Bisidimo General Hospital

Call Directions Contact the practice

Bisidimo General Hospital Bisidimo General Hospital, previously known as Relief Center Bisidimo is one of the Oldest Hospital

01/02/2025
01/02/2025

In November 2024!

Hospitaalli waliigalaa Bisidiimoo ji'a darbe irraa eegalee kutaa yaalii cimaa babalisuu (upgrading ICU) godhaa ture xumu...
01/02/2025

Hospitaalli waliigalaa Bisidiimoo ji'a darbe irraa eegalee kutaa yaalii cimaa babalisuu (upgrading ICU) godhaa ture xumuruun ummataaf tajaajila akka kennu taasiseera.
Tajaajilli yaalii cimaa lubbuu dhukkubsataa baraaruuf gahe guddaa kan taphatuu dha. Sadarkaa yaalli fayyaa yeroo ammaa irra gahe fi fedhiin yaala fayyaa ummanni keenya nurraa barbaadu guutuuf babal'insi kutaa yaalii cimaa Hospitaala waliigalaa Bisidiimootti ji'oota darbeef hojjatamaa kan ture dha. Haaluma kanaan babal'insi kutichaa raawwatee xumuramuun har'a bakka hoji gaggeessaan olaanaa Hospitaala waliigalaa Bisidiimoo kabajamoo Dr. Ahmed Nure, BFO tti Qindeessaa fi deeggaraan kilaastara Hospitaaloota keenyaa kabajamoo obbo Iliyaas Mikaa'eel, Waajjira fayyaa Godina Harargee Baha irraa obbo Tamesgen Nemee fi Aadde Faayoo Yuusuf, hojjattoonni Hospitaalaa, jaarsoolii fi hawwaan naannoo bakka argamanitti kuticha eebbisuun riibaaniin muramee tajaajilli yaalii cimaa hawaasni fi yeroon nurraa barbaaddu hoji gaggeessaa Hospitaalaa keenyaa Dr. Ahmed Nure fi qindeessaa kilaastara Hospitaaloota keenyaa obbo Iliyaas Mikaa'eelin ifatti tajaajila kennuu eegalchiisaniiru.
Kana dura waggoottan hedduuf kutaan yaalii cimaa sadarkaa isaa hin eeggatin keessatti tajaajila kana kennaa kan ture Hospitaalli, gaafii hoggansa fi hojjataa bira darbee gaafii hawaasaa ture rakkinichi. Kutichi mechanical ventilator kan hin qabnee fi hawaasni maaliif gara Hospitaala biroo nu ergitan jechuun yeroo garaa garaatti marii hawaasa irratti kaasa kan turanii dha. Gaafii hawaasni kaasu kana deebisuuf hoggansi mana hojichaa biiroof dhiyeessuun rakkinichi kutaa kanaa akka furamuuf carra argate hundatti fayyadamaa ture. Haaluma kanaan BFO gaafii keenya dhagayuun mechanical ventilator nuuf arjoomaniiru. Hoggansi mana hojiis meeshaa argate kana kuticha duraan itti fayyadama ture kan sadarkaa isaa hin eeggatin keessatti itti fayyadamuun gaafii hawaasaa fi tajaajilli yeroon barbaaddu deebisuun hin danda'amu jechuun kuticha babalisuun barbaachisaa tahee waan argameef piroopoosaala hojjachuun ji'a darbe irraa eegalee hojjacha kan ture dha. Haaluma kanaan kutaalee biroo lama walitti banuun haala yeroo ammaa kutaan yaalii cimaa barbaaduun hojjate xumuruun guyyaa har'a ifatti tajaajila jalqabsisaniiru.
Yeroo hojiilee haaroomsaa kun godhamaa jirutti, dandeetti ogeesoota kutaa yaalii cimaa kana cimsuuf guyyootaaf ogeesoota olaanoo Hospitaala hunda galeessa yunivarsiitii Haramaayaa irraa dhufaniin ogeesoota keenyaaf leenjiin kennamaa kan turee dha.
Leenjiin kuniis caalatti kan xiyyeefatu namoota dhibee cimaa qabaniif tajaajiloota kennamu qabu fi akkata itti maashinaan qilleensa dhukkubsattootaaf kennaniif irratti dha.
Mechanical ventilator nis tajaajila kennu eegaleeraa jechumaafi. Kuniis kan tahe guyyuma har'ati.
Dabalataan hojii kana milkeessuu keessatti gahe leencaa kan taphataniif beekkamtii fi galateeffannaan waraqaa ragaa ogeesootaaf kennameera. Ogeessi beekkamtiin kennameef keessaa tokko kan ture qindeessaa tajaajila narsii waliigalaa fi oogummaan isaas nursii yaalii hatattamaa fi cimaa kan tahe kabajamoo obbo Mustefa Umeer dha. Milkaa'ina hojii kanaatif halkaniif guyyaa carraquun gahee guddaa taphateera. Hojiin inni hojjate kan nama boonsuu dha. Allamagan tahi jaala koo Diimaa.
Ogeessi biroon hojii kana milkeessuuf beekkamtii fi galateeffannaan kennameef Dr. Abdulaziz Hussein fi obbo Amme Madi turan. Yeroo isaanii qaalii tahe aarsaa goochuun Hospitaala hunda galeessa yunivarsiitii Haramaayaa irraa dhufuun milkaa'ina hojii kanaaf gahe guddaa taphatan. Guddaa haa galatooman.
Sirna baninsa kutaa yaalii cimaa kana irratti keessummaa kabajaa fi galateefannaa adda tahun kan afeeramanii fi beekkamtiin kan kennameef isaan biroo ogeessa keenya yeroo hundaa, gara laafeessa namaa, xiqqaaf guddaa hunda kan kabajuu fi hundaan kan kabajamu Dr. Alanee Kabbade ture.
Eeyyeen baga gammaddan, baga walumaanuu gammanne jechaa gaafiin hawaasa keenyaa kan maaliif gara Hospitaala birootti nu ergitan jedhu hanga tokko deebi'eera.
Tokko jedhaa kaa!

