gar-lameetti fayyadamuu akka tooftaa gaarii ta'eetti amana. Bara Girmaan dallaala basaasaa Obboo Daawudiifi Geetachoo Asaffaa ta'etti, tikni Wayyaanee balaa ( threat) gama ABO irraa dhufuu malu guutuutti fashaleessuu bira dabartee, dhaabicha akka damee tikaa ofitti fayyadamuu eegaltee turte. Waanta mooraa qabsoo Oromoo keessatti karoorfamu kamuu osoo oolee hin buliin argachuun qabsicha sakaaltee teessifte.

Maarree caasaan basaasaa Finfinnee hanga Asmaraafi diyaasporaa diriiree qabsaa'ota Oromoo hafuura kute sun, bara Qabsoo Qeerroo maal ta'eeti mo'amuu danda'e? Sababoota muraasa haa ilaallu.

Sababni duraa milkaa'inuma waajjira tika biyyaalessaa sanaatu miidhaaf isa saaxile. Erga gama Girmaan Daawudiifi ABO harkatti galfatee booda Getaachoo Asaffaafi waajjirichi ofitti amanamummaa guddaa horatan. Mooraa qabsoo Oromoo keessaa lilmee cidii keessa buuteyyuu ni arganna amantaa jedhurra gahan. Balaan gama Oromootii dhufu adda durummaan karuma ABOtiin dhufa xiinxala jedhurraa ka'uun, xiyyeeffannoofi leeccalloo karuma sanitti naannessan. ABOn ammoo jaarmaya caasaa gubaa-gadiitiin ( heirechical) ta'een waan hoogganamuuf, tarsiimoon waajjira tikaas caasaafi tooftaa hirechical ta'e baafatee socho'aa ture. Jechuunis gubbaadhaa hoogganaa ABO qabachuun, caasaa oppireeshinii jidduu laaftuutti kukkutaafi rukutaa ture.

Sochiin Qeerroo garuu kan dhaabbata siyaasaa osoo hin taane warraaqsa ummataa (social movement) ture. Sochiin akkasii ammoo caasaa gubbaa-gadiitiin kan hoogganamu osoo hin taane, caaseffamma walkeessoo (multidimensional) geggeeffama. Caasaafi tarsiimoon waajjira tikaa kan balaa jaarmayaa gubbaa-gadiitiin diriire dhayuuf qophaaye, sochii caasaa walkeessoo kana hubachuufis ta'ee haleeluuf qophii hin turre. Duraan gaafa hooggansi ABO loltoota gara Oromiyaa bobbaasu ykn fincila kaasisu, dhaabbanni tika mootummaa dursee odeessa hooggansa ABO irraa argata. Sanuu yoo argachuu baate caasaan jaarmayichaa jiddu-galeessa (midlevel opratives) waan beekamaniif, qabatee torutre gochuun karooraafi ramaddii adda baafatee yoosuu fashalsa. Warraaqsi ummataa bara sochii Qeerroo garuu caasaafi hooggansa gubbaa gaditti diriire waan hin qabneef, nama tokkoo lama mitii kumaatamaan qabdus sochii sana dhaabsisuuf ni rakkisa.

Waan ajaa'ibaa hooggansa EPRDF fincilli Oromoo keessoon dhoyuu akka danda'u dursee tilmaamee ture. Keessattuu Barakat Simoon osoo Mallasaan lubbuun jiruu xiinxala kallattii siyaasa Oromoo dhiheesseen, sababoota walirra tuulaman (cumulative factors) dargaggeessaafi birokiraasii Oromoo fincila sirnicha gaaga'utti geessuu dandeessisan addeessee ture. Waaqni Oromoo haa galatoomuu, xiinxalaafi akeekkachiisa damee siyaasaa irraa dhufe sana dhaabbanni tika biyyaalessaa fudhatee tarsiimoo madaalawaa hin baafne. ABO to'achuun ofitti amanamummaa sadarkaa oftuulmmaarra geesse (hubris) keessa waan galcheef, balaa Oromoo keessaan dhufu mara garuma ABOn to'anna jedhanii itti fufan. Gaafa fincilli dhoyuu eegalus, akkuma baratan gama caasaa ABOtiin dhuunfachuuf yaalan. Caasaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo jedhamu kan Girmaan hoogganamu harka isaanii waan tureef, dallansuu ummataa maqaa Maastar Pilaaniin dorrobaa dhufe karasiin gatachiisuuf tattaafatan. Fincilichumaayyuu caasaan Girmaa sun akka dhoosuufi deebisees to'atu (controlled explosion) karoora baasanii itti deeman. Dubbiin akka yaadan hin taane. Girmaafi caasaan isaa tiyaatiraan alatti baafamanii fincilli babal'atee to'annaan ala bahe. Maaliif?

