Dr Kedir Adem

Dr Kedir Adem "Free Education Wherever You Are." 🌍📚🎓

𝐋𝐀𝐌𝐈𝐍𝐄 𝐘𝐀𝐌𝐀𝐋 🤩🇪🇸🏆🇪🇸 𝐒𝐏𝐀𝐈𝐍 Congratulations Spain world champion in 2026
19/07/2026

𝐋𝐀𝐌𝐈𝐍𝐄 𝐘𝐀𝐌𝐀𝐋 🤩🇪🇸🏆🇪🇸 𝐒𝐏𝐀𝐈𝐍 Congratulations Spain world champion in 2026

  ⚽🏆 Taphni Walakkaa Xummuraa Geeba Addunyaa🇦🇷 Arjentiinaa 🆚  Inglaand 🏴󠁧󠁢󠁥󠁮󠁧󠁿 gidduutti taasifamu irratti bu'aa sirrii ...
15/07/2026



🏆 Taphni Walakkaa Xummuraa Geeba Addunyaa

🇦🇷 Arjentiinaa 🆚 Inglaand 🏴󠁧󠁢󠁥󠁮󠁧󠁿 gidduutti taasifamu irratti bu'aa sirrii (Correct Score) tilmaamuu ni dandeessu!

💬 Yaada keessan comment keessatti nuuf qoodaa.

🎁 Namni bu'aa sirrii tilmaame Kaardii 200 ni badhaafama!

Ariifadhaa! Taphichi jalqabamuu dura tilmaama keessan kaa'aa.
Carraan gaarii hunda keessaniif!
Dr Kedir Adem

🌹 Bagaa gaammaddee obboleessa koo kabajamaa Dr Mohammed Ibrahim ! 🌹Namni beekumsa isaatiin of qofa osoo hin taane hawaas...
27/06/2026

🌹 Bagaa gaammaddee obboleessa koo kabajamaa Dr Mohammed Ibrahim ! 🌹

Namni beekumsa isaatiin of qofa osoo hin taane hawaasa isaa tajaajiluu jechuun hiika guddaa qaba. Ati issaan keessaa tokko ta'uu keetti baay'een siittii boona.
Karaa dheeraa keessa darbuun hawaasa kee tajaajiluuf of qopheessite. Har'as ciminaan hojii kee itti fufuun dhalootaaf fakkeenya ta'aa jirta. Kun waan salphaa miti; hojii, obsa, kutannoo fi amanamummaa guddaa gaafata.
Milkaa'inni kee kan har'aa dhumuu osoo hin taane jalqaba milkaa'ina hedduu haa ta'u. Beekumsi kee haa dabalu, hojii kee keessatti Waaqni si haa gargaaruu. Eebbi, nageenyi fi milkaa'inni jireenya kee irraa hin fagaatin.
Harargeen sin boonti; Oromoon sin boonti; nutis obboleessa akkasii qabaachuun keenya nu boonsa.
Yaa obboleessa koo, jabaadhu! Hin dadhabin! Hawwiin kee guddaan haa dhugoomu. Waaqni si haa tiksu;
Baga gammadde! CONGRATULATIONS Baga milkoofte! Fuuldurri kee ifaa haa ta'u. 🤲❤️

Akkaa Dhamsati Dubartotaaf Quba hin kaayinaa...*********************************************Warri shamarranii fayyaa qaa...
18/06/2026

Akkaa Dhamsati Dubartotaaf
Quba hin kaayinaa...
*********************************************
Warri shamarranii fayyaa qaama saalaa keessanii eeguuf yeroo kamiyyuu hanga danda'ametti waan kamiyyuu gara qaama saalatti galchuu dhiisaa. Fknf, keessa qaama saalaa qubaanis ta'ee meeshaan dhiquu dhiisaa, kondomii fayyadamuu irra saalqunnamtii hin barbaachisne durumaa hin godhinaa, qubaan kaayuun ykn waan biraa qaama saalatti galchuun fedhii ofirraa hin baasinaa! Keessattuu yoo quba keessan baacteeriyaa hedduun harkarraa gara qaama saalaa keessanii seenun rakkoo infeekshinii qaama saalaatif isin saaxiluu danda'a! Kanaaf gocha akkasiitirraa of qusachuun fayyummaa keessan eeguf hedduu barbaachisaadha. Ulfaadhaa! Fayyaa dayaa!
Dr Kedir Adem

