๐‘ซ๐’“ ๐‘ด๐’๐’‰๐’‚๐’Ž๐’Ž๐’†๐’… ๐‘ฒ๐’†๐’…๐’Š๐’“

  • Home
  • Ethiopia
  • Awassa
  • ๐‘ซ๐’“ ๐‘ด๐’๐’‰๐’‚๐’Ž๐’Ž๐’†๐’… ๐‘ฒ๐’†๐’…๐’Š๐’“

๐‘ซ๐’“ ๐‘ด๐’๐’‰๐’‚๐’Ž๐’Ž๐’†๐’… ๐‘ฒ๐’†๐’…๐’Š๐’“ Education is the most powerful weapon we use to change the world.

13/08/2025

Namoota callisoo( introvert)
****
Namoonni amala callisuu qaban, hedduu dubbachuu caalaa warra dhaggeeffatanii fi yeroo hedduu anniisaa fi gammachuuf iddoo kophaa ykn garee xiqqoo kan filataniidha. Namoonni amala akkanaa qaban miidhaa daa'immummaa ykn qaana'aa ykn sodaatoo tahanii osoo hin taane uumamaan amala kana kan kennamaniidha. Namoonni akkanaa keessa isaanii sirritti dhaggeeffachuuf iddoo tasgabbii filatu. Amaloonni isaanii kanneen armaan gadiiti.

1. Nama hedduu wajjiin haasawuu hin jaalatan ykn namatti saffisaan hin dhiyaatan. Garuu nama itti dhiyaatan wajjiin dhooksaa tokko malee taphatu. Hiriyoota hedduu hin qaban. Kanaaf nama filatanii itti dhiyaatan lubbuurra jaalatu.

2. Yeroo dubbatan jechoota isaanii xiinxalan malee akkuma dhufetti hin dubbatan. Jechi kiyya nama biraa miidhuu danda'a moo jechuun of dhiphisu.

3. Dubbii namni dubbatuu fi sochii fuulaa ilaaluun dhugaa, fakkeessuu ykn soba namaa salphatti irratti baruu danda'u. Namni tokko maal akka barbaadu fuularraa ilaalanii hubachuu danda'u. dandeettii kana uumamaan badhaafaman. Garuu eenyuyyuu isaan hubachuu hin danda'u. Sababni isaa miira, rakkinaa fi dhukkubbii isaanii dhookfachuu waan danda'aniif.

4. Yoo garee keessatti hirmaatan jalqaba hin dubbatan. Ajandaan irratti dubbatamu yoo isaan barbaachise qofa qooda irraa fudhatu ykn yoo gaafataman qofa deebisu. Waan isaan hin ilaalle keessa hin seenan.

5. Yeroo hedduu kophummaa ykn nama muraasa wajjiin hariiroo waan qabaataniif, qaama biraan akka boonuu ykn oftuuluutti lakkaa'aman. Garuu amala uumamaa isaaniiti malee boona hin qaban.

6. Yeroo hedduu dubbisuu, barreessuu fi uumama xiinxaluu jaalatu. Kanarraa kan ka'e ofitti amanummaa fi hojii isaanii irratti raawwii olaanaa galmeessu.

7. Iddoo namoonni itti baay'atu, ifaan heddummaatuu fi jeequmsaa dhaquu hin barbaadan. Iddoo akkanaa deemuu irra mana isaanii kophaa taa'uutu boqonnaa sammuu kennaaf.

27/04/2025

Barachuu fi Barachuu-dhabuu
*******************************
Barachuun waan dansaadha. Barnoonni gama hedduun addunyaa jijjiiree jira. Jireenya guyyaa-guyyaa keenna nuuf salphisee jira. Salphisuu irra taree waan ciccimoo hedduu, wan laaftuu irraa maayii godhee jira. Kun buโ€™aa barumsaati. Barumsi wantoota salphisuu irra taree ofis salphisee jira. Ofis xiqqeessee, maallaqaan of gurguree jira. Barnoonnii fi beekumsi jireenya salphisuuf otoo xaaranii, san keessa isaanis tuffatamuu jalqaban.

Wantootni jireenya keenna salphisan hedduun beekumsa gad-fagoo fi qorannoo yeroo dheeraa fudhateen argaman. Erga argaman boodasโ€”barnoonni fi beekumsiโ€”akka isaan fayyadamtootaf salphaa taโ€™an cichanii hojjatan. Namuu barnoota xiqqoon akka isaanitti tajaajilamuu dandaโ€™u godhan.

Mee jecha kana fakkeenyota lamaan kanaan gadiitiin haa ilaalluu: bilbilli harkatti qabannee deemnuโ€”barnoota, qorannoo fi beekumsa cimaa yeroo dheeraa fudhateen booda argame. San booda maallaqa argachuuf otoo dorgoman, yeroo gara yerootti, bilbiloota salphaanโ€”xaarii xiqqoonโ€”fayyadamuu dandeennu kalaqan.

