Dr.Hamza.U

Dr.Hamza.U Gorsaa fayyaa qaamaa fi qalbii hawaasa keenya biraan ga'uu inshaallah.

Alhamdullillah!!!Congratulation,Mabruuk!!  For The big challenges and difficult journey you accomplished. My friends spe...
10/04/2026

Alhamdullillah!!!
Congratulation,Mabruuk!!
For The big challenges and difficult journey you accomplished. My friends specially
Dr sulxan,Dr Nesib Shekha and Dr أفلح محمد(GeneralSurgeon, Assistant Professor of General Surgery). The new title are officially added to your names.
Congratulations Ahabaabii!!

Congratulation for all new general surgery graduate of Haramayaa university2024 batch.Baga gammaddan,baga gammanne!
05/02/2024

Congratulation for all new general surgery graduate of Haramayaa university
2024 batch.
Baga gammaddan,baga gammanne!

Nama kanniisaan hiddameef maal gochuu qabna?*************************************Nama kannisni hidde bakka lamatti qooda...
05/01/2024

Nama kanniisaan hiddameef maal gochuu qabna?
*************************************
Nama kannisni hidde bakka lamatti qoodanii yaaluun ni danda'ama.
1.Mallattoolee salphoo: isaanis diimachuu, dhiitahuu,bakki sun nama hooksisuu, dhukkubbii salphaa ta'e namatti dhagahamu, faadha.
-namoota mallattoolee kanaa olii irratti argame maloota armaan gadii fayyadamuun manatti yaaluun ni danda'ama.
-ilkee kanniisaa sana irraa buqqisuu
-bakka hiddame saamunaa fi bishaan qulqulluudhaan dhiquu
-bakka sana cabbiin sukkuumuu kun
2.Mallattoolee cimoo: isaanis
-Akka malee dhiitahuu qaamaa, -harganuu dadhabuu
-qaamni dilallaahuu ykn baay'ee hoo'uu
-gaggabuu,of wallaalchisuu fi k.k.f
Namootni mallattoolee cimoon irratti mul'ate hatattamaan
mana yaalaa geessanii yaalsisuun.
Galatoomaa
Fayyaan Qabeenya!!
Dr.Hamza U

SHAAYII DHUGUU********************Qorannooleen hedduun akka mul'isannitti shaayii dhuguun fayyummaa qaama keenyaaf faayi...
23/12/2023

SHAAYII DHUGUU
********************
Qorannooleen hedduun akka mul'isannitti shaayii dhuguun fayyummaa qaama keenyaaf faayidaa ol'aanaa ta'e qaba. Shaayiin wontoota carraa dhukkuba onnee, kaansarii fi dhukkuba sukkaaraan qabamuu hirdhisan of keessaa qaba.
Shaayii dhuguun:
* Carraa dhukkuba onnee akka tasaa (Heart Attack) fi Istirookii (dhiigni sammuu keessatti jiguu/hiddi dhiigaa sammuu keessa jiru cufamuu) daran xiqqeessa.
* Lafeen keenya akka jabaatu godha.
* Koolestiroolii qaamaa keessa jiru hirdhisuu danda'a
* Dhiibbaa dhiigaa ol ka'aa ta'e gadi buusuu irratti faayida qaba
* Nyaata booda nyaanni nyaanne akka salphaan nuuf bullaayuuf ni gargaara
* Muraa garaa/ garaan yoo nama cinine namarraa laaffisu danda'a
* Fayyuuma fi jabinna ilkanii irrattis gahee guddaa qaba
* Foolii badaa afaaniis ni hirdhisa
* Sirni ittisa qaamaa akka jabaatu godha
* Qorannooleen tokko tokko akka agarsiisannitti carraa kaansarii sombaa, harmaa, fi piroosteetiitiin qabamuu ni hirdhisa
* Carraa dhukkuba Sukkaraa gosa lammeessoo (Type-II DM) tiin qabamu gadi buusa
* Dandeettii yaadachuu, qalbeeffachuu fi fulleffannaa ni dabala
---
Ulfaadhaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
©Dr. Nuredin L

"Bofaan yoo hiddamte ykn namni si madditti hiddame maal gootu ?"**********************************• Gosoota bofaa 3500 o...
19/12/2023

"Bofaan yoo hiddamte ykn namni si madditti hiddame maal gootu ?"
**********************************
• Gosoota bofaa 3500 ol jiran keessaa 600 qofaatu summii qaba jedhamee yaadama
*1.Mallatoolee summii qabaachuu Agarsiisan:*
---------------------------------------------------
• bakkii ciniiname suni madaa,diimachu,dhiita'uu, luqqa'uu ykn dhiiguu qabaachuu
• hafurrii sitti ciccitu (shortness of breath)
• dhahannan onnee dabaluu.
• ol guurra ykn hooqisisuu
• gororrii afaanii ya'uu fi garmalee dafqisisuu
• ijaan ilaaluu dadhabu ykn namatti dukkana'uu.
• Mallatooleen akka dhahannaa onnee dabaluu , haqqisiisaa , albaasuu , mataa bowwoo , ija dura maruu ,dafqisiisuu , maashaa qaamaa laamsheessuu , hargansuu dadhabuu fi of wallaalchisuun qaama keessa faca’uu waan agarsiisaniif hamma ajjeesutti deemuu danda’a waan ta'eef daddafnee mana yaalaa dhaquu ykn geessuu qabna.

