Dr. Abdurahman Kurcha

Dr. Abdurahman Kurcha Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Dr. Abdurahman Kurcha, Doctor, Harar.
(1)

DHUKKUBA GARAACHAA/GASTRITIS**********************Dhukkubni garaachaa maalini? Dhukkubni garaachaa kan jedhamu keessoo g...
28/01/2024

DHUKKUBA GARAACHAA/GASTRITIS
********************
**Dhukkubni garaachaa maalini?
Dhukkubni garaachaa kan jedhamu keessoo garaachaa haguugee kan argamu 'gastric mucosa'n yogguu quunca'u ykn madaa'uu dha. Uumamaan garaachi namaa asiidii 'Hydrochloric acid,HCL' maddisiisa. Asiidiin kun bulla'ina pirootinii fi baakteeriyaa nyaata waliin garaa seene ajjeesuuf faayida qabu. Garaacha sababa adda addaatiin mada'een yoo wal argate asiidiin kun dhukkubicha gara sadarkaa ol aanuuti ol guddisa.
** Dhukkuba garaachaa maaltu fida:
1.Baakteeriyaa 'Helicobacter pylori' kan jedhamu
2.Qoricha dhukkubi hir'isuuf kennamu(pain killer) keessumatuu gosa 'NSAID' kan ta'an kan akka...'Ibuprofen,Asprin,Diclofenac' baay'inaan fayyadamuu.
*kanneen armaan olii lamaan isaan jalqaba yoo ta'an ;isaan biro immo kannen armaan gaditi
3.Qoricha akka kookeenii 'cocaine'fudhachuu.
4.Alkoolii baay'isuu
5.Tamboo xuuxuu
6.Dhukkuba cimaa namni qabu fi namni balaa abidda irra gahee -'stress reaction'
7.Nyaata summa'e soorachuun
8.Nama rakkoo Hadhooftuu qabu (Bile reflux)
12.Dhiphachuu:-dhiphachuun asiidiin garachaa garmalee akka dabalu taasisa.
13.Nyaata ashaboon itti baay'ate

**Mallatoo dhukkuba garaachaa:
>Gubaa laphee
>Nama Hooruu ykn Hoqqisiisu(Nausea & Vomiting) -dhiiga yoo makate sadarkaa hamarra gahe jechuudha, Battalati mana yaalaa deemuun barbaachisaadha.
>Foolii nyaataa nama jibbisiisuu
>Fedhii nyaataa dhabuu
>nyaata booda garaa(laphee irratti) nama bokoksuu
- nyaata xiqqoma nyaatani quufu.
>Hirqifuu/Hirqifachiisuu


**Furmaatni maali?
√Dhukkubichaaf baakteeriyaan sababa yoo ta'e ogeessi fayyaa qoricha baakteeriyicha dhabamsiisu( kan Triple therapy) jedhamu isiniif kenna waan taheef gara mana yaala deemu.
√Namni qoricha gosa 'NSAID' fudhaachaa jiru qorichicha dhaabuu qaba.
*kunneen armaan olii dhukkubicha fayyisuuf tarkaanfii fudhatamu yoo ta'u; mallatoolee dhukkuba garaachaa hir'isuuf ykn dhabamsiisuu qorichoonni kennamanis jiru. kunis:
>Antacids
>proton pump inhibitors (PPI)
>Histamine blokers
*Kunneen sadan hamma asiidii garaacharra maddu xiqqeesuun ykn erga madde garaacha akka hin mine gochuun garaachi mada'e akka fayyu gargaaru.

