Dr.Abdulfetah Ibrahim

Dr.Abdulfetah Ibrahim Nature, time and patience are the 3 great physicians
(6)

Sirna Hirriba Daa'immanii * Qorannoon garagaaraa akka agarsiisutti ijoolleen yeroo hunda hirriba gahaa rafan xiyyeeffann...
07/05/2026

Sirna Hirriba Daa'immanii

* Qorannoon garagaaraa akka agarsiisutti ijoolleen yeroo hunda hirriba gahaa rafan xiyyeeffannoo, amala, dandetti barachuu, yaadachuu, fi fayyaa(guddina) sammuu fi qaamaa waliigalaa fooyya'aa qaban.

*Sagantaan hirribaa dhaabataan fayyaa waliigalaa daa'immaniif wantoota barbaachisoo ta'an keessaa isa tokkodha.

* Hammi hirriba fayyaa guutuuf isaan barbaachisu akka umurii isaaniitti garaagarummaa qaba.

*Dhimmi warri hubachuu qaban kan biraan hirriba dhabuun amala rakkisaa akka qabaatanii fi barumsa isaanii irrattillee dhiibbaa hamaa qaba.

Ijoolleedhaaf Hirriba Hammamiituu Isaan Barbaachisaa?

Daa'imman hirriba hangamii akka barbaadan umurii isaaniitiin garaagarummaa qaba. Dhalootarraa kaasee da'iman sa'aatiin rafuudhaan dabarsaan xiqqaachaa ykn hirrachaa deemaa. Daa’imni hundi adda adda ta’us fayyaa daa’immaniif kan Gorfamu

1. Daa'imman (ji’a 0–3): sa’aatii 24 keessaa sa’aatii 14–17 rafuutu gorfama
2. Daa'imman (ji’a 4–12:): sa’aatii 24 keessaa sa’aatii 12–16
3. Daa’imman xixiqqoo (waggaa 1–2): sa’aatii 24 keessaa sa’aatii 11–14
4. Daa’imman (waggaa 3–5): sa’aatii 10–13
5. Ijoolleen waggaa 6-12 jiran giddu galeessaan sa’aatii 9-11 rafuudhaan dabarsu.
6. Dargaggummaatti umrii waggaa 13-18ti hammi hirribaa gorfamu sa’aatii 8-10 dha.

Qaceelfama Bu’uuraa Hirriba Fayyaa Daa’immaniif

1. Yeroo fi haalaa ciisichaa murtaa’e tahee daa’imman akka qabaatan gargaaruu.
2. Daa’imman sagantaa hirribaa dhaabataa hin jijjiramne isaan barbaachisaa. Kunis guyyaan mana barumsaati, halkan manatti rafuus fi guyyaa barumsii hin jirrettillee rafan garaagarummaa sa’aatii tokkoo ol ta’uu hin qabu.
3. Daa’imman sa’aatii ciisuu dura yeroo tasgabbaa'aa taasisuu. Sochiiwwan anniisaa guddaa qaban kan akka tapha garaa garaa, fi waan sammuu isaanii dammaqsan kan akka televijiinii ilaaluu ykn tapha kompiitaraa taphachuu irraa fagaachuu qabu.
4. Mucaa keessan beela'ee osoo jiruu akka ciisuu gochuun sirrii dha miti. Ciisicha dura nyaata salphaa (fkn, aannan) kennufiin gaariidha. Nyaanni ulfaataa yeroo ciisan sa’aatii 1 ykn 2 keessatti nyaachuun garuu hirriba gufachiisuu danda’a.
5. Ijoolleen osoo hin rafiin dura shaayii, buna, chokoleetii, soodaa fi wantoota nama kakaasan biroo fudhachuu hin qabu.
6. Mucaan keessan guyyaa hunda ala akka dabarsuu fi sochii qaamaa irratti akka hirmaatu mirkaneessi.
7. Kutaa ciisichaa daa'ima keessanii callisaa fi dukkanaa'aa taasisuu ykn Ifa halkanii sadarkaa gadi aanaa qabaachuu danda’a. Kutaaleen guutummaatti dukkanaa’oo ta’an daa’immanif sodaachisoo ta’uu waan danda'uuf fudhatama hin qabuu.
8. Kutaan ciisichaa daa’ima keessanii halkan ho’a mijataa tahee qabachu qaba.
9. Kutaa ciisichaa daa'ima keessanii yeroo boqonnaaf ykn adabbiidhaaf hin fayyadaminaa.
10. Kutaan ciisichaa daa’immanii televijiinii irraa bilisa ta’uu qaba