*2.Nama bofaan hiddameef ykn yoo nu hidde maal gochuu qabna yknhin qabne?*
------------------------------------
• bakka bofni cininee sana hidhuus ta'ee muruu,xuuxuu ykn ciniinuu dhisuu.iddoo bayyeeti bakka bofti cininee sana xiqqoo oli siqanii hidhuun waan jiruufi kuni immoo sirrii miti
• Wanta qaama walitti qabuu danda’u akka qubeelaa , sa’aatii fi faaya biroo miila ykn harka hiddame irraa baasuu sababniis qaamni kuni dhiita'uu waan danda'uuf.
• Miila ykn harka hiddame sochoosuu dhiisuu
• Lafa hiddaamee gara onneetti ykn mataatti olkaasuu dhiisuu
• Iddoo hiddame sana tasuma hin murinaa kunis summiin bofa dhiiga kantarsuu dhorka waan taheef dhiigni dhaabbachuu dhiisuu danda’a.
• yoo bofti nu cininee suni jiraates ta'ee du'e gara mataa isaa tuttuquu dhisuu.balaa biraa nutti fiduu danda’a waan ta'eefi.
• Harka yookin miila hiddame sana sochoosuu dhiisuu
• Hatatamaan gara mana yaalaa dhaquu ykn geessuu.
Fayyaan qabeenya.
Hamza U.

TIMAATIMA NYAACHUUN FAAYIDAA QABAA???*****************************❶.vaayitaminii C,K,B9 fi albuuda akka pootasiyeemin ka...
17/12/2023

TIMAATIMA NYAACHUUN FAAYIDAA QABAA???
*****************************
❶.vaayitaminii C,K,B9 fi albuuda akka pootasiyeemin kan badhadhedha
❷.gogiinsa garaa hir'isuuf ni oola
❸.Fayyaa onneef
👉Timaatimni keemikaala lycopene jedhamu kan fayyaa onnee fi ujummoo dhigaa eeguf gargaaru of keessaa qaba
❹.Kaansarii sombaa, garaachaa,mar'imaanii fi pirosteetii hir'isuu keessatti gahee qaba
❺.Fayyaa gogaaf
👉Keemikaalli timaatima keessatti argamu gubaatii aduu ni hir'isa akkasumas gogaan akka hin suntuurref ni gargaara
❻.Ijji ifaan akka hin miidhamneef ni gargaara
❼dhiibbaa dhiigaa hir'isuuf
❽.Dhibee sukkaaraaf ni fayyada
Fayyaan qabeenya

FUNUUNA ykn DHIIGUU FUNYAANII (nasal bleeding)  AKKAMIIN DHAABUU DANDEENYA?••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••Taa...
17/12/2023

FUNUUNA ykn DHIIGUU FUNYAANII (nasal bleeding) AKKAMIIN DHAABUU DANDEENYA?
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
•Taa'uu diriirtee ykn Gara fuula duraatti xiqqoo gadi jechuu.
•Funyaan keenya quba guddaa fi quba elmituu gidduutti jabeessinee daqiiqaa 10-15 qabachuu .
•Afaaniin harganuu/breath through the mouth.
•akka hin dubbanne,hin qufaane,hin liqimsine ni jajjabeessama.
•Gara dudduubaatti jechuun dhiigni akka ujummoo nyaataa ykn ujummoo qilleensaa seenu taasisa malee dhiiga dhaabuuf hin gargaaru.
•Gadi ciisuu dhiisuu.
• Funyaan keenyaa waan dhiigaa jiruuf sadarkaa onnee olitti (above heart level ) eeguu qabna. Kanaaf gadi ciisuu dhiifnee taa’uu ykn yoo dadhabne ammoo mataa keenya ol qabannee ( 30 to 40 degree above horizontal) ciisuu.
•Bishaan baay’ee diilallaa’aa (cabbii yoo arganne gaariidha) fuula fi funyaan keenya irratti yeroo muraasaaf naquu. Kunis ujummooleen dhiigaa xixiqqoon akka kottoonfatan waan gargaaruuf.
●Kanaan yoo dhaabbachuu dide dafnee gara mana yaalaa geessuu qabna.Hamza U

Haala taa'umsa daa'ima gadameessa keessaa kan sirrii beektaa??===================Haalli taa'umsa daa'imaa wayita ulfaa h...
16/12/2023

Haala taa'umsa daa'ima gadameessa keessaa kan sirrii beektaa??
===================
Haalli taa'umsa daa'imaa wayita ulfaa hanga ji'a 8tti murtaa'aa miti. Kana jechuun teessumni daa'ima ji'a 8 gadii guyyaa dha gara guyyaatti jijjiirama. Haa ta'u malee wayita guyyaan da'umsaa dhiyaachaa deemu taa'umsi daa'imaa murtaa'aa fi kan hin jijjiirama ta'a. Haalli taa'umsa daa'imaa wayita kana akka armaan gadii ta'a.