Yennaa miira fincila Oromoo keessaan dhohuuf deemu kara ABOtiin to'achuun karoorfatan, warri tika biyyaalessaa waan hin hubatin muraasatu ture.

Kan duraa balaan gara caasaa ABOtiin qabsoorra gahaa jiru qabsaa'ota Oromoo jidduutti bal'inaan barameera. Namoonni hedduu Eritiraa leenji'anii yennaa galaniifi biyya keessas yennaa socho'an hidhamaa turan. Mana hidhaatti akkaataa itti hidhaman waliin odeeffatanii dhaabicharratti shakkii uummatan. Kanaaf caasaa dhaabaa shakkuun icciitii dhokfachuun cimee ture. Kanaafuu dhimma tooftaaf karoora qabsoo ilaalchisee qondaalota dhaabaa mannaa namoota caasaa sanaan alaa wajjiin hojjachuu eegalan. Tikni biyyaalessaa ija isaa guutuu caasaa ABOrra waan kaayyateef waan caasaan alaan guddataa dhufe kana qalbifachuu hin dandeenye.

Waanti biraa tikni biyyaalessaa sirritti hin hubatiin, caasummaan mootummaa kan siyaasaa, birokiraasiifi nageenyaa qabsootti hirmaachaa jiraachuudha. Hirmaannaa sun ammoo akka armaan duraa gara ABOn osoo hin taane caasaa sanaan alaan ture. Keessattuu erga qondaalonni RIB Jeneraal Kamaaliin hoogganaman ABOtti makamanii bu'aan dhabamee booda, caasaan mootummaa keessaa qabsoof jecha gara ABOtti galuun ( defection) dhaabbachaa deeme. Sanirraa ka'uun keessoon wal ijaaruufi sochiilee caasaa ABOn ala jiran waliin qindaayuun filatamaa ta'ee dhufe. Ammas tikni biyyaalessaa qaamaa-qalbii isaa guutu ABO irratti fuulleffatee ture, waan caasaa sanaan alaan ta'aa jiru odeeffachuufi hubachuuf carraa dhabe. Keessattuu erga Girmaan taphaan ala godhamee booda, dildilli Daawud-Geetachoo waan cabeef, odeeffannoo daddabarsuunis ta'ee tarkaanfii farra qabsoo qindeessuun tika biyyaalessaaf rakkisaa ta'e.

Namoonniifi gartuuleen dameelee siyaasaafi nageenyaa mootummaa keessa jiran, bifa caasaa Geetachoo-Girmaa-Daawud, moggeesseen socho'uu danda'uun isaanii milkaa'ina qabsoo Qeerroof carraa guddaa bane. Keessattuu karooraafi tarsiimoo mootummaa irratti odeeffannoo argachuuf akkasumas namoota mooraa qabsoo keessa taa'anii sirnichaaf dalagan adda baafatanii to'achuuf hedduu fayyade. Adaduma qondaalonni waraanaafi siyaasaa OPDO gara qabsootti dabalaman guddachaa deemeen, carraan tooftaafi tarsiimoo sirnichaa hubachuu qofa osoo hin taane keessoon fashalsuu cime. Gaafa jarri dhaaba Amaaraa (ANDM) fi warra Kibbaa ( SEPDM) gamana hawwataman, sirnicha laaftuutti gaggabsuun harka micciiruun danda'ame.

GOOLABBII
- Ce'uumsi Meeshaa Wayyaanee ta'uurraa gara Bilxiginnaa Gullallee akkamiin ta’e?
- Gaaga'ama kaleessaafi har'a yaadamni dallaalaa basaasaa fayyadamuu uume kanarraa maal baranna? Gara fuulduraa hoo akkamiin sabaafi biyya irraa tiksina?

Kutaan itti aanun kan dhumaati...

