Dr Lemma.Com

Dr Lemma.Com Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Dr Lemma.Com, Doctor, Tikur Anbessa Hospital, Addis Ababa.

Medical Doctor | Advocate for Global Health & Education | Associate Professor of Surgery |
___________________________

Information About health, Various disease prevention methods to provide awareness to our community and to make the community healthier.

Biyya Dubartoonni Dhiirota kireeffatanii fayyadaman beektuu?🤗==========================================Baay'inni ummata ...
16/01/2026

Biyya Dubartoonni Dhiirota kireeffatanii fayyadaman beektuu?🤗
==========================================
Baay'inni ummata biyya sanaa miliyoona 2 gadi. Inumayyuu sababoota akka godaansaa fi hamma da'umsaa gad-aanaa irraa ka'uudhaan baay'inni ummata ishee hir'achaa jira. Ummatuma jiru kana keessaayyuu baay'inni dubartootaa dhibbeentaa 15 oliin kan dhiirotaa caala. Biyya Kaaba Awurooppaatti argamtu, Laatviiyaa (Latvia). Sababa walgituu dhabuu lakkoofsa dhiiraa fi dhalaa kanaan biyya kanatti dubartoonni hedduun tajaajiloota bu'uuraa dhiirota irraa eegamu argachuudhaaf baay'ee rakkachaa akka jiran odeeffannoon jiru addeesseera. Rakkina kanaaf furmaata barbaaduudhaaf yeroo ammaa kana kaampaanonni hundaa'anii dhiirota sa'aatiidhaan dubartootatti kireessaa jiru jedha gabaasni Yuuroostaat (Eurostat) baatii darbe keessa baase. Ajaa'iba🤗; dubartiin maallaqa gahaa hin qabne takka dhiira tokko saa'aa tokko qofaaf yoo kireeffatte, waan meeqa keessaa maal hojjataaf😥. Dhugumatti rakkoo hammaataadha! Yaadi mee, dubartiin takka hojiiwwanii fi tajaajiloota silaa dhiirotaan raawwataman hunda guuttachuudhaaf waggaatti baasii meeqa akka ishee barbaachisu!!🤗...
Kana Waaqayyoo biyya keenya irraa yaa qabu.


Laaftutti as hin geenye Yeroo walqunnamtiin saalaa gaggeeffamu sanyii kormaa miliyoona 200 hanga 300 tu qaama saalaa dub...
12/01/2026

Laaftutti as hin geenye

Yeroo walqunnamtiin saalaa gaggeeffamu sanyii kormaa miliyoona 200 hanga 300 tu qaama saalaa dubartii keessatti dhangala'a. Hundi isaanii waldorgoommii daakkiitiin hanga killee oovaarii irra gad lakkafifamteen walqunnamanitti tattaaffii ajaa'ibaa godhu. Miliyoona 200 keeysaa irra baayyeen isaanii dadhabee gariiniis du'ee sanyii kormaa 300 hanga 500 qofaatuu killeen wal qunnama.
300n kana keeysaa tokko qofaatu irra jabaate killee sanaa wajjin fartilaayizeeshiinii uuma.

Tokkichi fiigicha maaraatoonii injifate san eenyu ni beeytaa? Si'ii bar!
Akkuma gaafa sanaahu rakkoo meeqaaf harka kennachuu didde ammallee wanni feete yoo dhufte harka hin kennatin!!
Fayyaa hin dhabinaa!!👇🏿

Dr Lemma.Com

Aarriin Umurii Malee Dhufu Sababa Maaliiti?       VotesUmurii male arraa’uun maaliif isinitti fakkaata? Qabiyyeewwan soo...
12/01/2026

Aarriin Umurii Malee Dhufu Sababa Maaliiti? Votes

Umurii male arraa’uun maaliif isinitti fakkaata? Qabiyyeewwan soorataa kanneen akka koopparii, sibiila, zinkii, vaaytaaminoota A fi B argachuu yemmuu dhabdan rifeensi mataa keessanii dafee akka arraa’u ta’a. Kanaafuu rifeensi keenya umurii keenyaan ala bifa isaa geeddarachuu yemmuu jalqabu karaa uumamaatiin keemikaalota osoo hin fayyadamin moosee naannoo keenyatti argamuun aarrii balleessuun akka danda’amu ogeeyyiin fayyaa tokko tokko ni himu. Moosee keessatti istaarchiin argamu rifeensi mataa keenyaa bifa uumamaa isaa akka qabaatu kan gargaaru waan ta’eef qola moosee bifa armaan gadiin osoo qopheessitanii ittifayyadamtanii ji’oota muraasa booda firii isaa ni argitu.
Wantoota Qophichaaf Isin Barbaachisan:-1. Qola moosee kubbaayyaa 1
2. Bishaan kubbaayyaa 2
Akkaataa Dalagaa Isaa
1. Qola moosichaa daqiiqaa 5 affeeluu
2. Erga affeeltaanii booda hanga inni xinnoo qorru/qabbanaa’uutti eeguu.
3. Bishaan isaa jalaa gadi naquu/dhimbiibuu
4. Rifeensa mataa keenyaa saamunaa/shaampoon sirriitti dhiqachuu
5. Qola moosee affeelame rifeensa keenyatti dibuun hamma daqiiqaa 15 tti rifeensa keenya uffataan marree ukkaamsuu. Sana booda irra deebinee rifeensa mataa keenyaa sirriitti dhiqachuu. Egaa haala kanaan qola moosee affeeltanii yoo fayyadamtan rifeensi mataa keessanii gurraacha’uurra darbee aarrii umurii malee dhufu ittisuuf illee ni gargaara.
Dr Lemma.Com