Dr Oumer Harun (ogeessa fayyaa daa’immanii )
©️ Eba Pediatrics Specialty Center

FAAYIDAA TIRUU*********************************************• Hir'ina dhiigaa dhoorkuu fi yaaluuf nyaata filatamaadha• Ja...
06/05/2026

FAAYIDAA TIRUU
*********************************************
• Hir'ina dhiigaa dhoorkuu fi yaaluuf nyaata filatamaadha
• Jajjabina lafeetiif barbaachisaadha
• Fayyaa qaama walhormaataaf gaaridha
• Fayyaa sammuu fi sirna narvii akkasumaas guddina qaamaatiif gaariidha!
• Dhaangaalee nyaataa , albuudoota fi viitaaminoota gahaa of keessaa qaba

✍ Tiruu torbaan keessaa al tokko qofa nyaannaan gahaadha!
Dubartiin ulfaa immoo tiruu akka nyaattuuf hedduu hin gorfamu! Yoo kan nyaattu ta'e tiqqo qofa nyaachuu qabdi!
Tiruu dheedhii nyaachuu odoo hin taane bilcheessanii nyaachuutu filatamaadha!
Fayyaa hin dhabinaa
Dr Abdulfetah Ibrahim

Ofiin Ba'uu Ulfaa (Miscarriage, Spontaneous Abortion).Ofiin ba'uu ulfaa (Spontaneous Abortion) jechuun yoo ulfi tokko of...
03/05/2026

Ofiin Ba'uu Ulfaa (Miscarriage, Spontaneous Abortion).

Ofiin ba'uu ulfaa (Spontaneous Abortion) jechuun yoo ulfi tokko ofuma isaan ba'u jechuudha. Dhibeen kun dubartoota garratti hafe (ulfaa'an) keessaa 15% (ulfa afur keessaa tokko) kan mudatudha. Ba'uun ulfaa kun dubartii tokko yoo al lamaa fi isaa ol mudate "Ofiin ba'uu ulfaa irraa deddeebi'aa" ykn Recurrent Miscarriage jedhama. Yeroo kanatti mana yaalaa deemtee of qorachiisuun dirqama ta'a.

MAALTU FIDAA?
1. Ofiin ba'uu ulfaa keessaa dhibbeentaan 50 (50%) kan ta'u yoo micireen uumamtu, lakkoofsi kiroomosomii doggoggoramuu irraa kan ka'e dha.

2. Dhibeewwan gadameessaa akka:
- Dhibee gadameessaa kan uumamaa, kan akka "Septate Uterus" ykn yoo gadameessi tokko ta'uu male, uumamaan balla lamatti hiramee dhalatu.
- Yoo dhaabni gadameessaa sababa walitti qabatee (maxxanee) micireef bakki ga'aan dhabamu (Asherman Syndrome).
- Dhiitaa "ixii" gadameessa keesaatti uumamu (Uterine myoma, polyps)
- Sirnaan cufachuu dadhabuu ulaa gadameessaa (Cervical insufficiency)

3. Dhibee qaamaa (kan gadameessaa alaa) ofiin ba'uu ulfaaf saaxilan:
- Dhukkuba sirna maadinummaa kan antiphospholipid syndrome jedhamu.
- Dhukkuba sukkaaraa
- Dhibee xannacha taayirooyidii
- Dhibee oovaarii kan polycystic o***y syndrome jedhamu.

