02/06/2022
https://www.facebook.com/101824722390810/posts/113434351229847/?app=fbl
Dhibeelee Dadarboo Caasaalee Sirna Fincaanii(urinary tract infection).
Caasaaleen Sirna Fincaanii maali??
Caasaalee Sirna Fincaanii jechuun gurmuu qaamoolee xixiqqoo qaama keenya keessatti argaman Kan hojiin isaanii Fincaan oomishuu, geejjibuu, Kuusuufi gara alaatti baasuu ta'aniidha.
Isaaniis: Kalee, yuuriterii, Afuuffee fincaanii Fi Yuuritiraadha.
Dhibeelee Dadarboo (infection) jechuun maali??
Dhibeelee Dadarboo jechuun dhukkuboota organizimoota xixiqqoo ijaan hin mullanneen (microorganisms); kanneen akka baakteeriyaa, vaayrasii, fangasii fi paaraasitiitin dhufanii fi namarraa namatti dadabruu kan danda'aniidha.
Dhibeelee Dadarboo Caasaalee Sirna Fincaanii jechuun maali??
Dhibeelee Dadarboo Caasaalee Sirna Fincaanii (urinary tract infection) jechuun Dhibee yeroo orgaaniziimin xixiqqoon; kanneen Akka baakteeriyaa, Caasaalee Sirna Fincaanii keenya (keessattuu Kalee Fi Afuuffee fincaanii) huban namatti dhufu jechuudha.
Mallattooleen isaa maali??
Qaamoolee hubamaan irraatti hundaa'un Bakka Gurguddoo lamatti qoodaman.
1. yeroo Afuuffee fincaanii Fi Yuuritiraan hubamaan (Kalee osoo hin dabalatin).
- Fincaan nama; gubuu, jerjersuu/mudduu, Fi amma ammatti nama qabuu.
- fincaan dhiiga makate fincaanuu
2. yeroo kaleen hubamte.
mallattoolee akkami argina??
- Ho'i qaama keenya dabaluu(Harargeetti 'Leeydaa' jedhama).
- Hooqisiisuu/haaqisiisuu.
- Dhukkubbii dugda/duuyda.
- Dhukkubbii cinaachaa Fi
- Dabalataan mallattooleen akka fincaan nama gubuu, jerjersuu/mudduu fi amma ammatti nama qabuutis jiraachuu danda'u.
Yoon mallattoolee kana ofirratti arge maaliin godhuu qaba? Yaalli isaa hoo maali??
Gara mana yaala deemuu qabda. ogeessi fayyaa mallattoolee sirratti mullatanii fi Fincaan kee laabraatooni ilaalee Qoricha sirrii ta'e siif ajaja.
Qoricha akkaataa siif ajajametti qixa sirriin xumurraan ni fayyita.
Dhibeelee Dadarboo Caasaalee Sirna Fincaaniitiif akkamitti saaxilamuu ykn qabamuu dandeenya??
Dhibeelee Dadarboo Caasaalee Sirna Fincaanii kana akkamitti ofirraa ittifna??
Itti fufa...
Hunde.