[30/01/2025, 20:43]Hospitaala waliigalaa Bisidiimootti kanaan dura X- ray yeroo dheeraa fi kan yeroon isaa irra darbeen ...
01/02/2025

[30/01/2025, 20:43]
Hospitaala waliigalaa Bisidiimootti kanaan dura X- ray yeroo dheeraa fi kan yeroon isaa irra darbeen dhukkubsataa tajaajilaa kan turrees har'a allamagan jechuun gaggeessuun X-ray aammayyaa'aa fi miiliiyoonni itti dhangala'amee bitameen dhukkubsattootaaf tajaajila kennuu jalqabsifameera. Kuniis kan tahe guyyuma har'ati. Sababa X- ray wal qabatee asi fi Adaree biyyoo (Harar) jidduu dhukkubsataa daddebisuun hafeera. Kuniis gaafii hawaasa deebiseera. Filmiin dhabamee fi sirritti hin mul'atuun seenaa tahee hafeera. Aboo warri BFO kuniis hedduu galatoomaa. Baga nuuf dirmattan. Waan Hospitaalli jalqabaa hedduun qabu nuti dhabuu keenyatti muffii qabna ture. Amma nuuf owwattaniiru. Kana caalaas akka nuuf owwaattan abdii qabna.
Kanaas kan jalqabsiisan hoji gaggeessaa olaanaa Hospitaala Bisidiimoo kab Dr. Ahmed Nure fi BFO tti qindeessaa kilaastara Hospitaaloota keenyaa kan tahan kab obbo Iliyaas Mikaa'eel dha.
Milkaa'ina Hojii kanaatif gahee guddaa kan taphatan kabajamoo obbo Nasreddiin fi Obbo Ayaatoolaanis qaama beekamtii guyyaa har'a argatan keessaa tokko turan. Baga gammaddan. Isaaniin alattiis shoora guddaa kan taphatan gareen x- ray hundinuu akkasumaas gareen Biomeedikaalaa obbo Naasir Mustefatin hangafee hunduu galatoomaa.
Lama jettaniree!!!!
Tuniis tanaa taanis ganaa dha ummanni keenya jedhu san qabannee, tokkoomnee, qindoomnee, cimnee hojjannaan wanti hin dand'amne hin jiru.
Gammachuun har'a milkaa'ina boruuf kaka'umsa haa nuuf tahuun dhaamsa halkan kanaati.
Halkan gaarii qabaadhaa!!!!!

Duula Baqaqsanii yaaluu moora ijaa Hospitaala Waliigalaa Bisidiimootti  Onkololeessa 24 irraa eegalee kennamaa jiru hang...
07/11/2024

Duula Baqaqsanii yaaluu moora ijaa Hospitaala Waliigalaa Bisidiimootti Onkololeessa 24 irraa eegalee kennamaa jiru hanga har'atti akkuma itti fufetti jira. Hospitaalli waliigalaa Bisidiimoo dhaabbata Himalyn cataract project waliin tahuun jiraattoota Harargee Bahaa fi lixaa, magaalaa Dirre Dawa, Naannoo Harari fi naannoo soomalee jiraatan calalee adda baasuun namoota moora ijaa qaban bilisaan yaalaa jira.
Tajaajilli baqaqsanii yaaluu kun guyyaa 5f namoota 2300f tajaajila kennuuf karoorfatuus baayyinni namoota dhibee mooraa ijaa qaban heddumaachuun guyyoota 2n itti aanuufis kan itti fufu dha. Guyyoota afran darbanitti namoota 1481f tajaajilli kun kennameera.

ODUU GAMMACCHIISSAA! UMMATA GODINA HARARGEE BAHAA FI NAANNAWA HUNDAAF.
24/01/2024

ODUU GAMMACCHIISSAA! UMMATA GODINA HARARGEE BAHAA FI NAANNAWA HUNDAAF.

21/01/2024
17/01/2024
17/01/2024

Address

Babile

Telephone

+251915848411

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bisidimo General Hospital posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Bisidimo General Hospital:

Shortcuts

Share

Category