08/05/2025
💚💚
Balaqqama Konkolaataa Keessaa (MOTION SICKNESS)
Qabxiilee 6 nu gargaaran!
1. Deemsa eegaluun dura nyaata baay'isanii soorachuu dhiisuu.
2. Nyaata zayita hedduu qabu, nyaata foolii cimaa qabu, alkoolii fi wantoota caffeine of keessaa qaban akka bunaa irraa of qusachuu.
3. Namooti rakkoo kana qaban wal bira kaa'uu dhiisuu fi waa'ee waan kanaa haasa'uun haasa'uu dhiisuu.
4. Konkolaataa keessa yoo kan danda'amu ta'e, bakka sochiin itti xiqqaatu (kara fuulduraa) taa'uu.
5. Zinjibila (ginger) shayiidhaan danfisanii dhuguun, Akkasumas loomii xuuxaa deemuu.
6. Qoricha dhibee kanaaf oolu mana qorichaa ykn pharmacy irraa bitachuun fayyadamuu dha.
***************
Fayyaan Faaya!