WAA'EE QORICHA AMPICILLIN  ^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^1.Qorichi Ampicillin maalii?♦️Ampicillin--jechuun qoricha g...
31/12/2025

WAA'EE QORICHA AMPICILLIN
^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^
1.Qorichi Ampicillin maalii?
♦️Ampicillin--jechuun qoricha gosa garee farra bakteeriyaa pensillin (antibiotic) ta'ee kan dhukkuboota baay'ee sababa bakteeriyaatiin dhufan irraa wal'aanuuf nu gargaaruudha.

2. Ampicillin maalif fayyadamna?
♦️Dhukkuboota baay'ee kan sababa bakteeriyaatiin dhufan kan akka......
*Dhibee michii sombaa (pneumonia).
*Dhibee maninjayitis(meningitis).
*Dhibee cophxoo(gonorrhea).
*Dhibee mar'iimaanii (intestine infection).
*Dhibee garaachaa (stomach infection) fi kkf wal'aanuuf nu gargaara.

3. Qoricha Ampicillin fudhachuun durati maali gochuu qabnaa?
♦️Namoonni alargii qorichoota gosa garee pen*siliin ta'e kan qorichoota akka ampicillin, dioxacillin, oxacillin,penicillin, Augmentin fi ticarcillin jedhamu qabu gonkuma qoricha kana fayyadamuu hin qabuu.
♦️Namoonni dhibee hoo'a qaamaa dabaluu(fever),sukkaaraa,kalee,tiruu, asmii,garaa yaasaa sababa qoricha antibiotic jedhamuun dhufuu qabuu fi namooni allarjii qoricha gosa garee cephalosphorin antibiotic jedhamuun dhufu qabu ogeessa fayyaa gaafatuu malee fayyadamuu hin qabuu.
♦️Dubartiin qorichaa ulfaa ittisu (birth control pills) fayyadamaa jirtuu Qoricha Ampicillin walin fayyadamuu hin qabduu, ulfaa ittisuu irrati bu'aa qoricha sanii gadi buusa wan ta'eef.
♦️Haati hoosistuu qorichaa kana fayyadamuu hin qabduu.
♦️Qoricha kana iddoo hoo'aa fi jiidhaa irraa fageeysinee kuusuu qabna.

4. Qoricha kana akkamiti fudhachuu qabnaa?
♦️Akkaatuma ogeessi fayyaa ajajeti fudhachuu qabnaa.
♦️Qoricha kana garaa qullaati yoo xiqqaate daqiiqaa 30 soorataan durati ykn sa'atii 2 soorataan boodatii fayyadamuu qabnaa.
♦️Qoricha kana ergaa jalqabnee booda yeroo hamma fudhatamuu qabu hamma xumurruu jidduun dhaabuu hin qabnuu dhukkubichii wan cimuu danda'uuf.
♦️Qoricha kana bishaan burcuqoo 1 guutuu walin fudhachuu qabnaa.
♦️Qorichii bifa dhangala'ootiin(syrup) yoo ta'ee sirriti raasnee fudhachuu qabnaa.

🌟 Happy New Year 2026 🌟New year. New hopes. New opportunities.May 2026 be kind to you, inspire you, and reward your effo...
31/12/2025

🌟 Happy New Year 2026 🌟

New year. New hopes. New opportunities.
May 2026 be kind to you, inspire you, and reward your efforts with success and happiness.