YAALA
Yaalli dhibee ofiin ba'uu ulfaa kun kan kennamu ogeessota Speeshaalistii ulfaa fi gadameessaan yoo ta'u, ka'umsa isaa adda baasuuf qorannoon ga'aan erga godhamee booda, ka'umsa isaa irratti hundaa’uun yaalli kennama.
©️ Dr.Lemi B

Dhibee Qakkee(pertussis)********Yeroon ammaa kun yeroo utaalloo fakkaata. Kana malees iddoo tokko tokkotti qakkee ka'aa ...
29/04/2026

Dhibee Qakkee(pertussis)
********
Yeroon ammaa kun yeroo utaalloo fakkaata. Kana malees iddoo tokko tokkotti qakkee ka'aa waan jirtuuf odeeffannoo kana hubannoof itti dhihaadha!!
Dhibeen qakkee baay'inaan kan argamu daa'imman irratti yoo ta'u,Warren umriin isaanii waggaa 2 fi Sanaa gadii keessatti dhibee hamaa fi hamma lubbuun darbuu geessisuu danda'uudha.
Innis kan dhufu bakteeriyaa(B.pertusis)kan jedhamuudha.

Mallattoolee dhibichaa
akkuma beekkamu hawaasa keenya keessatti dhibee torbee jaha jedhamuun beekkama.mallattooleen kunneenis:funyaan cuccufamuufurrii wal-irraa hin cinnee kan bishaan fakkaatu.haxxiifachiisuu fa'i fi laydaa ykn gubiinsa qaamaa sadarkaa gadaanaan mallattoolee jal-qaba irraatti mul'ataniidha.Akkuma cimaa adeemun,gara qufaa walirraa hin cinne kan haqqeen faana bu'amu kan torbee sadiifi isaa olii mallattoolee dhukkubichaa keessaa isaan hangafaati.
Hub:_daa'immaan ji'a tokkoo gadii irraatti mallattooleen dhibichaa argansuun sekondii muraasaf dhaabbachuu fi bifti qaamaa jijjiiraamu(cyanosis) kan jedhaman isaan ijoodha..Warren dhibee kanaaf sababa ta'an keessaa muraasni:daa'imman talaallii hin fudhatin.tuttuqqii fi walitti dhiheenya nama dhibee kanaan qaban waliin baay'isu.ulfa.kanaaf daa'imman kamiifiyyuu talaalliin erga dhalatan irraa ka'ee sirnaan kennamuufin baay'ee barbaachisaadha.xaxaa dhibichaa:-Dhibee ujummoo qilleensaaDhibee gidduu-gurraa.funuuna gaggabdoosammuu keessatti dhiiguu.miidhama sammuu daa'immanii sababa oksijiinii dhabuun dhufu(hypoxic encephalopathy)kan jedhamaniidha.
Erga daa'imman dhibee kanaan qabamanii maal gochuuttu nu irraa eegama?akkuma mallattoo armaan olii irratti argineen karaa mana yaalaa geessun yaalchisuudha!

Galatoomaa!!!.
Barreessaa: Dr megarsa Ahmed

LILMEE Insuliinii yeroo meeqaaf irra daddeebi'anii fayyadamuun danda'ama?---Fayyadamtoonni Insuliinii baay'een maallaqa ...
28/04/2026