12/07/2026

KUTAA 6FFAA: BALAA DALLAALONNI BASAASAA QABSOO OROMOOTTI FIDAN

Hooggansi ABO badii Girmaa san hunda osoo arguu maaf Girmaa caldhisee ilaale? Kan duraa, Girmaan intelligence intermediary or liaison agent ta'uu isaa kan beeku Obboo Daawudiifi namoota muraasa malee hooggansa guutuu hin turre. Obbo Daawud maalirraa ka'anii osoo beekanii waan san hayyaman gaafii jettu hubachuuf yeroo hedduun itti yaadaa ture?

sababni tokkoffaan, Obboo Daawud durumarraayyuu damee basaasaa Shaabiyaa hedduu dinqisiifatu. Keessattuu hojii ajaa'ibsiisaa namoonni tika jaraa double agent ta'uun Dargii keessatti hojjatan waan dhagayaniif, milkaayina akkasii hooggansa ofii jalattis mirkaneessuuf barbaadan. Kanaaf durumarraa hojii basaasummaa akkasiif dinqisiifannaa qaban. Akkuma aangootti dhufaniinis namoota akka Atoomsaa Kumsaa hojii akkasiif bobbaasan.

Sababni lammaffaan, ABOfi hooggansi isaa yaadama siyaasa warraaqsaa kan 'kaayyoon jaarmayaa, dantaa dhuunfaa kamii oli' jedhuun masakamu. Kana jechuun, tarkaanfiin tokko faayidaa jaarmayaa tarkaanfachiisa taanaan miseensotaafi ummatarraan balaa kamuu yoo geessise, akka aarsaa fudhatama qabuu ( justifiable cost for the cause)tti ilaalama. Maarree, miseensonni Girmaan ijaaree qabsiisee torture godhaman sun, gatii kaayyoo dhaabaaf kafalanitti herreegamanii akka aarsaa fudhama qabuutti ilaalamu.

Sadaffaa ammoo, boodarra yennaa murnoonni hoogganoota akka Galaasaa Dilboo, Leecoo Lataafi Kamaal Galchuu fa'aa itti fincilan, barbaachisummaan basaasa Obboo Daawudiifi Wayyaanee jidduutti riqicha ( liaison agent) ta'uu daran ol guddate. Sababnis humna mootummaa tumsa godhachuun murnoota itti fincilan irra aanuufi ture. Gochaawwan gaafa ABOn murnoota Qaama Ce'uumsaafi Shanee Gumii jedhutti baqaqe biyya keessaafi Zoonii Kibbaatti ta'aa turan kanaaf ragaadha. Ajjeechaawwan, hidhaafi ganuun loltootaa tika gama mootummaafi murna Daawudiinis geggeeffamaa turuu warra keessa turerraa laaftuutti mirikaneeffachuu dandeessu. Boodas bara 2008 gaafa jijjiiramaafi Shanee jedhanii adda babahan kanumatu irra deebi'ame. Afaan biraatiin Tikni biyyooleessaa Geetaachoo Asaffaan dursamu, yennaa ABO keessatti dorgommiin murnaa uumamu, gareen Daawud akka olaantummaan turuuf tumsaafi ture. Kana ammo dantaa ofiitii jecha raaw’ataa ture. ABO harka Daawud tursiisuun, dantaa tika Wayyaanee itti fufsiisuu waan ta'eef.

Dabalataan ABOn murnootatti babbaqaqaa deemuuniif jaarmiyichi daran laafaa dhufuun hooggansa Obboo Daawud irratti qurrama keessaafi alaa kaasaa dhufe. Ummanni Oromoos, akka duraanii ABO qofa akka kallacha tokkichaa (sole vanguard) qabsoo isaatti ilaaluu dhiisuun, bifa garagaraatiin fala barbaadachuutti deeme. Kun ammoo olaantummaa (monopoly) ABOn akka dhaabaatti Obboo Daawud akka hoogganattii qabsoo Oromoorraa qabaachaa turan guyyuurraa sharafamaa deemee moggaatti dhiibamuutti geesse.

Kanaafuu, tika TPLF tumsachuun warra Obboo Daawudiifi murna isaaniin dorgomu laamshessuu akkasumas tarkaanfii mul'atoo (symbolic) ta'an fudhachuun relevance ofii tursiisuun barbaachisaa ture. Gabaabumatti hariiroon Obbo Daawudifi Geetachoo Asaffaa quid pro quo ture. Geetachoon aangoo Wayyaanee balaa gara Oromootii dhufurraa tiiksuuf namoota akka Girmaa Xurunaa fayyadama, Obbo ammoo murna keessoon itti fincilan rukutuuf tika biyyoleessaa guuza baafata.

