Dr.Fayyaa

Dr.Fayyaa page'n kun Odeeffannoo fayyaa Hawaasa keenya biraan gahuufi barsiisuuf kan Uumamedha.Gaaffiwwan kara

  dalagaa Gaarii Isiniif Hawwina! #መልካም የሥራ ሳምንት!  you all agreat work Week!Health professionals
04/05/2026

dalagaa Gaarii Isiniif Hawwina!
#መልካም የሥራ ሳምንት!
you all agreat work Week!
Health professionals

  Har'aa- Qoricha osoo fudhatanii dhugaatii Alkoolii qabu dhuguu!.======  ======= ======= ====== ====Qeerroo waggaa 24ti...
27/04/2026

Har'aa- Qoricha osoo fudhatanii dhugaatii Alkoolii qabu dhuguu!.
====== ======= ======= ====== ====
Qeerroo waggaa 24ti. Dhukkuba garaa keessaa isa muudateef Qoricha kiniinii Meetirondaazoolii (Metronidazole) jedhamu liqimsaa jira. qorsa kana osoo fudhatuu har'a hiriyaa waliin maaf xiqqoo if haaromsinee "relax" goone hin deebunu jechuun manaa bahanii wooki (walk)😂 gochuu jalqabu. sana booda reestoraantii naannawa jiru yoo gahan Aannan(biiraa jechuu isaaniti) dhugne galla silaa takka manaa baane jechuun achi seenanii dhuguu eegalu. Dhugaatiin Aannanii kun (biiraa)isaaniif haaraa miti!

Mucaan kun biiraa (Aannan) qaruura 4,5 fudhatuyyuu moq😂 hin jedhu jedhan!😂

har'a garuu wayita biiraa tokkottii xiqquma walakkaarra gad dabarsu garaa dhukkubuu jalqabe jedhaan. Dafee dafee haqqisiisa, lolloojjisa! waan garaa qabu haqqisee fixatuyyuu miirri ol itti adeemuu(miirri haqqisiisuu) dhaabbachuu dide jedhani. sana booda maba yaalaa fidan

Yaalaatti:- Dhukkubsataa kana yoo ilaallu baayyee laafeera! . mallattooleen hir'ina dhangala'aa qaamaa agarsiisan ni jiru; dhahannaan onnee isaa baayyee olka'eera! Garaa isaatirra dhukkubbii xiqqaan ta'e ni jira.

*kana ergan ilaalee waayee ka'umsa dhukkuba kanaa fi dhibee kana dura qabuu, qoricha fudhatuu fi erga dhukkubbiin kun itti dhufee maal akka ta'e qorachuun eegale. Innis dhibee biroo akka hin qabnee fi qoricha meetiroondaazoolii jedhamu akka liqimsaa jiru natti hime. Anis maddi rakkoo isaa qoricha inni liqimsaa jiru kanaan akka walqabatu itti hime.

==>Qorichi(dawaan) inni fudhatuu fi alkoolii(biiraa) inni dhuge kun wal simuu diduun qaama isaa keessatti dirree waraanaa banuun jeequmsa akka fidan 😂 itti himeen gara yaala nagaa buusuutti deeme. Tajaajila yaalaa isaaf malu erga argatee booda tasgabbaaye gara mana isaattii deebi'e!

(Metronidazole) kun maal?
==>Dawaan kun dawaa farra baakteeriyaa fi pirootoozo'aa ta'e dhibeewwan kanneen akka infeekshinii ykn dhibee gogaa, ilkaanii, garaa keessaa fi qaama hormaataa(saalaa) yaaluuf gargaarudha.

==> of eeggannoo wayita qoricha kana fudhatan godhamuu qaban:-
1. Wayita dawaa kana fudhatan fi erga fudhatanii booda yoo xiqqaate sa'aatii 48f (guyyoota 2f) dhugaatii alkoolii fudhachuu(dhuguu) dhiisuu!Balaa Wal simuu dhabuu kan akka qorsa"Daayisalfiram" jedhamu qabu fida. Qorsi Daayisalfiram jedhamu kun namoota susii alkoolii dhuguu qaban yaaluuf oolidha-Kunis "disulfiram-like reaction" kan jedhamudha. (Rakkoon dhukkubsataa kootii isa kanadha)

2. Dhukkubbii tiruu cimaa nama qabu yoo ta'e qorannoo laabooraatorii taasisuun booda haala fudhannaa qorichaa sirreessuu!

