Dr Kedir Adem

Call Directions Website

Dr Kedir Adem "Free Education Wherever You Are." 🌍📚🎓

27/09/2026
Qaamota Dhalaa Miira Walquunnamtii Saalaa Itti Kakaasan ***********************************1. Fiixee Harmaa - Fiixeen Yk...
28/07/2026

Qaamota Dhalaa Miira Walquunnamtii Saalaa Itti Kakaasan
***********************************
1. Fiixee Harmaa - Fiixeen Ykn Mataan Harmaa Bakka erogenous zone tahee Fi Yeroo Tuqamu Fedhiin Wal-quunnamtii saalaa Itti Kahuudha.
2. Morma - Mormi Bakka Bayyee Sensitive (miira'aa) taheedha, Bakki Kun Yeroo Hafuurri Ho'aan Ykn Dhungatamu, Miira Waalqunnamtii Saalaa keessa Seenaniidha.
3. Afaanii Fi Hidhii - Bakki Kun Bakka Heedduu Beekamaa Fi Filatamaa Taheedha, Akkasumas Erogenous zone Bakka Taheefi dhungachuun Miira walquunnamtii Saalaa Keessaa Ariitiin Seensisuuf Gargaara.
4.Qaamota Saalaa Shamarranii Keessaa Bakkoota A-spot Fi G-**ot Jedhaman Bakka Nerve Ending Jedduun Itti Argamanii Fi Erogenous zone taheedha. Bakki Kun Qaama Saalaa Shamarranii keessaa Gara Oliitti Kan Argamuudha.
5, Clitoris/qinxira - Bakki kun fiixee gara alaa qaama saalaa shamarraniitti kana argamuudha. Bakka highly sensitive taheedha. Bakka kana caalaa miira walqunnamtii saalaa keessa kan seensisu hin jiru.

Dr Kedir Adem

  Fayyaa INFEEKSHINII GURRAA (Ear infections)***************************************** *Gurri namaa caasaa saditti qooda...
27/07/2026

Fayyaa
INFEEKSHINII GURRAA (Ear infections)
*****************************************
*Gurri namaa caasaa saditti qoodama, kunis ala gurraa, gidduu fi keessoo gurraa jedhamu. Kutaaleen gurraa kun sadenuu infeekshinii (faalama jermii) godhachuu danda’u. Jermiiwwan fi mallattooleen infeekshinii kutaa gurraa sadenuu garaagaraadha.

MALLATTTOOLEE:
*******************
Gurri kutaalee garaagaraa 3 qaba. Isaanis ala gurraa, jidduu gurraa fi keessa gurraa ta’u. Mallaattoon isaanis akka armaan gadii dha.

*ALA GURRAA (otitis externa): kunis infekshinii kutaa gurraa gara alaa mul'atu yoo ta'u, dhukkubbii gurra keessaa , dhageettii hirdhisuu , gurra keessa hooqsisuu, diimaachuu fi yoo tuqan dhukkubuudha.

*GIDDUU GURRAA (otitis media): kun kutaa gurraa dibbee gurraa booda jiru yoo ta’u mallattoolee akka dhukkubbii gurra keessaa , lafti namatti nanna’uu , ho’a qaamaa , bowwoo mataa , gurra keessaa namatti iyyuu fi dhangalaa ykn malaa gurra keessaa yaa’uu faadha.

RAKKOOLEE ISAAN WAL QABATANII DHUFAN:
*************************************************
*Infeekshiniin gurraa kunniin yoo yeroon hin yaalamne rakkoolee akka :
*Dhageettii dhabamsiisuu (deafness)
*Infeekshinii sun gara sammutti olbahuun infekshii mataa yookiin sammuu fiduu danda’a.
*Darbees rakkoolee akka madaalaa qaamaa to’achuu dadhabuu fiduu danda’a.

YAALA:
*******
*Infeekshiniiwwan kunniin yeroon mana yaalatti geeffamnaan gutumaaguutti fayyuu danda’a.
Yaalli isaas sababoota isaa irratti hundaa’a!

Fuula Facebook " Dr Kedir Adem " follow fi share godhadhaa!