LILMEE Insuliinii yeroo meeqaaf irra daddeebi'anii fayyadamuun danda'ama?
---
Fayyadamtoonni Insuliinii baay'een maallaqa qusachuuf jecha irra deddeebiidhaan lilmee takkaan yeroo qoricha waraannatan mul'atu. Haa ta'uu malee garuu 'wanti kun ija fayyaatiin akkamitti ilaalama?' kan jedhu ilaaluun barbaachisaadha.
-
Yeroo oomishamtu lilmoon takka yeruma takkaaf akka fayyadduuf tolfamte. Kunis qulqullummaa lilmee eeguu fi carraa dhukkuba (infection) biraatiif saaxilamuu hir'isuudhaafi.
-
Kana malees iddoo waraannannu illee jijijjiiruun barbaachisaadha. Kuniis coraa(gogaa qaama keenyaa) jalatti coomni hin barbaachifne akka hin kuufamne ittisuuf nu gargaara.
-
Walumaa galatti: Lilmee takka yeroo takkaa ol fayyadamuun miidhaa gara garaatiif nu saaxila. Isaan keessaayis:-
Lilmeen takka eega takka itti fayyadamne baakteeriyaa gara garaatiin faalamti. Baakteeriyaan kuniis dhibee biraatiif akka saaxilamnu nu taasisa.
Lilmeen takka eega takka itti fayyadamne waan doomtuuf kunis yeroo waraannannu dhukkubiidhaaf akka saaxilamnu nu taasisa.
Lilmee takka irra daddeebiin fayyadamuun coraa(gogaa qaama keenyaa) jalatti coomni hin barbaachifne (Lipohypertrophy) akka kuufamu taasisa.
Lilmeen laaffachaa waan deemuufis carraan qaama keenya keessatti cabee hafuutis ni jira.
Sababoota kanaafi kanneen kana fakkaataniif jecha hanga dandeessanitti lilmee takka yeruma takka qofa itti fayyadamaa.
Fayyaa hin dhabinaa!
𝐏𝐡𝐚𝐫𝐦𝐚𝐜𝐢𝐬𝐭 𝐄𝐥𝐢𝐚𝐬

Dhugaawwan Maatiin Daa'imaa Kamuu Beekuu Qabu=======✍️ Daa’imman dhalatanii hanga ji’a ja’aatti harma haadhaa malee nyaa...
28/04/2026

Dhugaawwan Maatiin Daa'imaa Kamuu Beekuu Qabu
=======
✍️ Daa’imman dhalatanii hanga ji’a ja’aatti harma haadhaa malee nyaati gara biraa isaan hin barbaachisu.

✍️ Harmi haadhaa wanta guddinaa fi jabina daa’imaaf barbaachisu mara of keessaa qaba. Nyaanni gara biraa daa’imaaf gaarii ta’e kan harma hoosisuu caalu hin jiru.

✍️ Harma hoosisuun daa’imman irraa dhukkuboota hedduu ittisa.

✍️ Daa’imni dhukkubsattu tokko yoo sirriiti harma haadhasaa hodha ta’e dhukkuba san irraa dafee akka dandamatuuf ni gargaara.

✍️ Daa’imman harma haadhaa hodhan daa’ima nyaata kan biraa sooratan caalaa fayyaan isaanii amansiisaadha.

✍️ Harmi haadhaa yeroo hundaa qulqulluudha. Daa’imman harma haadhaa utuu hin hodhin nyaata kan biroo nyaatan, nyaata nyaatan san keessa jarmooti fayyaa isaanii huban hedduu jiraachuu waan danda’uuf carraan dhukkubsachuu guddaa qabu.

✍️ Akka qorannoon mul’isutti daa’imman ji’oota jalqabaa ja’an keessatti aannan harma haadhaarraa argatan qofa soorachuun guddina sammu fi guutummaa qaama isaaniif albuuda isaan gargaaru guutuu argachuu danda’u.

✍️ Hanga ji’a ja’aatti daa’imman aannan harma haadhaa yoo kan sooratan ta’an, ciminnaa fi guddinna qaamaa akkasumas dhukkuba dandamatoo tahanii guddatu.