==> Miidhaawwan qoricha kana fudhachuun dhufuu danda'an (side effects):-
a-Dhandhama sibiilawaa arraba irratti fiduu
b-bowwoo mataa fi lafa maruu
c- haqqee fi garaa-baasaa
d-fincaan gurraacha'uu
e- gogaa qaamaa gubuu, hadooduu fi gaggabdoo.
kunneen namoota muraasarratti kan uumaman waan ta'eef qorsa (dawaa) kana fudhachuuf waan nama dhorkan miti!

Hubatamuu Qabu:-
Namni qoricha fudhatu, kiniinii ta'ee marfee ykn dibata ta'ee shirooppii waayee dawaa sanaa ogeessa gaafachuu qaba ykn ogeessi itti himuu qaba!
2. Qorsii(dawaan) yeroo akkamii akka fudhatamuu fi of eeggannoo nyaataa fi dhugaatii waliin walqabatuu haalan gorfamuu qaba!(Dhukkubsataan koo odeeffannoo kana ogeessa irraa hin arganne)
3. Qorichi(Dawaan) tokko tokko of eeggannoo cimaa gaafatu, miidhaan isaaniin walqabatee dhufu hanga lubbuu namaa balaarra buusuu danda'u!
4. Qorsi yoo kennamu sirna ajaja qorichaa (prescription rule) eeguu !
******************************************
fi nagaa hin dhabinaa, nagaan tura!

 #  Kalee:   Waliigalaa GabaabaaCirrachi Kalee kuufama jajjaboo(solid) hammamtaan xixiqqoo kalee  keessatti uumamaniidha...
23/04/2026

# Kalee:

Waliigalaa Gabaabaa

Cirrachi Kalee kuufama jajjaboo(solid) hammamtaan xixiqqoo kalee keessatti uumamaniidha. Dhukkubbii Cimaa ta'e kan uuman keesumaayyuu wayita kalee irraa gara Afuuffee fincaanii ujummoo dhiphaa qaamota lamaan kana walqunnamsiisan (Ureter) keessa darbanidha.

Mul’atan:

Dhukkubbiin cimaan- dugda, cinaacha, garaa ykn mudaamuddii irratti argamuu
Fincaan dhiiga qabaachuu ykn fiincaan diimachuu
Dhukkubbii yeroo fincaanii
miira Haqqisuu(Loloji'uu) fi haqqisa(balaqqamsaa)

Ittisaa:
1.Bishaan gahaa(baayyee) dhuguu- guyyaatti litrii 2.5-3 dhuguu.
Bishaan qaama keessaa hir’achuun/Goginsi jiraachuun ( sababoota kanneen akka baasaa, haqqee,bishaan gahaa dhuguu dhabuun dhufu) cirrachi kalee akka uumamu taasisa.
2.Nyaata soogiddaawoo( soogidda-) ta'an hir'isuu- Nyaata warshaan qophaayanii saamsaman, Chiipsii fi sukkaara baayyatan kanneen akka lallaafaa( soodiyeemii baayyee qabu)
3. Nyaata qabiyyee prootinii guddaa qaban yeroo mara nyaachuu dhiisuu- foon horii, lukkuu, qurxummii- nyaanni kunneen yuuric asiidiin akka baayyatu gochuun cirrachi akka uumamuuf nama saaxila. nyaata kaalsiyeem qaban kan akka aannanii daran fudhachuun gaariidha

4. Nyaata sitrasii baayyisuu- cuunfaa loomii, birtukaanaa fi kkf baayyisuun carraan cirrachi kalee uumamuu xiqqeessuun ni danda'ama.
5. Nyaata madaalamaa soorachuu- keessumayyuu fuduraalee fi kuduraalee haalan nyaachuun fayyummaa kalee fi qaamaa akka waliigallattii yeroo dheeraaf fayya qabeessa ta'ee akka jiraatu ni taasisa.

