Dr. Bahar Abdi

Dr. Bahar Abdi Fayyaan keessan, gammachuu kooti. Fayyaa Dahaa!

🤰Waa'ee Ulfaa Kana Beektuu Laata?💁▪️Sochiin mucaa gadameessa keessaa erga ulfaa'amee ji'a 4-5 eegala garuu dhagahu dhabu...
02/05/2026

🤰Waa'ee Ulfaa Kana Beektuu Laata?💁
▪️Sochiin mucaa gadameessa keessaa erga ulfaa'amee ji'a 4-5 eegala garuu dhagahu dhabuu dandeessa.

▪️Mucaan garaa keessa jiru guyyaatti yoo xiqqaate si'a 12 socho'a.

▪️Dubartiin tokko yeroo ulfaa ulfaatinni ishii Kg 11-16 tin dabala.

▪️Dubartiin tokko erga deessee booda walqunnamtii saalaa jalqabuuf yoo xiqqaate torbee 6 akka turtu gorfama

▪️Dubartiin takka erga desseen booda yoo harma hoosisuu baatte, torban 4-6 keessatti ulfa'uu dandeessi.

▪️Harma hossisuun ulfa ittisuuf gargaaruu mala

🔥 IJOOLEE TEESSAN TAPHA HIN DHORKINAA‼️ 👧🏃‍♂️Yeroon taphaa ijoleef bashannana qofaa miti — guddina sammuu, qaamaa fi haw...
02/05/2026

🔥 IJOOLEE TEESSAN TAPHA HIN DHORKINAA‼️ 👧🏃‍♂️
Yeroon taphaa ijoleef bashannana qofaa miti — guddina sammuu, qaamaa fi hawaasummaa isaanii irratti gahee olaanaa qaba 🌱✨

👇 Faayidaa Daa'imni Taphachuun Argatu 👇

🧠 1️⃣ Guddina Hubannoof (Cognitive Development)

💡 Yeroon taphaa yaada fi kalaqa daa'ima keessanii kan kakaasu yoo ta'u, dandeettii rakkoo furuu isaaniis ni guddisa
🎨 Tapha gara garaa taphachuun ijoolleen haala addaddaatti yaaduu, ilaalcha haaraa maddisiisuu fi of ibsuu ni baratu.

🏃 2️⃣ Guddina Qaamaaf

🤾‍♀️ Tapha sochii qabu (akka fiiguu fi utaaluu) qaama ijoollee ni jabeessa.
⚡ Dandeettii sochii, qindoomina qaamaa fi fayyaa waliigalaa irratti bu’aa guddaa qaba.
👉 Kanaafuu daa’iman akka taphatan fi ispoortiirratti akka hirmaatan jajjabeessaa!

🤝 3️⃣ Guddina Hawaasummaa fi Miiraa

🤼 Taphnii dandeettii hawaasummaa ijoollee cimsuuf waltajjiigaarii uuma:
• Waliin qooddannaa 🧸
• Dabaree eeguu 🕒
• Namoota biroo waliin hojjechuu 🤝

01/05/2026

Ka dura bahu itti laalaaf😂

🚨 Dhibee Foroforii Ilaachisee Hubannoo Dogoggoraa Namoonni Baay’een Qaban!  🧼❌💇‍♀️1️⃣  “Foroforiin Ni Daddarba.”  🤝🚫 Guu...
30/04/2026

🚨 Dhibee Foroforii Ilaachisee Hubannoo Dogoggoraa Namoonni Baay’een Qaban! 🧼❌💇‍♀️

1️⃣ “Foroforiin Ni Daddarba.” 🤝
🚫 Guutumaan guututti soba! Nama biraa irraa froforiin sitti hin darbu. Foroforiin dhibee daddarbaa miti.

2️⃣ “Foroforii Gutumaa-guututti Dhabamsiisuu(Fayyuun) Ni Danda’ama.” ⏳
🚫 Kun Soba Guddaadha! Ammatti qorichi gutumaan dhabamsiisuu hin jiru. Garuu wal’aansa sirrii ta’een mallattoon foroforii akka gaariitti to’atamuu danda’a.

3️⃣ “Foroforiin qulqullina gaarii dhabuu irraa dhufa.” 🚿
🚫 Soba! Namoonni guyyaa guyyaan rifeensa dhiqatan illeen foroforii qabaachuu danda'u. Yeroo hunda dhiqachuun foroforii hir'isuuf ni gargaara, garuu guutummaatti hin fayyisu.