Akkaataa yaaddoo ykn sodaa of irraa ittisnu1. Waa'ee yaaddoo(rakkina)keetii dubbadhu. Hiriyaa jaalattu mariisisi2. Basha...
17/06/2026

Akkaataa yaaddoo ykn sodaa of irraa ittisnu

1. Waa'ee yaaddoo(rakkina)keetii dubbadhu. Hiriyaa jaalattu mariisisi
2. Bashannanuu shaakali. Karaa sammuukee dhiphina sana keessaa baaftu fayyadami
3. Qilleensa dheeraa baafadhu
Boqonnaa yeroo gabaabduufi hafuura dheeraa(jalaa kaasanii hamma oliitti) baafachuun dhiphinakee irraa si boqochiisa.
4. Sirriitti nyaadhu.
Guyyaa kee ciree gaarii nyaachuun eegali. Biqiltoota fayyadamuun aarii qabbaneessa.
5. Garee gargaarsaa barbaadi.
Muuxannoo namoota kaanii irraa barumsa baay'ee argatta. Isaanis rakkinakee si hubatu.
6. To'annoo yaadaa
Yeroo yaadonni si yaaddessan gara gola sammuukee dhufan "Waawuu" jedhii waan biraa yaaduu ykn dalaguu eegali.
Fknf, kitaaba qulqulluu, xiinsammuu, onnachiisaa, asoosama garaagaraa dubbisi. Yaaddookee achi keessa dhokfatta.
7. Sammuukee hojiidhaan akka qabamu godhi. Hojii malee taa'uun yaaddoo namatti hammeessa.

8. Malaan miira busheessuu
Adeemsi kun tooftaa bashannanaa barachuun isa Burqaa yaaddoo adda baasuufi to'achuuf nama gargaaru of keessatti qabata. Adeemsi isaas saffisaadha. Carraan milkaa'uu is a as olaanaadha. Haa ta'u malee hirmaanna hayyoota xiinsammuu barbaada.
🫥 🫥 🫥 🫥 🫥
Fayyaa hin dhabinaa!
Dr Kedir Adem

☆☆☆☆☆☆ Kana beektu laata? ☆☆☆☆☆☆♧ Faayidaa cuunfaa loomii ganama garaa duwwaatti dhuguun fayyaa keenyaaf qabu. 1,Vaayita...
12/06/2026

☆☆☆☆☆☆ Kana beektu laata? ☆☆☆☆☆☆
♧ Faayidaa cuunfaa loomii ganama garaa duwwaatti dhuguun fayyaa keenyaaf qabu.
1,Vaayitamin C n waan badhaadheef dandeettii dhukkubaa ofirraa ittisuu qaama keenyaa nii dabala.
2,Utaalloo Nurraa dhorkuuf akkasumas akka qorichaatti gargaara.
3,Dhibeewwan baakteeriyaa garaagaraan dhufan akka farra baakteriyaatti Nurraa ittisa.
4,Bishaan ho'aa ykn lab jedhaa waliin ganama ganama dhuguun ulfaatina qaama hir'isuuf nu gargaara.
5,Yoo bishaan ho'aa waliin dhugame borcii hir'isuu keessatti qooda guddaa taphata.
6,Sirna bullaa'insa nyaataaf gubiinsa soorataa keessatti faayidaa olaanaa qaba
7,Dhibeewwan gogaa kanneen akka bugurii, cittoo fi goggoguu gogaa Nurraa ittisa.
8,Nyaatni nuyi nyaannu dafee akka digest tahuuf nu gargaara.
9,Tiruu keenya qulqulleessuun wantoota qaama keenya miidhan akka isaan qaama keenya keessaa bahan godha.
10,Dhukkuboota akka biroonkiyaatii, toonsilii Nurraa ittisa.
11,Cuunfaa loomii bishaan ho'aa waliin dhuguun dhukkubbii buusaa lafeef foon keenyaa Nurraa ittisa.
12,Bishaan ho'aa waliin dhuguun fayyina ilmaan keenyaaf nii gargaara. Kunis kanneen akka dhiiguu girgiddaa ilkaaniif dhukkubbii ilkaanii Nurraa dhowwa.
13,Gogiinsa garaa Nurraa ittisa.
♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤
☆☆☆☆ Fayyaa hin dhabinaa!☆☆☆
☆☆☆☆ Fayyaan Faaya! ☆☆☆☆☆
☆☆☆☆ Dr Kedir Adem ☆☆☆☆☆