Fayyaan tura, fayyaa fi nagaa hin dhabinaa!
Dr.Fayyaa

✝️Kiristoos Du'aa ka'eera!!!Eeyyeen Du'aa ka'eera✝️Hordoftoota amantaa Kiristaanaa maraan baga Ayyaana du'aa Ka'uu Gooft...
11/04/2026

✝️Kiristoos Du'aa ka'eera!!!
Eeyyeen Du'aa ka'eera✝️
Hordoftoota amantaa Kiristaanaa maraan baga Ayyaana du'aa Ka'uu Gooftaa Keenya Iyyesuus Kiristoosin Isin ga'e; nuun ga'e! Ayyaana gaarii!

-Nyaata Cooma fi mi'eessituu qabuu kan ji'oota lamaan darbaniif hin nyaanne amma nyaachutti jirtu waan ta'eef of eeggannoo taasisaa, hanga garaan keessan nyaata kanneen waliin wal barutti nyaata baay'isuu dhiisuu fi wayita hojjatamullee dhadhaa,zayitaa fi mi'eessituu xiqqeessun gaarii ta'a!

Ayyaana Gaarii!!!
fayya

  (Dhukkubbii) Garaachaa/የጨጓራ ህመም   fi yaala isaa        :- Garaa/laphee, dugda gubuu (nyaataa waliin kan cimu yookin ka...
28/03/2026

(Dhukkubbii) Garaachaa/የጨጓራ ህመም
fi yaala isaa

:- Garaa/laphee, dugda gubuu (nyaataa waliin kan cimu yookin kan Wayyaa'u/furu - Iddoo miidhama gaaraacharratti hundaa'a), Deeffuu baayyisuu, fedhii nyaataa dhabuu, balaqqamsuu fi garaa Afuufuu ykn bokoksuu , Afaan hadheesuu, Nyaata xiqqaa nyaachuun quufuu, dadhabsiisuu kkf.

=====_____=====

Hub--> garaa/ ykn laphee gubuun mallattoo dhukkuba biraa tahuu ni danda'a.

'aansa:-
a) Dawaa malee
suuta fi muraasa nyaachuu.
# nyaata asiidawoo ta'an soorachuu dhiisu. Fkn cuunfaa loomii, birtukaana, timaatiamaa kkf
# dhugaatii keemikaala kaafeeni qaban kan akka bunaa,kookaa fi kkf irraa of qusachuu
# tamboo fi alkoolii dhiisuu
qaamaa quufanii hoojachuu dhiisuu, ciisuun dura yoo xiqqaate nyaata booda sa'a 2 turuu
# Qoricha ykn dawaa dhukkuba biraatif kenname fudhachuun mallattoleen dhukkuba garaachaa kan mul'atan yoo tahe, ogeessaa fayyaa waliin mari'achuu

b)Dawaan
# Ogeessii fayyaa dawaa barbaachisaa ta'e qorannoo labratoriin booda kan ajaju ta'a.
*Dawaan kunneen Dawaa dhangala'aa Asiidii garaachaa hir'isanii fi farra baakteeriyaa ta'uu danda'u!
*Yeroon wal'aansaa... qorannoo laabraatoorin booda kan murtaa'u fi torbee 4-8 fudhachuu danda'a!

፨፨Fayyaan hunda yaa dursu፨፨
Horaa bulaa

Wiigii fi Rifeensi Namaa(Human hair) faayaaf fayyadan Dhibee kaansariitiif akka nama saaxilan beektuu?******************...
24/03/2026