Hojiin basaasummaa gar-lamee fayyadamuu kun garuu akka bishaan kokkofalchiisee nama fudhatuuti. Erga dhaaba basaasaa faallaa kee jiru waliin gochoota namoota mooraa kee keessaa miidhaaf saaxile icciitiin hojjattee booda, gaafa itti aanu diduun rakkisaa ta'a. Yoo didde, hooggansi basaasa faallaa keetii sun icciitii yakka kaleessaa sanin baasa jechuun doorsisee ( blackmail) osoo fedhuuyyuu baattee yakka haaraatti si hirmaachisa. Murni Obboo Daawudis maraammartoo (vicious cycle) kana keessa galuun bahuu waan dadhabaniif, akka waan sirrii jiraniitti of amansiisaa itti fufan. Basically, hariiroon namoota akka Atoomsaafi Girmaa akka riqicha baasaa fayyadamuu sun, boodarra, tiki Wayyaaneen Obbo Daawudumaa too'achutti ittiin ce'uuf gargaarame. Gama dhumaatti Obbo Daawud mataa isaatuu qabeenya tika biyyooleessaa ( intelligence asset) ta'e.

Kana booda ABOn jaarmaya waldhaansoo Oromoo geggeessuun, sirna Wayyaanee fonqolchu danda'urraa gara meeshaaa tikni Wayyaanee teempoo qabsoo Oromoo ittiin too'atutti jijjirame. Gaafa barbade fincila itti kaasifatee, faaydaa siyaasaa irraa buufatee, namoota balaa uumuu danda'an addaa baafatee rukutee fincila sanas dhaamsa. Gabaabumatti erga tikni biyyoolessaa Obbo Daawuditti dildila tolfatee booda, ABOn kiniinii qabsoon Oromoo ittiin laamshoftufi umriin Wayyaanee itti dheeratu ta'e. Hojiin Girmaa/ Daawud harkatti galfachuun sochii ABO too'achii, hojiiwwaan tikni biyyoleessaa hanga har'aatti raaw'ate keessaa, milkaa'ina hunda caalaa akka ta'eetti wanti leellifamuufis kanaafiidha.

Milkaa'ina tikni biyyoolessaa galmeessise kun qabsoo Qeerrootiin akkamiin injifatamuu danda'e? Kutaa itti aanu keessatti waan laallu ta'a.

12/07/2026

KUTAA 5FFAA: GIRMAA XURUNAA MAAF DHAGEETTII GUDDAA ARGATE?

Girmaa Xurunaa ABO fi mootummaa jidduutti basaasa gar-lamee ( liaison agent) ta'ee hojjachuun nama duraas, kan xumuraatis miti. Isa dura Atoomsaa Kumsaatu ture. Isa booda har'a Amaan Fileefi Dachaasaa Wiirtuu dabalatee hedduudha. Girmaan garuu hunda caalaa maqaan ka'ee dubbtama. Maaliif?

Kan duraa Girmaan sammuun isaa jara kaanirra cimaadha. Dandeettii shira xaxuu, dubbatanii amansiisuufi yeroo tokko taatoo (characterstics) hedduu ta'anii argamuu waan qabuuf gara lachuufi miseensotas amansiisee oofuu danda'e. Kan lammataa hooggansa gama lachuu( ABO fi tika mootummaa) biratti sababa firummaafi hirmaannaa dinagdeen amanamummaa jabaa horate. Kun ammoo himannaa gamaa gamanaa itti dhihaatuuf hooggansi gurra akka cufatu godhe.

Fakkeenyaaf maqaa hidhamtoota baasuutiin maallaqa guddaa ABO irraa fudhata ture. Gaaffii maallaqaa dhiheessuuf mamii malee hayyamamaaf, akka inni jara gorse eeruun dhufu dhageettii hin qabu. Tika biyyaalessaa keessattis, bu'aa duratti gaggaarii argamsiisaafii waan tureef, gabaasa sobaa inni dhiheessaa ture basaasonni biroo yennaa saaxilan hooggansi hin dhagayu ture. Kanaafuu hoggansa gama lachuu biratti gatii guddaafi amanamummaa cimaa horachuu waan danda'eef, leeccalloo guddaa gama lachuu argachuun, leeccalloo kanaan ammoo hordoftoota horachuuf akkasumas diinota isaa rukutuuf fayyadamuun humna cimsate.

