Dr Kedir

Dr Kedir Odeeffannoo Fayyaa Mana Keessan Ta'aa Argadhaa. Fayyaan Faaya! Wa'ee Fayyaa Afan Kenyan!

29/05/2026

Shanyiin kormaa xiqqaachuu |Low s***m count|
******
Namni fayya qabeessi tokko yeroo sanyii kormaa miliyoona 15 hanga 200 gad lakkisa . Shanyiin kormaa namni tokko yeroo walqunnamtii saalaa godhu gad lakkisu yoo miliyoona 15 gad kan ta'u ta'e sanyiin kormaa xiqqaate jedhama. Sanyiin kormaa xiqqaachuun akka carraa dubartii takka ulfeessuu ni xiqqeessa. Garuu dabree dabree sanyii kormaa xiqqoo qabaatee kan ulfeessuus ni jira.
----
----
Akkamitti shanyiin kormaa xiqqaachuu beekna?
Yeroo garii namni sanyii kormaa xiqqaa qabu mallattoo tokkollee qaama irratti hin agarsiisu. Dhiroonni tokko immoo rakkina kiroomoozomii, rakkina hormooniin wal madaaluu dhabuu, hiddi dhiigaa cidhaanii iitaawuu fi ujummoon sanyii kormaa gara alaatti cufamuu qabaachuu malu. Namoonni sanyii kormaa xiqqaa qaban mallattoo asiin gadii agarsiisuu malu.
• Walqunnamtii saalaa irratti rakkina qabaachuu. Fkn walqunnamtii saalaatiif fedhii dhabuu, qaamni saalaa ka'uu dadhabuu
• Dhukkubbii, iiita naannoo cidhaaniitii qabaachuu
• Rifeensi fuula irratti ykn qaamaa irratti biqiluu dhabuu ykn xiqqaachuu. Kana hoggaan jedhu dhiirti areeda hin qabne hin dhalchitu jechuu koo miti. Rifeensi haphaatee biqiluun sababa rakkinna hormooniitiin yoo ta'edha.
---
---
Maaltu namatti fida?
1. Hiddi dhiigaa cidhaanii iitaawuu
2. Infeekshiinii tokko kan naannoo qaama saalaa hubu fkn cophxoo
3. Yeroo walqunnamtii saalaa godhan is***miin gara afuuffee fincaaniitti dhangala'uu
4. Kaansarii qaama walhormaataa
5. Yaalaa baqaqsanii yaaluu qaama saalaa qabaachuu
6. Qorichoota tokko fkn qoricha kaansarii
7. Ulfaatina garmalee
8. Sigaaraa aarsuu
9. Mukaa'uu -depression
10. Paantii nama qabdu kaayyachuu fi kkf
Hub: Wanti rakkoo kana fidaa kaniin asiin olitti tarreesse kana qofa odoo hin ta'in hedduutu jira. Namni tokko waggaa tokko guutuu walqunnamtii saalaa daangaa hin qabne haadhaa manaa wajiin godhee kan yoo ulfaa'uu didde mana yaalaa deemee of laalchisuu qaba!
✍✍✍Dr.Abdulfetah Ibrahim.
----
Follow me Dr Mohammed Ibrahim.

Telegram channel kana tuqaa https://t.me/DrmohammedIbrahim

29/05/2026

Namni Funyaan Guddaa Qabu Qaama Saalaa Guddaa Qaba...
***********************************************
Yaadni fi qoosawwan waa'ee guddina qaama saalaa dhiiraa tilmaamuu irratti dubbataman hawaasa keessatti haaraa miti. Yeroo baay'ee namoonni dheerina qubaa, hamma faanaa (miillaa), ykn dheerina namaa irratti hundaa'anii dhimma kana tilmaamuuf yaalu. Haa ta'u malee, qorannoon saayinsii haaraan dhiheenya kana ba'e tokko tilmaama kana gara dhimma hin yaadaminitti geesseera: Guddina Funyaanii!

Qorannoo barruu saayinsii addunyaa irratti beekamaa ta'e "Basic and Clinical Andrology" jedhamu irratti maxxansame kanaan, qorattoonni biyya Jaappaan (Kyoto Prefectural University of Medicine) dhimma kana irratti qorannoo qabatamaa gaggeessaniiru. Qorattoonni kunneen reeffa dhiirotaa gara garaa qorachuun, hamma guddina qaama saalaa isaanii yemmuu ka'u (Stretched Pe**le Length) fi kutaalee qaamaa isaanii biroo wal-bira qabanii madaalaniiru.