Dr Kedir Adem

𝐋𝐀𝐌𝐈𝐍𝐄 𝐘𝐀𝐌𝐀𝐋 🤩🇪🇸🏆🇪🇸 𝐒𝐏𝐀𝐈𝐍 Congratulations Spain world champion in 2026
19/07/2026

𝐋𝐀𝐌𝐈𝐍𝐄 𝐘𝐀𝐌𝐀𝐋 🤩🇪🇸🏆🇪🇸 𝐒𝐏𝐀𝐈𝐍 Congratulations Spain world champion in 2026

  ⚽🏆 Taphni Walakkaa Xummuraa Geeba Addunyaa🇦🇷 Arjentiinaa 🆚  Inglaand 🏴󠁧󠁢󠁥󠁮󠁧󠁿 gidduutti taasifamu irratti bu'aa sirrii ...
15/07/2026

⚽

🏆 Taphni Walakkaa Xummuraa Geeba Addunyaa

🇦🇷 Arjentiinaa 🆚 Inglaand 🏴󠁧󠁢󠁥󠁮󠁧󠁿 gidduutti taasifamu irratti bu'aa sirrii (Correct Score) tilmaamuu ni dandeessu!

💬 Yaada keessan comment keessatti nuuf qoodaa.

🎁 Namni bu'aa sirrii tilmaame Kaardii 200 ni badhaafama!

Ariifadhaa! Taphichi jalqabamuu dura tilmaama keessan kaa'aa.
Carraan gaarii hunda keessaniif!
Dr Kedir Adem

🌹 Bagaa gaammaddee obboleessa koo kabajamaa Dr Mohammed Ibrahim ! 🌹Namni beekumsa isaatiin of qofa osoo hin taane hawaas...
27/06/2026

🌹 Bagaa gaammaddee obboleessa koo kabajamaa Dr Mohammed Ibrahim ! 🌹

Namni beekumsa isaatiin of qofa osoo hin taane hawaasa isaa tajaajiluu jechuun hiika guddaa qaba. Ati issaan keessaa tokko ta'uu keetti baay'een siittii boona.
Karaa dheeraa keessa darbuun hawaasa kee tajaajiluuf of qopheessite. Har'as ciminaan hojii kee itti fufuun dhalootaaf fakkeenya ta'aa jirta. Kun waan salphaa miti; hojii, obsa, kutannoo fi amanamummaa guddaa gaafata.
Milkaa'inni kee kan har'aa dhumuu osoo hin taane jalqaba milkaa'ina hedduu haa ta'u. Beekumsi kee haa dabalu, hojii kee keessatti Waaqni si haa gargaaruu. Eebbi, nageenyi fi milkaa'inni jireenya kee irraa hin fagaatin.
Harargeen sin boonti; Oromoon sin boonti; nutis obboleessa akkasii qabaachuun keenya nu boonsa.
Yaa obboleessa koo, jabaadhu! Hin dadhabin! Hawwiin kee guddaan haa dhugoomu. Waaqni si haa tiksu;
Baga gammadde! CONGRATULATIONS Baga milkoofte! Fuuldurri kee ifaa haa ta'u. 🤲❤️

Akkaa Dhamsati Dubartotaaf Quba hin kaayinaa...*********************************************Warri shamarranii fayyaa qaa...
18/06/2026

Akkaa Dhamsati Dubartotaaf
Quba hin kaayinaa...
*********************************************
Warri shamarranii fayyaa qaama saalaa keessanii eeguuf yeroo kamiyyuu hanga danda'ametti waan kamiyyuu gara qaama saalatti galchuu dhiisaa. Fknf, keessa qaama saalaa qubaanis ta'ee meeshaan dhiquu dhiisaa, kondomii fayyadamuu irra saalqunnamtii hin barbaachisne durumaa hin godhinaa, qubaan kaayuun ykn waan biraa qaama saalatti galchuun fedhii ofirraa hin baasinaa! Keessattuu yoo quba keessan baacteeriyaa hedduun harkarraa gara qaama saalaa keessanii seenun rakkoo infeekshinii qaama saalaatif isin saaxiluu danda'a! Kanaaf gocha akkasiitirraa of qusachuun fayyummaa keessan eeguf hedduu barbaachisaadha. Ulfaadhaa! Fayyaa dayaa!
Dr Kedir Adem

Akkaataa yaaddoo ykn sodaa of irraa ittisnu1. Waa'ee yaaddoo(rakkina)keetii dubbadhu. Hiriyaa jaalattu mariisisi2. Basha...
17/06/2026

Akkaataa yaaddoo ykn sodaa of irraa ittisnu

1. Waa'ee yaaddoo(rakkina)keetii dubbadhu. Hiriyaa jaalattu mariisisi
2. Bashannanuu shaakali. Karaa sammuukee dhiphina sana keessaa baaftu fayyadami
3. Qilleensa dheeraa baafadhu
Boqonnaa yeroo gabaabduufi hafuura dheeraa(jalaa kaasanii hamma oliitti) baafachuun dhiphinakee irraa si boqochiisa.
4. Sirriitti nyaadhu.
Guyyaa kee ciree gaarii nyaachuun eegali. Biqiltoota fayyadamuun aarii qabbaneessa.
5. Garee gargaarsaa barbaadi.
Muuxannoo namoota kaanii irraa barumsa baay'ee argatta. Isaanis rakkinakee si hubatu.
6. To'annoo yaadaa
Yeroo yaadonni si yaaddessan gara gola sammuukee dhufan "Waawuu" jedhii waan biraa yaaduu ykn dalaguu eegali.
Fknf, kitaaba qulqulluu, xiinsammuu, onnachiisaa, asoosama garaagaraa dubbisi. Yaaddookee achi keessa dhokfatta.
7. Sammuukee hojiidhaan akka qabamu godhi. Hojii malee taa'uun yaaddoo namatti hammeessa.

