Asella Town Administrative Health office

Asella Town Administrative Health office Governmental organization

Sirna badhaasaa fi beekamtii kennuun milkaa'ina caalmaa fi miira dorgoomii uuma.Hagayya 30,2018-  Waajjirri Fayyaa Bulch...
05/09/2026

Sirna badhaasaa fi beekamtii kennuun milkaa'ina caalmaa fi miira dorgoomii uuma.

Hagayya 30,2018- Waajjirri Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Saganta Badhaasaa fi beekkamtii galateeffannaa milkaa'ina hojii fayyaa akka waajjira fayyaatti argameef hojjattoota waajjira fayyaa, seektaroota Mootummaa , bakka bu'oota hawaasaa fi dhimmantootaaf taasiseera .

Galma badhaadhinaa fi guddina waliigalaa milkeessuuf fayyaan galtee murteessaa ta’uu ibsame jira .

Sirna beekkamtii fi badhaasaa waajjira fayyaa kanarratti Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Obbo Simee Tsaggaayee , Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii badhaadhaa damee Magaalaa Asallaa Obbo Muhammad Huseen , Itti Aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr.Bokonaa Gutaa ,Koree Qindeessitu Magaalaa Asallaa, Hoggana Waajjira Fayyaa Magaalaa Asallaa Obbo Gosaa Amaan, Itti Gaafatamtoonni Seektaroota Bulchiinsa Magaalaa Asallaa, Ganda , bakka bu'ootni hawaasaa fi dhimmamtoonni argamanii jiru.

06/08/2026

Buufannii fayyaa Assallaa jaarraa walakkaa oliif Tajaajila fayyaa kennaa turee gara Hospitaala jalqabaattii jijjiirame jira@

Guyyaa 27/11/20218Simannaan Gootaa taasifame!Obbo Gosaa Amaaniitiif (Hoggannaa waajjira fayyaa)tiif bakka kabajamoo Kant...
04/08/2026

Guyyaa 27/11/20218
Simannaan Gootaa taasifame!
Obbo Gosaa Amaaniitiif (Hoggannaa waajjira fayyaa)tiif bakka kabajamoo Kantiibaa Magaalaa Asallaa Obbo Simee Tsagayyee fi hojjatootni waajjira fayyaa jiranitti , simannan gootaa taasifame.Waajjirri fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa raawwii hojii fayyaa waliigalaatiin raawwii olaanaa galmeeessuun sadarkaa 2ffaa ta'uun Biiroo Fayyaa Oromiyaa irraa badhaasa qarshii miliyoona afurii fi kuma dhibba shan (4,500,000.00) kan badhaafame yoo ta'u,raawwii hojii fayyaa maatii (hojii sadarkaa gandaatiin) sadarkaa 1ffaa bahuun badhaasa moobayilii taableetii argachuudhaan bara 2018 bara milkaa'inas,kan fayyadamummaa ummataa itti mirkanneessee fi karoora of danda'uu 2019tii galtee fi hamilee guddaa kan taheedha.kana keessatti Biiroo Fayyaa Oromiyaa deeggarsa dhiyyeessi garagaraa fi sirna dandeettii ogummaa cimsuu keessatti hojii hojjatama tureef,Waajjirri bulchiinsa magaalaa Asallaa bu'uuraalee misoomaa buufataalee keenyaa keessatti hojjachuu fi deeggarsaa taasisaa turtaniif,Hojjatootni seektara keenya sadarkaa sadarkaan jiran hojii hawaasaa ogummaa fi akkaatuma dhimmi isin ilaaluun waan isin irraa eeggamu maraa wal hubannaan,garalaanaafii fi ciminnaan hojjataa turtan hundaaf galatni keessan hawaasa fayyadamuuf haa tahu jechaa,imala jelqabne kan itti fufnu taha.

31/07/2026
31/07/2026

Congratulations!! Congratulations!! Congratulations!!
Madaallii hojii Waliigalaa bara 2018 Biiroon Fayyaa Oromiyaa madaaleen Waajjirri Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa 2ffaa bahee jira. Bu'aa kun Qindoominna akka magaalaatti qabnuufii tumsa hoggansi sadarkaan jiru fi bu'aa ogeeyyii seektara fayyaa keenyaatti waan ta'eef baga nama seenaa qabatamaan hojjetee argisiise taatan. Congratulations!!!

Gamaagama raawwii bara 2018 galma Harsadee magaalaa Bushooftuutti gaggeeffamaa jiruun Magaalli Asallaa raawwii Inshuraan...
30/07/2026

Gamaagama raawwii bara 2018 galma Harsadee magaalaa Bushooftuutti gaggeeffamaa jiruun Magaalli Asallaa raawwii Inshuraansii fayyaa hawaasatiin t %110 galmeessuun sadarkaa 3ffaa madaalamee jira. Hoggansi sadarkaan jiruuf Qaamotni tumsa ol'aanaa taasistan hundi keessanuu galatoomaa Jenna!

