19/12/2023
"Bofaan yoo hiddamte ykn namni si madditti hiddame maal gootu ?"
**********************************
• Gosoota bofaa 3500 ol jiran keessaa 600 qofaatu summii qaba jedhamee yaadama
*1.Mallatoolee summii qabaachuu Agarsiisan:*
---------------------------------------------------
• bakkii ciniiname suni madaa,diimachu,dhiita'uu, luqqa'uu ykn dhiiguu qabaachuu
• hafurrii sitti ciccitu (shortness of breath)
• dhahannan onnee dabaluu.
• ol guurra ykn hooqisisuu
• gororrii afaanii ya'uu fi garmalee dafqisisuu
• ijaan ilaaluu dadhabu ykn namatti dukkana'uu.
• Mallatooleen akka dhahannaa onnee dabaluu , haqqisiisaa , albaasuu , mataa bowwoo , ija dura maruu ,dafqisiisuu , maashaa qaamaa laamsheessuu , hargansuu dadhabuu fi of wallaalchisuun qaama keessa faca’uu waan agarsiisaniif hamma ajjeesutti deemuu danda’a waan ta'eef daddafnee mana yaalaa dhaquu ykn geessuu qabna.
*2.Nama bofaan hiddameef ykn yoo nu hidde maal gochuu qabna yknhin qabne?*
------------------------------------
• bakka bofni cininee sana hidhuus ta'ee muruu,xuuxuu ykn ciniinuu dhisuu.iddoo bayyeeti bakka bofti cininee sana xiqqoo oli siqanii hidhuun waan jiruufi kuni immoo sirrii miti
• Wanta qaama walitti qabuu danda’u akka qubeelaa , sa’aatii fi faaya biroo miila ykn harka hiddame irraa baasuu sababniis qaamni kuni dhiita'uu waan danda'uuf.
• Miila ykn harka hiddame sochoosuu dhiisuu
• Lafa hiddaamee gara onneetti ykn mataatti olkaasuu dhiisuu
• Iddoo hiddame sana tasuma hin murinaa kunis summiin bofa dhiiga kantarsuu dhorka waan taheef dhiigni dhaabbachuu dhiisuu danda’a.
• yoo bofti nu cininee suni jiraates ta'ee du'e gara mataa isaa tuttuquu dhisuu.balaa biraa nutti fiduu danda’a waan ta'eefi.
• Harka yookin miila hiddame sana sochoosuu dhiisuu
• Hatatamaan gara mana yaalaa dhaquu ykn geessuu.
Fayyaan qabeenya.
Hamza U.