4️⃣ “Foroforiin Rifeensa Mooluu (Malaaxaa) Godha. ” 😱
🚫 Kallattiin miti! Yeroo hunda hooquudhaan rifeensa mataa miidhuu fi caccabsuu danda’a.

5️⃣“Mataa Goggogaan (Dry Scalp) Foroforii Fiduu Danda'a ” 🌵
🚫 Kunis Dogoggora! Foroforiin gogaa mataa zayita baay'atuun(oily scalp) wal qabata malee sababa mataa goggogaatin hin dhufu.

😭 Daa'imni Kessan Yeroo Fincaanu Ni Booyaa?👉 Daa’imni yeroo fincaanu booyuun yeroo baay’ee dhukkubbiin akka jiru agarsii...
29/04/2026

😭 Daa'imni Kessan Yeroo Fincaanu Ni Booyaa?

👉 Daa’imni yeroo fincaanu booyuun yeroo baay’ee dhukkubbiin akka jiru agarsiisa. Wantoonni kanaaf ka’umsa ta’an kanneen armaan gadiiti:

▪️Infeekshinii Ujummoo Fincaanii (UTI): Kun sababa baakteeriyaan ujummoo fincaanii keessatti baay’ataniif kan uumamu yoo ta’u, yeroo fincaanan gubaa fi dhukkubbii fida.
▪️Madaa ykn Diimachuu Naannoo Qaama Saalaa: Fincaan madaa irra yoo bu’e ni guba, kunis daa'imni akka booyu godha.
▪️Dhiphina Ujummoo Fincaanii: Sababa uumamaatiin ujummoon fincaanii dhiphaa yoo ta’e, fincaan dhiibbaan waan ba’uuf dhukkubbii uumuu danda’a.
▪️Cirracha Kalee ykn Afuuffee Fincaanii: Rakkoon kun daa’imman irratti xiqqaa ta'us, cirrachi yoo jiraate yeroo fincaan bahu dhukkubbii hamaa uuma.

🧑‍⚕️ Maaltu Godhamuu Qaba?

✅️ Daa’imni keessan yeroo fincaanu yoo booye gara mana yaalaa geessuun barbaachisaadha. Akkasumas:
▪️Daa’imni bishaan ykn aannan harma haadhaa gahaa akka arkatu gochuun gaariidha.
▪️Naannoo qaama saalaa bishaaniin qulqulleessuu

🍋 Loomii fi Hir’ina Dhiigaa: Loomiin Hir’ina Dhiigaa Ni Fidaa❓️👉Loomiin hir’ina dhiigaa hin fidu garuu hir’ina dhiigaa i...
29/04/2026

🍋 Loomii fi Hir’ina Dhiigaa: Loomiin Hir’ina Dhiigaa Ni Fidaa❓️

👉Loomiin hir’ina dhiigaa hin fidu garuu hir’ina dhiigaa ittisuuf gargaara.
▪️Loomiin hir’ina dhiigaa ittisuuf kan gargaaru qabiyyee Viitaamin C waan qabuufi.
▪️Viitaamin C qaamni keenya elementii ayirenii nyaata nuti nyaannu keessaa akka salphaatti akka xuuxamu gochuudhaan oomisha dhiigaa dabala.

👉 Namoonni hir’ina dhiigaa qaban nyaata ayirenii of keessaa qabu sooratanitti loomii cuunfuun itti fayyadamuun bu'aa guddaa qaba.

🧼 Finniisa Akkamitti Ittifama?​👉 Finniisni kan uumamu yeroo qaawni gogaa keenyaa zayita, seelota gogaa du'anii fi baakte...
29/04/2026

🧼 Finniisa Akkamitti Ittifama?

​👉 Finniisni kan uumamu yeroo qaawni gogaa keenyaa zayita, seelota gogaa du'anii fi baakteeriyaan cufamu.