Sababni biraa Girmaa Xurunaa warra akka isaa biraa caalaa maqaan ka'uufi miidhaas geessisuu danda'eef, yeroon inni itti ol-bahe, yeroo dhaabbileen lamaan (TPLF fi ABO) hedduu laaffatanii lubbuun itti dhufte (desperation) ture. Gama TPLF Mallas Zeenaan du'uun qaawwa hooggansaa guddaa itti banee laamshawuu keessoof saaxile. Fincilli Qeerroo Oromoo laafina keessoo daran hammeesse. Kanaafuu, qabsoo Oromoo finiinaa jiru keessaan bishaan itti naquufi, akkasumas warra EPRDF keessaa itti ka'aa jiru rukutuuf tumsi odeeffannoofi oppireeshiinii gama ABOtiin yoomiyyuu caalaa isaan barbaachise.

Dimshaashumatti, yeroon Girmaan dhaabbilee lamaaniif hojjachuuf duratti bahe, kan gamni lachuu gaaga'amaafi cinqii keessoofi alaatiin dadarkaayaa turan waan ta'eef, gurbichi dandeettii uumamaa qabuun dhimma bahee, akka gaariitti itti fayyadame. Milkaa'inni kun garuu, ofitti amanamummaa daangaa dabretti (hubris) seensisuun, warra hojii isaa fashalsuu barbaaduuf carraa laate. Fakkeenyaaf walgahiilee gurguddoo sodaa malee qopheessuun, maallaqa gurguddaa dhoksaa malee sochoosuufi namoota isa jalatti hojjatanitti of jajuun maddi isaa ofitti amanamummaa daangaa dabarte tanadha. Kanatu saaxilamuufi dirree taphaa keessaa baafamuuf isa mudate.

- ABO'n yennaa Girmaan badii sana hunda raawwatu maaf itti dhiise?
- Falaasamni Obboo Daawud Ibsaa basaasa jidduu deemtu ( liaison agent) irraatti qaban eessaa dhufe? Badii akkamii geessise? Badiin sun maaf xiqqeefamee laalame?

Kutaa itti aanutti xiinxalla...

KUTAA 4ffaa: GIRMAA XURUNAA LIAISON AGENT/ INTELLIGENCE INTERMEDIARY TURE  .Qorannoon bara qabsoo Qeerroo taasiserraan m...
11/07/2026

KUTAA 4ffaa: GIRMAA XURUNAA LIAISON AGENT/ INTELLIGENCE INTERMEDIARY TURE .

Qorannoon bara qabsoo Qeerroo taasiserraan mana hidhaatti carraa qondaalota tikaafi poolisii dubbisuu argachuun, Girmaa Xurunaa qaamota nageenyaa mootummaa waliin hojjachaa turuu mirkaneeffadhe. Kana ammoo hayyu dureen ABO akka quba qaban kan amma dura Obboo Daawud naaf himan jarri tika turanis naaf mirkaneessan. Eegaa dubbiin asitti.

Namni tokko double agent kan jedhamu dhaaba basaasa X bakka bu'ee dhaaba Y akka basaasuuf ergamee inni garuu dhaaba Y'n bitamee garagalee dhaaba X yoo basaasedha. Kana jechuun hooggansi dhaaba X namichi sun dhaaba Y basaasee akka odeeffannoo fidu qofatti beeka. Akka dhabichuma X kan jalqaba erge san garagalee basaasuun dhaaba Y'f geessu hin beekamu. Hojiin basaasticha saniis yakka hamaa ( treason) ta'a. Garuu ammoo yoo hooggansi dhaabbilee X fi Y lamaanuu namichi gara lachuufi akka hojjatu beekan hoo?

Basaasni tokko double agent kan jennu yoo qaamni dura isa erge sun akka basaasichi garagalee qaama itti ergameef hojjatu yoo hin beekiniidha. Jecha biraan hojiin basaasicha gama lamaan keessaa tokkoof iccitiidha. Yoo gamni lachuu beekan garuu double agent ta'uu hin danda'u. Basaasni sun nama gamni lachuu beekamtiin wal jidduutti odeeffannoo dadabarsaniifi hojjachiisan waan ta'eef liaison agent ykn intelligence intermediary maqaa jedhutu ta'aaf.