Wiigii fi Rifeensi Namaa(Human hair) faayaaf fayyadan Dhibee kaansariitiif akka nama saaxilan beektuu?
*******************************************
saayinsii bara kana (2026A.L.A) YKN 2018 A.L.I ba'e akka agarsiisutti rifeensi nam-tolchee kan akka Wiigii fi Rifeensi namaa(human hair) keemikaalota heddu fi hamoo ta'an kan kaansarii fidu danda'an of keessaa qabu
qorannoo kanaatti keemikaalota gosa 48 balaa fayyaa namarratti fiduu danda'an rifeensa kanneen keessatti argamaniiru.
--------------===-----------
--------------===-----------
wiigiini fi rifeensi namaa dhibee fidu:
1- yeroo dheeraa rifeensa waliin yoo turu gogaa mataa,fuulaa fi mormaa waliin tuttuqqii fiduun keemikaalotni kunneen akka gogaa namaarratti miidhaa fidan taasisa.
2- harkaan erga rifeensa kana tuqanii booda osoo harka hin dhiqatiin qaama tutuquun (fuula,funyaan, afaan...) carraa keemikaalotni kun gara gogaa seenan dabala.
3. Rifeensi kunneen yommuu bishaan ho'aan dhiqaman ykn meeshaa rifeensa sirreessun hoo'ifaman Keemikaalotni kunneen bifa hurkaatiin qaama sirna hargansuu seenuun gara dhiigatti dabalamu
======-----=====
======-----=====
ykn miidhaa wiigii fi Rifeensa namaatiin dhufan:-
1.Allarjikii ykn Oriisaa gogaa- diimachuu, hooqsisuu, dhiita'u ykn madaa'uu gogaa mataa, fuulaa fi mormaa fiduu danda'a.
2. Jijjiirrrama hormonii qaamaa fi jeequmsa fayyaa namaarratti fiduu, dandeetti dhibee ittisuu gad-buusuu
3. Maseenummaa/Dhala dhabuu
4. Wayita ulfaa-guddina qaama daa'imaa irratti rakkoo fiduu
5.Rakkoo ykn dhibee qaama sirna hormaataa irratti fiduu.
6. Dhibee kaansarii harmaa fidu-keemikaalotni gosa 17 rifeensa kanneen keessatti argaman kallattiin kaansarii harmaa fiduu danda'u
7. Ulfaatina qaamaa dabaluu, dhibee sukkaaraa fiduu fi shamarraan umrii isaanii malee ariitiin sadarkaa guddina irra akka gahan ykn akka xumuuran taasisuu.

============
============
ammaatti Wiigii fi Rifeensi namaa too'annoo fi qorannoo qaama fayyaatiin raawwatamu keessa hin dabarre. Qaamni meeshaalee kanneen oomishu sadarkeessa kam keessayyuu kan hin dabarree fi too'annoo keemikaalota kanneen irratti kan hin raawwannedha.
-Hanga danda'ameen dhimma fayyaa keenyarratti xiyyeeffanoo taasisuun haala itti fayyadama keenyaa sirreessuu qabna!!!
-American chemical society journal.

********Fayyaaf nagaa hin dhabinaa!******
©dr.Fayya

Namni Dhibee sukkaaraa qabu nyaata akkamii nyaatuu qaba?***************************************** ****Gosti nyaataa namo...
16/03/2026

Namni Dhibee sukkaaraa qabu nyaata akkamii nyaatuu qaba?
***************************************** ****
Gosti nyaataa namoota dhibee kana qabaniif filataman baayyeen isaanii biqiloota irraa kan argamanidha.
nyaataa fi tartiiba isaanii:-
1. Nyaata biqiloota magariisaa irraa argaman soorachuu- Gosootni nyaata kanneenii wal'aansa dhibee sukkaaraa keessatti sadarkaa 1ffaarra kan jiranidha.
Qabiyyee soorataa gaarii kan qabanii yoo ta'u hammamtaan sukkaaraa fi kaaloorii isaanii baayyee xiqqaadha. Dabalataanis Vaayitaaminoota fi albuudota gaarii kan qabanidha.
Fakkeenya- Raafuu gosoota garagaraa!

2. Nyaata Faayibariin badhaadhan- qabiyyee sukkaaraa xiqqaa kan qabanii fi faayibariin qaban sukkaarrii nyaata keessa jiru baayyee akka hin xuuxamne gargaara.
Fakkeenya- Ruuza( diimaa), Ajjaa

3.Nyaata Zayiita Fayyaalessa ta'an fi muduraalee-
qabiyyeen sukkaara isaanii baayyee xiqqaa kan ta'anii fi qaamni insuliiniidhaaf haala salphaan deebii akka deebisu kan taasisanidha. Albuudota akkasumas Vaayitaaminoota murteessoo ta'an haalan qaban.Fakkeenya-Avokaadoo

4. Nyaata pirootinii kan madda biqilootaa irraa - argaman- gosootni nyaata kanaa qabiyyee pirootina bareeda kan qabanii fi sukkaarri isaanii xiqqaa kan ta'edha..
Fakkeenya- Baaqela, Atara, Missira

Akka waliigalaatti nyaatni namni dhibee sukkaaraa qabu sooratuu qabu 50% biqiloota fuduraalee fi muduraalee, 25% ammoo pirootinii fi 25% Zayiita(cooma) fayyaalessa ta'an kan of keessa qaban yoo ta'e filatamaadha!