​Sababoota Gurguddoo

▪️Baayyachuu zayita gogaa (Sebum): Qaamni keenya uumamaan zayita gogaa jiisu maddisiisa. Garuu, yoo Zayitiin kun garmalee baay'ate qaawwa gogaa cufuun finniisa fida.
▪️Akkasumas, jijjiirama hormoonii: Keessattuu yeroo dargaggummaa, ulfaa fi yeroo laguu jijjiiramni hormoonii xannachoota zayita maddisiisan waan dammaqsuuf finniisni baay'ata.
▪️Hedduummaachuu baakteeriyaa: Baakteeriyaan C. acnes jedhamu qaawwa cufame keessatti baay'achuun finniisa fida.
▪️Akkasumas, nyaataa fi dhiphina sammuu: Nyaata glucose baay'ee qabanii fi dhiphinni sammuu finniisni akka hammaatu gochuu danda'u.
▪️Rakkoo Harkaan Macalaasuu: Finniisa fuula irratti ba'u qubaan macalaasuun baakteeriyaan gara keessoo gogaatti akka faffaca'u fi godaaniisni akka uumamu taasisa.

Gorsa Barbaachisaa

▪️Qulqullina: Guyyaatti marraa lama saamunaa lallaafaan fuula dhiqqachuu.

​▪️Dibata: Dibata qaawwan gogaa hin cufne (non-comedogenic) fayyadamuu.

​▪️Harka: Fuula keessan tuquu dura harka keessan qulqulleessuu.

​▪️Ogeessa Mariisisuu: Yoo finniisni sun hammaate, qorichoota akka Benzoyl Peroxide ykn Salicylic Acid qaban ogeessi fayyaa akka isiniif ajaju gaafadhu.

🚨 Ciniinsuu Yeroo Malee (Preterm Labor) ⚠️👉 Gaaffii: Dr yoroo tokko tokko haati ulfaa takka maliif odoo jiini hingeenye ...
28/04/2026

🚨 Ciniinsuu Yeroo Malee (Preterm Labor) ⚠️

👉 Gaaffii: Dr yoroo tokko tokko haati ulfaa takka maliif odoo jiini hingeenye ciniinsifatti?
👉 Deebii: Haati ulfaa takka odoo jiini ishee hingeenye (ciniinsuun yeroo malee/Preterm labor) akka ciniinsifattu kan taasisan sababoota garaa garaatu jiru. Isaan keessaa sababoonni armaan gadii ijoodha:

▪️Infeekshinii: Infeekshiniin qaama saalaa, Infeekshiniin ujummoo fincaanii ykn infeekshiniin biroo yoo jiraate ciniinsuu yeroo malee fiduu danda'a.

▪️Dhiphina (Stress): Dhiphinni sammuu ykn qaamaa garmalee ta’e hormoonota ciniinsuu fidan maddisiisuu danda’a.

▪️Hulaan Gadameessaa Laaffachuu (Cervical Insufficiency): Yoo hulaan gadameessaa (cervix) laaffaa ta’e, ulfa baachuu dadhabuun odoo yeroon hingaa’in banamuu danda’a.

▪️Dhibeewwan Biroo: Dhibeen akka dhiibbaa dhiigaa (preeclampsia) fi dhibee sukkaraa yoo to’atamuu baatan ciniinsuu yeroo malee fidu danda'u.

▪️Ulfa Lakkuu fi Isaa ol: Gadaamessi yoo lakkuu ykn isaa ol baate ciniinsuu yeroo malee fiduu danda'a.

▪️Amala Jireenyaa: Sigaaraa xuuxuu, alkoolii dhuguu ykn qoricha sammuu hadoochan fayyadamuun carraa kana ni dabala.

▪️Bishaan Garbaa (Amniotic fluid): bishaan garbaa baay’achuun ykn dafee dhoo’uun (PROM) ciniinsuu yeroo malee fiduu danda'a.

😭 Daqiiqaa Lama Lamatti Dubartiin Takka Kaansarii Hulaa Gadameessaatiin Duuti❗️👉 Odeeffannoon kun baay'ee yaaddessaa dha...
28/04/2026

😭 Daqiiqaa Lama Lamatti Dubartiin Takka Kaansarii Hulaa Gadameessaatiin Duuti❗️

👉 Odeeffannoon kun baay'ee yaaddessaa dha.
👉 Akka gabaasa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) jedhutti, addunyaa irratti daqiiqaa lama lamatti dubartiin takka kaansarii hulaa gadameessaatiin (Cervical Cancer) duuti.

👉 Kaansariin kun dubartoota hedduu kan miidhu ta'us, dursanii ittisuu fi wal’aanuun ni danda’ama.

