04/09/2023
MIILLA FI DHIBEE SUKKAARAA
**************
Dhibeen sukkaaraa turtii keessa dhibee Narvii namarra qaqqabsiisuu danda'a: kunis rabsa dhiigaa gara miilaa dhaqu hubuun miilli salphaatti akka balaaf saaxilamu fi yoo balaan irra gahe illee dhukkubbiin namatti dhagahamuu dhiisuu waan maluuf madaan salphaatti babal'achuu danda'a. Balaan akkasii immoo dafee yoo hin yaalamiin hanga sadarkaa miilli cituutti geessisuu waan maluuf of eeggannaan godhamuu qaba.
Isaanis Kan akka :-
*Miila qullaa deemuu dhiisuu.
*Kophee seeraan filachuu: kopheewwan banaa ta'an(slipper) fayyadamuu dhisuu, kopheen kawwatan kan Miila isaanii qabu ta'uu hin qabaatu.
*Guyyuun miila isaanii sakatta'uu; Kunis madaan xiqqoo yoo jiraate ariitiin yaala argachuun akka hin bal'anne ittisuuf gargaara.
*Miila ofii guyyuun dhiqachuu, qulqullina isaa eeguu. Yeroo dhiqatamus uffata laallafuun ykn spoonjii dhaan yoo ta'eefi dhumarratti quba jidduu dabalatee qoorsuu.
*Qeensa yeroo qoratan of eeggannoon ta'uu qaba. Yoo danda'amee namoonni dhibee sukkaaraan qabaman ofiin osoo qeensa miilaa qoratuu dhiisanii filatamaadha. Sababni isaas dhukkubbiin isaanitti dhagahamuu dhiisuu waan maluuf of kutuu danda'u. Qeensi qoramus geengoo uumuun osoo hin taane dalgeedhumaa ta'uu qaba. Akka suuraa gadiitti argamu*** bayyees gabaabbatee muramuu hin qabaatu.
*Miila/ jilba wal irra qaxxaamuruun yeroo dheeraaf taa'uu dhiisuu. yeroo miilla walqaxxamursuun taa'amutti qaawwi hidda dhiigaa dhiphachuun (dhiibbaa miila lamaan walqaxxaamuruun irra gahuun) hanga dhiigaa gara miillaa deemu hir'isa.
*Madaa ykn rakkoo miila irratti argame kamiyyuu ofii ykn mala aadaan yaaluurra gara mana yaalaa deemuun gorsaaf yaala fudhachuu!
*Sigaaraa hin xuuxuu dhisuu: sigaara xuuxuun dhibee uummoolee dhiigaa dhiphisuu fiduun hanga dhiigaa miilaaf deemu ni xiqqeessa waan ta'eef.
Nagaa hin dhabiinaa!
WALIIFGODHAA!Moo'iiboon