8. Malaan miira busheessuu
Adeemsi kun tooftaa bashannanaa barachuun isa Burqaa yaaddoo adda baasuufi to'achuuf nama gargaaru of keessatti qabata. Adeemsi isaas saffisaadha. Carraan milkaa'uu is a as olaanaadha. Haa ta'u malee hirmaanna hayyoota xiinsammuu barbaada.
🫥 🫥 🫥 🫥 🫥
Fayyaa hin dhabinaa!
Dr Kedir Adem

☆☆☆☆☆☆ Kana beektu laata? ☆☆☆☆☆☆♧ Faayidaa cuunfaa loomii ganama garaa duwwaatti dhuguun fayyaa keenyaaf qabu. 1,Vaayita...
12/06/2026

☆☆☆☆☆☆ Kana beektu laata? ☆☆☆☆☆☆
♧ Faayidaa cuunfaa loomii ganama garaa duwwaatti dhuguun fayyaa keenyaaf qabu.
1,Vaayitamin C n waan badhaadheef dandeettii dhukkubaa ofirraa ittisuu qaama keenyaa nii dabala.
2,Utaalloo Nurraa dhorkuuf akkasumas akka qorichaatti gargaara.
3,Dhibeewwan baakteeriyaa garaagaraan dhufan akka farra baakteriyaatti Nurraa ittisa.
4,Bishaan ho'aa ykn lab jedhaa waliin ganama ganama dhuguun ulfaatina qaama hir'isuuf nu gargaara.
5,Yoo bishaan ho'aa waliin dhugame borcii hir'isuu keessatti qooda guddaa taphata.
6,Sirna bullaa'insa nyaataaf gubiinsa soorataa keessatti faayidaa olaanaa qaba
7,Dhibeewwan gogaa kanneen akka bugurii, cittoo fi goggoguu gogaa Nurraa ittisa.
8,Nyaatni nuyi nyaannu dafee akka digest tahuuf nu gargaara.
9,Tiruu keenya qulqulleessuun wantoota qaama keenya miidhan akka isaan qaama keenya keessaa bahan godha.
10,Dhukkuboota akka biroonkiyaatii, toonsilii Nurraa ittisa.
11,Cuunfaa loomii bishaan ho'aa waliin dhuguun dhukkubbii buusaa lafeef foon keenyaa Nurraa ittisa.
12,Bishaan ho'aa waliin dhuguun fayyina ilmaan keenyaaf nii gargaara. Kunis kanneen akka dhiiguu girgiddaa ilkaaniif dhukkubbii ilkaanii Nurraa dhowwa.
13,Gogiinsa garaa Nurraa ittisa.
♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤
☆☆☆☆ Fayyaa hin dhabinaa!☆☆☆
☆☆☆☆ Fayyaan Faaya! ☆☆☆☆☆
☆☆☆☆ Dr Kedir Adem ☆☆☆☆☆

Qorannoowwan haaraa godhamaa jiran akka akka mul'isanitti jimaan faayidaa fayyaa armaan gadii kana qabaachuu mirkaneessa...
10/06/2026

Qorannoowwan haaraa godhamaa jiran akka akka mul'isanitti jimaan faayidaa fayyaa armaan gadii kana qabaachuu mirkaneessa.
1. Ulfaatina irrisuuf.
2. Fayyummaafii jabina maashaalee eeguf.
3. Dhibee sukkaraa ittisuufisif gahee akka qabu mirkanaayee jira.
4. Xiyyeeffannaa dabaluuf.

Garuu yoo baay'isan rakkoowwan fayyaa wal xaxaafis nama saaxiluu danda'a.

Walumaagalatti jimaan tarree qorichoota sammuu namaa hadoochan kanneen akka alkooliifii hashiishaa faa wajjiin odoo hin taane wantoota sammuu namaa si'eessan kanneen akka bunaa faa waliin ramadama.
♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤
Ulfaadhaa! Fayyaa dahaa!
Dr Kedir Adem

Address

Harar

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Kedir Adem posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category

Nearby clinics