Dr. Hajjii Nagawoo

Dr. Hajjii Nagawoo Hubannoo hawaasaa cimsuuf!

👉🏻DADHABBII KALEE (CHRONIC KIDNEY DISEASE)👉🏾DADHABBIIN KALEE DHIBEE YEROO AMMA NAMA BAAYYEE MIDHAA JIRU KEESSAA ISA TOKK...
05/06/2026

👉🏻DADHABBII KALEE (CHRONIC KIDNEY DISEASE)

👉🏾DADHABBIIN KALEE DHIBEE YEROO AMMA NAMA BAAYYEE MIDHAA JIRU KEESSAA ISA TOKKO. DHIBEEN KUN SUUTA SUUTA MALLATTOO MALEE SADARKAA DHUMAARRA GAHUU DANDA’A. HAA TA’U MALEE DHIBEE KANA HAMMA TOKKO ITTISUUN NI DANDA’AMA KEESSATTUU WANTOOTA DHIBICHA FIDUU DANDA’AN IRRATTI CIYYEEFFACHUUN!!

👉🏾Kunuunsa kalee keenyaaf wantootni kanaan gadii taasisuun gaariidha

1- Dhiibbaa dhiigaa sakatta’iinsaa fi yoo ol bahe too’achuu

2- Sakatta’iinsa dhibee sukkaaraa fi to’annoo isaa taasisuu (yoo dhibicha qabaatan)

3-Bishaan gahaa dhuguu (guyyatti liitira 2-3)

4- Hamma ashaboo nyaata keessatti xiqqeessuu

5- Qorichoota dhukkuba woyyeessan kan akka diclofenac fi ibuprofen akkuma argan fudhachuu dhiisuu

6- Tamboo xuuxuu dhiisaa

7- Ulfaatina dheerinaan wol gitu qabaachuu ( ulfaatina gar malee guddaa ta’e xiqqeessuu)

8- Alkoolii xiqqeessuu (Dhiiraaf guyyatti biiraa 2 , dubaraaf immoo biiraa 1 ol fayyadamuun rakkoo fayyaa fida)

9- Kanaan achi mallattooleen akka dhiita’uu miilaa, fuulaa, Hammi ficaanii xiqqaachuun akkasumas gar malee dadhabsiisuu jiraannaan yeroon dafanii ogeessa mariisisuu/ ilaalamuun baayyee gaarii ta’a.

Fayyaa isinii haa kennu!

hajjii Nagawoo

nama tokko qofatu sirrii deebise. keessaan na dubbisi
30/05/2026

nama tokko qofatu sirrii deebise. keessaan na dubbisi

Tilmaama dhuma woggaa!!!Namoota dursanii tilmaama sirrii tilmaaman 3 f kaardii abbaa qarshii dhibbaa tokkoon tokkoof ni ...
30/05/2026

Tilmaama dhuma woggaa!!!

Namoota dursanii tilmaama sirrii tilmaaman 3 f kaardii abbaa qarshii dhibbaa tokkoon tokkoof ni kennina.

Anis asumaan tilmaama koo haa kaa’u

Arsenal 2-0 PSG

👉🏻👉🏻MANATTI DAHUU(home delivery) fi RAKKOOWWAN ISAAN WOL QABATAN!!👈🏼👈🏼👉🏾👉🏾Biyya keenna keessatti uffisni yaala fayyaa sa...
29/05/2026

👉🏻👉🏻MANATTI DAHUU(home delivery) fi RAKKOOWWAN ISAAN WOL QABATAN!!👈🏼👈🏼

👉🏾👉🏾Biyya keenna keessatti uffisni yaala fayyaa sadarkaa barbaadamurra hin geenne ammas . Kun kan hubatamu ummata mana yaalaa deemuuf nama dhukkubsate sireen baatee mana yaalaa geessu yeroo argituudha. Kun immoo hanqina infiraa stiraakcharii (karaa, transport fi kkf) dhabuu fi hubannoo dhabuu woliin wol qabatuu danda’a.