Bu'aan qorannoo kanaa waan nama dhibu mulla'iseera. Guddina qaama saalaa dhiiraa tilmaamuuf mallattoon qaama namaa kallattiin dhimma kana agarsiisuu danda'u hamma guddina (volume) funyaanii ta'uu qorattoonni ifa godhaniiru.

• Namni funyaan guddaa qabu: Guddina qaama saalaa dhiiraa dheeraa fi ga'aa qabaachuu danda'a.
• Namni funyaan xiqqaa qabu: Akkasuma qaama saalaa dhiiraa gabaabaa ykn xiqqaa qabaata jedhamee qoratameera.

Saayinsii kanaan maaliif kutaaleen qaamaa lamaan kun wal-qabatu jedhamee yemmuu ibsamu, deebiin isaa gara yeroo ulfaatti (gadameessa keessatti) nu geessa. Guddinni funyaanii fi guddinni qaama saalaa dhiiraa yeroo gadameessa keessatti uumaman (fetal development) dhiibbaa hoormoonii (androgens) walfakkaatuun akka hoogganaman tilmaamama. Kanaaf, uumamaan wal-fakkachuu danda'aniiru.

Guddinni qaama saalaa fi funyaanii wal-qabachuu danda'uun qorannoo kanaan kan argame yoo ta'eyyuu, kun namoota dhuunfaa hunda irratti dhibba dhibbatti wal-qixa ta'a jechuu miti. Uumamni dhala namaa garaagarummaa bal'aa qaba. Ta'us, qorannoon kun uumama qaama keenyaa keessa iccitiiwwan wal-qabatan hedduun akka jiran kan mul'isuudha.

Ulfaadhaa! Fayyaa dayaa!
©️ Dr. Hamzaa Jamaal

Dubartii yeroo ulfoofte maalif balaqqamti(vomit)?‎******************************‎Dubartiin yoo ulfoofte,ni balaqamti( vo...
28/05/2026

Dubartii yeroo ulfoofte maalif balaqqamti(vomit)?
‎******************************
‎Dubartiin yoo ulfoofte,ni balaqamti( vomit) gooti sababni isaas garaagarummaa fi jijjiirama hormonoota qaama keessatti ta’uudha. Kun yeroo baay’ee “morning sickness” jedhamee waamama, yeroo jalqabaa ulfi muldhatu keessatti (torban 6–14) ni mul’ata. Yeroo baay’ee miidha guddaa hin fidu , garuu yeroo garmalee cimu “hyperemesis gravidarum” jedhamu ni ta’a, kun immoo dhukkubbii ulfa hamaa fi dhangala’aa dhabuun waan muudatuuf, yaala barbaada.
‎kanaf haadholiin yeroo kana ,nyaata sasalphaa,bishaan gahaa,vitb,nyaata carbohydrate of keessa qabu soorachuun fayyaa haadha fi daa'immanniif murteessadha.

**************************************************
Fayyaan Faaya!
Dr Kedir

Eid Mubarak All muslim ☪️ Bagaa Ayyaana Iid Al-Adhaa (Arafaa) bara 1447ffaan Baga Nagaan isin ga'e .  Mubaarak!Dr Kedir
27/05/2026

Eid Mubarak All muslim ☪️
Bagaa Ayyaana Iid Al-Adhaa (Arafaa) bara 1447ffaan Baga Nagaan isin ga'e .
Mubaarak!

Dr Kedir

  Saalaa ♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡Walqunnamtii saalaa raawwataman keessaa kan akka yeroo ulfaa raawwatamu caalaa akka malee mi'aawu fi...
08/05/2026