✍️95% Mataan gara balbala gadameessaatti garagaluu. Wayita kana harmooliin ciniinfatanii da'uu danda'u.

✍️ 3% taa'umsi/udduun gara balbala gadameessaatti garagaluu(fujjisa). Karaan/Mali da'umsaa ulaagalee adds addaa irratti hunda'a.

✍️ Persentaan baayyee xiqqoo ta'an wayita daa'imni dalga ciistudha. Kun wayita hordoffii yoo mul'ate ogeessa fayyaan hanga tokko jijjiramu mi danda'a. Wayita ciniinsuu yoo argame malli da'umsaa opereeshiniidha.

✍️Kanaaf taa'umsi daa'ima gadameessa keessa jirtu yoo sirrii ta'uudha baate haadharrattis ta'e daa'ima irratti rakkoo hamaa fiduu waan danda'uuf hordoffii wayita ulfaa haalaan fudhachuun barbaachisaadha. Ogeessonni fayyaa kan buufata fayyaa irraa hojjettanis haala taa'umsa daa'imaatti xiyyeffannoo akka itti kennitan Kan jedhu dhaamsa kooti.
Galatoomaa
Dr. Lammii Gonfaa

Qarshii 100,000 na injifachiisaaDr. Irfan Ibrahim (Mohammed Ibraahiim) waldorgommii badhaasa  Birrii 100,000 (Kuma dhibb...
16/12/2023

Qarshii 100,000 na injifachiisaa
Dr. Irfan Ibrahim (Mohammed Ibraahiim) waldorgommii badhaasa Birrii 100,000 (Kuma dhibba) qabdu irratti "Tajaajilaa fayyaa manatti (home based clinical health) jachuun hirmaatee jira. Mee koottaa waliin taanee haa injifachiifnuu. Link jalatti arkamu seenuun Like qofa gootu. Galatoomaa!
https://www.facebook.com/100002028524680/posts/7005786162832265/?app=fbl

Faayidaa Maangoo*******************************• Gogiinsa garaa hir'isuu fi bullaa'insa nyaataaf (compound amylase fi fi...
16/12/2023

Faayidaa Maangoo
*******************************
• Gogiinsa garaa hir'isuu fi bullaa'insa nyaataaf (compound amylase fi fiber ol'aanaa waan ofkeessaa qabuuf)
• Maangoo dheedhin(fireeshin) dhibee sukkaaraa hir'isuuf ni gargaara akka qorannoon agarsiisutti
• Keemikaalota antioxidant jedhaman qaama keenyaaf barbachisan hedduu of keessaa qaba.antioxidantin dhukkuboota fi kulkula hir'isuuf gargaara
• Viitaminoonni hedduuminaan maangoo keessatti argaman kan viitaminii A,C,E fi K dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaamaa (immunity ) dabaluuf nii oolu
• Dhiibbaa dhiigaa hir'isuu fi Fayyaa onneef-Albuudonni akka pootasiyeemii fi maagnziyeemii fayyaa onnee eeguf baay'ee barbaachisoodha
• Carraa Kaansarii mar'imaanii, dhiigaa fi sombaan qabamuu ni hir'isa.
• Qabiyyee maangoo giddu galeessa tokkoo
1. Kaaloorii: 99
2. Pirotinii: giraama 1.4
3. Kaarbohayidireetii: giraama 24
4. Faatii: giraama 0.6
5. Faayiberi: giraama 2.6
6. Viitaminii A, B, C, E,K
7. Albuuda: Cu, K, Mg
Fayyaan qabeenya
Hamza U

Haadhaa fi  Daa'ima garaa jiru haa baraarruu." **************************************mallattoolee asii gaditti tarraa'e\...
16/12/2023

Haadhaa fi Daa'ima garaa jiru haa baraarruu."
**************************************
mallattoolee asii gaditti tarraa'e\eerame kana yoo haati ulfaa of irratti argite daftee mana yaalaa deemuu qabdi
(danger sign in pregnancy)

• mana dhalaarraa dhiigni dhangala’u.
• mana dhalaarraa dhangala’aan/bishaan dhalaa dhangala’uu.
• DHukkubbii mataa hammaataa ta’ee fi qoricha dhukkubbiin hin fooyyofne.
• Dhiita’uu qaama guutuu(fuula,harkafi kkf)
• ilmoon taphachuu dhaabuu ykn hir'isuu.
• Hurgufamuu qaamaa ykn gaggabdoo/convulsion yoo iirratti mul'ate.
• DHukkubbii garaa hamaa/abdominal pain.
• Laydaa ykn lafti yoo mareen/fever or dizziness.
• Ijji itti golgolaa’uu /blurring of vision.
• Ciniinsuun/cimimmuun osoo yeroon hin ga’in jalqabuu.
• walitti fufiinsaan qooqqifachuu/haqqisuu.
Fayyaa argadhaa
Dr.Hamza.U

Address

HFSUH
Harar

Telephone

+251910715403

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr.Hamza.U posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr.Hamza.U:

Share

Category