Qorannoowwan haaraa godhamaa jiran akka akka mul'isanitti jimaan faayidaa fayyaa armaan gadii kana qabaachuu mirkaneessa...
10/06/2026

Qorannoowwan haaraa godhamaa jiran akka akka mul'isanitti jimaan faayidaa fayyaa armaan gadii kana qabaachuu mirkaneessa.
1. Ulfaatina irrisuuf.
2. Fayyummaafii jabina maashaalee eeguf.
3. Dhibee sukkaraa ittisuufisif gahee akka qabu mirkanaayee jira.
4. Xiyyeeffannaa dabaluuf.

Garuu yoo baay'isan rakkoowwan fayyaa wal xaxaafis nama saaxiluu danda'a.

Walumaagalatti jimaan tarree qorichoota sammuu namaa hadoochan kanneen akka alkooliifii hashiishaa faa wajjiin odoo hin taane wantoota sammuu namaa si'eessan kanneen akka bunaa faa waliin ramadama.
♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤
Ulfaadhaa! Fayyaa dahaa!
Dr Kedir Adem

Congratulations Dr Mohammed Ibrahim
09/06/2026

Congratulations Dr Mohammed Ibrahim

☆♡Faayidaa fi Miidhaa Hanqaaquu DhuguuHanqaaquu dhuguun qabiyyee pirootiinii baay’ee waan qabuuf naannoolee fitness  fi ...
08/06/2026

☆♡Faayidaa fi Miidhaa Hanqaaquu Dhuguu
Hanqaaquu dhuguun qabiyyee pirootiinii baay’ee waan qabuuf naannoolee fitness fi qaama ijaaruu keessatti jaallatamaadha. Garuu, gocha kana ilaaluu dura faayidaa fi miidhaa isaa hubachuun barbaachisaadha.

☆Faayidaalee:
Qabiyyee Pirootiinii Ol’aanaa: Hanqaaquun madda pirootiinii qulqullina olaanaa qabu yoo ta’u, amiinoo asiidota barbaachisoo sagal hunda of keessaa qaba. Kunis guddina maashaalee, suphaa fi fayyinaaf gatii qaba.

♡ Vitaamin fi Albuudni Badhaadhe: Hanqaaquun vitaaminoota fi albuudota adda addaa of keessaa qaba; isaan keessaa vitaamin A, D, E, B12, riboflavin, folate, iron, selenium, fi phosphorus dabalatee.

♡ Madda Cooma Fayyaa Gaarii: Hanqaaquun cooma fayya qabeessa, kan akka asiidota coomaa omega-3 of keessaa qabu yoo ta’u, fayyaa onnee fi hojii hubannoof faayidaa qaba.

◇ Ulfaatina Qaamaa To’achuu: Qabiyyeen pirootiinii fi coomaa hanqaaquu keessatti argamu baay’inaan akka quufa sitti dhaga’amu gargaaruu danda’a, kunis ulfaatina qaamaa to’achuuf gargaara fi garmalee nyaachuu hir’isa.

● Mijannaa: Hanqaaquu dhuguun (yeroo baay’ee shake ykn smoothie keessatti) keessumaa warra jireenya hojiin itti baay’atu qabaniif pirootiinii dabaluudhaaf karaa saffisaa fi salphaa ta’eera.

● Hojii Baay’ee Fayyaa Danda’u: Hanqaaquun dhugaatii ykn nyaata adda addaa irratti dabalamuu danda’a, warra nyaata addaa ykn karoora soorataa hordofaniif wantoota baay’ee fayyadamoo taasisa.