Saalaa
♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡
Walqunnamtii saalaa raawwataman keessaa kan akka yeroo ulfaa raawwatamu caalaa akka malee mi'aawu fi nama gammachiisan hin jiru. Dhiirtis ta'ee dubartiin gammachuun dur arganii hin beekne yeroo ulfaa dhandhamu. Jireenya ishii keessatti kan yeroo ulfaa caala itti toltu hin jiru. Fedhiin dhiira tokko tokkoos dubartii ulfa wajjin raawwachuuf ni dabala. Garuu yoo rakkoowwan armaan gadii kun jiraatan walqunnamtii saalaa haadha ulfaa waliin raawwachuun dhoorgaadhaa!
Rakkooleen kunniinis:
1. Dhiiguun qaama saalaan yoo jiraate .
2. Bishaan gubbee yeroo malee yoo jige (dhangala'e).
3. Obbaatiin gadameessa gara gadiitti yoo argame (placental previa).
4. Balballi gadameessaa yeroo malee yoo baname (cervical incomptence)
5. Ulfa lakkuu (yeroo ulfaa gara dhumaa)
6. Kanaan dura yoo seenaa daa'ima guyyaa ishee osoo hin gahin deessee jirti yoo ta'e.
Position' ykn Kallattii kamiin?
Kan jedhuuf, kallattiin kamuu hanga haadha ulfaaf mijatuutti rakkoo hin qabu. Garuu haati ulfaa ji'a 4-6 booda sababa gadaamessi guddachaa Deemuu ujummoo Dhiigaa Gara Keessaa cufuu Waan danda,uuf dugdaan ciisuuun Dhoorkaadha . Galatoomaa Fayyaa Dahaaa.
Dr Kedir
Fayyaan Faaya!

Qarafaa (Cinnamon).Update *******************************************Gaaffiin namoota hedduu qarafaan maalii kan jedhu y...
28/04/2026

Qarafaa (Cinnamon).
Update
*******************************************
Gaaffiin namoota hedduu qarafaan maalii kan jedhu yommuu ta'u, gaaffii kanaaf gabaabumatti deebii nan kenna. akkasumas faayidaa isaa isiniif nan qooda.

Qarafaa'n yeroo hedduu mi'eessitu shaayeedhaaf kan itti fayyadamnu yommuu ta'u, afaan ingiliffaadhaan Cinnamon jedhama. Qarafaan qola mukaa waan akka fakkaatuu ta'ee, daakamuunis, daakuun isaa faayidaa hedduudhaaf oola. Akkasuma urgeessituu nyaatati.

Faayidaa Qarafaa Muraasa:
1. iita qaama namaa irratti argamu dhoksuuf,
2. Dhukkuba hadhooftuuf,
3. Dhukkuba xiichaaf,
4. Dhukkuba cophxoof,
5. Dhukkubbii yeerii xurii laguu dubartootaaf,
6. Dhukkubbii afuuffee fincaaniif,
7. Dhukkuba ijaatiif/ittiin kuulatu.
8. Dhukkuba busaaf,
9. Dhukkuba sukkaaraa too'achuuf
10. Dhukkuba garaachaaf
11. Quuqaa cinaachaaf
12. iita harmaatiif
13. Qufaaf, dhukkuba sombaaf
14. Qarafaa suunfachuu qofaan dandeettii waa yaadachuu keenyaa nii dabala.
15. Farra fangasiiti.
16. Furdina ni hir'isa.
17. Dhibee mataa bowwuutiif,
18. Hamma koolisteroolii qaama keenya keessaa xiqqeessa.
19. Fayyummaa fi qulqullina ilkaaniitiif,
20. Goginsa garaatii fi wantotaa hedduudhaaf ni oola.
Soorata soorattan, Dammaa Fi Shaayee wajjiin soorachuu dandeessu.

Hub: Guyyaatti Fallaana shayee 1 hamma 2 ol akka hin fayyadamne. Sanan ol yoo ta'e dhiibbaa geessisu qaba. Sanan ol fayyadamuus hin dandeessan.
*********************
Fayyaan Faaya!
Dr Kedir

Baga Geessan! Ramadaanni bara 1447ffaan boru Guraandhala 18 bara 2026 irraa kan jalqabu ta'uu Sa'ud Arabiyaan beeksifte....
17/02/2026

Baga Geessan!

Ramadaanni bara 1447ffaan boru Guraandhala 18 bara 2026 irraa kan jalqabu ta'uu Sa'ud Arabiyaan beeksifte.

Hawaasni Muslimaa baga baatii ramadaanaatiin isin gahe. Ramadaanni kan milkii fi gammachuu isiniif haa ta'u!
Ramadaana Mubaarak✨🌙⭐️🤍🙏🏾

Dr Kedir

04/02/2026

Dhibee Tiraakoomaa (Trachoma)

‎ Tiraakoomaan dhukkuba daddarba ta'e kan baakteriyaa 'Chlamydia Trachomatis' jedhamuun dhufuufi Ija keenya miidhudha. Tiraakoomaan dafee yaalamuu yoo baate dhukkuba agartuu nama jaamsu garuu kan ittisuufi yeroon yoo yalame fayyuu danda'uudha.