Dur namni fira Ameerikaa jiru dubbisuuf, xalayaa barreessa. Xalayaan sun ammoo barnoota malee hin barrooftu. Yoo xiqqaate dandeetti qubee laakkayanii barreessuu gaafatti. Yeroo dheeraa booda fira san bira geetti. Barnoonni โ€œemailโ€ fide. Yeroo itti xalayachi nama gahu gabaabse. Barnoonniifi beekumsi itti fuufee sagalee warabanii erguu fide. Barreessaa ooluun hafee sagalee waraabanii wolii erguun akka jiraatu godhe. Gama kanaan barnoonni gaafas qarxam godhee of nyaachise. Kunis nan gahu jedhee, application-oota wol ilaalaa (video)-n dubbatan kalaqe. San booda, gama wolqunnamtiitiin, feetu dhakaa nyaadhu jedhameโ€”barnoonni.

Lammaffaa maal seetanโ€”uffata maashiniin โ€˜singerโ€™ bikkee hodhe uffattee, bilbila barnootaa fi qorannoo meeqa booda hojjatame qabattee, midhaan qorannoo meeqaan booda xaaโ€™oon gabbise nyaataa, qoricha jaarraa heddu keessatti barnootaan fooyyaโ€™ee dhihaate liqimsaa, konkolaataa baroota keessatti beekumsaan fooyyaโ€™aa dhufe yaabbataa, baankii deemtee maallaqa beekumsaan sirna dijitaalaatti geeddaramee siif daddabarfamuuun qoma kee dhiibdeeโ€” barnoonni maal godha jettamii?

Jireenya hunda salphiseeโ€”waan maallaqaan bitamu godheeโ€”barnoonni faayidaa maal qaba akka jettu kan si godhes barnoota taโ€™uu yeroo tokko tokko yaadadhu! Kanaaf, beekumsiifi barnoonni jireenya salphisuuf otoo xaaranii, san keessa ofii isaanii salphatan jedhe! Yeroo Gaarii!
By Dr Nuredin Luke

19/05/2024
03/04/2024

Bofti kan summmii (poison) qabu, bofa hundaa miti. Haa taโ€™uu bofti yoo nama ciniinu (keessumaa kan summii qaban) mallattoo akkamii argisiisu, maal gochuu qabna, maal gochuu hin qabnu kan jedhu haa ilaallu.

MALLATTOO
โ–  Bakka bofti ciniiname sanatti madaan xiqqoon (puncture wound) argamuu.
โ–  Bakki ciniiname sun diimachuu, dhiitaโ€™uu, quncaโ€™uu ykn luqqaโ€™uu, dhiiguu.
โ–  Dhukkubbii cimaan akkasumattis yoo harkaan tuqan bakka sanatti namatti dhagaโ€™amuu.
โ–  Olguurraa ykn haqqee fi teessisaa.
โ–  Hafuura baafachuu dadhabuu ykn hafuurri nama cituu.
โ–  Onneen ofii garmalee akka nama fiigaa jiruutti dhaโ€™achuu.
โ–  Iji ofii seeraan laaluu dadhabuu ykn namatti dukkanaaโ€™uu.
โ–  Afaan ofii keessatti dhandhamni ykn miirri akka shaaraa ykn sibiilaa namatti dhagaโ€™amuu.
โ–  Garmalee gororuu ykn garmalee dafqi qaamarra dhangalaโ€™uu.
โ–  Qaamni ofii adooduu ykn miirri itti dhagaโ€™amuu dhiisuu.

WAAN GODHAMUU QABAN.
โ–  Yoo bofti ciniinte sun bakka san jirti taโ€™e yokaan ajjeefamteetti taโ€™e, suuraa ishee qabaachuun ykn kaafachuun gosti bofa sanaa kam akka taโ€™e adda baasuudhaan yaalamuuf hedduu gargaara.
โ–  Akka dhiigni daddafee summii bofaa sana bakka jalqabaa fuudhee qaama keessa waliin hin geenyeef:
โ— Namni bofti ciniine tasgabbaaโ€™uu qaba.
โ— Waantoota akka bunaa fi alkoolii yeroof dhuguu hin qabu.
โ— Haala (position) isa/ishee boqochiisuun ciisuun dha.
โ–  Waan akka sibiilaa fi meeshaalee miidhaginaa akka qubeelaa harkaa, ambaarii harkaa ykn Faaya morma irraa fi kkf qaama nama ciniinamee irraa baafamuu qabu.
โ–  Bakki bofti ciniinte sun sirriitti saamunaa fi bishaaniin battalumatti miicamuu qaba.