Adolessa 18,2018 Waajjirri Eegumsa  Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Gamaggama raawwii hojii bara 2018 fi qophii karoo...
25/07/2026

Adolessa 18,2018 Waajjirri Eegumsa Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Gamaggama raawwii hojii bara 2018 fi qophii karoora 2019 irratti akkasumas Sirna beekkamtiif badhaasaa gaggeesse.

Gamaggama raawwii hojii geggeeffame kanaan gabaasni raawwii hojii waggaa dhiyaachuun hanqinaa fi cimina argame irratti mariyachuun kallattiin gara fuula duraas kennameera.

Itti gaafatamtuun ijaarsaa paartii badhaadhina damee bulchiinsa Magaalaa Asallaa Aadde Assamanaach Girmaa, Itti Gaafatamaan Waajjira Eegumsa fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Obbo Gosaa Amaan, hojjattonni waajjira Eegumsa fayyaa Magaalaa Asallaa fi qooda fudhattoonni Sagantaa kanarratti argamanii jiru.

Xumura gamaggamicha irratti hojjattoota waajjira Eegumsa fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa, Ogeeyyii Fayyyaa, Gandoota, Buufataalee Fayyaa , Dhaabbilee Fayyaa fi Hospitaala raawwii olaanaa galmeessaniif sirni badhaasaa fi beekkamtii kennameeraaf .

16/07/2026
TURTIIN YEROO ISKIRIINII DAA'IMMAN IRRATTI MIIDHAA AKKA HIN FIDNEEF MAALTU GODHAMUU QABA?‎‎👉Daa’imman umurii ji’a 18 (wa...
20/06/2026

TURTIIN YEROO ISKIRIINII DAA'IMMAN IRRATTI MIIDHAA AKKA HIN FIDNEEF MAALTU GODHAMUU QABA?

‎👉Daa’imman umurii ji’a 18 (waggaa tokkoof ji’a jaha) dura Tv, mobile, geemii adda addaa akka hin ilaalle taasisuu.
‎👉Umurii waggaa tokkoof ji’a ja’aa (ji’a 18) hanga waggaa lamaatti guyyaatti daqiiqaa muraasa qofa akka ilaalan heeyyamuu
‎👉Kanneen waggaa lamaa olii guyyaa guyyaan kan yeroo sa’a tokko hin caalle qofa akka ilaalan gorfama

‎📌DABALATAANIS
‎*Waanti/sagantaa daa’imman ilaalan sun kandaa’immanbarsiisan,bashannansiisaniifi ijoolleef qophaa’e ta’uu qabu.
‎*Tv ilaalaa/tapha moobayila irraa(game) taphataa akka nyaatan,Tv ilaalaa akka rafan gochuun sirrii miti ( sa’a irribaa dura sa’a tokkoof dursanii cufuun gaariidha).
‎*Daa’imman waliin Tv ilaaluun waan isaan irraa baratan gaafachuu, ibsuufiifi kkf dalaguun gaariidha.

Fayyaan Faaya
Biiroo Fayyaa Oromiyaa

The Iron Man, Mr. Gosa Aman – Head of Asella Town Health OfficeWhen Mr. Gosa Aman first joined the Asella Town Health Of...
28/05/2026

The Iron Man, Mr. Gosa Aman – Head of Asella Town Health Office

When Mr. Gosa Aman first joined the Asella Town Health Office, the working environment was far from favorable. At that time, the health center was providing only basic routine services and limited laboratory diagnostic services, mainly led by nurses and public health professionals (HOs).

Today, history has completely changed.

Under his outstanding leadership and unwavering commitment, Asella Health Center has transformed into Tokuma Primary Hospital, with remarkable expansion in both infrastructure and human resources. Highly qualified professionals, including doctors, IESO specialists, radiologists, medical interns, and resident physicians from Arsi University, have joined the institution through a strong Memorandum of Understanding (MOU).

Healthcare services have now been upgraded to comprehensive primary hospital services, and the inauguration of the Medical Imaging Center stands as a historic milestone not only for Asella Town but also for the entire Arsi Zone.

One of the most remarkable achievements during his leadership has also been the tremendous growth in human resources. In 2010 E.C., the total number of Town Health Office staff was only 117. Today, in 2018 E.C., the number has grown to 210 through his strong commitment and continuous efforts in convincing and mobilizing all concerned bodies toward strengthening the health sector.

Remarkable achievements recorded during his leadership include:

• Successful implementation of two model community pharmacies
• Increase in the number of medium clinics from 9 to 19
• Expansion of drug stores and pharmacies from 17 to 56
• Launch of Community-Based Health Insurance (CBHI) in 2013 E.C.
• Currently, in 2018 E.C., the total number of insured beneficiary households has reached 20,188
• Current CBHI insurance budget has grown to 35 million birr
• Successful implementation of Cesarean Section (CS) services and other surgical interventions in two health centers
• Ranked 1st among all sectors in Asella Town for four consecutive years

What more can be said?

History itself will forever remember your remarkable contribution.

Thank you, Mr. Gosa Aman, all town higher officials, and the Oromia Health Bureau for your vision, leadership, dedication, and unwavering commitment to improving healthcare services for the community.

May you live long, continue achieving even greater success, and inspire generations to come.

Address

Asella

Telephone

+251223315997

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Asella Town Administrative Health office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share