✍️ Akka amantaa namoota hedduutti daa’imman haara dhalataniif guyyoota jalqabaa muraasaaf aannan kennuufiin gaarii akka hin taane dubbatu. Namoonni kunneen bishaan sukkaaran yoo daa'ima kichuu amma dhalatteef kenname fayyaa isaaniif gaarii taha jedhanii haasayu. Lammiiwwan keenya baay’een beekumsa dhabuun kana godhu. Haa tahu malee barsiifati kun sirrii miti. Bishaan sukkaaraa fayyaa daa’imman keessanii miidha. Kanaaf harma haadha qofa kennaafi.

✍️ Daa’imni akkuma dhalatteen sa’aatiiwwaan jalqabaa keesaatti harma haadhaa argachuu qabu.

✍️ Haati takka, aannan ga’aa fi qulqullina gaarii qabu daa’ima isii sooruuf, ofii isiitiif nyaata ga’aa ta’e soorachuu qabdi.

Dr. Leencoo Kaawoo

Kaleen dadhabuu**********************************Kaleen adeemsa keeysa yeroo hojii isii hojjachuu dadhabdu kaleen dadhab...
28/04/2026

Kaleen dadhabuu
**********************************
Kaleen adeemsa keeysa yeroo hojii isii hojjachuu dadhabdu kaleen dadhabuu jedhama. Kaleen xuraawaa qaama keessaa tii fi dhiiga dhimbibuun akka fincaani wajjin bahu gooti. Yeroo kaleen dadhabdu xuraawaan qaama keessatti kuufamaa deema. Mallattooleen kaleen dadhabuu hanga kaleen 85% hanga 90 % faayidaa ala taatutti mullachuu dhiisuu danda'a.

Mallattoo
----
Jalqaba mallattoo tokkollee hin agarsiiftu. Boodarra garuu
• Fedhii nyaataa dhabuu
• Oldiddiguu, Haqqisiisu
• Hirriibarratti rakkina fiduu
• Hammi fincaanii xiqqaachuu ykn guddachuu
• Dadhabsiisuu
• Miilli iitaawuu
• Qaamni nama hooysisuu
Maaltu namatti fida?
-----
• Dhukkuba sukkaraa
• Dhiibbaa dhiigaa
• Infeekshiinii ujummoo fincaanii yeroo dheeraaf namarra ture
• Cirracha kalee
• Sigaaraa aarsuu
• Ulfaatina garmalee (obesity)
• Sanyummaaf qabaachuu( maatii keeysa namni dhibee kana qabu jiraachuu)
• Dhukkuba onnee fi kkf
Yaala
---
Kaleen takka sadarkaa dadhabuu irra geenyaan fayyisuun hin danda'amu. Garuu akka sadarkaa dhumaa irra hin geenye godhuun ni danda'ama. Wanta dadhabina kalee namatti fide san wal'aanuun akka kaleen sadarkaa dhumaatti hin ceene gochuun ni danda'ama . Dhibeen akka onnee , sukkaraa, dhiibba dhiigaa fi kkf jiraannaan wal'aanuudha. Garuu erga takka sadarkaa dhumaa irra gahe furmaanni diyaalisisii ( kalee dhiquu) ykn kalee nama biraarra fuudhanii isaa jijjiirudha!

Akkamitti ofirraa dhoorkina?
1. Qoricha yeroo dukkaanaa ykn phaarmaasii bitannee fudhannu akkataa itti fudhatamu waraqaa qorichi san wajjin dhufu irraa dubbisanii fudhachuu
2. Ulfaatina garmalee hir'isuu
3. Sigaaraa aarsuu dhiisuu
4. Dhukkuba biraa yoo qabaatan sirritti yaalamuu
* Mallattoolee asiin olitti dubbanne namni qabdanii fi dhukkuboota dhibee kaleetif nama saaxilan warri qabdan dooktaraa wajji qaaxaroo qabadhaati yeroo yeroon ilaalamaa!
Fayyaa ta'aa
Dr Abdulfetah Ibrahim