Haaluma kanaan Girmaa jalqaba ABOtu hojjachiisa ture. Booda tikti Wayyaanee qabee miseensota ABO akka basaasuufi hiisisu bobbaase. Garuu Girmaan gara galfamuun hooggansa ABOf icciitii miti. Osoma beekan itti dhiisan. Girmaan gama lachuu hojjachuu itti fufe. Fakkeenyaf dargaggoota ijaaree leenjii waraanaaf Keeniyaafi Eritriyaatti erga. Gaafa leenji'anii deeba'an ammoo Wayyaaneef himee qabsiisa. Bifa walfakkaatuun qabeenya ABO Itoophiyaa keessa sochoosuun dhaabaaf galii argamsiisa. Garagalee ammoo daldaltoota madda galii sanii ta'an Wayyaanetti saaxilee qabsiisa. Gocha kana hayyu dureen ABO'tis hooggansi tika Wayyaanees beeku. Miidhaa Girmaan geessisurra faayidaa isaatu caala jedhanii garri lachuu itti dhiisan.

Kanaafuu Girmaa Xurunaa basaasa double agent kan ABOn ergatee beekamtii dhaabaatiin ala Wayyaaneen garagalfatte miti. Inni basaasa beekamtii gama lachuutiin gama lamaaniifuu hojjachaa ture waan ta'eef 'liaison agent ykn intelligence intermediary' jechuunii qabna.

- Hooggansi ABO gocha akkanaa maaf hayyame?
- Namni ABO hojii akkanarratti bobba'e Girmaa qofaa?

Kutaa itti aanu keessatti itti fufa...

KUTAA 3ffaa: MANA HIDHAATTI BASAAASOTA WAYYAANEE IRRAA WAAN ODEEFFADHE Haacaaluu ajjeesanii nus hidhanii Qaallitti nu ge...
11/07/2026

KUTAA 3ffaa: MANA HIDHAATTI BASAAASOTA WAYYAANEE IRRAA WAAN ODEEFFADHE

Haacaaluu ajjeesanii nus hidhanii Qaallitti nu geessan. Nu dura qondaalonni tikaa, polisii federaalaafi RIB sirna Wayyaanee tajaajilaa turan hidhamanii nu eegan. Namoota Dirribsaa Daamxee maqaa tuqe dabalatee qondaalota dhimma Oromoo irratti yeroo dheeraaf hojjataa turantu jira. Kun ammoo dhimmoota bara qabsoo hiibboo nutti ta'aa turaniifi, taatewwan jijjirama boodaa isaanirraa odeeffachuuf carraa guddaa naaf laate.

Anaafi Baqqalaan faa mana kophaatti waan hidhamneef, qaamaan jara dubbisuu hin dandeenye. Garuu eegdonni kiyyaafi Qeerrowwan nu waliin himataman qondaalota bara Wayyaanee san waliin mooraa tokkotti hidhamuun alkallattiin jaraa waliin mari'achuuf hiree bane. Joolleen tiyya beellama mana murtiif waliin qaphaayuuf na bira waan dhufaniif, gaafileen qabu yoo danda'ame xalayaa in yookim afaaniin itti himee erga. Isaanis bifuma walfakkaataan naa deebisu.

Gara jalqabaa walsodaan waan turteef odeeffannoo gadifageenyaa naaf hin kennan ture. Gaafa bubbullu wal amantaan jabaatee sirrumatti naa dhanagalaasan. Gaafa lolli Tigraay eegalu, qondaalonni dabalataa qabamanii dhufuun, carraa odeeffannoo dabalataa argachuu nuuf bal'ise. Akkuma hidhaa bubbuleen poolisiis ofitti madaqsinee bilbila fayyadamuu eegalle. Kun ammoo dhaamsaan osoo hin taane kallattiin akkan jara waliin haasayuufi odeeffannoo sassaabadhu na gargaare. Bilbila sakattaan guuranii dadhabnaan booda dambaliin bilbilaan ( signal) mooraa Qaallitti akka hin geenye guututti ugguran (jam). Gaafasitti waanin barbaaduu hedduu odeeffadhe.

Girmaa Xurunaa qofa osoo hin taane hariiroo qondaalonni ABO biroo muraasni tiki biyyoleessaa waliin qabaachaa turan sirrumatti na hubachiisan.

- Girmaa Xurunaa double agent turee?
- Hojii isaa hoggansi ABO beekaa turee? Akka hoggansi ABO beeku tikni biyyoleessaa hoo quba qabaa laata?

Kutaa itti aanutti argattu

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Simbirtuu Barii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share