👉Wanti hubatamuu qabu:
✅️ Talaallii HPV: Talaalliin kun kaansarii hulaa gadameessaa ittisuuf haalaan gaariidha.

✅️Qorannoon Dursanii Beekuu (Screening): Dubartoonni yeroo yeroon qorannoo (fakkeenyaaf Pap smear) gochuun dhibee kana dursanii addaan baasuuf ni gargaara.

⚠️ Mallattolee:
▪️Dhiiga yeroon xurii ykn marsaan laguu alatti dhufu
▪️Dhukkubbii yeroo walqunnamtii qunnamtii saalaa
▪️Dhangala'aan hulaa gadameessaa keessaa yaa'uu danda'a.

WALQUNNAMTII SAALAAF POSITION HUNDARRA FILATAMAA TA'E KAMI? 🔞​👉 Jarana, guyyaa guyyaan hordoftoonni koo walqunnamtii saa...
27/04/2026

WALQUNNAMTII SAALAAF POSITION HUNDARRA FILATAMAA TA'E KAMI? 🔞
​👉 Jarana, guyyaa guyyaan hordoftoonni koo walqunnamtii saalaa Ilaalchisee waa'ee 'position' kanaa gaaffii baay'ee akkaataa adda addaatiin na gaafatu.
👉 Gariin "position kun gaariidha," kaan immoo "position biraatu filatamaadha" jedhu. Ani garuu, qorannoolee jiran irraa ka'ee, position hundarra nama gammachiisu, kan miira addaa namatti uumuufi halkan hunda namatti tolu isiniif qabadhee dhufeera!

​👉 Position inni hundarra filatamaan:

​"POSITION BAANKII DURA DHAABBATANII MAALLAQA LAKKAAWWACHUU" dha! 💵🏃‍♂️

❤️ Faayidaa isaa:
▪️Yaaddoo irraa bilisa si godha.
▪️Dhukkubbiin mataa sirraa fayya
▪️Halkan guutuu akka daa'imaatti si rafisa.
​👉 Kan hafe hundi 'cardio' (fiigicha) dha! 😂 Maallaqa qabaachuutu 'position' hunda caala!

​😂 Isin immoo position kamtu hundarra isinitti tola? Comment irratti nuuf barreessaa! 👇

❓️Marsaan laguu sababa maaliif namarraa dhabachuu danda'a?👉 Marsaan laguu hafuun ykn dhaabbachuun (Amenorrhea) sababoota...
26/04/2026

❓️Marsaan laguu sababa maaliif namarraa dhabachuu danda'a?

👉 Marsaan laguu hafuun ykn dhaabbachuun (Amenorrhea) sababoota adda addaa irraa ka'uun uumamuu danda'a. Sababoonni kun dhimmoota jireenya guyyaa guyyaa irraa jalqabee hanga dhimmoota fayyaa sammuu fi qaamaatti deemuu danda'a.

🧑‍⚕️ Sababoota Marsaan Laguu Akka Hafu Godhan

▪️Ulfa: Dubartiin takka yoo ulfoofte marsaan laguu ni dhaabbata.
▪️Dhiphina fi Yaaddoo: Dhiphinni sammuu hoormonootni marsaa laguu to'atan akka sirnaan hin hojjenne godha.
▪️Ulfaatina Qaamaa: Ulfaatina qaamaa garmalee dabaluu ykn garmalee xiqqaachuu.
▪️Sochii Qaamaa Humnaa Oli: Hojiin ykn ispoortiin humnaa olii (fknf: Atileetota irratti) marsaan laguu akka jeeqamu ykn dhaabbatu gochuu danda'a.
▪️Hanqinna Nyaataa: Nyaata madaalawaa ta'e nyaachuu dhabuun marsaa laguu ni jeeqama.
▪️Qorichoota Adda Addaa: Qorichoota akka mala qusannaa maatii (family planning) tokko tokko ykn qorichoota biroo fudhachuu.
▪️Dhimmoota Fayyaa: Rakkoo xannachoota (Thyroid ykn Pituitary gland) fi rakkoolee gadameessaa fi ovaarii waliin walqabatan.
▪️Umrii: Umriin dubartootaa gaafa 45-55 gahu marsaan laguu dhaabbachuun isaa adeemsa uumamaati.

Address

Harar

Telephone

+251988020208

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Bahar Abdi posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr. Bahar Abdi:

Share

Category