Hub: Gosootni nyaata armaan olitti tarreeffaman kunneen warra ijoo ta'an malee effama guutuu miti! Nyaatni gosa biraa kan armaan olitti tarreeffamaniin wal fakkaatan hayyamamuu danda'u. Ogeessa fayyaa waliin haalan mari'achuun murteessadha.. wal'aansa dhibee sukkaaraa keessatti wanti sooratamu akkuma isa qorichaa xiyyeeffannoo guddaa gaafata!

***Waayee dhibee saree maraattee irratti  Gaaffii ijoo ta'aniif deebii kenname***×××××××××××××××××××××××××××××××××××1. D...
03/03/2026

***Waayee dhibee saree maraattee irratti Gaaffii ijoo ta'aniif deebii kenname***
×××××××××××××××××××××××××××××××××××
1. Dhibeen saree maraattee erga sareen nama ciniintee turtii yeroo hangamii booda mallattoo namarratti agarsiisuu danda'a?
- sareen dhukkubsatte erga nama ciniintee yeroo baayyee turtii ji'a 1-3 gidduutti mallattoon mul'achuu danda'a! garuu sababa tokko tokkoon guyyaa 7 hanga waggaa 1 boodarree dhufuu danda'a!
Sababoota dhibicha dafee akka mallattoo mul'isu taasisan:-
🦵👤👣Iddoo ciniinname- qaamni ciniinname gara samuu namaatti siqa yoo ta'e dafee dhibeen namatti dhufa.fuula> Qoma>harka>miila>Faana luka.
->Altokko ciniinnamuu fi bakka baayyee ciniinnamu
-> madaan gad fageenya qabaachuu(dhibeen fiduuf carraa guddaa uuma) fi gubbaa ta'uu isaa
-> hamma ykn baayyina vaayirasii gorora saree keessa jiru fi kkf. yoo dawaa hin argannetti ariifachuu yookiin suuta dhufuu mallattoo dhibichaa ni murteessu

2. Namni sareedhan ciniinname qoricha yoom fudhachuu qaba?
- battala ciniinnametti ykn guyyoota muraasa keessatti fudhachuu qaba

3. Sareen nama ciniinte maraaf qorichi ni fudhatamaa?
- Lakki! sareen qoratamee vaayirasiin dhibee kana fidu irratti hin argamne yoo ta'e( qorannoo akkasii akka biyya keenyatti hin baratamne) yookiin sareen kan hidhamuu fi talaallii kan qabu, nyaatni isa hordofamee kan kennamuu akkasumas saree fayyummaan isaa nama hin shakkisiisneef fudhatamuu yoo baate rakkoo hin qabu. hanga guyyoota 10-14 hordofamee mallattoo adda tahe hin agarsiisu yoo tahe yaaddoo keessa nama hin galchu!

4. Namnii dhibee kanaan mallattoo agarsiise carraa fayyuu qabaa?
- Namni sababa dhibee kanaatiin mallattoo sirna narvii giddu galeessa agarsiiseykn amala jijjiirraa fide ( sodaa bishaan dhuguu, iyyuu, nama ciniinuuf fiiguu, laamsha'uu qaamaa....) 100% carraa du'uu qaba😭

