30/05/2026
KINTAAROOTII(HEMORROIDS)
* Kintaarootiin maali? Kintaarootiin dhibee yeroo hiddootni hudduu/ munne keessatti argaman dhita'an fi mada'aan nutti dhufudha.
* wantoota kintaarootiin akka nutti dhufuf sababa ta'an keessa
1.umriin dabaluu
2. Hiddi dhiigaa guddichi kan gara gadiitii gara onneetti dhiigaa geessu yoo uggurame
3. Goginsa garaa
4.furdina garmalee
5. Yeroo ulfaa
6. Infeekshiniin munnee deddeebi'ee yoo nama qabe.
MALLATOOLEE
* dhiigaa hudduu dhaan ba'u( kan dhukkubbii hin qabnedha)
* dhiitaa xiqqoo munnee keessatti namatti dhagahamuu
* hooqsisu hudduu keessatti namatti dhagahamu.
FURMATA/ FALA
1. Soorata sirreeffachuu: kanneen akka raafuu ,atara, baaqelaa, ocholoonii, muuzii, talba, garbuu qamadii, dinnicha fi kkf soorachuu
2. Gaafa boolii baanu waraqaa lallaafaa ykn bishaan fayyadamuu
3. Bishaan ho'aadhaan naannoo dhukkuba sana dhiqachuu ykn cabbii huccu haphiifi qulqulluu ta'een maruun daqiiqaa muraasa irratti qabuu
4. Booliin osoo nu hin qabne gara mana fincaani deemu dhabu fi yeroo dheeraaf ittanuu dhiisu
5. Jirbii cuunfaa loomiin jiisuun iddoo sanarratti qabuu
Haala armaan olii kana fayyadamne furmaatni hin dhufu taanan gara mana yaalaa deemun. Yaalaa baqaqsanii hodhuu argachuun ni danda'ama .
GALATOOMAA
WALIF SHARE
FAYYAA LUBBUU TEENYAAF
BY Dr Mohammed
Gorsaalee Fayyaa Kharaa Khamiin
Akka Arkattu Barbaadda?
Filadhuutii Itti Dhihaadhuu
Me Kharuma Salphaan
Arkattaa.
https://t.me/DrmohammedIbrahim