👉🏾👉🏾Dabalataan immoo hanga yeroo ammatti nama karaa ogeessa aadaatiin mana ofiitti dahutu jira. kun immoo ogeessa aadaa gad buusuuf/ tuffachuuf miti. Garuu keessattuu yeroo ammaa faayidaa isaatirra miidhatu baayinaan waan muldhataaruuf. Da’uumsa booda xaxaa (complications) baayyetu jira.

- Daataa/ dhiigni baayyatee gadameessaa keessaa dhangala’uun

-Ciniinsuun yeroo dheeraa irra turuun

- Infekshiinii gara garaaf salphatti saaxilamuun

-Gadameessi gara alaatti bahuun

- Dhalattuun/daa’imti infekshiiniif salphatti saaxilamuun

-Hanqina dhiigaaf saaxilamuun rakkoowwan baayinnaan deettuu fi dhalattuu muudatan keessaati. Kun mana yaalatti garuu bifa salphaan waan ittifamuudha.

👉🏾👉🏾Galma akka addunyaa fi biyyaatti kaa’ameeru keessa du’aatii haadhaa fi daa’imaa da’umsa woliin wol qabatanii dhufaanii ittisuun hangafa.

👉🏾👉🏾Hubannoo qabaachuun yaala fayyaa salphisuuf saffisiisuuf baayyee gargaara. Hawaasni keenna da’umsaaf dursee qophii taasisuu qaba, mana yaalatti dahuu qaba!

Dr. Hajjii Nagawoo

EID MUBARAK!!!👉🏻DHIIBBAA DHIIGAA OL KA’AA HARDHARRAA JALQABDANII TOO’ACHUU DANDEESSUU JEDHA DHAABBANNI FAYYAA ADDUNYAA!!...
27/05/2026

EID MUBARAK!!!

👉🏻DHIIBBAA DHIIGAA OL KA’AA HARDHARRAA JALQABDANII TOO’ACHUU DANDEESSUU JEDHA DHAABBANNI FAYYAA ADDUNYAA!!

👉🏻👉🏻Akkamitti??

1. Qorichaa dhiibbaa dhiigaaf isiniif ajajame akka jedhametti fayyadamaa.
2. Tamboo xuuxuu lagadhaa, alkoolii immoo xiqqeessaa
3. Sochii qaamaa taasisaa (guyyatti yoo xiqqaate daqiiqaa 30f)
4. Dhiibbaa dhiigaa keessan safaramaa, akkasumas hordoffii yeroo jedhameen taasisaa
5. Nyaata madaalawaa fi fayya qabeessa sooradhaa. Kana jechuun kuduraaf muduraa (vegetables ) baayyisaa, Nyaata comas fi zayitiin itti baayyate xiqqeessaa
6. Ashaboo nyaata keessatti hin baayyisinaa
7. Dhiphachuu fi wantoota isa fidan xiqqeessaa.

Dr. Hajjii Nagawoo

23/05/2026
23/05/2026

👉🏾👉🏾👉🏾SOCHII QAAMAA FI FAYYAA 👈🏼👈🏼👈🏼

👉🏾👉🏾Sochii qaamaa yookiin ispoortii hojjachuun carraa dhukkubootaan qabamuu ni xiqqeessa. keessattuu dhukkuboota onnee, Sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa, muuka’uu/depression, haphachuu lafee fi sombaan wol qabatan xiqqeessuuf faayidaa guddaa taphatu. kun immoo waan qorannoon mirkanaa’edha.

👉🏾👉🏾Sochii akkamii fi daqiiqaa meeqaaf kan jedhus qoratameera!!

👉🏾👉🏾Akka qorannoowwan kanneeniitti namni tokko sochiiwwan sasalphaa akka miilaan deemuu, saayikilii oofuu, bishaan daakuu, ragaduu/dannasuu fi kkf torbaan keessatti daqiiqaa 150 hanga 300 taasisuutu gorfama.

👉🏾👉🏾Sochiiwwan jajjaboo akka fiigichaa, irraa olee deemuu, kubbaa taphachuu fi giimii hojjachuu guyyatti yoo diqqaate daqiiqaa 30f yookiin torbanitti daqiiqaa 75 hanga 150 dalaguu qaba.

Kanuma bu’uura godhachuun gosa sochii jabaa ta’e keessaa kubbaa miilaa taphachuu irratti xiyyeeffadheera anis!!