Kaandidiyaasisii afaanii-oral thrush********************************Kaandidiyaasisin afaani yeroo fangasiin "candida alb...
28/04/2026

Kaandidiyaasisii afaanii-oral thrush
********************************
Kaandidiyaasisin afaani yeroo fangasiin "candida albicans" jedhamu afaan keenya hubu kan namatti dhufuudha. Irra guddaa daa'imman irratti kan argamuudha. Wanti adii olka'aa ta'e akka arrabarraa ykn keessoo mallaatirraa ol dacha'u godha. Infeekshiinii salphaa waan ta'eef miidhaa qaama biraarraan hin geessisu. Garuu namoota dandeettiin dhukkuba ofirraa ittisuu isaani gad bu'aa ta'erratti gara qaaamoota biroo tatamsa'uun miidhaa cimaa geessisuu danda'a!
Mallattoo
---
Mallattoo asiin gadii keessa tokko ykn tokko ol ofirratti arguu
• Wanta olka'aa adii ykn keelloo arraba ykn keessoo mallaa ykn hidhii rratti arguu
• Yoo hooqan dhiiguu
• Afaan madaa'uu ykn nama belbaluu/ gubuu
• Afaan bikki hidhiin lamaan itti walitti dhuftu goguu fi babbaqaquu
• Foolii afaanii badaa
• Waa liqimsuu dadhabuu
Maaltu sababa ta'a?
* Dhibee sukkaraa
* Qoricha kaansarii fudhachuu
* wantoota Dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu hir'isan kan akka kaansarii, HIV fi kkf
Yaalaa
----
Dhibee kun yaalame jennaan torbaan waa tiqqo keessatti kan baduudha. Kanaafuu namni mallattoo isaa ofirratti agartan mana yaalaa deemaa yaala barbaachisu argadhaa
Fayyaa ta'aa
Dr Abdulfetah Ibrahim

Daa'imni tokko akkuma dhalateen yoo boo'uu dide rakkoo ni qaba?*******************Deebii: Eeyyeen rakkoo ni qaba.Sagalee...
27/04/2026

Daa'imni tokko akkuma dhalateen yoo boo'uu dide rakkoo ni qaba?
*******************
Deebii: Eeyyeen rakkoo ni qaba.

Sagaleen Daa'imni akkuma dhalateen dhageessisu maatii isaatiif akka raajii ykn mu'ujizaati. Jaalalaa fi gammachuu qalbii namaatti gad lakkisa.
Gurra keenyaaf akka nashiidaati. Kana malees haakimoonni sagalee jalqabaa san waa hundaa ol abdiin eegu. Yoo kan booyu ta'e tasgabbiitu mana dahumsaati bu'a. Kun ammoo akka daa'imichi ofii isaatiin harganaa jiru agarsiisa.

Boo'ichi jalqabaa daa'ima sana akkamitti fayyadaa?
---
Daa'imni yeroo garaa haadhaa jiru nyaataa, oksijiinii fi wantoota isa barbaachisan argachuuf gara haadhaa fi obbaatiitiin argata. Sombi isaa hin hojjatu. Erga dhalatee booda ammoo boo'ichi san marsaa dhiigaa miciree ( fetal circulation) gara fayyadamuu irra gara somba ofii fayyadamuutti akka cehuuf gahee guddaa taphata. Namarratti hirkachuu dhiisee mataa isaatiin jiraachuuf isaaf tarkaanfii jalqabaati.
Boo'ichi jalqabaa kun maashaaleen qaama keenyaa fi sirni hargansuu akka wal gargaaruun hojjatan godha. Kuniis afaanii fi ujummooleen qilleensaa akka banamu gochuun bishaan somba keessa jiru keessaa yaasuun akka daa'imichi qillensa harganu taasisa.
Sababni biraa Daa'imni gadaameessaa haadhaa oowwaa san bare , qilleensa hoospitaalaa qabbanaawaa sanatti hoggaa gad bahe waan ittin tolleef booyee bishaan somba isaa guute ofirraa harcaasee qilleensa qulqulluu hargana jechaadha.

