21/11/2025
OF EEGANNOO DHIBAMAAN DHIBEE SUKKAARAA MIILAA ISAATIIf GODHUU QABU (DIABETIC FOOT CARE GUIDE LINE)
=======================
🗣️Dhibeen Sukkaaraa Narvii irratti Miidhaa waan geessisuuf,miillii ykn qubni miilaa keenna yoo diqquma madaayee, gara madaa guddatti jijjiraamuun, miira tuqaatii keennaa balleessuun, marsaa dhiigaa hirdhisuun, infeekshiinii fi Saaxiluun madaan akka hin fayyine gochuun ,miila/quba millaa/luka akka du'u gochuun Sadarkaa Muramuurra(amputation) geessisuu dande'a.
🗣️ Kanaafuu Miilaa/quba Miilaa keetii Akka hin dhabneef Of Eegannoo Kana Hordofi!
🦶Miilaa fi quba Miilaa kee guyyaa guyyaan hordofi.
_Iitaa/dhiitaa
_Buuqqachii
_Dirmamuu, Diimachuu fi kkf
🦶Bishaan diqquma hoo'een guyyuma guyyaan dhiqachuu.
NB: bishaan akka malee hoo'ee fi bishaan qorra'aan dhiqachuun gaarii moti.❌
🦶Miila kee Of eeggannoon dhiqachuu;
👉 Waan akka fooxaa ykn Ispoonjiidhaan dhiqachuu,suutan gogsuu ,quboota giddus gogsuu
🦶Miilaa kee akka hin gogneef ykn akka hin baqaqneef dibata dibachu;
NB:Quboota kee giddu dibata dibuun gaarii moti, Sabani isaas Infeekshiinii faangaasiitiif waan haala mijeessuuf.
🦶Qeenca Miilaa kee seeraan Murachuu
🦶Dhuudhuu, waan akka buqqachii ykn dhiita xiqqa miila kee irratti akka tasaa yoo argite ofiin baasuu hinqabdu.
NB: Mana yaalaa deemuun Doktorii kee mari'achiisuu qabda.
🦶Kaalsii dhiqxee,gogsitee keeyyachuu ,guyyaa guyyaan jijjiiru.
🦶Yeroo hirriibaa Kaalsii godhadhuu rafi Yoo Milli Si qabbanaahuu tahe.
NB: Bishaan hoo'istee Ykn fooxaan jiistee itti hin qabatin.❌
🦶Kophee yeroo keyattu sirritti hargufii Ilaali.
🦶Miilli keeti hoo'aa fi gogaa/qooraa ta'uu qaba.
NB: Miilaa duwwaan Bokkaa/Cabbii qorraa iraa hin Deemin.❌
🦶Tasumaa Miila Duwwaa hin deemin.
🦶Sukkaaraa Keeti Too'achuu.
🦶Sigaaraa Aarsuu Dhabuu.❌
🙏🙏🙏🙏🙏🙏
"Fayyaan Karra; Abba'atti Kunuunfata; Waaqatti Eega."