**Dhukkuba garaachaa ittisuufis ta'ee warra qabaniif gorsa:
√Alkoolii hin baay'isinaa ykn dhaaba.
√Tamboo gonkumaa hin xuuxinaa, warri xuuxxan dhaaba.
√Buna garmalee baay'istanii hin dhuginaa(yaadadhaa bunni faayidaa qaba yoo baay'isuu baanne)
√Qorichoota akka 'Ibuprofen,Aspirin,diclofenac' hin baay'isinaa
√Nyaata coomaa hin baay'isina.
√Hin dhiphatinaa...rakkoo jiruuf furmaata barbaada malee.
√Kanneen armaan gadii godhaa:
*nyaataa kuduraa fi muduraa sirritti sooradha- qullubbii diimaa fi adii, timaatimii,baqelaa, raafuu(spinach),
*Qurxummii sooradhaa
*Bishaan guyyati hanga kubayyee 6-8 dhugaa
*Damma nyaadha...warri dhukkubicha qabdan ganama ganama garaa duwwaati fallaana 2-3 osoo nyaatani madaa garaachaa fayyisuuf ga'e qaba.
* Sochii qaama guyyaatti daq.30 torbaniti guyya 5niif hojachuun waa hundaaf gaariidha.
*Cuunfaa Jinjibilaa(ginger) dammaan walitti makanii dhuguun
garaachi mada'e akka fayyu gargaara.
*Muuzii yeroo yerooti sooachun madaa garachaa fayyisuuf ni gargaara.
suorce: Unveristy of Maryland medical center=http://umm.edu/health/medical/altmed/condition/
Fayyaa hin dhabinaa
Dr Abdurahman k.

16/11/2023
22/10/2023

DHUKKUBA ASMII - Bronchial Asthma

*****************************
Asmiin keessi ujummoolee qilleensaa akka dallananii iita'aniif dhiphatan, akkasumas dhangala'aa tabby akka furrii (mucus) guutaman gochuun ujummoolee qillensaa gara gadii (gara Sombaa) jiran dhiphisuun hafuurri ykn qilleensi akka nama hanqatu, ukkaamsuu, nama qufaasisuufi akkasumas hafuura yoo fudhatan sagaleen dhagahamu (xiichaan jiraatu) godha.

Asmiin namoota garii irratti mallatoma salphaa muldhisa; namoota garii ammoo hedduu cinquu, itti hammachuufi, itti deddebi'uun rakkisuu danda'a. Asmii guutuun guututti yaalanii balleessuun baatamuyyuu, mallatooleen jenne kun akka namatti hin hammaanneef to'achuun ykn yaaluun ni danda'ama.

---
---
Dhukkuba Asmii kana maaltu fida?
Guutuun guututti jala sararanii sababa kanaaf jechuun ulfaatuyyuu sababa uumaa (genetics)fi naannoo tokko tokko (environment) irraa ta'a.
---
Wontootni Asmii namatti kaasanis akkasuma namaa namatti garagara. Haa ta'u malee yeroo hedduu wontoonni Asmii namatti kaasan:
* Dhukkee, folii ykn foolii balfaa beeyladoota, foolii baala mukken tokko tokko irraa harca'anii.
* Qilleensa Qabana'aa
* Qakkee/ Hibibii/ Uttalloo/ Biiqaa
* Aara yeroo wontonni tokko tokko gubatan aaru
* Sochii qaamaa (ispoortii hojjachuu)
* Qorichoota tokko tokko kan akka Asprin, Ibuprofen fi gartuu beta-blockers jedhamuun beekamanii fudhachuun
* Cinqii fi yaaddoo, miiraa ol'aana ta'e
* Dhukkuba aasidiin garaachaa gara kokkee akka ol deebi'uu godhu (GERD) fa'a namoota Asmii qaban irratti mallatoo isaa namatti kaasuufi hammeessuu danda'u.
---
---
Mallatooleen Asmii maal fa'adha?

Akkuma jenne mallatooleen muldhatan turtiinis hammeenyanis ta'ee haalaan namaa namatti garagara. Nama tokko tokko yerooma sochi qaamaa (ispoorti) qilleensa qabanaayaaf gogaa keessatti hojjatu qofa irratti muldhachuu danda'u. Kaan ammoo yeroma heddu itti deddeebi'uun muldhachuus malu.