Step forward with courage and confidence.
Wishing you a beautiful and blessed New Year! 🎆💖












Dr Lemma.Com

29/12/2025
Gosoota dhiigaa✍1.Namni dhiigni isaa A+ tahe√kan kannuuf- A+, AB+√Kan irraa fudhatu- A+, A-, O+, O-✍2.Namni dhiigni isaa...
29/12/2025

Gosoota dhiigaa
✍1.Namni dhiigni isaa A+ tahe
√kan kannuuf- A+, AB+
√Kan irraa fudhatu- A+, A-, O+, O-

✍2.Namni dhiigni isaa O+ tahe
√kan kannuuf- O+, A+, B+, AB+
√Kan irraa fudhatu- O+, O-

✍3.Namni dhiigni isaa B+ tahe
√kan kannuuf- B+, AB+
√Kan irraa fudhatu- B+, B-, O+, O-

✍4.Namni dhiigni isaa AB+ tahe
√kan kannuuf- AB+ qofa
√Kan irraa fudhatu- Gosa dhiigaa hunda irraa fudhatu nii danda’a.

✍5.Namni dhiigni isaa A- tahe
√kan kannuuf- A+, A-, AB+, AB-
√Kan irraa fudhatu- A-, O-

✍6.Namni dhiigni isaa O- tahe.
√kan kannuuf- gosa dhiigaa hundaaf ni kenna
√Kan irraa fudhatu O- qofaa

✍7.Namni dhiigni isaa B- tahe
√kan kannuuf- B+, B-, AB+, AB-
√Kan irra fudhatu- B-, O-

✍8.Namni dhiigni isaa AB- tahe
√kan kannuuf- AB+, AB-
√Kan irra fudhatu- AB-, A-, B-, O- irraa fudhatuu ni danda’a.

Dr Lemma.Com

28/12/2025

Kabajamtoota maamiltoota keenya, kaffaltii elektirikii ji’aa keessan akkamitti akka shallagdanii fi tajaajila elektirikii wajjin walqabatee gosootni kaffaltii isin raawwattan maal fa’a akka of keessatti hammatu quba qabduu?

Fayyadamiinsa anniisaa fi hamma kaffaltii keessanii beekuuf akka isin dandeessisu mee fakkeenya armaan gadii haa ilaallu:-

👉 Maammilli mana jireenyaa tokko kaffaltii elektirikii ji’aa yeroo raawwatutti, kaffaltii iinarjii, kaffaltii tajaajilaa,kaffaltii abbaa taayitaa to’ataa iinarjii, Kaffaltii gibira gatii dabalata,Kaffaltii (EBC)/teeleviiziyoonaa(TV) fi kaffaltii gibira tajaajilaa dabalataa of keessatti qabata.

👉 Hojmaatichis, baldhinaan yemmuu ibsamu maamilli tokko ji’a keessatti anniisaa fayyadamee fi kiiloo waat sa’aatiidhaan baay’ifamuun kaffaltiiwwan dabalataa armaan olitti tarreeffaman kan of keessatti qabatu ta’a.

Fakkeenyaaf maamilli tokko ji’a keessatti anniisaa elektirikii kiiloowaat sa’aatii 350 fayyadame jennee yoo fudhanne:-

➡️Maamilli kaffaltii tajaajila boodaa tokko anniisaa kiiloo waat sa’aatii 301 hanga 400 tti yoo fayyadame, shallaggiin isaa qarshii 4.9477 ta’a jechuudha.

Hamma kaffaltii anniisaa ji’aa:-
▶️ Kiiloo waat sa’aatii 350 *4.9477(kaffaltiin heerregichaa) qarshii 1,731.70 ta’a jechuudha.

Kaffaltii gibira dabalataa(VAT):-
▶️ Kaffaltii elektirikii kan ji’aa*15%(1731.70*15)= 🟰 qarshii 259.75 ta’a.

Kaffaltii tajaajilaa
▶️ Kaffaltii tajaajilaa maamiltoota kiiloowaatii 50 ol fayyadamaniif 🟰 qarshii 47.7 dha.

Kaffaltii tajaajila gibira dabalataa :-
▶️ Kaffaltii tajaajilaa*15%(47.7 ብር *15%) 🟰 qarshii 7.155 ta’a.

Kaffaltii Abbaa Taayitaa To’ataa Iinarjii
▶️ kaffaltii anniisa ji’aa+kaffaltii tajaajilaa*0.5% ta’a. kunis(1,731.70 + 47.7)*0.5% 🟰 qarshii 8.897 ta’a.

📺 Kiiloo waat sa’aatii 50 oliif Kaffaltii (EBC)/teeleviiziyoonaa(TV)-qarshii 10 ta’a.

Haaluma kanaan akkaataa hojmaataa kanaan kaffaltii ji’aa elektirikii walii gala akkaataa armaan gadii ta’a.