5. Namni foon horii saree maraatten ciniinamee du'e(Qalame) nyaate foonichi akka qorichaatti fayyadaanii?
:- Gonkuma hin fayyadu, caalatti dhibeef akka saaxilaman ta'u malee.
A) Fooni dheedhii nyaachuu fi Aannan Horii sareetti maraatteen ciniinname nyaachuun dhibeef nama saaxila.
B) Foon horii dhibee kanaan qabame wayita qalan, baatan yookiin tuttuqan of eeggannoo cimaa taasisuu harka qullaan qabuu dhiisuu fi tooftaa ittisaa garagaraa fayyadamuun barbaachisaadha.
C) Fooni horii dhibee kanaan qabame yoo sirriitti Affeelan (bilcheessan) dhibee kana hin fidu! sababni isaa Vaayirasichi hoo'a guddaa keessatti ni du'a waan ta'eef.
D) Qaama bineeldaa keessumaayyuu sammuu fi dugugguruu dugdaa tutuquu fi soorachuu irraa of dhorkuu!!

tokko tokko:-
manatti hidhuu fi hanga danda'ameen talaalchisuun bareeda.
halkanii naannoo kan jiran yoo ta'e tutuqqii irraa fagaachuu, yoo simbira halkaniin ciniinnaman batalatti mana yaalaa deemuun talaallii jalqabuu!
saree maraattee carraan inni namarraa namatti darbuu xiqqaadha garuu karaa ciniinnaatiin, yookiin Imimmaanitiin yoo madaan jiraate ni daddarba. dhiiga namaa fi fincaan namaa keessatti hanga ammatti qorannoon vaayirasichi hin argamne, garuu of eeguun gaariidha!
kamiyyuu nama dhibee kana qabuu yoo kunuunsinu harka keenya sirriitti dhiqachuu, Dhangala'aa qaamaa keessumaayyuu gorora xuquu dhiisuu fi meeshaalee of eeggannoo fkf Haguuga harkaa-Glove fayyadamuun barbaachisaadha!

saree maraattee 100% ittisuun ni danda'ama! Mallattoo yoo namarratti mul'isee garuu 100% lubbuu namaa galaa*fata!

# # # nagaa hin dhabina!
Share, comment fi like gochuun wal hubachiisaa!
Dr.Fayyaa!

28/02/2026

Waayee dhukkuba saree maraattee isiniif maxxansee turerratti gaaffii hedduutu gara keessatiin naaf ergamaa jira iddoo tokkotti walitti qabeen cuunfaa isaa isiniif maxxansa warri isiniif hanga ammaa deebii hin deebisne naaf obsaa!🙏
Warri gaaffii qabdan ammas gaafachuu ni dandeessu!

**** በእብድ ውሻ የተነከሰች የታካምዬ ታሪክ ****××××××××××××××××××××××××××××××××××××የ20 ዓመት ወጣት ሴት ናት፤ እኔ ድንገተኛ ክፍል (Emergency Room) እ...
27/02/2026

**** በእብድ ውሻ የተነከሰች የታካምዬ ታሪክ ****
××××××××××××××××××××××××××××××××××××
የ20 ዓመት ወጣት ሴት ናት፤ እኔ ድንገተኛ ክፍል (Emergency Room) እየሰራሁ እያለ በቤተሰቦቿ ተይዛ መጣች። ትወራጫለች፣ ብቻዋን ታወራለች፣ ትጮኻለች፣ ምራቋንም ታዝረከርካለች፣ ቤተሰቦቿንም ለመንከስ ትሞክራለች።
ቦታ ሰጥተናት በክፍሉ ከተመደቡ የጤና ባለሙያዎች ጋር ከተነጋገርን በኋላ፣ ልታገኝ የሚገባትን ህክምና አስጀምረን ስለ እሷ ሁኔታ መጠየቅ ጀመርኩ። አባቷ እንዲህ አሉ።

"እንዲህ መሆን ከጀመረች (አሁን የሚታዩባትን ምልክቶች ማሳየት ከጀመረች) አንድ ሳምንት ሆኗታል። በየቀኑ እየባሰባት መጣ፤ አሁን ውሃ አትጠጣም፣ ምግብ አትበላም፣ አትተኛም፣ ትጮኻለች፣ ሰውን ለመንከስ ትሞክራለች። እሷን መያዝ እንኳን አልቻልንም 'ሰይጣን (ሊክፊት) ሳይሆን አይቀርም' ብለን አዋቂ ሰው ዘንድ ሄደን ነበር፤ ግን ምንም አልረዳንም። የምናደርገው ሲጠፋን ወደዚህ ሆስፒታል አመጣናት" አሉ።