Akkuma woliigalaatti mallatooleen Asmii:

* Hafuura nama kutuu, hafuurri nama hanqachuu ykn nama ukkaamsuu
* Qoma irratti namatti ulfaachuu ykn dhukkubbiin namatti dhagahamuu
* Yeroo hafuura gad baafatan sagaleen dhagahamu ( xiichaa, sheengarsiisuu,)- Wheeze
* Qilleensi nama hanqachuu, qufaafii Xiichaa irraa kan ka'e hirriba dhabuu
* Qufaaf xiichaan (wheeze) yeroo Hibibin/Biiqaan/Utaalloon/Qakkeen nama qabe namatti hammaachuu

¤ Mallatooleen kun yeroo gabaabaa keessatti namatti deddebi'uun, namatti hammachuu danda'u. Turaas dhufuu danda'u.

---
---
Wontoota carraa Asmii horachuu keenya dabalan:
* Maatiin (abbaaf haati) ykn obboleessi keenya Asmii qabaachuun
* Dhukkuboota Alarjii akka alrjii gogaa fi alarjii funyaan nama ukkaamsuu.
* Ulfaatinna gar malee guddaa ta'e qabaachuu
* Tamboo, sigaaraafi kan biroo aarsuu
* Worashaalee keessatti Keemikaalota garagaraafii foolii isaniitiif saaxilamuu, foolii farra-aramaa ykn farra-ilbisotaaf yeroo dheeraaf saaxilamuun, uumaan (genetics)-iin dabalata carraa Asmii horachuu/qabaachu keenya kan olkaasaniidha.
---
---
Namni Asmii qabu maal haa godhu?
* Wontootafi haala dhukkubicha itti hammessan adda baafachuu. Saaxilammummaa wontoota Asmii itti kaasan ka adda baafate kana irraa ofeeguu ykn saaxilamummaa isaaniif qabu daran xiqqeessu.
* Mallatooleen jenne yoo itti hammachaa dhufan hatattamaan gara mana yaalaa deemuun yaala barbaachisu argachuu.
* Qorichoota kennamaniifi fudhachaa ture haalaan rogatti fudhachu.
* Waa'ee dhukkubichaa irratti gaafiif waan beekuu isa barbaachisu ogeessa fayyaa isa woldhaanu gaafachuufi woliin mari'achuu.
---
---
Horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
---
©Dr. Nuredin Luke

DHIIBBA DHIIGAA**Namni tokko dhiibba dhiigaa qaba kan jedhamu ogeessa fayyaa birati meeshaa dhiibba dhiigaa safaruun ila...
08/10/2023

DHIIBBA DHIIGAA
**Namni tokko dhiibba dhiigaa qaba kan jedhamu ogeessa fayyaa birati meeshaa dhiibba dhiigaa safaruun ilaallamee gidu-galaan( yeroo lama fi sana ol Guyyaa garagaraatti safarri isa yoo kan 140/90 fi sani ol ta'eedha.
# wantootni dhiibba dhiigaatiif Nama saaxilan maali
*Umriin namaa akkuma dabaluun.
*Nyaata ashaboon/soogiddi itti baay'atu soorachuu.
*Furdina gar-malee( dheerinnaa fi hojjaan kan waliin madaalle)
* sanyii dhan dhufuu dandaha
*Sochii qaama gochuu dhabu.
*Alkoolii baay'isuu.
*Dhiiphachuu.
*Dhukkuba kalee fi Sukkaara nama qabu yoo ta'e
* Nyaata Coomni itti baayyatu bayyinaan fayyadamu
* Tamboo Xuuxuu
# Mallattoleen isaa maali?
Yeroo hedduu mallattoo homaatuu osoo hin agarsiisin turuu dandaha, akka carraa mana yaalatti yogguu ilaalaman itti himamuu dandaha
Dhiibban dhiigaa hedduu yoo olka'e mallattoolee armaan gadii agarsiisu dandaha
* Dhukkubbii mataa cimaa(severe headache)
* yeroo ilaalan namatti dimimmisuu ykn argaa ijaa irratti rakkachuu
* Funuunuu( funyaan dhiiguu)
* Bitaa namatti galuu( confusion)
* Dhukkubbi laphee, balaqqamsiisu fi nyaata jibbisiisuu faa dha
# Rakkoowwan dhiibbaa dhiigaan
walqabatanii dhufan:
*Dhukkuba onnee:-dabaluun dhiibba dhiiga onnee irrati hojii dabaluudhan onnee dadhabsiisa.
*Sammuu keessatti dhiigni dhiiguu ,kun ammoo qaamni namaa akka lamisha'u/paralyze/ ta'u taasisa.
* Kaleen dadhabuu fi hanga hojii dhaabuu gahu. Dhiibbaan dhiigaa dhukkuba Kalee fiduu akkuma danda'u ;dhukkuba kalee qabachunis dhiibbaa dhiigaatiif nama saxila.
* Dhukkuba hidda dhiigaa keessumatuu kaneen gara lukaa( PAD)