‎Sababoota dhukkuba Tiraakoomaaf nama saaxilan
‎✓Hanqina bishaan qulqulluu
‎✓Qulqullina dhuunfaafi naannoo eeggachuu dhiisuu
‎✓Bakkee/Hurufa irratti bobba’uu (open defecation)
‎✓Wantoota qulqulluu hin taaneen ijaaf fuula keenya tuttuquu

‎Tiraakoomaan Akkamitti daddarba?
‎✓Harka qulqulluu hin taaneen fuulafi ija tuttuquu
‎✓Uffata waliin fayyadamuu
‎✓Titiisni ija ykn funyaan nama Tiraakoomaan qabamee tuqxee yoo nurra qubatte
‎✓Nama dhukkubichaan qabame waliin wal tuttuquun

‎Mallattoolee dhibee Tiraakoomaa
‎✓Diimachuu ijaa
‎✓Ijji nama hooksisuu
‎✓Ijji nama boo’uu
‎✓Dhukkubbii ijaa
‎✓Ifa ilaaluu dadhabuu
‎✓Dhukkubbiin yoo jabaate libsaan/qolli ijaa gara keessatti deebi’uufi qaroon jaamuu danda’a.

‎Ittisa dhibee Tiraakoomaa
‎✓Qulqullina dhuunfaafi naannoo eeggachuu
‎✓Nama dhukkubichaan qabame dafanii yaalchisuu
‎✓Qulqullina daa’immanii eegufi hordofuu
‎✓Bishaan ga'aa fi qulqulluu ta’e fayyadamuu
‎✓Uffata waliin fayyadamuu dhiisuu
Dr Kedir
Fayyaan Faaya!
Biiroo Fayyaa Oromiyaa

Bishaan ho'aan mana keessanitti akkamitti utaalloo, qufaa, saayinasii fi goggoga keessoo funyaanii, cufamuu keessoo funy...
28/01/2026

Bishaan ho'aan mana keessanitti akkamitti utaalloo, qufaa, saayinasii fi goggoga keessoo funyaanii, cufamuu keessoo funyaaniif dhukkubbii qoonqoo yaalamuu dandeessu?
=====================================
Dhibee utaalloo(diifafa) fi saayinasii irraan kan kahe qufaan, Funyaan nu cufamuuf qoonqoon nu dhukkubuu danda'a. Yaalii mana keenyatti hundi keenya gochuu dandeenyu keessaa tokko istiimii bishaan ho'aan galuudha. Kunis mukasii Funyaan keessaa qal'isuun akkasumas hiddoota dhiigaa akka dhifaman gochuun mallattoowwan akka qufaa, goggoga funyaaniif cufamuu funyaanii yaaluu keessatti gahee guddaa qaba.
Akkamitti fayyadmna
Step akkamii hordofuu qabna
1. Bishaan meeshaa itti ho'ifamuun sirriitti ho'isaa
2.fooxaa ykn erbee giddu galeessa qopheeffadhaa
3.bishaan erga go'ee booda meeshaa bishaan sana qabachuu danda'utti guutaa
4.bishaan sana erga itti naqtanii booda fooxaa ykn erbee saggoo keessanirraa hanga fuula keessaniitti haguuguun 25Cm- 50cm bishaan sanarraa fagaachuun ho'asaatti itti gadi jechuu.
5.erga gadi itti jettanii booda daqiiqaa 2-5 aara bishaan sanaa karaa Funyaan keessanii suuta hanga dhumaatti gara keessaatti fudhachaa baasaa.
Guyyaatti yeroo 2-3 tooftaa kana fayyadamuun mana keessanitti yaalamuu dandeessu!

Fayyaan Faaya!
Dr Kedir

Gad fageenyi qaama saalaa dubartootaa namaa namatti garaagarummaa qabaatus, jiddu galeessan 7.6cm hanga 17.8 cm fagaatti...
28/01/2026

Gad fageenyi qaama saalaa dubartootaa namaa namatti garaagarummaa qabaatus, jiddu galeessan 7.6cm hanga 17.8 cm fagaatti. Yeroo fedhiin walqunnamtii saalaa itti kaate/ miira keessa galte, gadaamessaan gad fagaatee afaan buqushaa bal'atee ykn afaan bantee gad fageenya dabaluun 10.2 cm hanga 20.3 cm gad fagaatti.
Follow Like share godhaa nuu hordofa?
FayyaanFaaya !
Dr Kedir

Address

Harar

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Kedir posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category