በመቀጠልም— ከአንድ ሳምንት በፊት ምን ተፈጠረ? የራስ መጎዳት ወይም የደረሰባት አደጋ አለ? ህመም ነበረባት? ብዬ ጠየቅኩ።
አባቷም "አይ፣ የተለየ ነገር አልነበረም፤ ነገር ግን ከአንድ ወር በፊት ውሻ ነክሷት ነበር፣ የተነከሰችው ቁስል አካባቢ ያመኛል ትል ነበር፣ ቁስሉ ግን አሁን ድኗል" አሉ።

"ውሻው እንዴት ነከሳት? አሁን ውሻው በምን ሁኔታ ላይ ይገኛል?" በማለት ጥያቄዬን ቀጠልኩ።

እሳቸውም (የታካሚዋ አባት) "ወደ ትምህርት ቤት እየሄደች እያለ መንገድ ላይ ነው የነከሳት፤ የውሻውን ባለቤት ለማወቅ ሞክረን ነበር ግን አላገኘንም፣ አሁን የት እንዳለ አናውቅም" አሉ።

ይህ ጉዳይ መጣራት አለበት ብዬ ስለወሰንኩ፣ በስልክ ስለ ውሻው ሁኔታ እንዲያጠያይቁ ነገርኳቸው። እነሱም ወደ ተለያዩ ቦታዎች ደውለው በመጨረሻ የደረሱበትን እንዲህ አሉኝ፦

"አሁን እንደሰማነው ውሻዋ የመጣችበት ቦታ ከእኛ ራቅ ያለ ነው። ብዙ ሰዎችንና እንስሳትን ነክሳለች፣ በኋላም ገድለዋታል። የነከሰቻቸው እንስሳትም መሞታቸውን ነገሩን፤ የተነከሱት ሰዎች ደግሞ መርፌ እየወሰዱ ነው" አሉኝ። የአባቷ አይኖች እንባ አያቀረሩ ማልቀስ ጀመሩ። "ዶክተር፣ ልጄን እንዲህ ያደረጋት የውሻ በሽታ ነው?" ብለው ሲጠይቁኝ፣ "እባክዎን ትንሽ ይታገሱኝ" ብዬ እኔም በልቤ ማዘን ጀመርኩ! ከእኔ ጋር ላሉ የጤና ባለሙያዎች የሚቻለውን ህክምና ሁሉ በጥንቃቄ እንዲሰጡ ነግሬ፣ አስፈላጊ የላብራቶሪ ምርመራዎችን አጠናቅቀን ህክምናችንን ቀጠልን።

ከቤተሰቦቿ ካገኘነው መረጃና በምርመራችን ባረጋገጥነው መሰረት፣ በሽታው የእብድ ውሻ (Rabies) መሆኑን አወቅን። የሚቻለውን ህክምና ሁሉ እያደረግንላት እያለ፣ ይህች ወጣት በሞት አረፈች። 😭
---------------=----------------
---------------=----------------
#ማሳሰቢያ፦ የዚህን ታካሚ ቤተሰብ ምስጢር ለመጠበቅ ሲባል ከጉዳዩ ጋር የተያያዙ ስሞች (የሆስፒታሉ፣ የታካሚዋ እና የቦታው ስም) አልተጠቀሱም!
---------------=-------------=--------------=-------------=-------------
የውሻ እብደት በሽታ አንዴ በሰው ላይ ከነርቭ ሥርዓት (ከአንጎል) ጋር የተያያዙ ምልክቶችን ካሳየ በኋላ ወደ ኋላ መመለስ ይከብዳል—ነፍሰ ገዳይ ነው!
#ስለ ውሻ እብደት በሽታ ቀጣዩን ክፍል አቀርብላችኋለሁ፣ ከላይ ካለው ታሪክ ተማሩና ተጠንቀቁ!
,comment, Share በማድረግ መረጃውን ለሌሎች አድርሱ፣ እርስ በርሱ ተማማሩ! ለፔጁ ቤተሰብ ይሁኑ!

*** ሰላምና ጤና ባላችሁበት ተመኘው***

Address

Addis Ababa

Telephone

+251912665623

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr.Fayyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category