# MAALI GOCHUU QABNA!!
*Nyaata ashaboon itti baay'aterra of qusadha.
*Sochii qaamaa taasisa:-yoo xiqqate guyyati daqiiqaa 30,torbaniti ammo guyya 5 sochii qaama(salpumatti deemsa karaa"walk") gochuun barbaachisaadha.
*Alkoolii dhaabaa ykn hir'isaa
*Hin dhiphatinaa:- dhipinni hamma dhiibba dhiigaa ol kaasuu danda'a. Kanaaf wanta isin dhiphisuu gargar basa furmata itti barbaada malee hin dhiphatiina.
*Tamboo xuuxuurra ykn Nama xuuxuu cinaa taa'urraa fagaachuu
*Furdina hir'isa:-garmalee furdachuun dhukkuboota biraa baay'eedhaafis nama saxila.
*Nyaata kuduraa fi muduraa(biqiloota) baay'inaan sooradha. Nyaata coomaa hir'isa.
*Dhiibbaa dhiigaa akka qabdan yoo bartan yeroo yeroon mana yaala deddebi'uun hordoffii gochuu.
Warreen qoricha fudhachaa jirtan ; qoricha seeran Fayyadama gorsoota armaan olii hojiirra olchuun dhiibba dhiigaa keessan to'achuun rakkoowwan hamaa isinitti fiduu malu irra of eeguu dandeessu.
Fayyaa tahaa!!
Fayyaa hin dhabinaa!!
© Dr Abdurahman Kurcha.

15/09/2023

Dhukkuba Sukkaaraa (Diabetes Mellitus)
================================
• Dhukkubni Sukkaaraa dhukkuba daddarboo hin taanee fi rakkoo fayyaa guddaa ta’an keessa tokko ta’ee hangi sukkaara dhiigaa(blood suger/glucose) hanga eegamuun olitti yeroo ol ka’u kan dhufudha.
• Dhukkubni kun miidhama akka: Narvii, Onnee, Ijaa, kalee, hidda dhiigaa fi hanga du’aatti kan geessisuudha.
Gosoota Dhukkuba Sukkaaraa:
• Gosa 1 ( DM type 1 – Daa’imman irratti caalaa kan mul’atu)
• Gosa 2 (DM type 2 – Ga’eessota fi kan daa’imman ulfaatina eegamuun ol qaban)
• Gosa biroo (Other specific types of DM, Gestational Diabetes Mellitus)
Mallattoolee Dhukkuba Sukkaaraa:
• Fiincaan baay’achuu
• Dheebuu fi beela cimaa
• Ulfaatinni qaamaa hir’achuu
• Dadhabsiisuu, of wallaaluu
• Waa arguu dhabuu
• Infekshinii fi gogiinsa gogaa fi kkf
Of eeggannoo fi waan taasifamuu qabu:
• Haala nyaata keenyaa fooyyessuu (Nyaata fiber’n badhaadhan baay’isuu: kanneen akka kuduraa fi fuduraa, garbuu, qamadii, boqqoolloo, ruuzii), fi nyaata coomaa fi sukkaara xiqqeessuu)
• Sochii qaamaa idileessuu
• Tamboo xuuxuu dhiisuu
• Hordoffii fi Yaalii haala gorsa ogeessaan taasisuu

Fayyaan keenya Harka Keenya Jira!

Address

Harar

Telephone

+251934913436

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Abdurahman Kurcha posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr. Abdurahman Kurcha:

Shortcuts

Share

Category