04/10/2026
DHUKKUBA MAXXANTUU MAR'IMAANII
(APPENDICITIS)
MAXXANTUUN MAALI?
Maxxantuun mar'imaanii (appendix) qaama quba harkaa fakkaatu fi jalqaba mar'imaan guddaa (cecum) irratti rarraatee kan argamtu dha. Qaamni kun nama hunda keessatti kan argamtu dha. Sirna addemsa nyaataa fi xuraawaa dhabamsiisuu keessatti gahee akkas jedhamu qabaachuu baattus sirna maddinummaa ( dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaamaa keessatti gahee qabdi.
DHUKKUBA MAXXANTUU (APPENDICITIS)
kun kan uumamu yeroo ujummoon maxxantuu mar'imaanii sababoota gara garaadhaan cuufamu dha. cufachuun ujummoo kun ammoo dheeta'uu, dabaluu dhiibbaa keessoo( increased intraluminal presssure) akkasumas wal-hormaata baakteriyaa fiduudhaan maxxantuun akka infekshinii godhatuuf i dhumarrattis akka dhohu godha. dhohuun immoo akka infekshiniin mi'a garaa keessa akkasumas karaa dhiigaa qaama hunda keessa faca'u taasisuun dhukkubbii olaanaa irra darbees darbuu lubbuu fiduu danda'a.
Dhukkubni kun sadarkaalee garagaraa qaba.
MALLATOOLEE DHUKKUBICHAA
1. Dhukkubii garaa naannoo handhuuraatii jalqabee garaa cinaacha mirgaaatti deemu
2. Hoqqisiisuu
3. Fedhii nyaataa dhibuu ykn hir'achuu
4. Dabaluu ho'iinsa qaama
5. Ol jedhanii adeemuu dadhabuu
6. Garaa teessisuu fiduu danda'a
DHUKKUBNI KUN AKKAMITTI BARAMA ( DIAGNOSIS)
Namni mallatoolee armaan olii qabu hatattamaan gara ogeessa fayyaa deemee qorannoo qaamaa dabalataa fi laaboraatoorii taasisuu qaba.
QORANNOO QAAMAA:
1. Dhahannaan onnee dabaluu
2. Tempireecharri (ho'iinsa qaamaa)qaamaa dabaluu
3.Yeroo ogeessi garaa keenya suutaan qaqqabu dhukkubiin nutti dhaga'amu fi kkf
LAABORAATOORII:
1. laakoofsi seelota dhiiga adii humnaa ol dabaluu ykn humnaa ol hir'achuu
Qorannoowwan armaan olii taasifamanii yoo shakkisiisaa ta'e qorannooowwan akka altiraasaawundii( ultrasound) ykn CT scan (siitii iskaanii) gochuun barbaachisuu danda'a.
YAALA
Dhukkubni maxxantuu mar'imaanii kan yaalamu, yaala garaa baqaqsanii qaama dhuukubsate baasuudhaanii.
yaalli kunis hattataamn kan raawwatamuu