21/07/2024
Lafa hektaara miliyoona 1.1 Ruuziin misoome irraa callaa Kuntaalli miliyoona 32 argame
---
Galmoota karoora ce’umsa misooma qonnaa keessaa tokko oomisha alaa galu biyya keessatti misoomsuudha. Oomishaalee alaa galu biyya keessatti oomishuuf tarkaanfii haaraa hojiirra oolaa jiru keessaa tokko misooma Ruuziiti.
Tarkaanfii addaa gama misooma Ruuziitiin fudhatameen bara oomisha 2015/16tti Ruuzii lafa hektaara miliyoona l.1 irraatti misoomaa ture irraa oomisha kuntaala miliyoona 32.4 argamuu danda’eera.