Sochii taasisaa!!

Dr. Hajjii Nagawoo

My club!!!Kilabii kiyya!!
19/05/2026

My club!!!
Kilabii kiyya!!

👉🏿👉🏿Yeroo baayyee nama dahe yookiin sarjariin hojjatameef hin ciisin socho’uu yaali yoo jedhaman dhageettaniirtu. Garuu ...
17/05/2026

👉🏿👉🏿Yeroo baayyee nama dahe yookiin sarjariin hojjatameef hin ciisin socho’uu yaali yoo jedhaman dhageettaniirtu. Garuu maaliif jettanii yaaddanii beektuu??

👉🏻👉🏻KANTARAMUU DHIIGAA ykn DVT’n (deep vein thrombosis) maaliidha??

👉🏻👉🏻Maaltu miilli tokko akka dhiita’u taasisa ?

Miilli namaa sababa garagaraan nama dhiita’uu danda’a. Isaan keessaa inni tokkoof yeroo baayyee nama muudatu DVT (deep vein thrombosis) kan jedhamuudha.

👉🏻👉🏻DVT maaliidha??

DVT (deep vein thrombosis) jechuun dhiigni hidda dhiigaa veeyinii jedhamu keessatti yoo kantaramu/ititu waan muudatuudha. Veeyiniin hidda dhiigaa dhiigni kutaa qaamaa hundarraa fakkeenyaaf miila, harka , mardhimaan, sammuu, kaleerraa akka gara onneetti deebi’uuf gargaara. sababa gragaraatiin dhiigni kun veeyinii keessatti itituu danda’a. yeroo baayyee immoo miilarratti muldhata.

👉🏻👉🏻MAALTU FIDUU DANDA’A?

👉🏾Dhiitoon miilaa kun kan muudatuu danda’u namoota:-

1- yeroo dheeraaf ciisan/ taa’an sababoota dhibee birootiif ta’uu mala

2-caba lafee yookiin sarjarii dhihoo hojjatameef irratti

3- yeroo dhihoo dahan/ sababa isaaf ciisan

4- dhibee kaansariin qabaman

5-Tamboo xuuxan

6-Ulfaatina gar -malee qaban

7-Umriin guddaa ta’an/ jaarrolii ta’an

8- Qorichoota tokko tokko keessattuu istiroojinii of keessaa qaban

9- Kanaan dura dhiitoon miilaa kun kan muudate yoo ta’e.

👉🏻👉🏻MALLATTOOLEE

-Miilli tokko dhiita’uu
-Miira dhukkubbii qabaachuu
- Hoo’a miilaa qabaachuu
-Gogaan miilaa diimachuu
-Deemuu dadhabuu

yeroo tokko tokko immoo dhiigni itite kun miilarraa kacha’uudhaan gara onneef sombaatti deemuu mala. kun immoo yaala sardamsiisaa barbaachisa. mallattooleen isaa immoo:-

- Tasa harganuu dadhabuu/ Hafuura kutuu

-Woraansa laphee irraa

-Ukaa/ qufaasisuu

-Dhahannaa onnee dabaluu/ girrisa laphee

- Of wollaalchisuu/ lafti maruunii

👉🏻👉🏻AKKAMITTI ITTIFAMA

1- sochii qaamaa taasisuu yookiin yeroo dheeraaf taa’uu dhiisuu. gargaarsa namaatiinis ta’u sochii gochuun faayidaa qaba.

2- Bishaan gahaa dhuguu/ gogiinsa qaamaa ittisuu

3- Tamboo xuuxuu dhiisuu

4- Ulfaatina xiqqeessuu yookiin madaalawaa qabaachuu

5- Yeroo dahan yookiin sarjariin hojjatame booddee sochii qaamaa taasisu

👉🏻👉🏻YAALA

DVT qorichoota dhiiga qaldhisan/ itita dhiigaa dhoorgan fayyadamuun yaaluun fayyu.

Fayyaa ta’aa!

Dr. Hajjii Nagawoo

Address

Asella

Telephone

+251935372824

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Hajjii Nagawoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr. Hajjii Nagawoo:

Shortcuts

Share

Category