Maal godhuu qabna?
Daa'imman akkasii kan nu mudatan yoo ta'e akkuma dhalataniin uffata gogaa fi hoo'aa ta'e itti uffisuun dugda isaanii suuta jennee riguun akka booyan gochuudha.
Erga akkana goone booda kan boonye yoo ta'e mana yaalaa kan nutti dhihoo jiru geessuudha.

Eba Pediatrics Specialty Center

DUBARTIIN BAQEEYSAAN DEESSE YOOM ULFAA'UU QABDI?-----Jaalalti ilmoo hamtuudha! Dubartiin takka erga daa'ima tokko ykn la...
27/04/2026

DUBARTIIN BAQEEYSAAN DEESSE YOOM ULFAA'UU QABDI?
-----
Jaalalti ilmoo hamtuudha! Dubartiin takka erga daa'ima tokko ykn lama dhaltee booda ammaas tokko itti dabali jettee lubbuun itti waaswaasti! Garuu wanti hundi yeroo qabdi!
Akkuma faayidaaniis jiru miidhaan jira!

-> Akka dooktoroonni baayyeen gorsanitti dubartiin takka erga baqeeysaan deesse baatii 18f ( waggaa 1 fi baatii 6) hanga baatii 24 f ( waggaa 2) ulfaa'uu hin qabdu!
Dubartiin takka baatii 18 duratti kan ulfooytu taanan ulfa ulfaa irratti ulfooyte( short inter pregnancy interval )jedhama!
Kun immoo haadha qofaaf odoo hin taane daa'ima irraan illee miidhaa geeysisuu danda'a!

Haati erga baqeeysaan deessee daadarkaa keessa baate irraa bayyanachuuf yeroo isii barbaachisa! Gadaameessaan baqeeyfame hanguma yeroo argachaa deemuu jabaachaa deema!

Miidhaalee dafanii ulfaa'uun qabdu?

- Yeroo cimimmuu Gadaameessaan baqaquu ykn dhohuu danda'a
- Daa'ima bakka hin gahin dahuu
- Obbaatiin gadaameessaa keessa seenuu/ placenta accreta. Kun da'umsa booda akka obbaatiin irraa hin baanee fi baayyee dhiigdu godhuudhaan gaaga'amaaf saaxiluu danda'a

Maal godhuu qabna?
-----
Dubartiin opporeeshiinaan deeyse mala ittisa ulfaa amansiisaa ta'e kan akka kiniina harka keeysatti kaayatamuu( implant i.e implanon ) yoo xiqqaate waggaa 2f godhachuudha . Malli kun ulfa hin barbaachifne dhoorkuu qofa odoo hin taane Daa'imni akka harma haadhaa sirritti hodhuu fi yeroo gaarii haadha isaa waliin dabarsu gooti!
-> Asirratti waan hawaasni keenya sababsatee akka mala ittisa ulfaa hin godhanne gufuu itti ta'uutu jira
- lakkii ani ifiifuu akka hin qabuu anaa akkana jiru hin godhadhu erga xiqqo wayyawe boodaan godhadha
- Waan san itti hin kennuu kanaafuu hin ulfaawu. Ni kijibdi hamma galtuuhu firditti afachutti jirti
- Rabbiin haarami je'ee . Amantiin yoo dirqamni itti si geeysee wanti san kan si fayyadu ta'e hin dhoorkitu. Kanaaf hayyoota Amantii gaafadha!

* waggaa 2f mala ittisa ulfaa godhadhu, sodaa takka malee qanani'i!!
Fayyaa hin dhabinaa!!
Dr.Abdulfetah Ibrahim

Address

Harar

Telephone

+251945579872

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr.Abdulfetah Ibrahim posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr.Abdulfetah Ibrahim:

Share

Category