➡️ kaffaltii ji’ aa 🟰 qarshii 1,731.70
➡️Kaffaltii gibira gatii dabalata 🟰 qarshii 259.75
➡️ kaffaltii tajaajilaa 🟰 qarshii 47.7
➡️ kaffaltii gibiraa tajaajila dabalataa 🟰qarshii 7.155
➡️Kaffaltii Abbaa Taayitaa To’ataa Iinarjii 🟰 qarshii 8.897
➡️Gibira Teeleevijiinii(EBC) 🟰 qarshii 10

✅ kaffaltii waliigalaa ፡-

🟰qarshii 2065.202 (qarshii kuma lama, jaatamii shanii fi saantima lama ta’a

waqtawaa_hubannoo fooyya’aadhaaf!
waqtawaa dabalataa dhaabbata keenya argachuuf:-
[Facebook] http://www.facebook.com/EEUOfficial
[Telegram] https://t.me/eeuethiopia
[Website] http://www.eeu.gov.et
[YouTube] https://www.youtube.com/
[Tiwtter] https://x.com/EEUEthiopia
[TikTok] https://www.tiktok.com/.electri
[Whatsapp] https://whatsapp.com/channel/0029VbAAvBDE50UZXJlIl507
Irratti nu hordofaa!

Haliimaan akkamitti daa'ima sagal yeroo tokkoon deesse?? Taateen kun eessatti ta'e?Tokkoon tokkoon isaanii gaafa dhalata...
28/12/2025

Haliimaan akkamitti daa'ima sagal yeroo tokkoon deesse?? Taateen kun eessatti ta'e?
Tokkoon tokkoon isaanii gaafa dhalatan ulfaatinni isaanii hangam ture??
Kana dura haati yeroo tokkoon ijoollee hangana baay'atan deesse jirtii??
Ulfi Haliimaa daa'ima sagal ta'uu osoo hin dahin gadaameessa keessatti beekkamee turee?? fi kkf daqiiqaa muraasa booda Live nu eegaa!!!

Faayidaa Quncee Muuzaa.*****************************************Namoonni hedduun mi’aa muuzii barbaaduf keessa isaa nyaa...
26/11/2025

Faayidaa Quncee Muuzaa.
*****************************************
Namoonni hedduun mi’aa muuzii barbaaduf keessa isaa nyaatu malee, quncee isaa ni darban. Garuu qunceen muuzaa faayidaa fayyaa ajaa’ibsiisaa qaba:

Qunceen muuzaa qoricha uumamaati.
- Fayyaa nyaataa tiksu: Qunceen muuzaa faayibarii (fiber) gosa lama of keessaa qaba, Kan nyaanni si’aayinaan akka bullaa'u godhuu, Sukkaara dhiiga to’achuuf, akkasumas quufaf gargaaru.
- Antioxidant cimaa: Qunceen muuzaa polifenoolii fi karotinoidii of keessaa qaba, kunis dhukkubaafii dhiphina ittisuuf gargaara.
- Vitamin fi miniraalota: Vitamin B6, Vitamin C, Potassium fi Magnesium of keessaa qaba — kan fayyaa onnee, ittisa qaamaa/madinummaa, fi fayyummaa sirna narvii tiksuuf gargaaran of keessaa qaba.

Sammuu fi Hirriiba Tasgabbeessuf:
- Qunceen muuzaa tryptophan of keessaa qaba, kunis serotonin uumuuf gargaara. Serotonin qulqullina hirriibaafi tasgabbii nuu kennuuf nu gargaara.

Miidhagina Gogaaf:
Namoonni gogaan isaanii suntuure keessattuu namoonni umriin deeman yoo quncee muuzii gogaa isaanin ganama ganama kan shukkuuman ta'e suntuura gogaa balleessun gogaan isaanii akka diriiru taasisa. Namoonni kaanis yoo fayyadaman miidhagina gogaa dabaluufii googaa lallaafaa akka qabaataniif gargaara.

Akkamitti Itti Fayyadamna?:
Quncee Muuzaa summii/qoricha farra ilbiisotaa fi xurii hin qabne sirritti erga qulqulleessitan booda shaayii waliin danfisuun ykn ammoo quncee muuzaa qofa bifa shaayiitin danfisuun dhuguu dandeessu. Quncee Muuzaa dheedhii odoo hin taane kan sirritti bilchaatefii hin gurraachomin fayyadamuun filatamaadha.

Hubadhaa: Yoo dhibee garaachaa ykn rakkoo sirna bullaa’insa nyaataa qabaattan quncee bifa shaayiitin danfiftan kana xiqqo xiqqoon yoo guddatte burcuqqoo takkarraa eegaluun of barsiisaa deemuu qabdu. Namoonni rakkoo kanarraa bilisa taatan garuu hamma barbaaddan yoo dhugdanis rakkoo tokko hin qabu.
*****************************************
Ulfaadhaa!
Dr Lemma.Com

Address

Tikur Anbessa Hospital
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Lemma.Com posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr Lemma.Com:

Share

Category