08/09/2026
Hospitaala Baddannoo
Leenjiin ''Professional Code Of Conduct and Ethical Healthcare Practice'' hojjaattoota hospitaala Baddannootif kennamuu eegale
===
Hospitaalli Baddannoo leenjii mataduree qajeelfama naamusa ogummaafi kenna tajaajila fayyaa (Professional Code of Conduct and Ethical Health Care practice ) irratti ogeessotaa fayyaafi hojjettoota hospitaalichaatiif guyyoota 3sadiif marsaan jalqabaa kennamuu eegaleera.
Hojii Gaggeessaan hospitaala Baddannoo Mrs Yaassin Umar kaayyoon leenjichaas kenna tajaajila fayyaa taasifamu keessatti naamusni ogummaa aadaa, safuufi duudhaa ummataa keenyaan dabaalame akkasumas, loogii tokko malee walqixxummaan, tajaajila, qulqullinaafi haqaa qabeessaa kennuuf kan kennamaa jiru ta'uu himaniiru.
Tajaajilli ogummaa fayyaa saayinsii irratti kan bu’uureeffate lubbuu baraaruu waan ta'eef naamusa ogummaan utubamee of eeggannoo cimaan kan hojjetamu waan ta’eef duudhaa gaariin safuufi aadaa hawaasicha eegamee tajaajila kennuun murteessaa ta'uu cimsanii dhaamaaniiru.
Leenjiin hojjattaa hundaaf kan kennammuu waan taheef bayyinnaa ogeessaa irra kan kaee marsaa 3tti qoodamuun guyyoota sagaliif kan kennammuu taha.