WAANTOOTA GODHAMUU HIN QABNE.
โ–  Yoo bofti naa ciniine sun kan duโ€™e taโ€™e illee gara mataa isaa baachuu ykn tuttuqquu yaaluun tasumaa balaa namatti fida, bofa sana qabuu dhaaf yaaluunis tasumaa sirrii miti.
โ–  Bakka ciniiname sana waan akka kirrii ykn foโ€™aa faโ€™iin hidhuun dhorkaadha, rakkoo cimaafis nama saaxila (bakka tokko tokkotti akka jedhamu bakka ciniiname sana gad hambisanii qaama ciniiname sana hidhuun ni fayyada kan jedhu waan jiruuf).
โ–  Bakka ciniiname ykn qaama ciniiname sana summiin akka baโ€™utti jedhanii waan qara qabuun kukkutuu ykn mumuranii dhiigsuun tasumaa summii seene sana hin baasu waan taโ€™eef kana gochuu irraa of qusachuudha.
โ–  Summii keessaa baasuuf jecha bakka ciniiname sana ciniinuu, xuuxuu fi kkf irraa ofa eeggachuudha.
โ–  Qorichoota dhukkubbii dhorkan akka aspirin, ibuprofen fi kkf haga mana yaalaa gaโ€™amutti ofii ofiin fudhachuuf irraa of qusachuudha.

Fayyaan Faaya!!!!

25/03/2024

Abbaan manaa Gartuun dhiigaa isaa RH +ve ta'ee fi Haati manaa RH -ve taate yoo walfuudhan, Ulfa irratti miidhaalee akkamii geessisaa?

Gartuu dhiigaa nagativaa jechuun seeliin dhiigaa diimaa (Red Blood Cells) ummamaan yoo qaama isa irraa pirootinii Rh jedhamuu hin qabu taโ€™e dha (Gartuu dhiigaa A-, B-, AB- fi O-). Kan RH poozatii jennu ammoo faallaa isaati (Gartuu dhiigaa A+, B+, AB+ fi O+).

ULFA IRRATTI AKKAMIIN DHIIBBAA GEESSISAA?
Dubartiin gartuu dhiigaa nagativaa (Rh-ve) qabduu tokkoo dhiira gartuu dhiigaa pozativaa (Rh +ve) qabuu waliin gaโ€™eela yoo godhattee ulfooftu, gartuun dhiigaa kan miciree/mucaa isaanii carraa Rh poozatiivii taโ€™uu ol'aanaa qaba.
Yoo dhiigni mucaa gadameessa keessa jiruu kun Rh+ ta'e, sirni madiinummaa haadhaa (maternal immune system) seelii dhiigaa diimaa kan miciree gadameessa keessaa kana akka aalagatti illaaluudhaan loluu ykn miidhuu eegala. Wanti kunis miciree gadameessa keessa jiru fi ulfa itti aanee dhufu irattis rakkoo armaan gadii fiduu danda,a
-Ulfi irraa ba'uu (abortion)
-Hirโ€™ina dhiigaa mucaa irratti (fetal anemia)
-Duโ€™aatii mucaa gadameessa keessatti (stillbirth)
-Qaama mucaa keessatti bishaan kufamuu (fetal ascites)

RAKKOO KANA AKKAMIIN ITTISUU DANDEENYAA?
-Yeroo ulfaa qoricha immunooglobuuliin (anti-D ) jedhamu, kan haadhaaf kennamuu fi dhukkuba kana hambisuuf oolu fudhachuu dha. Iminooglobuuliin (anti-D ) kunis yeroo lama kennama.
1. Yoo ulfi jiโ€™a 7 ykn torbee 28 irra ga'u.
2. Erga deessee booda (yoo gartuun dhiigaa mucaa ilaalamee RH +ve ta'e), haati deesse saโ€™aa 72 keessatti haadhaf kenama.

Hubachiisa:
-Dubartiin gartuu dhiigaa RH nagatiivaa (Rh-ve) qabduu tokkoo dhiira gartuu dhiigaa nagativaa (Rh -ve) qabu waliin gaโ€™eela yoo godhatee mucaan isaanis gartuu dhiigaa nagativaa(Rh-ve) waan qabatuuf rakkoon umamuu hin jiru. Kanaaf haadhaf yeroo ulfaa iminooglobuuliin (anti-D ) hin barbaachisuu.

Dr. Gurmeessaa
(Ispeeshaalistii Dhibee Keessoo)
Fayyaan Faaya!

Address

Awassa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when ๐‘ซ๐’“ ๐‘ด๐’๐’‰๐’‚๐’Ž๐’Ž๐’†๐’… ๐‘ฒ๐’†๐’…๐’Š๐’“ posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to ๐‘ซ๐’“ ๐‘ด๐’๐’‰๐’‚๐’Ž๐’Ž๐’†๐’… ๐‘ฒ๐’†๐’…๐’Š๐’“:

Shortcuts

Share

Category