○ Miidhaa:
●Balaa Salmonella: Hanqaaquu dhuguun carraa infekshinii salmonella qaba, kunis summii nyaataa fiduu danda’a. Kanaaf, hanqaaquu paastiraayizeeshinii fayyadamuun nageenyaaf barbaachisaa dha.

● Hanqina Baayootiinii: Hanqaaquu adiin avidin of keessaa qaba, kan pirootiinii baayootiinii (vitaaminii B) waliin hidhuu danda’u. Yeroo baay’ee yoo nyaatame hanqina baayootiinii fiduu danda’a.

🤢 Bullaa’insa Nyaataa: Namoonni tokko tokko hanqaaquu qalamaa daakuun rakkisaa ta’uu danda’a; kunis garaachaa rakkinaaf sababa ta’uu danda’a.

◇ Xuuxuu Soorata: Hanqaaquu bilcheessuun baay’oo-argamiinsa soorata murtaa’e dabaluu waan danda’uuf hanqaaquun qalamaan sadarkaa xuuxuu soorata kennuu dhiisuu danda’a.

■ Kolestroolii: Namoonni baay’een hanqaaquu haala kolestroolii irratti dhiibbaa guddaa osoo hin geessisin nagaan nyaachuu danda’u. Haa ta’u malee, namoonni dhuunfaa haala fayyaa addaa ykn kolestroolii olka’aa qaban, hanqaaquu nyaata isaanii keessatti hammachuu dura ogeessa fayyaa mari’achuu qabu.

☆ Filannoo Hanqaaquu Dhugaa:
Faayidaa hanqaaquu argachuuf balaa nyaachuu irraa eegamu hir’isuun, hanqaaquu paastiraayizeeshinii fayyadamuun, ykn daakuu pirootiinii hanqaaquu adii shaayikii fi ismootii keessan keessatti fayyadamuun filatamaadha.
Hanqaaquu karaa adda addaatiin bilcheessuun (bilcheefame fi kkf) fayyadamuu danda’ama.
♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡
FAYYAAN FAAYA!
Dr Kedir

CUUNFAA LOOMII*******************Bu'aan qorannoolee hedduu akka addeessutti cuunfaan loomii:* Vaayitamiin C dhaan kan ba...
07/06/2026

CUUNFAA LOOMII
*******************
Bu'aan qorannoolee hedduu akka addeessutti cuunfaan loomii:
* Vaayitamiin C dhaan kan badhaadhefi madda Vaayitamiin C isa guddaa ta'uun sirni ittisa qaamaa keenya akka jabaatu godha.
* Nyaata qaaman hin bullofne (Fiber) guddaa waan of keessaa qabuuf gogiinsa garaa hanbisuu, ulfaatinna qaamaa hirdhisuufi fayyummaa mar'umaan guddaa keenyafis gaariidha.
* Hammi PH qaama keenyaa madaalawa akka ta'u gargaara.
* Bullayinsa nyaataa saffisiisufi oomisha hadhooftu(bile) kan bullayinsa Lipiidiif (coomaaf zayitaaf) barbaachisu ni si'eessa.
* Bu'aa wolnyaatissa keemikaala qaamaa ta'anii isaan qamaaf hin barbachifne bulbuluu irrattis gahee qaba
* Dabalataan madda albuudota akka pootashiyeemii, maagniziyeemii, kaalshiyeemii, fosfarasii fa'a ta'uunis ni beekama. Kun ammoo sirna narvii kunuunsuufi dhiibba dhiigaa hirdhisuu irratti gahe gudda qaba.
* Baakteriyootn dhukkuba fidan hedduun akka wol hin horre ittisuu irratti gahee guddaa taphata.
* Dhukkubbi nannoo jilbaa, ciqilee, fi naanno lafeen wolitti dhufu (joint) namatti dhagahamu tokko tokko ni hirdhisa
* Qakkee/uttaalloo (Common Cold) woyyeesuufi fayyisuufis ni tajaajila
* Gubaa laphees haga tokko ni woyyeessa.
* Kormammaa fi gogaan keenyas akka wolitti hin shunturoofne ni godha.
* Fayyummaa ija keenyaafis barbaachisaadha.
---
Fayyaan Faaya!
Fayyaa ta'aa! Fayyaa dahaa!
Dr Kedir

Address

Harar

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Kedir Adem posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category